Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Adoolessa 25,2011/ Mootummaan waayyaanee ‘’humna EPRDF biyya bitee jiru tuqan’’ jechuudhaan, miseensummaa ABOn shakkamu jechuun waan qabatamaa tokko malee Oromoota 20 mana murtii federaalaa Waayyaaneetti yakkaan dhiyeesse.
Abbaan alangaa mootummaa Waayyaanee lakk.galmee himannaa yakkaa 555/03 Galmee Geetinnat Gammachuufaa jechuudhaan namoota 20 yakkaan dhiiyeesse. Yakka inni ittiin himate lakkoofsa yakkaa 329(1)A ,38(1) fi 241 kan mootummaan Waayyaanee mormitoota siyaasaa kan akka ABO ittiin yakkuuf seera ofiif baafate irratti hundaa’uudhaan ta’uu beeksisee jira. Kanas Gaazexaan Bariisaa Adoolessa 22 bara 2011 bahee fi gaazexootni dhuunfaa balballoomsanii akka jiran beekama.
Sababiin Yakka jedhamee Obbo Geetinnat Gammachuufaa irratti dhiyaate:
1ffaa:Dhaaba mootummaan Itiyoophiyaa morman akka ABO tti miseensa waan ta’aniif,
2ffaa:Dhaaba ABO f miseensota filanii waan ijaaraniif/gurmeessaniif
3ffaa:Odeeffannoo dhaaba ABO wajjin waan wal jijjiiraniif,
4ffaa:Dhaabbata ABO qarshii fi materiyaalii garagaraan waan deggaraniif/gargaaraniif
5ffaa:Walumaa gala ‘’kaayyoo Mootummaa Itiyoophiyaa rakkina irra buusu isa qabatee jiru ABO keessatti hirmaannaa qabu’’ jechuudhaan,
Sababii kanaaf ‘’yakka olaanaa ‘’ jechuudhaan yakkaman jedhee doorsisa abdii kutannaa dhiheessa.
‘’Himatamtooti shakkamtoota ‘’ jedhamanii Obbo Geetinnat Gammachuufaa dhiyaatanii kara Abukaatota isaanii mormii isaanii galmeeffataniiru.
Abaan Alangaa Mootummaa Waayyaanee ,Mormiin shakkamtooti dhiyeeffatan ragaadhaan kan hin deggaramne waan ta’eef manni murtii mormii isaanii kufaa godhee raga isaan irratti akka fuuchuu eegalu/jalqabu gaafateera.
Manni murtii federaalaa dhaadacha guyyaa kana Adoolessa 22 bara 2011 Ooleen ‘’mormii shakkamtootaa’’ fi ‘’mormiin isaanii kufaa haa ta’u ‘’ isa Abbaan Alangaa mootummaa Waayyaanee jedhe erga dhaggeeffatee booda:
Shakkamaa tokkoffaan karaa abukaatoo isaa mormii dhiyeeffateen ’’Yakkamaan kun yakka kana fakkaatuun himatamee utuu deemsa irra jiruu Sadaasa 16 bara 2001 A.L.H labsii irratti hundaa’ee dhiifamaan waan gadi dhiifameef yakka tokkicha sanaan yeroo lama himatamuu/yakkamuu hin qabu’’ isa jedhameef ‘’ shakkamaan kun galmee dhiifamaan ittiin gadi dhiifame(galmeen himata yakkaa inni yeroo sana dhiifamaan ittiin ba’e yokin gadi dhiifame)’’ dhaadacha kana irratti waan hin caqasaminiif/waan hin yaadachiisiniif manni hidhaa galmee sana mana murtiif dhaadacha itti aanu irratti akka dhiyeessu ajaji kennameera.
Himatamaa shakkamaa salgaffaan ‘’Yakka wal fakkaatuun yakkamee/himatamee manni murtii walii gala Oromiyaa bilisaan waan gadi dhiiseef lammata yakka kanaan himatamuu/yakkamuu hin qabu’’ jechuun kara abukaatoo isaa mormii dhiyeeffateef ;Murtoon manni murtii waliigala Oromiyaa ittiin bilisaan gadi dhiise sun Dhaadacha Kana irratti Afaan Oromoon waan dhiyaateef Abukaatoon isaa gara Afaan Amaaraatti hiikuudhaan dhaadacha itti aanu irratti akka dhiyeessu manni murtii Federaalaa TPLF guyyaa kana dhaadacha geggeessaa ture ajaje.
Akkasitti manni murtii kun galmee kana sakatta’ee ‘’Mormiiwwan Shakkamtooti dhiyeeffatanii’’ fi ‘’kufaa naaf haa ta’u ‘’ isa Abbaan Alangaa Mootummaa Waayyaanee gaafate irratti murtii kennuudhaaf Hagayya 4 bara 2011 irratti beellama qabatee dhaadacha guyyaa kanaa raawwateera.
Kana malees yeroo ammaa guutummaa Oromiyaa keessatti bakkoota qaqabnee gabaasuu hin daneenye mara qoteebulaa fi hojjetaa akkasumas qeerrolee Oromoo heddumminaan hidhamaa akka jiran gabaafama. Sochiin qeerroo bilisummaa ummata Oromoo qabatee bakkoota adda addaatti akka qabatee jiruun mootummaan TPLF naasuu kanaa bakka hundatti bobba’ee tohachuu dadhabuun raafamaa jira.
Qabson itti fufa ! Gabroomsaan ni kufa!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...