Dorgommii Kubbaa Miillaa Kibba Afirca Guyyaa Lammataa Irrattis Qeerroon Seenaa Guddaa Galmeessan.

Aside

Amajjii 31,2013 Kibba Afirca

qeerroo k/ADorgommii Kubbaa Miillaa biyyoota Africa Amajjii 2013 keessa kibba Africa keessatti gaggeefamaa jiru irratti gootonni Qeerroon Oromoo alabaa ABO stadiyoomii kubbaa sanii keessatti balaliisuun eenyummaa ummata Oromoo fi biyya Oromiyaa aduunyaatti beeksisuu irratti seenaa guddaa hojjetanii jiru. Guyyaa jalqabaa alaabaan ABO aduunyaa irratti muldhate sanitti biyya Ethiopia keessatti hordoftooti kubbaa miillaa sanii karaa TV Ethiopia warri hordofaa turan alaabaa ABO dirree kubbaa keessatti balali’u ilaalaa turan.Haalli kun Absahootaa fi warra Wayyaanee haalaan yoo rifaasise iyyuu Oromoota Oromiyaa jiran ammo guddoo gammachiisee jira.Qeerroon manneen barnootaa fi magaalota adda addaa jiran akkuma TV irratti arganiin sirboota warraaqsaan magaalaa fi kolleejjota howwisaa bulanii turan.

Haalli kun daran kan riifaasise mootummaan Wayyaanee gaafa guyyaa dorgommii lammataa namni alaabaa ABO qabatee akka dirree kubbaa san akka hin seennee fi akka dhorkamu jechuun mootummaa kibba Africa itti iyyachuun beekamee jira.Haala kanaan namni itti ramadamee Qeerroo Oromoo alaabaa baatanii Stadiyooma san seenan akka dhorkaman qoqqobbii irra kaayan, warri kaameeraan waraabanis akka hin waraabne qajeelfama akka itti darbu ta’e.Gara alaabaan ABO jirutti qabanii akka hin waraabnes itti himame. Kun kana haata’u malee Qeerroon kanaaf hin abboomamne alaabaa Oromoo miidhagduu san ol qabachuun seenan yeroo kana warri itti ramadaman dhufanii dhorkuu yaalan. Garuu Qeerroon “ Nuti seeraan bakka kana dhufne waan ta’eef baqataa seeraati” jechuu dhaan waraqaa isaanii itti agarsiisan.Amma illee namtichi dhorguuf yaalii guddaa goonaan “maaliif dhiibbaan kun nurratti ta’aa?ykn maaliif dhorkamnaa? Yoo nu dhorku ta’e warri tapha kana qopheesse warri CAF yoo dhiibbaa kana nurraa gahee ta’e akka nuu himan barbaadna yeroo san gaazexessitoota yaamnee itti himnee akka isaan dhiibbaa nurratti godhan adduunyaatti himnee sirnaan baana” ittiin jedhan.

Yeroo kana namtichiis “lakkisaa nuti discriminate isin hin goone, CAF illeen akkasuma discriminate hin goonne” jechuudhaan falmaan itti jabaannaan ofirraa lakkise. Warri kaameraas hanga kaasan kaafatan. Qeerroonis Injifatnoon eenyummaa Oromoo fi Oromiyaa aduunyaatti beeksisaa oolan.

BIRROOLEEN MAAL TAATE?

Aside

Gammachiis Naadoo irraa

parchment 7Birrooleen maal taate maaliif qara ilaalte,
Naasuu tokko malee dallaa keessaa baatee,
Barcuma ulfinaa of jalaa darbattee,
Bakka isheef hin malle qe’ee halagaa galte.

Tarii nagaa miti isheen waa rakkatte,
Gaaf tokko deebiti yaada naanneffatee,
Jennee mari’atnee irratti walii gallee,
Ilmaan abbaa tokkoo wal qooduuf hin malle.

Dhiiginni dhiiga hin dheessu waliin dhalatanii,
Marabbaa fi jaalala yoo dhabuuf baatanii,
Maal maatii ishee dhiiftee maaliif qara ilaaltii,
Masaraa ulfinaa maliif diiguuf yaaltii?

Dachii Taaddee Birruu kan Elemoof Baaroo,
Galma hunda keenyaa fi qe’ee Guuree Faaroo,
Kan gootaan marfamte darbiin nuti dhaalle,
Maaliif nyaapha hafeertii moo seenaa irraa laallee?

Galma abbootii gadaa fii dachii kumatamaa,
Masaraa booranaa fii ardii barantumaa,
Seenaa raga bahaa biyya goota hundumaa,
Tasa hin gurguramuu eenyuun jijjiiramaa?

