RAB: PART3 – Exclusive Interview with the Chairman of the Oromo Liberation Front (OLF), J/ Daawud Ibsaa
Video
Reply
Waxabajjii 28,2012 Jimma
Waxabajjii 24,2012 Guyyaa eebba Barattootaa Yuunivarsiitii Jimmaa irratti barattootni oromoo wallee gootummaa fi qeerroo faarsan dhageessisan.Guyyaa kana guyyaa sabootni garaa garaa yuunivarsiitii kana sababa eebbaaf seenanii fi sabboontotni oromoo Oromiyaa keessaa dhaqanitti Qeerroon Oromoo guyyaa kana galgala keessaa kaasee wallee garaa garaa dhageessisanii jiran.Walleewwan gargar hin baanu,Oromoon leencuma duruu fi kanneen biro kan dhageessisan yoommuu tahu uummatni eebbaaf naannoo kana dhufe waliin dhiichisaa turee jira.Guyyaan kun barattoota oromoo FBE,Health fi Natural sciencen kan itti eebbifaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee walleewwan kana dhaabuu dadhabuun dhaabbatanii ilaaluuf dirqamanii jiru.Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii kanaa yeroodhaa yerootti sirboota gootummaa sirbuunii fi fiilmiiwwan afaan oromoo mootummaa garboomfataan dhorkaman dirqamaan galchuun diddaa garaa garaa yeroodhaa yerootti gaggeessaa turuun isaaniis ni yaadatama.
Waxabajjii 28,2012
Godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisoo Ganda Kurfeessaa Birbir jedhamu keessatti dabballootni Wayyaanee dargaggoota Oromoo naannoo kanaa rifeensa guddifatan isin Miseensota ABO dha jechuun yakkuu jalqaban.Dabballootni Wayyaanee
1.Fiixee Abdiisaa Bulchinsa gandaa fi
2.Admaasuu Tolosaa Kaabinee ganda
kanaa Kan tahan dargaggoota maqaa misoomaaf akeeka dargaggootaa jijjiiruuf xaaranis kan jalaa fashalate yoommuu tahu dargaggoota rifeensa guddifatan isin Miseensota ABO ti jechuun yakkuu jalqabanii jiran.Dabballootni mootummaa kunneen gocha farrummaa kana irraa dhaabbachuun qabsoo ilmaan oromoo cinaa akka hiriiran qeerroon naannoo kanaa dhaammachuun kan hin gocha hojii farrummaa kana irraa hatattamaan hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin hojii isaanii madaalu akka isaan eeggatu dhaammatanii jiru.Mootummaan wayyaanee dargaggootaOromoo biyyattii keessaa ganna hojii ABO hojjetu kan jedhu shakkuun maqaa misoomaan qabuuf karoora wixinuun ishees saaxilamee jira.
Haalli gabrummaa hammaannaan,jireenyi ummata Oromoo fi biyya keenya Oromiyaa gaaffii jala gallaan Qeerroon fincila diddaa gabrummaa gaggeessuuf dirqame.Ummanni Oromoos Oromiyaa keessaa birmannaa kanaaf bal’inaan ka’ee roorroo if irraa falmataa jira.
Haala kanaan Jaallan warraaqoo fi ilmaan Oromiyaa biyya alaa jiran dhalaan-dhala gantooti mooraa qabsoo keessaa itti deemsisan, soda fi baqa qabsoo jecha hamee fi gumgummii deemu mara irraa gurra isaanii cufachuun amala qabsawaa qulqulluu horachuun qabsoo diddaa gabrummaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru cinaa dhaabatanii warraaqsa Qeerroo cinaa hiriiruun tumsa Qeerroo guchuu irratti qooda guddaa kanneen kannaa jiran sabboontotii fi qabsaawoti qaqaalii dhugaatti diina hin sodaannee fi bilisummaa saba isaanii arguu barbaadan kanneen jireenya baqattummaan biyya Australia jiraatan qophii gora gudaa Tumsa Qeerroo taasisuuf gaafa Waxabajjii 30,2012 irratti Waamicha guddaa qabu.
Waamicha isaanii kana irratti ilmaan Oromoo bilisummaa saba keessaniif yaaddanii fi Oromummaan isinitti dhagahamu irratti argamtaniin gamtaan akka birmannaa ummata keessaniif gootan kabajaan isin beeksifna.
Waxabajjii 26,2012 Hawaasaa
Uummatni Naannoo Uummattoota Kibbaa Wal tahuun namni 5000 ol ta’an naannoo Tulluu jedhamutti hiriira nagaa bahuun ummata seeraan ala loltoota Wayyaaneen qabamanii hidhaman 20 lakkisiisan ykn gadhiisiisan.Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa jalqabe diddaan kun hammaataa waan deemuuf wal wal irratti akka ka’aniif Caasaaleen Bulchinsaa Magaala Hawaasaa keessaa Sidaamaan qofaa buluu hin qabu,Walaayittaan,Hadiyaan aangoo Magaala Hawaasaa keessatti diriirfame hirachuu qabna jechuun dabballootaan Waraqaa Magaala keessa facaasuun uummatni akka tokko hin taane kalaqus uummatni naannoo Kibbaa shira mootummaa Wayyaanee hubachuun tokkummaan diddaatti seenanii jiran.Mootummaan Wayyaanee waraqaa tokkummaa uummataa diigu,Magaala Cukkoo jedhamu keessatti haalaan bittinsuun lubnbuun namoota shanii akka dhabamu taasisuun daran jibbummaa kalaqatee jira.Magaala Hawaasaa fi naannoo isheettis kalaqa lolaa kanaan suuqiiwan hedduun bittinnaa’anii jiru.
