Warraaqsi Bilisummaa Qeerroon Bilisummaan Qabsiifame Bifa Adda Ta’een Itti Fufe!

Aside

Breaking News Ebla 30,2015 Warraaqsii Bilisummaa  Gootota  Qeerroo  barattoota Oromoon bifa adda ta’een qabsiifame.  Godina Lixa Shaggar magaalaa Amboo fi aanotaa odinichaa garaa garaa keessatti FDG fi yaadannoo gootota Oromoo bara darbee Ebla 2014 Magaalaa Amboo fi Naannoo Ambootti ajjeechaa jumlaa Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n fudhatee waggaan 1ffaan isaa guyyaa har’aa dhiha Oromiyaa Amboo fi naannoo isheetti kabajame.

diddaa9Goototni Qeerroowwaan barattootni Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa, qopha’inaa fi sadarkaa 1ffaa Magaalaa Amboo bifa adda ta’een guyyaa har’aa FDG kaachisuun guyyaa yaadannoo gootota Oromoo duguuginsa sanyii bara darbee mootummaan Wayyaanee Amboo irratti fudhatee waggaa 1ffaa isaa wayita kabajatanitti FDG bifa haaraan kaachiisuun kan eegalan ta’uu hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo godina lixa shaggar gabaasera. Guyyaa har’aa kana goototni qeerroon  barattoonni Oromoo magaalaa Amboo manneen barnootaa armaan gadii keessatti argaman FDG bifa adda ta’een utuu waraana guddaan Amboo marfamtee egaamaa jirtuu qabsiisuun yadannoo waggaa 1ffaa FDG  Ebla 2014 warraaqsaan yaadatan.

1.      Mana barumsaa Amboo sadarkaa 1ffaa fi qopha’inaa

2.      Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa Liiban Maccaa Amboo

3.      Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa Amboo

4.      Mana barumsaa Carii Amboo sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaa fi kolleejjota Ogummaa fi teechinikaa Amboo keessatti bifa agdda ta’een FDG itti fufee olee jira.

Goototni dargaggootni barattootni Oromoo manneen barnoota kana keessatti argaman guyyaa har’aa ganama sa’aa 2:00 irratti mooraa mana barumsaa keessatti walitti qabamanii hiriiruun dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiifachuun,uffata gaddaa uffata gurraacha uffachuun,  alaabaa EPRDF fi OPDO gadii buusuun, Yaadannoo sammuu daqiiqaa muraasaa  gootota barattoota Oromoo bara darbee FDG Ebla 2014 irratti wareegamaniif gochuun barnoota dhaabuun hiriiraan akka gara magaalaatti qajeelanitti humna waraanaa wayyaanee guddaan wal dara dhaabbachaa erga turani boodarraa barnoota guutummaatti kan dhaabaan ta’uun ibsame. Kana malees goototni barattootni Amboo fi uummatni guyyaa har’a utuu waraana guddaan eegamaa jiranii uffaata gaddaa uffaachuun, alaabaa mootummaa wayyaanee gadi buusuun gadda guddaa bara darbee gochaa uummata nagaa karaa nagaa mirga isaa gaafachaa jiru irratti Mootummaan wayyaanee waraana Agaazii jedhamu bobbaasuun gocha duguggaa sanyii rawwaatameef gadda guddaa ibsachuun, Ajjechaan hidhaan, doorsifnii fi waraannii gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruu duubatti deebisuu hin danda’u jechuun , Warraaqsaa FDG karaa nagaa eegalamee jabeessuun ilmaan Oromoo qaaliin kan irratti wareegaman hanga galii bilisummaa keenyaa gonfannuu fi dacheen Oromiyaa fi qilleensii Oromiyaa ukkanfamee jiru hanga walaboomuutti FDG itti fufa, jechuun guyyaa har’aa bifa adda ta’een warraaqsaa FDG itti fuufsiisa kan oole ta’uun ibsame jira. Mana barumsaa Carii Amboo sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaa keessatti goototni barattootni Oromoo daadannoo dhageesisuun mootummaa wayyaanee balaaleffachuun barsiisotnii fi hogganaan mana barumsichaa illee guyyaa har’aa akka qooda fudhatanii fi hojii dhaabaan qeerroon dirqisiisuun akka hojii daabee warraaqsa kana keessatti qooda fudhatu taasifame jira. Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Amboo dhaamsa armaan gadii ilmaan Oromoo hundaa fi uummataaf dabarsan.

