Ololli Wayyaanee Diddaa Qeerroon fashale; Dabballootni wayyaanees bubburuqan!

Video

(Qeerroo, Adaamaa, 1 Bitootessa 2012)  Diddaan Qeerroo karaa hundaan kan ishii mudee mootumaan Wayyaanee fiilmii kijibaa faayila keessaa baaftee agarsiisuun maqaa ABO xureessuuf yaalii gootus, bakka iyyuutti ummati amanuu fi fudhachuu diduu isaa Qeerroon gabaase.

Akka gabaasaan Qeerroo bakka addaddaa irraa walitti qindaa’e hubachiisutti, fiilmiin ololaa mootummaan wayyaanee sodaa Qeerroof jettee qopheessite sabboontotaan fashalaa jira.

Fiilmii dharaa mootummaan wayyaanee ABO irratti qopheessitee TV bittaa umrii ishee ittiin dheereffachuuf  dhaabde irraan Guraandhal 29, 2012  galgala yeroo hoteelota keessatti darbaa turetti,  Qeerroon alaabaa ABO TV sanitti maruun murannoo fi ololli diinaa akka duuba isa hin deebisne  ifaan muldisuun mootummaa wayyaanee fi fayyadamtoota hoteela sanaa hubachiisee jira.

Keessaayyuu, Magaala Finfinnee Hoteela Yohaannis keessatti ololli diinaa yoommuu darbaa turetti Qeerroon mana kana keessatti ibsaa hoteela keessaa dhaamsuun jeequmsi guddaa kan uume yoo ta’u,  TV mana kanaatti Alaabaa ABO maruun ifaan muldhisee jira.

Dabballooti Mootummaa wayyaanee dhimmicha tasgabbeessuuf naannoo kanatti yaates mataa bubburuqanii akka deebi’an Qeerroon dabalee ibsee jira.

Diddaan Qeerroo kunis haaluma wal fakkaataan magaala Adaamaa fi Amboo keessatti warren TV kana dhaggeeffatan irra deemuun cufsisiisaa akka tures gabaasti Qeerroo ni hubachiisa.

Jagnooti Qeerroon kana malees, manneen barnootaa addaddaa kan akka mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Kuttaayee keessatti mallattoo Bilisummaa Oromoo kan ta’e, Alaabaan ABO akka balal’u gochuun sabboontota hedduu hamilchiisaanii jiru.

Qeerroon ibsa baase keessattis,  hanga bilisummaatti waanti isa dura  dhaabbatu irratti tarkaanfii akka fudhataa deemus beeksisee jira. Ololli diinaa kan fiilmii dharaan jalqabes kutannoo  Qeerroon akka fashalu kan ibsame yoo ta’u, akka guyyaan garbummaa gabaabbatuufis Qeerroon diddaa isaa bakkeewwan ololli kun dabarfaman maratti akka kka itti fufu jabeessee dhaammatee jira.