Waxabajjii 25,2012 Gabaasa Qeerroo
Tarkaanfiin uummataa lukkeelee diinaa irraattii jaabaatee itti fufee Waxabajjii 24,2012 Godina Wallaggaa, Onaa Haroo Limmuutti luukkeelee miseesotaa OPDO kan yeroo hedduu ummataa basaasuun beekaaman
1, Adulaa Gannatii,
2. Biraanuu Gamaadaa fi
3. Geetachoo Duubnee
jedhamaan diddaa ummataa ukkaamsuuf bobba’anii uumataan reeban, basastonnii kun gochaa diinummaa irraa dhaabbachuu diduu irraan Wayyaaneef amanamoo ta’uun yeroo irraa yerootti ummata dararaa waan turaniif ummanni Oromoo nu gahe roorroon jedhee jiru dachii isaa irratti falmachuuf jecha wal gurmeessee sagaleen yaada isaa dhageessisaa jiru dura dhaabbachuuf yeroo bobba’anitti ture kan reebaman.Haala kanaan Poolisoonni kaan naannoo san gadhiisuun baqatanii of duuba deebi’uun ummanni dhadannoo fi wallee warraaqsaa dhageessinaa akka oole naannicha irraa gabaafamee jira.
Waxabajjii 25,2012
Waxabajjii 24,2012 Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa Haroo Limmuu sad 2ffaa keessatti barattootni oromoo barattoota oromoo hidhaman hiikuu qabdu jechuun fincila qabsiisan.Mootummaan wayyaanee gara aanaa kanaatti dabballummaan akka hojjetanii fi diddaa akka dhaabsisan
Dirqama itti kennitus barattootnii fi barsiisotni diddaan isaan simatanii jiran.Dabballootni kun maqaa misoomaa fi nageenyaa odeessaa nama nyaachaa akka jiran ifaan kan itti himame yoommuu tahu,Barattootni tokkummaan Barataa oromoo Taarikuu Dhugumaa mana hidhaa keessaa gad lakkisiisanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun aanaa Eebantuu keessatti wal gahiin mootummaa wayyaanee fashalee jira.Wal gahiin mootummaan wayyaanee waamte diddaa uummataan simatamuun wal gahii mootummaa wayyaanee uummatni diigee jira.
Waxabajjii 25,2012 Gabaasa Qeerroo
Waxabajjii 24,2012 Godinaa wallaaggaa Bahaa onoota Onotaa Heebantuu, Haaroo Limmuu,Jaartee,Guttiini, Hagamsaa, Diggaa Saasiggaa Giddaa Ayyaanaa, Limmuu Galiilaa, kiraamuu fi Dongoroo jedhamanitti Mootummaan Wayyaanee humnaa waraanaattii fayyaadamuun ummata walgahii baasee uummaannii Mormii cimaan duraa dhaabbate.
Humnoonnii farreen nageenyaa isiin keessaa dhokataanii biyyaa kenyaa diigaa jiruu isaan of keessaa hin baastaan yoo ta’ee isiin iyyuu diinaa jechuun uummaataa sodaachiisuuf yaaliin godhaamee diddaa uummataatiin fashaalaa’ee jira. Ummaannii Onotaa Heebantuu, Haaroo Limmuu,Jaartee,Guttiini, Hagamsaa, Diggaa Saasiggaa Giddaa Ayyaanaa, Limmuu Galiilaa, kiraamuu fi Dongoroo irraattii isiin nu bulchuu hin dandeessaan, waggaa 20 guutuu isiini obsineraa kanaan boodaa nuti isinitti hin bulluu mootummaa mataa keenyaa ijaarraanna jechuun uummaanii mormii kaasee walga’ii keessaan lammaaffaa hin teenyuu jechuun walgahii dhiisee ka’ee, Lukkeeleen gochaa Ummaataa kanaattii aruun uummaataa humnaan teesisuuf yaaltullee ummaannii didee fincilaa itti kaasuun of irraa dhorkee jira.
warraannii wayyaanee Onotaa kanattii bobbaa’ee jiruu isiin uummaataa kana tasgabeessuu hin dandeenyee jechuun bulchitotaa OPDO kan Gandaa,Bulchiinsaa magalaa, fi Onotaa dorsisani, kaan immoo qabamanii hidhamanii reebma jiru, kanneen qabamanii hidhamanii reebaman Onaa Heebantuu irraa 1.Abdiisaa Qana’aa fi 2. Keekuu Korree bulchitotaa OPDO Magaalaa Heebantuu[Magaalaa Hindee] fi kan Onaa Haroo Limmuu 1.Alaamuu Mokonnon fi 2. Dabalaa Dheerressaa bulchitotaa maagaalaa Onaa Haroo Limmuu humnotaa waraanaa mootummaan wayyaanee bobbaaseen reebichaan humnaa olii irraa ga’ee jira diddaan uummataa itti fufee jira.