Ø  Uummatni oromoo bara baraan hidhamaa, ajjeefamaa fi barnoota fi jiruu fi jireenya irraa arii’amaa jiraachuun dhaabbachuu qaba.

Ø  Yakka ajjeechaa bara darbee fi yeroo garaagaraatti Mootummaan wayyaanee yakka tokko malee Oromummaan yakkee ilmaan Oromoo fixaa jiruuf itti gaafatamuu qaba.

Ø  Ilmii Oromoo mootummaa wayyaanee uummata Oromoo lafarraa garaa lafina tokko malee fixaa jiru waliin hojjechuu fi jiraachuun hirmiidha, kanneen wayyaanee waliin jirtan atattamaan wayyaanee hirmii uummata Oromoo irraa akka dhaabbattan waamicha goona.

Ø  ABO gachaana uummata Oromooti, nuti ABO ni jaallanna ni deeggarra, ABO’n dimookiratwaa fi jarmiyaa mirgoota dimookiraasii fi namummaa kabachiisuu fi uummata Oromoo bilisoomsuuf qabsoo gitaa gaggeessa jiru ta’uu hubannee waliin hiriirree mirga keenya falmachuuf wanti duubatti nu deebisuu akka hin jirree ni hubachiifna.

Ø  Hidhamtootni siyaasaa gaaffii tokko malee hiikamuu qabu.

Ø  Filannoon dura gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba.

Ø  Hanga gaaffiin keenya deebii argatutti FDG jabaatee kan itti fufu ta’uu hubachuun uummatni keenya bakka jirtan hundaa gara warraaqsaa FDGtti akka makamtan waamicha keenya dabarsina jechuun FDG’n guyyaa har’a jabaatee itti fufe jira.

Haalumaa walfakkaatuun Mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessatti guyyaan yaadannoo gootota wareegamtoota Oromoo bara darbee baatii Ebla 2014 keessa warregamaniif goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo nyaata lagachuun, uffata gaddaa uffachuun gaddaa guddaa isaniitti dhagaa’amaa jiru utuu waraannii wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa qubsiifamee jiruu yaadachaa olaniru.

 Godinuma Lixa Shaggar amboo fi aanota Amboo jalatti argamaan kanneen akka aanaa Midaa Qanyiitti mana barumsaa Baallaammii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa,  keessatti diddaan itti fufuun wal qabatee barattootni Oromoo hidhatti guuramaa jiru,Aanaa Calliyaa Geedoo, Baabbichaa, Tokkee kuttaayyee, Gudar, fi Xiquur incinnii keessattis haaluma walfakkatuun mana barumsaa cufuun uuffataa gaddaa uffachuun yaadannoon gootota barattoota Oromoo bara darbee Ebla 2014 wareegamaniif yaadannoon addaa warraaqsaa itti fufsiisuun kan egalamee ta’uu hoggansii qeerroo bilisummaa godinichaa Magaalaa Amboo irraa gabaasaa jira. yeroo Ammaa kana guutummaan Magaalaa Amboo fi mooraan yuunibarsiitii Amboo dirree waraanaa fakkata, humni waraana wayyaanee guddaan gara Ambootti guurama jira.

 Sochii guyyaa har’aa wanti adda taasiisu uummatni Oromoo hundii magaalaa Amboo keessa jiruu daldaltootni, hojjettootni,barsiisotni, jiraattootni magaalaa Amboo fi dafqaan bultootni hojii idilee isaanii dhaabuun yaadanoo addaa gootota wareegamtoota qeerroo barattoota Oromoo fi uummata Oromoo bara darbee warreegama qaalii kanfalaniif  gaddaa guddaa itti dhagaa’amee jiruu ibsachaa jiraachuu isaani fi warraaqsa FDG itti fufsiisuu isaniti.

 Mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO ofiin jedhan humna waraanaa guddaa gara magaalaa Ambootti guuraa kan jiruu fi durumaan iyyuu Amboon waraana guddaan eegaa jiraachuu fi waraana liyyuu hayilii jedhamuu immoo mooraa yuunibarsiitii amboo keessa qubsiisuun uummata goolaa jira. Goototni barattootni fi hojjettootni ilmaan Oromoo hedduun magaalaa Amboo fi aanota garaagaraa keessatti  hidhaatti guuramaa jiru, Manneen barnoota Gidina lixa shaggar keessa jiran bakkoota hedduutti cufamanii jiru. gabaasaan kun itti fufa…

Breaking News:- Oromiyaa Bakkoota Garaa Garaa Keessatti Barattooti Manneen Barnootaa Dhaabuun Oromoota FDG 2014 Irratti Wareegamanii fi Lammiilee Liibiyaatti Dhumaniif Uccuu Gaddaa Uffachuun Yaadachaa Jiru.

Aside

Ebla 30, 2015 Finfinnee

Gadaa11Har’a dhaabbileen barnootaa barumsa dhaabuudhaan hucuu gaddaa uffatanii barattoota waggaa darbe wareegaman yaadachuu fi akkasuma addatti uummata Oromootiin yaadannoon gaddaa dhiyoo biyya Liibiyatti namoota ajjeefaman kan lammiin Oromoo keessa jiru irratti ta’e gaddaa jirama.

Ebla 30,2015 har’a Yuuniversitiileen kanneen akka Adaamaa, Amboo, Wallaggaa, Mattuu, Dirre Dawaa, Bulee Horaa, Madda Walaabuu, Hawaasa fi Jimmaa barumsa dhaabuun hucuu gaddaa uffatuudhaan daandii bahanii yaadannoo taasifamaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa. Manneen barnootaa sadarka garagaraa lixa Shaggar keessatti argaman Amboo, Calliyaa,Baabbichoo, Miidaqany, Xiqur Incinnii sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga oliitti barumsi dhaabbatee daandiitti bahuudhaan barattootani yaadannoon gadda mootummaa Wayyaanee balaaleffatuun agarsiisaa jiru. Alaabaan manneen barnootaa keessa jirus kan Oromiyaas gadi butuudhaan, Akka walii galaatti dhabbileen barnootaa barumsa dhaabuu fi itti fufuudhanis Warraaqsi Bilisummaa itti fufaa jira.

Gabaasi dabalataa itti fufa

Guyyaa Har’aa Yuuniverstii Wallaggaa Keessatti Barruun Warraaqsaa Maxxane Sabaa Jedhuun Kaabinooti Wayyaanee Barattoota Gidirsaa Jiru,Madda Walaabuu Ammoo Barattoota Oromoo Hidhaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Ebla 30,2015

diddaa9Barruuleen warraaqsaa Yuunivarsiitii Wallaggaa,magaalaa Naqamtee kutaa boordii,Bakkejamaa fi Kolleejjii barsiisotaa Naqamtee keessa itti maxxansamuudhaan kan rifate Wayyaaneen  guyyaa har’aa Ebla 30,2015 kolleejji barsiisotaa Naqamtee keessatti barsiisotaa fi barattoota guyyaa fi galgala baratan hunda walgahii ariifachiisaa waamee jira. Haalli kun sa’aa ammaa magaalaa Naqamtee keessatti kan raawatamaa jiru yeroo ta’u gabaasa guutuu Qeerroon dabalee dhiheessa.

Gama biraan Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Yunversity Maddaa Walaabuu hidhaa fi hordofii cimaan dararaa jirti. Guyyaa har’a barattoota Oromoo lama polisii Wayyaaneen qabamanii jiru, isaan keessaa tokko barataa Falmataa Kumsaa kan jedhamuu fi bakkii dhaloota isaa Godina kibba lixa Shaggar aanaa Ammayyaa kan ta’ee akka keessatti argamu baramee jira.

Ogeessa Fayyaa fi Barataa Yuuniverstii Amboo Kan Ta’e Sabboonaa Magarsaa Mashashaa Ayyaanaa Humnoota Tika Wayyaaneen Ukkaamfame.

Aside

Ebla 29,2015 Amboo

Because I am OromoSabboontichi ilmi Oromoo Magarsaa Mashashaa Ayyaanaan, magaala Amboo keessaatti hojii fayyaa (nursing) kan hojjetu yeroo ta’u gaafa Ebla 22,2015 dhimma hojii dhuunfaaf naannoo Boolee deemee osoo jiruu ganama sa’aa 7:00WD irratti qaamni tika Wayyaanee magaalaa Amboo irraa eegalanii jala bu’uun Finfinnee erga gahanii ukkaamsuu isaanii Qeerroon magaala Amboo irraa gabaasee jira.