Akkan hin shakkineef nama hormaa miti,
Qaamaan nuu wajjini fedhiin fagoo jirti,
Bu’aa lubbuun fidnee halagaaf sharafti,
Maalummaa ishee gantee maaliif jijjiiramtii?

Waadaa waliif seennee nu lachuu gaaf tokko,
Nuti foon tokkicha ilmaan abbaa tokkoo,
Maaliif hin furannu waliin teenyee raakkoo,
Maal abaarsa qabnaa waan dur bara rakkoo?

Kan keenya raajii dha hamtuu nu mudatee
Maal yoo nu baraareef Rabbitti hin guddatee?

Yaadaan wal dadhabuun jira marraa tokko,
Gargar baana hin seene fira gaafa rakkoo,
Erga na tuffattee hormaaf taatee fakkoo ,
Bakka feete dhaqi karaan dudda indaqqoo.

Nuti duute seene isheen muuxateettii,
Haala ilaallattee mormiif dhihateettii,
Carraan suma tokkoo duraan milkoofteettii?
Moo ofiisheef raatoftee nu joonjessuu fetii?

Gochaan ishee inni duraa barumsa naaf tahee,
Hallan dabarsine seenaadhaaf ol kaa’ee,
Ani diiguu hin beeku ijaaruun bobba’ee,
Kan hojii koo hin dhabu waan Rabbi naaf kaa’e.

Bra baayyee joorte ittis dadhabdeettii,
Badii isheen dalagdes kan dagatan mitii,
Tarkaanfii fudhachuuf mataa nama hiitii,
Kan nuun nu mudate rakkoo salphaa miti.

Hormi nu gaafata mal taate hin maraattee?
Akkamittiin diigdi masaraa ofii jaarate ,
Jaallewan ishee duriif mala akkamii dhaamte,
hin yaadin baatee galli waa’ee taatee?

Kan ishee seenaaf dhiifnaa baayyee nutti cophxee,
Waa hundaan nu miitee yeroo keenyas gubdee,
Waa sirrachaa hin jirtu kan darbe irraa bartee,
Erga nuuf hin taanee dhiisaa baga dhaqxee.

Mee sana itti dhiifnee waan harraa dubbannaa,
Nama ofii isaa ganautti maalumaaf dhiphannaa,
Akka wal fakkannuun waliin mari’atnaa,
Lammii dhumaa jiruuf ol kaanee dirmannaa.

Kanan wal mufadheen amma wal hubadhee,
Hamataa fii goomataas hunda adda baafadhee,
Kan saba koo dursee dhiifama wal gaafdhee,
Barumsa irra argannaas sirriitti abdadhee.

Imimmaan jaalalaa baayyeen dhangalasee,
Gargar baanee turuun gar malee na aarsee,
Hojii isaa haa argatuu kan gargar nu baasee,
Walitti nu deebisee Rabbi koo naannessee.

Tokkumaan Oromoo ammas haa dagaaguu,
Jalalli saba koo yoomuu haa bargaaguu’
Nu riqicha taanee lammii koof haa darbuu,
Sabinni koo gaaf tokko bilisummaa haa arguu.

Natti hin dallaninaa waan taheen dubbadhee,
Kanan yeroo dheeraa baayyee itti dhiphadhe,
Kun nu hin baasu jedhees baayyedhan iyyadhee,
Harra carraa argadheen saba kootti himadhee.

Amma milkahuufii bara baayyeen jooree,
Adeemsa koo keessas fira bayyeen horee,
Ililliin facaafne ija godaeeraa,
Hayataan dhihannee isa wal hafeerraa.

Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen bilsoomti !!
Injifatnnoon uummaa Oromoof!!

Gammachiis Naadoo: abdii.bori@yahoo.com

Qeerroon Oromoo Afrikaa Kibbaa Seenaa Boonsaa Galmeessan

Aside

Goototi Dargaggoota Oromoo  Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan, seenaa Uummata Oromoo keessatti yeroo jalqabaaf alaabaa Oromoo fi Saba Oromoo adduunyaatti beeksisan.

Dargaggooti Oromoo kunneen dirree taphni kubbaa miilaa biyyooti Afrikaa keessatti gaggeeffamu argamuun hojii seenaan hin daganne hojjetanii jiru.

