Ayyaanni Cuuphaa Magaala Finfinnee Keessatti Gara FXGtti Jijjiramee Oole,Gootonni Qeerroon ABO Faarsuun Diddaa Isaanii Dhageessifataa Turan.

Video

Ayyaanni Cuuphaa Magaala Finfinnee Keessatti Gara FXGtti Jijjiramee Oole Amajii 20,2016 guyyaa ayyaana Cuuphaa jedhamee biyyattiitti kabajamee jira.  Ayyaanni oromiyaa guutuu keessatti  gara Fincilaatti jijjiiramuudhaan FXG gaggeeffamaa oolee jira. Addatti
1.    Magaala Finfinnee kutaalee garagaraa keessatti uummanni haala mijawaa argatuun dhaadannoo isaa dhageesisaa oole. Uummanni lafa jiruu
ayyana sababeessuun wal argee oole WBO fi ABO faarsaa oolee jira. waraabbiin asirratti argamu kan kutaa magaala Finfinnee keessaa Saarisitti daandii gubbaatti bahuun ija diinaa dura dhaabbachuudhaan dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru. Bakka  hedduutti uummanni Oromoo ayyaana kana irratti argame ayyaanicha guutummaan guututti gara FXGtti jijjiiree oolee jira.
2.    Naannolee godina addaa Oromiyaa keessatti ilmaan tigrootaa Oromoo irratti dhaadatan kannen mootummaa isaanii deggeran irratti uummanni
tarkaanfii garagaraa adeemsisuudhaan adabee jira.  Ayyaana kana irratti magaalota naannowaa oromiyaa keessaa baasuun ilmaan tigree bakka oolmaa dhabsiisanii jiru.  Uummanni tarkaanfii wal fakkaataas adeemsisee jira.
3.    Godinaalee oromiyaa garagaraa keessatti ayyaana kanaan wal qabsiisuun FXG asdeemsifamee jiruun dargaggoonni hedduun qabamuun
dhagayamee jira. shawaa lixaa kanneen akka Amboo irratti dargaggoonni bahanii akka ayyaana kana irratti hin hirmaanne humna waraana
Wayyaanetiin dhorkamanii jiru. Magaalotaa kanneen biroo keessatti humna waraana wayyaanee ariyuudhaan ayyaanicha gara fincilaatti
naanneessuun uummanni FXG itti fufee ooleera. Qonnaan bulaa fi dargaggoota hedduu irratti hidhaan adeemsifamee jabaatee itti fufee ooleera.

Godina Addaa Buraayyuu Keessatti Ummanni Daandiitti Bahee Wallee Warraaqsaan ABO fi WBO Faarsaa Oole.

Aside

Amajjii 21,2016 Godina addaa Buraayyutti uummanni daanditti bahuudhaan kaleessa Amajii 20,2015 guyyaa cuuphaatt
– ABOn nu haa bulchu
– Gaachanni keenya WBO dha
– Wayyaanen kanaan booda nun bittu
– Wayaaneef hin jilbeenfannu
– Barri bilisummaa gaheera
– Mirga keenyaaf ni wareegamna
Jechuun humni waraana wayyaanee sodaatee gara dhufetti deebi’ee jira. dhaadannoo kaleessa fi har’a godinaalee addaa oromiyaa, magaala Finfinee fi godinaalee oromiyaa guutummaatti ayyaana kanaan wal qabsiisuudhaan dhageesisaa oolanii jiru. Uummanni oromoo mootummaa Wayyaanee akka hin barbaanne guutummaatti walii galeera.
Shawaa kaabatti salaaletti dandiwwan cufamanii turan. Wayyaanee daaraa irraa dhoofnee, wayyaanee nama goone, wayyaanee beela baasne har’a
ijoollee keenya fixxe yaa wayyaanee yaa kadhattu maaliif biyya keetti hin galtuu? Jechuun sirbootni fi dhaadannoon garagaraa har’a guyyaa
guutuu dhageesifamaa oole.
Naannowwan garagaraatti dargaggootni hedduunis qabamanii jiru. Sirni ayyaana cuuphaas waraana wayyaaneetiin ugguramee jira.
FXG oromiyaa keeysatti itti fufetu jira.

Sirna Ayyaanaa Cuphaatiin Walqabatee FXG Godhameen Poolisiin Federalaa Ummataa Nagaa Irrattii Tarkanfii Fudhatera,Barattooti Oromoo University Wallaggaa 11 Gara Malee Reebamanii Hosptala Naqamtee Seenan.

Aside

FXG Naqamte

Amajjii 21,2016 Sirna Ayyaanaa cuphaatiin walqabatee Mormii cimaa godhamee poolisiin federalaa Ummataa nagaa irrattii tarkanfii fudhatera. Dhukkasaa fi gaziin nama boochisu illee ummaata kara nagaan sirna amantaa isaa hordofaa jiru irrattii fudhatameera. Itti dabalees, Guyyaa Gaafa 21 /01/2016
Mormii cimaan magalaa naqamtee fi barattoota Yuunbersitii Wallaggaa  Keessaattii fininuu eegale jira. Baratoota wallaggaa university nagaan mormii dhageessisuuf bahan irratti  humnoota waranaa mootummaa  baratootni 11 irratti miidhaa hamaa geessisuun yeroo ammaa kana hospitaala naqamtee keessaatti argamu. 12571247_809338852545393_1969020113_n
1. Dhaabasaa Fufa(5th yr civil eng)
2. Miressa shifeeraa Da’oo (pre engineering)
3. Saaron Bayisaa
4. Tolasaa Lataa Desisaa
5. Tamanee Tarekegn
6. Caanaa Odaa Burkuu -5th yr civil engineer12583987_809338579212087_1024700929_n
7. Yasin Malik
8. Bontu Fikadu Tulluu
9. Waktolee Beyenaa
10. Gashuu Gebeyo
11. Habtamuu Belay

Baratootni heddunis osoo yaalii hin argatiin kallattin gara mana hidhatti fudhatamaniru.