Qaamni tika Wayyaanee hordofiin isa faana bu’aa tures maqaan isaa Mekonnin Gamma nama jedhmamu  yeroo ta’u namni kun waggoota mursaaf darban irraa kaasee barattoota Yuuniversitii Amboo fi Wallagga irratti ramadamee dargaggoota Oromoo hedduu kan qabsiisaa ture ta’uun beekamaa dha. Kana malees namni Mekonnin jedhamu basaasi Wayyaanee kun uummata Amboo biratti maqaa Bulguu  jedhamuun akka beekamu uumataafis ta’e barattootaaf ifaadha.

Haaluma kanaan sabboontichi Oromoo Magarsaa Mashashaa Ayyaanaa hanga ammaatti bakka buuteen isaa dhabamee jiraachuun hoggansi Qeerroo Amboo irraa addeessa.

Dhiha Oromiyaa Aanaa Horroo Limmuu Keessatti Warraaqsa Bilisummaa Ka’een Mootummaan Wayyaanee Ummata Hidhuu Mala Ukkaamsaa Godhate.

Aside

diddaa9Gabaasi Qeerroo akka addeessuttu, Ebla 25,2015 irraa eegalee Wallagga aanaa Haroo Limmuu keessatti uumataa fi bulchitoota aanaa jidduutti rakkoo uumameen kan ka’e,uummanni Oromoo naannichaa walgahii Wayyaanotaa guutummaatti lagachuun diddaa waan itti kaasaniif jecha kaabinoonni humna poolisaa qabachuun uumata naannichaa fi dargaggoota hedduu mana hidhaatti geessuu beekame.

Haaluma kanaan daraggoo Lalisaa Asaffaa jedhamu ammaan dura diddaa naannoo sanatti dhalateen wal qabatee uummata nurratti kurfeessita sababaa jedhuun waggoota muraasa hidhamee kan bahe yeroo ta’u,ammos Kaabinooti Wayyaanee sababuma fakkaataa itti funaanuun mana hidhaatti dabanii jiru.

Kanuma waliin kanneen hidhaman keessaa Obbo,Gammachuu Tamsgeen qonnaan bulaa fi daldalaa Margaa Lammii kanneen jedhaman uummata baadiyaa fi gadoota keessaa mootummaa irratti kakaaftan sababaa jedhuun wattadara Wayyaaneen qabamanii hidhamuu Qeerroon gabaasa.

Ijoo Dubbii ABO: Yaadannoo Guyyaa Wareegamtoota Ilmaan Oromoo Amboo

Aside

AmbooBiyya itti dhalatan, handhuurri isaanii itti awwaalame keessatti kabajaa lammummaa dhorkatamanii, eenyummaa isaaniin qofa diina taasifamanii gaaffii mirgaa kaasuu isaanii irraa qofaan ilmaan Oromoo gara jabinaan magaalaa Amboo keessatti ajjeefaman hur’allee gadda guddaan yaadanna. Kana waliin kanneen ilmaan Oromoo fayyaaleyyii fixanii fi ficcisiisan ammayyuu murtii seeraaf kan hin dhihaanne tahuun gadda keenya dacha taasisa. Gumaan lammiilee Oromoo mirga saba isaaniif osoo falmanii dabran kanneenis, akeeka kufaniif sana bakkaan gahuuf qabsoo finiinsuun bilisummaa ummata Oromomoo dhugoomsuun tahuu mirkaneessaa ti.

Ilmaan Oromoo gootummaan harka qullaa diina ummata isaanii dura dhaabbatuun dugda osoo hin taane qoma rukutamanii lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne qabsoo haqaa irratti dabarsan kanneen, baatiin itti wareegaman baatii Eblaa ti. Baatiin kunis, baatii wareegamtoota gootota Oromoo walabummaa Oromiyaa tiksuu irratti kufanii fi cabiinsa Oromoon boodas kanneen bilisummaa ummata isaaniif wareegama isa maayyii baasan itti yaadataman waan taheef, tarree isaanii seensisa. Seenaan lubbuu isaanii osoo hin mararfatiin kabajaa ummata isaaniif jecha wareeganis dhiigaan waan barraa’eef galmee seenaa Oromoo keessatti galmaa’ee bara baraaf yaadatamaa jiraata.