Diddaan Barattoota Yuuniversitii Jimmaa Mootummaa Wayyaanee Daran Yaaddeessuun Gabaafame

Aside

Amajjii 29,2013 Jimma

Amajjii 27,2013 Godina Jimmaattii diddaan baratootaa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Ummataa godina Jimmaa yeroo irraa gara yeroottii jabaachaa deemuun Mootummaa abbaa irree EPRDF yaaddoo cimaa keessaa galchee kan jiruu ta’un hubatameera. Bulchiinsii Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa sodaa warraaqsaa Qeerrootiin kan raafamaa jiruu guyyaa kaleessaa Koree gamtaa baratootaa Yuuniversiitii Jimmaa walitti qabuun maloo baratootaa nuuf sossobaa mooraan Yuuniversiitii Jimmaa fi kanneen kaanis dirree siyaasaa waan taeef mootummaa miidhaa jira jechuun barattoota sossobachaa jiran illee itti hin milkoofne.

Sochiin Qeerroo fi hordoftotni amantaa muslimaa yeroo yeroon sirna abbaa irree irraatti gaggeessaa jiran ammas cimee itti fufaa jira, Mootummaan Wayyaanees sochii eebbifamaa mirgaa ofii falmaachuuf karaa nagaa godhamuu kana danquuf yeroo yeroon Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaattii humna waraaanaan bobbaasaa kan turee, ammas humna waraanaa haaraa guyyaa kaleessaa hoomaa waraanaa mooraa Waraanaa 44ffaa jedhamuun beekamuu fi kan magaalaa Jimmaa keessaatti argamuu keessaa qubsisaa jira, baay’inaa loltotaa irraan kan ka’ee  guyyaa har’aa Loltotaa Isaa Waan irraa ciibsuu waan dhabeef firaashii/firaashaa/[waan irraa ciisaan] mooraa kolleejjii barsiisotaa jimmaa keessaa gara mooraa waraanaa 44ffaatti konkolaataadhaan guuraa ture qeerroon gabaasa. Goototni Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Hoomaan waraanaa sochii falmaa bilisummaa gaggeessaa jiruu danquu hin danda’uu! jechuun dhamatan.

Haala kanaan Ummaannii Godinaa Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa biyyaa dimokiraasiin hin jirree keessaattii maqaa filaannoon nutti akka ka’uu hin barbaadnu jechuun kaardii filaannoo hin fudhannuu jechuun kaardii filannoo fudhachuu diduun diddaa qaban agarsiisaa jiru,

Magaalaa Finfinnee Keessatti Waraanni Wayyaanee Uummata Guraarsuu Itti Fufe

Aside

Amajjii 29,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee aangootti erga ol bahee bittaa umrii isaa dheereffachuuf tooftaan itti fayyadamu keessaa inni guddaan
Addunyaatti sirna Dimokiraatawaa mulisuu yaaluu dha.Wal gahii Gamtaa
Afrikaa Impaayera biyyattii keessatti taaamaa jiru irrattis uummatni
mirga isaa kaasee ykn dubbatee abbaa irrummaan kiyya saaxilama soda
jedhuun loltooti Wayyaanee naannoo Finfinnee keessatti ummata jeeqaa jirti. Yeroo ammaa kanatti uummata nagaa karaa irra deemu qabanii sakatauu fi namoota afaan Oromoo dubbatan hordoffii itti gochuun karaa irraa dhaabanii waraqaa eenyummaa gaafataa akka jiran beekama.

Hojjettoota mootummaa osoo hin hafiin namooti hedduun guyyaa lama keessatti kan hidhaman yeroo tau kanneen 20 ol hidhaman keessaa warri maqaan isaanii armaa gadii keessatti argamu.

1. Poolisii Federaa Zalaalam Eggazuu
2. Dargaggoo Margaa Hamsaaluu hojii dhabaa kan tahe

3. Obbo Kaffaalee Fiqaaduu daldalaa Markaatoo(huccuu kan daldalu)

Haala kanaan rakkoon geejibaa magaala Finfinnee keessaa ammas daran jabaatee kan itti fufe yoommuu tahu uummatni gaaffiilee mirgaa dhiyeessuun
wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusaa jira.

Gabaasa Haala Sochii Dargaggoota Oromoo fi Kubbaa Miillaa 2013

Aside

205797_436815216389018_1498544725_n(Gabaasa Jaarmiyaa ABO Africa Kibbaa) Hiree argamee fi danda’ame hundatti fayyadamuudhaan Qabsoo teenya leellisuun, baaksisuun fi jabeessuun dhala Oromoo hundarra jira.Keessattuu kana ilaalchisee miseensonni, qondaaloota ABO fi jaarmaya Caayaalee ABO waan guddaatu irraa eegama. Kana of irratti hubatuudhaan jaarmayni ABO Afrikaa Kibbaa jiru dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa kan bara kana achitti deemaa jiru irratti qoodaa fi dirqama qabsoo beeksisuu fi leellisu  kan isaanirra jiru bifa qindoominaatiin bahataa jiru.

