Monthly Archives: October 2018
Lubbuu Namaa fi Qabeenya Gar-malee Baduuf Itti Gaafatamni Jiraachuu Qaba!
Aside
(Ibsa ABO – Onkoloolessa 30, 2018)
Addi Bilisummaa Oromoo fi Mootummaan Itoophiyaa waltahiinsa keenyaa fi jijjiirama qabsoo ummataatiin argame haala amansiisaa taheen lafa qabsiisaa deemuu irratti kan hojjettu Koree Waloo wal gidduutti dhaabbannee qabna. Koree kana keessaanis haala dhaabbataa taheen yeroo yerootti wal qunnamnee mari’achuudhaan waliin hojjechaa jirra.
Deemsa kana bifa wareegama lubbuu hin gaafanneen, dinagdee/qabeenya biyyaa fi ummataa irra miidhaa hin geesisneen, akkasumas, haala sardama hin qabneen yeroo gahaan kennameefii ilaa fi ilaameedhaan mari’atamee fi waliin hojjetamee fiixaan baasuun akka danda’amu amantii fi ejjennoo ABO ti.
Haa tahu malee, shirootni daangaa hin qabnee fi ololli diigaan dhaabbattummaadhaan namootnii fi qaamotni Mootummaa garii fi Paartiin EPRDF geggeessan deemsa nagaa biyyaa fi ummataa kan miidhan tahuun waan ifatti mul’achaa turee fi jiruu dha. Waan taheefis, Addi Bilisummaa Oromoo shiraa fi ololli akkasii kunniin qaamota dhimmi ilaaluun akka dhaabsifamanii fi tohataman yeroo yeroon hubachiisaa yoona geenye. Kana gochuun keenya deemsa karaa nagaa fi araaraa irratti wal taanee waliin itti seenne milkeessuudhaaf akka gargaaruufi. Kunis nageenya biyyaa fi ummataaf yaaduu irraahi.
Kun akka kanaan osoo jiruu haala sababaa isaa hubachuun rakkisaa fi ulfaataa taheen Mootummaan Itoophiyaa humna waraana isaa guddaa meeshaa waliin ummata keessa bobbaasuudhaan lubbuu ummata nagaa balleessuu fi qabeenya isaanii saamuun har’as akkuma itti fufetti jira. Guyyoota lamaan dabran irraa kaasee Godina Qellem Wallaggaa fi Gujii keessatti wanti tahaa jiru kanaaf ragaa dha. Haalli kun ammoo nagaa fi tasgabbiin akka dhabamu, lubbuun namaa gar-maleetti akka badu, akkasumas, qabeenyi biyyaa fi ummataa akka miidhamu, dabreetis, ummatni yaaddoo, shakkii fi sodaa keessa akka jiraatu taasisaa jira.
Haala amma jiru keessatti lolaa fi tarkaanfii humnaatiin rakkoon furamuu fi bu’aan achi keessaa ummataa fi biyyaaf argamus akka hin jirre ABOn jabeessee amana. Haalli gaddisiisaan jijjiirama qabsoo fi wareegama ilmaan ummataatiin argame kanatti gufuu tahuu danda’uu fi abdii ummataa dukkaneessu kun hatattamaan akka dhaabbatus gaafata. Balaa haalli amma deemaa jiru kun hordofsiisuun lubbuu namaa, akkasumas qabeenya biyyaa fi ummataa irra miidhaa gahuuf itti gaafatamni (‘Accountability’) jiraachuu akka qabus ABOn jabeessee hubachiisa.
Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo !
Onkoloolessa 30, 2018
ያለ አግባብ ለሚጠፋው የሰዉ ሕይወትና ንብረት ተጠያቂነት ልኖር ይገባል
Aside
(የኦነግ መግለጫ – ጥቅምት 30, 2018)
የኦሮሞ ነጻነት ግንባርና የኢትዮጵያ መንግስት ስምምነታችንንና በሕዝቡ ዉድ መስዋዕትነት የተግኘዉ የለዉጥ ሂደት በኣስተማማኝ መልኩ ስር በመስደድ ስኬታማ እንድሆን በማድረጉ ሂደት ላይ የሚሰራ ኣንድ የጋራ ኮሚቴ መስርተን እየተንቀሳቀስን እንገኛለን። በዚህ የጋራ ኮሚቴ አመካይነትም በቋሚነትና በቀጣይነት ተገናኝተን እየተመካከርን በመስራት ላይም እንገኛለን።
ይህንን ሂደት የሰዉ ሕይወት መስዋዕትነትን በማይጥይቅ መልኩ፣ በሀገርና በሕዝብ ንብረት ላይም ጉዳትን በማያስከትል ሁኔታ፣ እንድሁም፣ ያለምንም ጥድፍያና ወከባ ጊዜ ወስደን በመመካከርና በቀና መንፈስ አብረን በመስራት ማሳካት እንደሚቻል የድርጅታችን የኦነግ ጽኑዕ እምነታችንና ኣቋማችንም ነዉ።
ይሁን እንጂ በመንግስት ኣንዳንድ ኣካላትና ግለ-ሰቦች እንድሁም በኢሕአዴግ በቀጣይነት የሚካሄዱብን ኣፍራሽ ፕሮፓጋንዳዎችና ገደብ ያጡ ሸርና ደባዎች የሕዝቡንና የሀገርን ሰላም የሚጎዱ ስለመሆናቸዉ በግልጽ የሚታይ ሓቅ ነው። ስለሆነም እንደነዚህ ኣይነቶቹን ሸርና ደባዎች፣ እንድሁም ኣፍራሽ ፕሮፓጋንዳዎች በሚመለከታቸዉ ኣካላት ኣስፈላጊ ክትትልና ቁጥጥር ተደርጎባቸዉ ማስቆም እንደሚገባ እስከዛሬ ስናስገነዝብ ቆይተናል። ይህንን ያደረግነው ተስማምተን የገባንበትን የሰላምና የእርቅ ሂደት በስኬት ለማጠናቀቅ ይረዳ ዘንድ መሆኑን ማስገንዝብ እንወዳለን። ይህ ደግሞ ለሕዝብና ለሃገር ሰላምና ደህንነት በቅንነት ከማሰብም እንደሆነ ልታወቅ ይገባል።
ይህ በንድህ እንዳለ ምክንያቱን በትክክል ለመረዳት አዳጋችና ኣስቸጋሪ በሆነብን ሁኔታ የኢትዮጵያ መንግስት ሃገር በጠላት የተወረረች ይመስል ከፍተኛ ቁጥር ያለዉ የጦር ሠራዊቱን በሕዝባችን ላይ በማዝመት ሰላማዊ ሰዎችን መግደልና የሰዎችን ንብረት መዝረፍ ዛሬም ድረስ ቀጥሎበታል። ካለፉት ሁለት ቀናት ጀምሮ በቄሌም ወለጋና በጉጂ ዞን ኣከባቢዎች እየተፈጸሙ ያሉት ሁኔታዎች ለዚህ ጉልህ ማስረጃ ናቸዉ። ይህ ሁኔታ ደግሞ ሰላምና መረጋጋት እንዳይኖር፣ ክቡር የሰዉ ህይወት ያለ ኣግባብ እንድጠፋ፣ እንድሁም የሕዝብና የሃገር ንብረት እንድወድም፣ ኣልፎ ተርፎም ሕዝቡ በስጋት፣ በጥርጣሬና በፍርሃት ድባብ ስር እንድኖር እያደረገ ይገኛል።
ኣሁን ባለዉ ሁኔታ በጦርነትና በሓይል መፍትሔ ልገኝለት የሚችል ችግር እንደሌሌና ለሕዝብም ሆነ ለሃገር ከጦርነት የሚገኝ ትርፍ ወይም ጥቅም እንደሌሌ ኦነግ በጽኑዕ ያምናል። በሕዝቡ ትግልና መስዋዕትነት በተግኘዉ የለዉጥ ሁኔታ ላይ እንቅፋት ልሆንና የሕዝቡን ተስፋ ልያጨልም የሚችል ይህ ኣሳዛኝ ኣካሄድ በኣስቸኳይ እንድቆምም እንጠይቃለን። ይህ ኣካሄድ በሚያስከትለዉ ኣደጋ ለሚደርስ የሰዉ ህይወት መጥፋት፣ እንድሁም በሕዝብና በሃገር ንብረት ላይ ለምደርስ ዉድመት ሃላፊነት/ተጠያቂነት ልኖር እንደሚገባም ኦነግ ኣጥብቆ ያሳስባል።
ድል ለኦሮሞ ሕዝብ !
የኦሮሞ ነጻነት ግንባር
ጥቅምት 30, 2018
Ummata nagaa dhowwatanii, ummata waliin jiraachuun matumaa hindandaa’amu!
Aside
(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Onkoloolessa 30,2018, Finfinnee, Oromiyaa) Uummata nagaa dhowwatanii: waraanaan ajjeesaa, kaan gaddaan garaa madeessaa, kaan cabsanii naaffisuu fi jaamsuun egeree jiruu itti dukkaneessaa; uummata waliin jiraachuun matumaa hindandaa’amu hinyaadamus.