Qabsoon Oromoo qooda keenyaan mirkanaa’a!!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 01 Bitootessa 2012) Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon durfamu cinaa dhaabbachuun dirqama Oromummaa bahuun lammiilee hunda irraa akka eegamu Qeerroon ibse.
Haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti adeemaa jiru irratti Qeerroon akka ibsetti, gaaffii mirgaa keenya karaa nagaa argachuuf tattaaffiin haga ammaatti godhame hammeenya sirna Wayyaanee sirriitti adda baasee mul’isee jira.
Akka ibsa Qeerroo kanatti yeroo ammaa kana diddaa ummataa karaa hundaan kan itti fufe yoo ta’u sirni Wayyaanees diddaa fi fincila sadarkaa addaddaatti adeemaa jiru dhaamsuuf humna qabdu maraan hojjachaa jirti.
Haata’uutii, Qeerroon doorsisaa fi hiraarsaa Wayyaaneef otuu gurra hin kenniin mallattoo BILISUMMAA Oromoo kan ta’e, Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo ,  dhaabbiilee barnootaa gurguddoo kanneen akka Finfinnee, Amboo fi bakkeewwan birootti Oromiyaa irratti balaliisisaa jira.
Shirri diinni xaxxus sadarkaa addaddaatti  tooftaa Qeerroon tolfatee socho’aa jiruun akka fashale illee ibsi Qeerroo kun hubachiisee jira.
Qeerroon gidduu kana Oromiyaa keessatti Alaabaa Oromiyaa balaliisaa kan jiru yoo ta’u, jabina Qeerroo kanaan kanneen Qabsoo Bilisummaa Oromoo barbaadan kan gammadanii, kanneen diinaaf ulee ta’an immoo  dhiphuu keessa galanii akka jiran beekamee jira. Qeerroon yeroo ammaa biyya abbaa isaa irratti alaabaa mataa isaa muldhisaa jira.
Guyyaa Har’aa Yuunivarsiitii Finfinnee keessattii fi bakkeewwan waajjiroota gurguddootti alaabaan fannifame waraana mootummaa wayyaanee jeequun Finfinneen konkolaataa waraanaan guutamtee jirti.
“Yoomuu qabsoon keenya hanga bilisummaatti akka itti fuftus ni hubachiisna,” kan jedhan  deeggarottti Qeerroo, “yeroo hamtuu akkanaa keessatti taa’anii waleeguu fi walqocholuu irra karaa itti qabsoon Oromoo gara galiitti  dhiyaacha kan jiru ta’u, “kan arge haa amanu; kan dhaga’e immoo haa dabarsu!”  jechaa ilmaan Oromoo cufti dirqama Oromummaa akka ba’atan Qeerroon dhaamsa dabarsee jira!
Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

“Injifannoo Irratti Injifannoo ni Mirkaneessina” Jedhu Dargaggoonni Oromoo!!

Video

Injifannoo irraatti Injifannoo diina irratti goonfataa kan jiran Qeerroon Oromoo diddaa isaanii itti fufuuf jecha alaabaa Oromoo (ABO) magaalota Oromiyaa keessatti fannisuun itti fufee jira.

Diinni gaaffii mirga ummata Oromoo dhaamsuuf jecha dargaggoota Oromoo fi ummata Oromoo hidhuu ajjeessuu fi biyyaa arihuun furmaata jedheen gochaa kanaan yoo itti fufe iyyuu haalli Wayyaaneen ummata keenya irratti raawwatu garuu daran waan nu kakaasuuf jecha caasaa mootummaa Wayyaanee akka qiinqanii keessa gallee nyaannee jigsuun keenya mirkana  jedhu dargaggoonni Oromoo.

Video-n armaa gadii kun Gurraandhala 27,2012 alaabaan ABO magaalaa itti balali’aa oolte yommuu tahu,suuraalee magaalota biros ni dhiheessina.

 

Wayyaaneen diddaa Qeerroo dhaamsuuf sakatta’a eegalte

Aside

(qeerroo, Amboo, Gurraandhala 27,2012) Uummata Oromoo meeshaa maleeyyii gaaffii mirgaa yeroo gaafatu  irraa bir’uu kan qabu mootummaan Wayyaanee waan meeshaa itti dhoosaa jiruu fi meeshaa waraanaa baatee deemu itti fakkaatee bir’uudhaan sakatta’a gochaa akka jiru gabaasame.

Mamiin mootummaa kanaa uummata Oromoo irraa qabu daran jabaachaa deema.Sababni isaa inni guddaanis gaaffii mirgaa gaafatamee deebiin hidhuu fi hojii arihuu ykn ajjeessuun deebii itti fakkaata.

Yeroo ammaa kanatti kanuma irraa ka’uunis uummata karaa nagaa deemu magaala Amboo kallattii hundaan marsuun sakkatta’a gaggeessaa  jiru.

Uummatni biyya abbaa isaa keessatti olii gadi bilisaan deemuun dhorkamaa jira.Ifannaa fi doorsisaan namoota keessumaa dargaggoota Oromoo konkolaataa irraa buusanii rakkisuu irratti argamu.

Yoomuu sakatta’i,hidhaan,doorsisnii fi ajjeechaan qabsoo ilmaan Oromoo duubatti akka hin deebisne hubachuutu irra jiraata ture.