Dorgommii Waancaa bara kanaatiif kan dabarte Itophiyaaniis ajaa’iba agarsiisuuf dhaadachuu fi of dhaadhessuudhaan garee kubbaa biyyoolessaa garas bobbaasuu dandeesse. Bobbaa kanarratti qindoomina godhameen  mootummaan  aadaa fi naamusa Sportiin ala bahuudhaan  taphattoonni fi daawwattoonni akka muummicha ministeraa Mallas Zenaawii dhaadhessan ajajaa fi dirqamni itti kennamee akka ture keessa beeytoonni saaxilanii jiru. Kana ilaalchisee daawwattoonni akka T-shirt suuraa M/Zeenawii uffatanii fi dhaadannoolee isa faarsan qabatanii akka qabanitti yaadame. Taphattoonni ammoo kaniteraa(qomee) jalaan uffatan kan suuraan M/Zeenawii irra jirtu akka uffatan. Abbaan goolii galche yeruma sanatti T-shirti isaa kan gubbaa ofirraa saaqee suuraa Zeenaawii sana mul’isuudhaan akka gammachuu isaa agarsiisu kan jedhu ajajni kenname.269393_436816003055606_1450339911_n

Yeroo ammaan tanaa kana jaalalaa fi jibbansi ummanni isaaniif qabu kan hin hubanne aangawoonni Wayyaanee dirqama naamusa spoortiin alaa kana kennanillee taphattoonni kun aadaa sportiin ala  kun dhimmi siyaasaa sportii keessa galuu isaa daangaan ala kan mul’isu waan taheef hin goonu jedhanii, taphattoonni harkatti didan. “Namuu gara firaa jennaan foon harree daaraa keessatti kufe” jedhu, ajaja kenname kana taphattoonni hundi yemmuu falmanii didan taphattoonni dhala Tigraay namni shank an garee kubbaa biyyoolessa Itophiyaa keessa jiran yaada kana fudhatanii turan. Haa tahu malee mootummittiin haala jiru kana sodaatuu fi ofirratti amantaa dhabuudhaan sagantaan Mallas dhaadhessuu kun akka haftu taasifame.

Kun akkas tahee, eega Afsrikaa Kibbaa gehamee fi taphne jalqabees wanneen mudatanii fi tahan hedduutu ture. Alaabaaleen dirree kubbaa sana keessatti yeroo gareen kun taphatu mul’ate danuu akka ture. Magaalaa keessallee namuu alaabaa isa ilaaltu fannisuu, makiinaarratti maxxansuu fi uffatuudhaan deeggarsaa fi mormii qaban mul’ifamaa ture.  Alaabaaleen Abysinia/Itophiyaa tan Wayyaanee, tan H/Sillaasee fi tan mormitootaas mul’atanii jiru. Tamtu tan Itophiyaati kan jedhu gaaffiidha. Kan morman keessaa tan garri lameen diimtuu jidduun magariisaa fi booruu ganamaatiin faayamte alaabaan ABO fi Oromoos hiriira galtee turte. Kuniis tattaaffii miseensotaa fi jaarmaya ABO kan achi jiraniin godhame. Naannoo gool biratti dhihaatuudhaan akka balaliitu taasifamee ture. Kun waan guyyaa dorgommii duraa hojjatamee dha.
19312_10151256200466242_112194461_nGuyyaa dorgommii lammadaa Embasiin Wayyaanee biyya san jiru kanarraa baaraguu fi rifatuudhaan mootummaa biyyasiitti iyyattee alaabaaleen biraa  keessattuu tan ABO akka hin balaliifamne gochuuf tattaafatame. Kanaaniis poolisa naannoo miseensonni jaarmaya keenyaa jiran irratti ramaduudhaan eeguun  seennaa irratti akka qabatanii hin seenne tattaafatuu, warra kaameraas waa nyaachisuudhaan akka kaameraan garasitti hin xiyyeeffanne taasisuuf tattaafatamaa ture. Waan ajaa’ibaa poolisnilleen kan dura dhaabbataa ture bakkuma miseensonni jaarmaya keenyaa jiraniin qofa ture. Kan warra Habashaa fuuldura humtuu hin turre. Haa tahu malee qondaalotaa fi miseensoonni kana hundaa bira kutanii alaabaa Oromoo balaliisuu itti fufaa oolan. Dhumarratti jaala alaabaa Oromoo  poolisoonni fi namoonni biyyasii horataniin alaabaa kennuufiin, brochure dhaabaas kennuufiin diinummaa osoo hin tahin firummaan akka Oromoo fi isaan jidduu jiraattu gochuun, maalummaa Oromoo fi ABO ummata biyyasiituu hubachiisuun danda’amee jira.

Jaarmaya ABO S/A