Uummatni Oromoo baraan gadda keessummeessaa, gaddaaf gadoo kuufataa yowwaana gahus, imimmaan isaa qoorsuuf tattaaffii taasiseen mirga isaa kabachiifachuuf qabsaa’aa turullee hanga har’aatti qe’ee isaarratti ajjeefamuufii araddaasaa irraa buqqaa’uun yakki hammaatan irratti raawwataa jira. Qeerroo Bilisummaa Oromoo nageenyi uummata Oromoo fi saboota ollaa akkasuma Oromiyaa keessa jiraatanii boora’uun uummatni nagaan humna hidhatee jiruun ajjeefamuun kan balaaleffatu ta’uun beekamaadha.
Waraana gidduudhaas nagaan argamu gama kamiinuu kan hinjirre, waraanaan kasaaraa qabeenyaaf dhabama lubbuu danoomsuun komii babal’isee ittuu biyyi akka nagaa dhabdu gochuusaa hubatuun rakkinni uummata Oromoo irraa gahuuf uummata cunqurfamoo impaayera biyyattii irra gahu karaa nagaa akka furamu hawwa; kanaafis qabsaa’aa tureera itti fufees qabsaa’a. Kana galiin gahuufis; Qabsoo walitti fufiinsaa uummata isaa gurmeeffatuun sagalee karaa nagaa dhageessifataa akkuma baroota hedduu dabarsaa jiru itti fufee jira. Rakkinni uummatakoo haa furamu jedhanii karaa nagaa ta’een sagalee dhageessifachuun, karaa nagaan rakkoo qaban ibsachuun qaroomina siyyaasaa isa olaanaa ta’uuttis Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii amana.
Kana danquuf uummata karaa nagaa hiriraan sagalee isaa dhageessifatu, rakkoo qabuuf yaaddoo isaa karaa nagaan ibsatu irratti dhukaasuun ajjeesuu fi madeessuun balaaleffatamaa fi hadheeffatamaa ta’uus cimsee dhaammata. Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala biyya keenya Oromiyaa keessatti humna hidhatee jiruun uummata nagaa Oromoo irra gahaa jiru, ajjeechaa Kibba Oromiyaa Gujii fi Lixa Oromiyaa Wallagga keessatti uummata Oromoo irra gahaa jiru cimsee balaaleffata. Yakkoota ajjeechaa uummata irratti raawwataa dirree dimokiraasii ballisne jechuun kan hindanda’amneef nagaan biyyattii deebi’eera jechuun kan wal hinqabatne ta’uus asumaan dhaammata.
Uummata shororkeessaa waraana hidhatee jiru itti bobbaasuun uummata nagaa irratti meeshaa gurguddaa hidhatanii miira sodaachisuuu keessa bulchuuf abbaluuf “humnaan sin bita!” jedhanii yaaduun kan milkooma irra badiisni isaa caalu ta’uu hubatuun qaamni hidhannoon uummata shororkeessuuf uummatatti bobbaa taasise uummata keenyarraa akka dhaabbachuu qabu Qeerroo Bilisummaa Oromoo gad jabeessee gaafata. Lubbuu ilmaan Oromoo tibbana darbaa jiruuf qaamni yakka ajjeechaa raawwate qoratamee seerratti dhiyaatuu akka qabus nii gaafanna!
Ajjeechaa deettii Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattii irratti raawwachuun kan balaaleffatamu ta’uu hubatuun nageenyi sabaaf sab-lammii biyyatti, addatti nageenyi uummata Oromoo haa mirkana’uu jenna. Gama keenya gama Qeerroo Bilisummaa Oromoo tiin nageenya uummataa mirkaneessuuf yeroo kam olitti amma kan hojjennu ta’uus nii ibsanna!
Maayii irratti; Bakka nagaan uummataa boora’ee jirutti dirree dimokiraasii bal’isna jedhanii yaaduuf ballisne jedhanii dubbachuun hindanda’amu. Waan ta’eef nagaa uummataaf mootummaas ta’ee qaamni kamuu dursa kennuu akka qabu dhaammanna!
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa
Onkoloolessa 30,2018
SBO:-Onkoloolessa 28, 2018. Oduu, Haala Yeroo Irratti Ibsa ABO fi Obbo Taammiruu Qanaatee waliin Gaaffii fi Deebii taasifame Kutaa xumuraa .
Aside
SBO:-Onkoloolessa 26,2018. Obbo Taammiruu Qanaatee Waliin Dararaa Mana Hidhaatti irra gahe ilaalchisuun gaaffi fi Deebii Taasifne fi Qophii Simannaa Jila ABO kan Magaalaa Najjoo.
Aside
SBO:-Onkoloolessa 24,2018. Oduu Guutummaa Qophii Keenyaa Kanta’e Sirna Simanna Jila ABOf Onoota Yaayyoo, Sigim oo fi Saxxammaatti taasifame irratti gabaasaa Qophaahe.
