Monthly Archives: January 2016
“Fincila Gabrummaa” Artist Daani’eel Badhaadhaa **2016 #OromoProtests Music**
Aside
Artist Daawwitee Mokonnoon “Amboo Gara Galgalaa”
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 30, 2016/Gaaffii fi Deebii Jaal Diiramuu Cabsaa Hoggansa Qeerroo Keessaa Tokko Waliin Ta’e
Aside
Hidhatee Magaalaa Finfinnee Keessa Deemuun Waraanni Wayyaanee Uummata Naqaa Qabee Gidirsuu Itti Fufe
Aside
Amajii 29,2016 irraa kaasee barattota Oromoo adamsuudhaan naannoo kiiloo 6,5 fi 4 keessa waraanni Wayyaanee olii fi gadi kaattee ijoollee qabuun ukkaamsaa jirti. Namoota isheen qabuuf duukkaa kaattu boodaan ijoolleen Qeerroo suuraa isaanii yoo kaasan kunoo argina. Baratootni oromo yuuniversitii kiiloo 5 keessaa baratan kaleessa waraqaa Qeerroo ABO maxxansan jedhamee shakkaman daandi irraa qabanii hidhaa ukkamsaa jiraatuu suuraadhaan kan deggeramen ragaa baha.
FXG oromiyaa keessa bakkeewwan hundaattuu kan itti fufe tahee naannoo biroo kanneen akka Gambeellattis fincilli uummata wayyaaneen walitti
buusee fayadamuuf kaatuun uummanni waliin mootummaa wayyaanee irratti ka’ee jiraatuu gabaasni naannoo Gamblee irraa dhufaa jira.
Akaksuma godina Gujii keessatti yero ammaa kana waraqaa hedduun waamica FXG bittimfamaa jira haala wal irraa hin cinneen. FXGs uummataan godina Guji keessatti torbee kana irraa kaasee aanaalee garagaraatti itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
SBO Amajjii 31,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Gaaffii fi deebii Jaal.Dachaas Roobaa kutaa xumuraa fi dhaggeeffatamuu kan qabu, Sagantaa hawaasa Oromoo Adileyid, Awustiraliyaa fi Qophiilee biroo
Aside
Waraabettiifi Wayyaaneen Dukkana Jaallatu!
Aside
Hariiroo Jorgootiin
Wayyaaneen gaafa barbaadde ABO’n hin jiru jetti. As gara galteemmoo mootummaakoof kan yaaddessaa ta’an; kan nashororkeessan keessaa inni hangafti ABO dha jettee akka namni sodaatee jala hin hiriirre gochuuf namni miseensa isaa ta’e shororkeessummaan himatama jettee seera tumti. Fincila Diddaa Gabrumaafi Xumura gabrummaa uummatni guutuun biyyattii itti garagalee ka’e kanallee ABO tu duuba jira jetti. Lolli wayyaanee haqa dhugaafi ifa wajjiniinidha. Wayyaaneen kan isheen jibbitu nama haqa falmatu. Nama dhugaa dubbatu! Nama kijiba saaxilee ifa godhu dha. Sababa kanaan Diinni wayyaanee inni guddaan media dha yoo jedhame soba miti. Wayyaaneen media nuukleer bombii caalaa sodaatti. Kun waan ta’eefiis akkuma waraabessaa dukkana adeemuu waan jaalattuufidha. Wayyanee biratti iftoominni hin jiru. Wanti hundumtuu icciitiidha. Saamichi ishiin gaggeessitu kun akka seera qabeessa hin taane isheenuu beekti. Mootummaan isheen qabdu kun akka seera qabeessa hin taanes tolchitee beekti. Wayyaaneen bakka amma taa’aa jirtu kana taa’uuf Seenaas heeras itti hin qabdu.
Kanaaf waan hundumaa dukkana haguuggateetti raawwachuu feeti. Kanaaf diinni ishee inni guddaan nama waan kana ishee saaxiludha. Haqni jiru ifa baanaan wayyaaneen akka lama hin bulle of beekti. Bajata guddaa isheen ramaddee qabdus kan hundaa caalu humna waraanaa isheefillee daran haqa kana haguuguuf kan ooludha. Gabaabaatti meeshaan waraanaa guddaan wayyaaneen sodattu media dha. Kunis median tirika ykn biiftuu eenyummaa wayyaanee saaxilu waan ta’eefidha. Waraabessaafi Wayyaaneen Dukkana Jaallatu
Godina Wallaggaa Magaalaa Gidaamii fi Jimmaa Horroo Akkasumas Gada Burii Jedhamu Keessatti FXG Itti Fufee Oole.
Aside
Guyyaa Har’aa Amajjii 29,2016 Godina Wallaggaa aanaa Gidaamii fi Jimmaa Horroo akkasumas ganda Burii jedhamu keessatti FXH haala jabaa ta’een gaggeeffamaa oole,Warraanni Wayyaanee haala kanatti rifates jiraattotaa fi barattoota qabee hidhuu fi gidirsuu itti haa fufu malee uummanni naannichaa jabinaan loltoota Wayyaanee of irraa dhorkaa oolanii jiru jedha Qeerroon.
Waraanni Wayyaanee Yuniversitii Finfinnee Naannoo Kiloo 6 Marsaa Oole.
Aside










Suuraan asirraa argitan kun galma 1ffaa mooraa yuuniversitii kiiloo 6 irratti argamu tahee namoota nagaa qabanii gadhiisuun akka waan FXG kana dura dhaabbachuun itti milkaa’uu abjoo’atuutti yaadanii olii gi gadi waraana isaa mootummaan Wayyaanee kaachisaa jiira.
Mooricha keessattis halkan edaa waraqaaleen dhaadannoo garagaraa
Qerroodhaan bittimfaman
-Wayyaanee kana booda haa gaggeessinu
-Gumaa barattoota keenya wal taanee haa baasnu
-Yeroon Bilisummaa gaheera
-ABOn nuuf galuuf sagaleen dhaga’ameera
-WBOn abdii keenya boodatti hin deebinu
-FXGtiin oromiyaan ni bilisoomti
-Oromiyaan kan oromooti
fi kanaa olitti dhaadannoolee waraqaalee adda addaatin faca’ee bule mootummaa wayyaanee abbaa irree daran yaaddessuun har’a hoomaa waraanaa naannoo mooraa barnootaa yuuniversitii kiiloo 6 qubachiise oolera.