Mootummaan Wayyaanee TPLF human waraana bobbaasee uummata ittiin doorsisu kana beelaa fi hiyyummaa biyya sana keessatti jaaree jiru karaa itti salphisu gochuun karaa ture.

Gaaffiileen mirga ummataa deebisuu hanqachuu irraan sagalee ummata bal’aa guyyuu human waraanaa fi milishaan waan ukkamsee barootaan jiraatu itti fakkaachuu ni mala.

Ammo haalli amma deemaa jiru ummati Oromoo jiraachuuf jecha mootummaa Wayyaanee gutummaatti dhabamsiisee jireenya Oromummaa fi Oromiyaa mirkaneessutti kan isa geessu malee meeshaa soda kan duubatti deebi’u hin fakkaatu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa

Sochiin Warraaqsaa Jabaate; Wayyaanoti Qorannoodhaan Ummata Rakkisaa Jiru

Aside

(Qeerroo, Amboo, Gurraandhala 27,2012) Godina Shawaa lixaa aanaa Gindabarat ganda Bakkee Baldhaa jedhamu keessatti  qorannoon mata dureen isaa “Eenyu Shakkamaan?” jedhu uummatni Oromoo irratti  gaggeeffamaa akka jiru beekame.

Ummata “bulchaa jirra’ jettu irraa abdii kan dhaban ergamtooti Wayyaanee, yeroo ammaa kanatti diddaa ummataa itti hammaachaa jiru irraa sodaan waan itti buleef, guyyaa irraa guyyaatti qorannoo dhuma hin qabneen ummata dararaa akka jirtu beekamee jira.

Qeerroon akka gabaasetti, mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa naannoo kanaa nin qulqulleessa jechuun dhama’aa akka jirtu barameera.

Misooma mootummaan kun uummatatti fakkeessee bittaa umrii isaa dheereffachuuf jedhus uummatni  didee haala jiruu fi jireenya isaa akkasumas gaaffiilee mirga Oromummaa irratti diddaa muldhisaa jira.

Wayyaaneen milishootuma isaa kanneen amantamummaa irraa hin qabne qawwee irraa hiikuun isin degertoota ABO fi sochii yeroo ammaa deemaa jiru duubaan jirtu jechuun qorannoon rakkisaa jiraachuun beekama.

Haalli kun yeroo ammaa onoota lixa Shawaa keessatti bal’inaan gaggeefamaajira.

Aanaa Gindabarat keessatti gaafatamaa hojii mootummaa nama qabu Obbo Deebisaa Fifii Jaldee nama jedhamus qorannooma kanaan hedduu rakkisuun sochii qeerroo waliin hidhata qabda sababaa jedhuun qormaata jala galee rakkachaa jiraachuun beekama.

Uummatni Oromoo naannoo kanaas misooma inni duruu hojjenne faayidaa hin arganne,hamma mirgi ummata Oromoo waliigala kabajamutti karroorri mootummaan mishooma jedhu hin hojjetu jechuun diddaa isaanii bakka irraa bakkootatti ibsachaa jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Kaayyoo Oromoo milkeessuun dirqama Sabboontotaa ti

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 27 Guraandhala 2012) Amajjii 1, guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) akkasumas Ebla 15, guyyaa Gootota Oromoo jennee yoo yaadannu fi kabjinu, walitti dhufnee kan itti waliin haasofnu; dhiichisaa fi ragadaan kan waliin ittiin bashanannu; yoo guyyaaleen kun dabran waayee kana kan hirraanfannu ta’anii hafuu hin qaban.

Guyyaalee seena-qabeessi kun, kan qabsaa’ota wareegaman ittiin yaadannu qofaas otuu hin taane, kaayyoo goototni keenya wareegamaniif galii hawwamutti geessuuf, guyyaalee Sabboontonni Oromoo waadaa kana haaromsanii; gumaa gootota keenyaa baasuuf qabsoo kanaaf of qoheessan; wareegama barbaachisu kaffaluuf murteeffatan; jechoota qofaan otuu hin taane kana hojii dhaan agarsiisuuf qophii ta’an, ta’uu qabu.