Aside
Sbo
Aside
SBO: Onkoloolessa 19,2018. Imala Jila ABO Gara Lixa Oromomiyaa Magaalaa Gimbii ilaalchisuun Gabaasa Qindaahe Kutaa 2ffaa fi Kan xumuraa
Nageenyi uummata keenya Oromoo fi saboota Cunqurfamoo hanga mirkanaa’utti, qabsoo itti fufna!
Aside
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 18,2018
Finfinnee Oromiyaa
Gidiraa hammataa gurraaf dhaga’uun illee nama sururu, rakkina guddaa ba’aa ulfaatu ta’e baatee uummatni keenya Oromoon jiraachuun; utuu qabuu saamamee iyyoomee, nagaa utuu beekuu nagaas utuu jaallatuu nagaa molqamee humna gittoota bittaaf nafxanyaan waggootni qananii isaa duraa uggaramee jireenya rakkiftuu jiraachuun: nu aarsee, nu onnachiisee, booree nutti horee qabsoo guddaa gochuuf haala hammaattuu keessatti dhaaba Oromoo ABO jala hiriiruun akeekaaf kaayyoo dhaabichaa galmaan gahuuf ittiin hogganamnee Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo gochaa turre ittis fufnee jirra.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo nagaa uummata Oromoo mirkaneessee, uummata Oromoo waanjoo garbummaa jalaa baasee dimokiraasii dhugaa mirkaneessuun biyyattii gara tasgabbiitti ceesisuuf jaarmiyaa lubbuu utuu hinqusatin afaan rasaasaa jala dhaabbatee wal ijaaruun qabsoo finiinse ta’uun beekamaadha. Akeekni Qeerroo Bilisummaa Oromoo nagaa Oromoo mirkaneessuun nagaa saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattis mirkaneessee biyyattii irraa humna garboomsaa hundeen buqqaasuuf qabsoo taasisaa ture ittis jira.
Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo gochaa turre keessatti karaa nagaa gaaffii haqaa waan gaafanneef wal qixxummaa saboota impaayera Xoophiyaa akka mirkanaa’u, saamicha albuudaa akka dhaabbatuuf jechootni xiqqeessii saba Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattiirraa akka dhaabbatu waan gaafanneef qofa irbaata rasaasaa ta’uun garii awwaallee, gariin ammoo qaamaa qalbii hir’atnee har’as qabsoo sabaatti cichuun akeeka ganamaa ABO qabatee bahe galmaan gahuuf kallattii nuu aanja’e maraan qabsootti jirra. Aarsaan keenya kaleessa kaffalle, humna saamaa ture aangomsee, cunqurfamoo irbaata du’aa taasisuuf akka hintaane hubataa, ajjeechaan gara jabinaa biyyattii keessatti Oromoo irra gahu, qaama saalaa muruu, qaama saalaa gubuu fi ajjeesanii reeffa namaa gubuun Oromoo fi akkasuma saboota cunqurfamoo kam irrayyuu gahaa jiru akka dhaabbatu gaafanna.
Nagaan biyyattii keessatti wayiita abdatamaa jirutti, humna nagaa eegsisu Foolisoota Oromiyaa bakkoota rakkoon uumameetti bobbaa taasisanii jiranirra addatti ajieechaan Wallagga keessatti irra gahaa jiru akka dhaabbatuuf qaamni dhimmisaa ilaallatu hatattamaan rakkina uumamaa jiruuf furmaata akka laatu nii gaafanna.
Ilmaan Oromoo Oromummaaf qofa manaaf qabeenyisaanii duraa gubataa jiru, gochaan suukaneessaan torban kana Baha Oromiyaa Cinaaksan fi Wallagga keessatti mana uummataa gubuu raawwataa jiru kan balaaleffatamuuf gocha jallataa jaarraa kanaaf hinmalle ta’uu hubatuun dararamni Oromoo irraa akka dhaabbatu nii gaafanna!
Qaamotni nageenya uummataaf dirqama qaban nagaa uummata keenya Oromoo akka eegsisan, ajjeechaa gara jabinaa nurraa akka dhaabsisan gaafataa; rakkoo kanaaf furmaata kennuu irraa ammas duubatti kan harkifatan yoo ta’e balaaf kasaaraa nurra qaqqabaa jiruuf qaqqaabuuf jiruuf itti gaafatamummaa kan qaban ta’uu hubachiifna!
Maayii irratti nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo nageenyi uummata keenya Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattii hanga mirkanaa’utti, galma qabsoo keenyaa hanga geenyutti qabsoo itti fufna! Aarsaan nuti kaffalleef kaffalaa jirru nageenya Oromoo kan mirkaneessu akka ta’uuf hojjetaas turre hojjechuuttis jirra.
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkolooleessa 18,2018
Finfinnee Oromiyaa