Gooti ummata isaa irra lubbuu isaa hin mararfatu. Gooti haqaaf falmaa dabruu filata malee akka geejjibaatti fe’amee cunqursitootaa fi saamtota jalatti jilbeenfatee buluu filmaata hin godhatu. Kana irraa ti ilmaan Oromoo hin gabroomnu! gabrummaa jalattis hin bullu! jechuun walabummaa fi bilisummaa isaaniif jecha wareegama ulfaataa baasaa kan turanii fi jiran.

Wayta ammaa kana ummatni Oromoo mootummaa shorarkeessaa kanaan miidhaan irra gahu dabalaa deemuun bal’inaan mul’ata. Ummatni Oromoo qe’ee isaa keessa nagaan jiraachuu hin dandeenye. Nagaan baratanii manatti deebi’uun yeroo kamuu caalaa ulfaataa tahee jira. Hireen ilmaan Oromoo baratanii dalagaa argatanii hojiitti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisuuf qaban hinaaffaa, jibbiinsaa fi sodaa irraa diinaan dhiphifamee hojii dhablummaan jooran. Kanneen maatii fi fira irratti ba’aa hin taanu jechuun abdii nuuf dabra jedhuun biyya ambaatti baqataa jiran lakkoobsi guddaa dha. Baqa karaa adda addaa adeemaa jiru kanaanis balaa suukanneessaa lammiilee mudataa jiru guyyuu gaddaan dhaga’uun baay’atuu irratti argama.

Mootummaan Wayyaanee mootummaa kufaatii fi badii raawwatu irraa kan hin baranne, mirga ummatootaa beekuu fi kabajuu hin barbaadne tahuu irraa, sochiin ummatootaa bakkayyuutti itti jabeeffamaa jiraatuu haalli ummatootaa fi tarkaanfii mootummaan kun sodaa fi muddamsuu irraa fudhataa jiru ni hubachiisa. Addatti ammoo tarkaanfiin ummata Oromoo irratti fudhataa jiru, kan diinummaa isaa dhugoomsuu dha. Kabajamuu mirga ummata Oromoo kan hin barbaadne tahuu mirkaneessa. Waan taheef, ABOn guyyaa ilmaan Oromoo Ambootti faashistootaan ajjeefaman kana wayta yaadataa jirutti dhaamsa itti aanu ummataaf dabarsuu fedha.

Hawaasni keenya biyya keessaa fi alaa gootota ilmaan Oromoo Ebla 30, 2014 waraana diinaan guyyaa saafaa magaalaa Amboo fi naannootti rashanaman kabajaan oggaa yaadatnu akeeka kufaniif beeknee bakkaan gahuu irratti cichuun fiixa baasuu irratti qabsaawwuuf murteeffatuun,

Mootummaan gochaa diinummaa gartuuleen fiinxaaleyyii ummata irratti raawwataniin adda hin taane raawwatu kun, hanga hin qolatamnetti rakkooleen hundi itti fufuu qofa osoo hin taane, caalaatti hammaataa fi dabalaa kan deeman tahuu qalbifatuun, tooftaa jabaa fi bilchaataan dura dhaabbatuuf qophaa’uun akka tahu,

Har’as rakkoon ummata keenya addatti ammoo dargaggoo Oromoo mudataa jiru hammaachaa dhufuu hubatnee bifaa fi karaa hundaan cinaa dhaabbatuuf murteeffatuun akka tahu ABOn dhaama.

Diinni ummata Oromoo ummata keenya qabsoo irraa jiilchuuf tarkaanfiilee suukanneessaa adda addaa fudhatullee ummatni keenya bilisummaa isaaf qabasaa’uu irraa kan booda hin jenne tahuu dalagaan mirkaneessaa jira. Ajjeechaan jumulaa, hidhaa, dhaaninsii fi doorsisi diinaan irra gahullee, bilisummaa! Walabummaa jechuun qabsoo irratti argama. Kanaaf, haala abdachiisaa fi onnachiisaa ummataa, addatti ammo Dargaggoo Oromoo keessatti mul’ataa jiru firii itti gochuuf harka wal qabannee haa sossoonu. Rakkoon waloo waloon keessaa bahamaan dhaamsa ABO ti.