Guutuu barruu kanaa dubbisuuf : http://qeerroo.com/ilaalchaviews/kaayyoo-qabsaaotni-wareegamaniif-galiin-gahuun-dirqama-sabboontota-oromoo-hundaa-ti/

 

April 15: Oromo Martrys’ Day – The National Memorial Day

Aside

http://www.Gadaa.com

From the Editor’s Notebook: Should we let Oromo Martyrs die for the second time? This year, the very values, for which countless heroines and heroes have scarified their precious lives in East Oromia, in West Oromia, in South Oromia and in North Oromia, have come under attack; these values are bilisummaawalabummaaOromummaa and Oromiyaa. Our Martyrs might have died physically, but have always been alive in spirit. In 2012, a Ginbot-7 and its Oromo sub-group, known as Group-7, orchestrated assault is getting ready to kill our Martyrs for the second time by destroying the values they have fought for till their last breath. This year’s Oromo Martyrs’ Day is especial – it’s the moment we prevent our Martyrs from dying for the second time. more. http://www.gadaa.com

Qophii gaarii akkasiif qabsaawoti http://www.Gadaa.com galati keessan bilisummaa haatahu.

Hojjetaan University Jimmaa Inspector Kaalib Abbaa Tamaam Kan jedhamu,barattoota Oromoo irratti ragaa sobaa bahe.

Aside

Gurraandhala 26,2012 Jimma

Barattoota Oromoo yuunivarsiitii Jimmaadhaa mana hidhaatti ukkaamsan mootummaan Wayyaanee mana hidhaatti hambisuuf dabballoota isaa fi uummata nagaa dirqamsiisee ragaa sobaa irratti baase.Barataa Moo’eeraa
Lammaa fi Barataa Wubisheet Zalaalam irratti jaleen Wayyaanee mooraa University Jimmaa Inspector Kaalib Abbaa Tamaam kana jedhamu hojjettoota fi barattoota mooraa University Jimmaa saddeet dabalatee raga sobaa sabboontotaa fi barattoota Oromoo irratti bahee jira.Kan nama ajaa’ibu namootni barattoota kanneen irratti ragaa bahan kanuma ijaan barattoota kanneen ijaan arganii hin beeknee fi gariin dirqamaan tahuu qeerroon ifa godhee jira.Hojii diinaa waan taheef baay’ee kan nama gaddisiisu tahus bittaa umrii dheereffachuuf shira abbaa irreen xaxaa oolu irratti dammaquun tokkummaan qabsoo jalqabame akka galmaan geenyu dargaggoonni Oromoo University jimmaa dhammatu.

Godina Wallaggaa bahaa onoota Limmuu fi Eebantuu keessatti diddaan Qeerroo itti fufe.

Aside

Gurraandhala 26,2012 Naqamte

Yeroo ammaa kana dargaggoota oromoo hedduu rakkisuu irratti kan argamu hojii dhabdummaan rakkachuu miti.Yaaddoo guddaan akka bineensaa adamsamuu dha.Godina Wallaggaa bahaa onoota Limmuu fi Eebantuu keessatti gochaan  mootummaa Wayyaanee dargaggoota irratti raawwachaa jirus kanuma raga baha.Mootummaan kun abbaa irree tahuu fi ilmaan Oromoo gadadummaa keessatti hambisaa jiraachuu fi itti turuun isaa eenyuu raga baha.Kanumaaf uummatni Oromoo naannoo kanaas mootummaan kun abbaa irree dha,Mootummaan Wayyaanee nurraa jijjiiramuu qaba,ABO dhaaba siyaasaa ilmaan Oromooti,Qeerroon Oromiyaa bilisoomsiti..kanneen jedhan bakkeewwan hedduutti maxxansuun jibbinsa mootummaa kanaaf agarsiisu yoommuu mul’isu dargaggoota ija hamtuun duras ilaaluun hojii dhabdummaan rakkisaa turte raawwii kana uummata keessatti isintu hojjeta jechuun adamsaa jirti.Dargaggootni Oromoo naannoo kanaas mana warra isaanii gadhiisanii beelaa fi qorraan dararamaa jiraachuu Qeerroon ona Limmuu gabaasa.