Fincila Xumura Gabrummaa Hanga Hiree Murteeffannaatti
(Caamsaa 16/2022 Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Ajjeechaa Jumlaa ummata Oromoorratti Raawwatamaa Jiru Kan Dhaabsisu Qabsoo Qofa
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Caamsaa 10, 2022
Murni aangoo irra jiru kan maqaa ‘Biltsiginnaatiin Paartii’ of yaamu waraana Oromiyaatti bobbaasee guyyuu gocha suukanneessaa ilmaan Oromoorratti raawwataa oola. Oromiyaa keessatti guyyaan Oromoon waraana PP tiin hin ajjeefamiin oole waggoota afran dabran keessatti guyyaan tokkollee hin turre. Manaa fi qabeenya ummataa gubuunis aadaa waraana maafiyaa biltsiginnaa taheera. Guyyaa irraa gara guyyaatti gochi garajabeenya PP kun dabalaa deemuun, baatii Ramadaan yeroo ummanni Soomanatti jiru humni faannoo fi Poolisoonni Amaaraa, Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin tahuun ummata Oromoo Wallootti duuluun namoota nagayaa 30 ol ajjeesaniiru. Ummanni Walloo baatilee jahan (6)!dabran keessa namoonni 300 ol ajjeefamuun manneen isaanii kan kumaan lakkaawamu gubateera. Weellisaa Sa’aad Awwal dabalatee namoonni kuma hedduu tahan mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiru.
Ebla 21 irraa eegalee guyyoota afuriif haleellaa humna qilleensaa murni abbaa irree bilxiginnaa Shaggar Lixaa aanaa Abunaa Gindabarat ganda Doggomaa fi gandoota ollaa keessatti raawwateen ummanni meesha maleeyyii 30 ol ajjeefamuu, manneen dhibbaa ol qabeenya keessa jiran waliin gubateera. Ummanni gandichaas guutummaatti qe’ee fi qabeenya isaa dhiisee gara gandootaa fi magaalota dhiyootti, gariin lagatti baqateera.
Ebla 28, 2022 Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Caancoo Birrattee fi Tuulii Dasee keessatti waraanni Abiy Ahmadiin hoogganamu namoota nagayaa 46 ajjeesuun manneen ummataa fi qabeenya isaanii hedduu gubeera. Waraanni shiftaa PP kun Caamsaa 6, 2022 godinuma kana aanaa Gindabarat magaalaa Kaachis ganda 02 keessatti abbaa daa’imman lamaa kan tahe barsiisaa Kiisii Baayisaa fi haadha warraa isaa ulfa baatii 7 kan taate Barsiiftu Gannat Birrii bakka tokkotti ajjeesuun daa’imman isaanii lameen abbaa fi haadha malee hambiseera.
Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessattis Ebla 27, 2022 dargaggeessa ga’eessa Bulgaa Boruu bakka inni loon tiksutti ajjeesuun reeffi isaa akka hin kaafamne dhorkuudhaan halkan sadiif akka laga keessa turu gochuun gocha suukanneessaa ummata keenyarratti raawwateera. Ajjeechaa abbootii gadaa Karrayyuutiin booda namoonni nagayaa kurnan hedduutiin lakkaawaman sababa Oromummaa isaaniif qofa aanaa Fantaallee fi Boosat keessatti waraana Abiy Ahmad bobbaaseen ajjeefamaniiru.
Waraanni maafiyaa PP kun godina Kaaba Shaggar (Salaalee) aanaa Warra Jaarsoo keessaa ganda Jamjam Maalee fi Awwaaree Goljee keessaa namoota 18 qabanii kanneen:
1. Kaasaa Taammiruu
2. Mallasaa Simee
3. Tasfuu Tulluu
4. Tashoomaa Abbii
5. Dammuu Kaasaa
6. Kaasaa Dobocee
7. Abbush Lammaa
8. Maammushee Habtaamuu
9. Mindaa
10. Bojaa Asaffaa
11. Tolii Habtaamuu
12. Damuu Taayyee
13. Ashuu Bojaa
14. Fiqaaduu Dachaasaa
15. Shallamaa Katamaa
16. Taarikuu Katamaa
17. Addisuu Simee fi
18. Boggaalaa Continue reading