Barattooti Oromoo 15 Yuuniversiti Mattuu irraa arihamuun osoo isaan hin dhaabiin gaaffii mirgaa fi FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mattuu amma illee itti fufe.

Aside

QerroooGabaasaa Mattuu: Guraandhala 27/2014 FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan belbelfamaa jiru gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuun walqabatee itti fufee jiraachuun beekame. Goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu guraandhala 23-24 barruulee warraaqsaa FDG magaalaa Mattuu fi Yuunivarsiitii Mattuu keessa uummataa Oromoo fi baratoota Oromoof bittinneessuun, diddaa sirna Wayyaaneef qaban beeksisan.Guraandhala 26 irraa eegaluun fincila nyaataa lagachuu itti fufanii jiru.

Itti fufuun baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu balleessa tokko malee baratootni keenyaa 11 baatii darbee keess barnoota irra arii’atamanii jiru, nutis boru teenyee carraa obbolaa keenyaa eeggachuun walaalummaadha, kanaafuu class gallee hin barannuu dursinee mirga keenya haa kabachiifanu jechuun dhaamsaa waliif dabarsaa barnoota irraa arii’amuu baratoota Engineerota Oromoo 11f itti gaafatamaan bulchiinsa Yuunivarsiitii Mattuu fi mootummaa Wayyaanee ta’uu hubachiisuun, baratootni barnoota irra arii’ataman jedhee wayyaaneen maqaa ijoollee Oromoo 11 maxxansee jiru, baratootni kun nu gidduudha akka hin deemnee fi harka wal qabannee mirga keenya akka kabachiifannuu jechuun FDG haalaan cimaa fi abdachiisaa ta’ee itti deema jiraachuu ibsatan.

 

Magaaloti Oromiyaa guguddoon bulchiinsa Federaalaaf Kenname,Baadiyyaan Oromiyaa ammo Dureeyyii halagaaf gurguramaa jira.

Aside

Gurandhala 27,214 Finfinnee

Qeerroo bilisummaaMootummaan gabroonfataa uummata Oromoo qe’ee fi lafa isaa irraa buqqisuu aadeffate har’a illee saalfii tokko malee magaalota naannoo FF kan akka L/Xaafoo L/Daadhii,Burraayyuu,Sabbataa fi Duukam fa’aatti lafa qonnaan bulaa irraa saamee maallaqattii gurguratuu irra darbee qonnaan bulaa Oromoo lafa isaa ifaan ifaatti irraa fuudhuun ummaata Amahaaraa fi Tigrree naannoo isaanii irraa fiduun sababa rakkattoota jedhuun qubachiisee uummata Oromoo jireenya gadadoo keessatti kuffisaa jiraachuun hubatamaa jira.kana malee sirni abbaa hirree uummata Oromoo lafuma isaa waliin uummata Oromoo dhabamsiisuuf tattaaffataa jiru,magaalota Oromiyaa kan akka magaalaa Jimmaa fi Adaamaa godina addaa jechuun Oromiyaa jalaa baasuun harka federaalaa galchuun beekkame,dabalataan magaluma Jimmaa kana keessa uummattoonni jiraatan harki guddaan/74%/ saboota biroo waan tahaniif afaan hojii fi barnootaa afaan amariffaa tahuu qaba jechuun illee jijjiiruuf tattaaffii godhaa jiraachuun
dhagahamaa jira.
Gabaasa KSBO!

Diddaan baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa jabaatee itti fufuu irraan Mootummaan Wayyaaneen humna Poolisa dabalataa itti bobbaase.

Aside

Gabaasaa: Guraandhala 27,2014 Jimma

2014-02-25 09.07.52Yuunivarsiitiin Jimmaa tajajiila baranootaa kennuu irra gara tajaajila Waraanaa kennuutti darbee jira. Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni baratootni Oromoo guyyoota shaniif haala itti fufinsa qabuun diddaa sirna abba irree Wayyaaneef qaban itti fufanii jiru. Goototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa hanga gaaffiin keenyaa karaa nagaa nurraa fuudhamee deebiin nuu hin kennamnetti FDG jabaatee kan itti fufu ta’uu hubachiisuun diddaa isanii nyaata dhaabuun, barnoota dhaabuuni fi qabsoo FDG Qeerroon gaggeessuu itti fufuuf murteeffatan.

Haala kanaanis mootummaan Wayyaanee seeraa haaraa mirga baratoota ugguru barruu fuula torba qabu Wayyaaneen baastee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa fi doormii baratootni keessa jirattan hunda irratti maxxansitee goototni baratootni Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo sabaaf sablamootni biyyatti fudhatama dhabsiisuun bakka Wayyaaneen maxxansitee walitti funaanuun ibiddan gubuun fudhatama dhabsiisan, seeraa jaamaan uummata itti miidhuuf baastu dhabamsiisuun Wayyaanee qaanessan. gochaan kun mootummaa Wayyaanee maraachee jira.

Yuunivarsiitiin Jimmaa ergama Wayyaanee hojii irra olchuuf jedhee tajajila barnootaa fi hawwaasummaa irra gara tajaajila Waraana kennuutti darbee jira, waraannii wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa kessaa qubsiifame jiru yeroo amma kanatti tajajilaa nyaataa kaffee baratoota irra argachaa jira, tajajila geejjibaa immoo konkolaataan service adda addaaf ramadame hojii gaggeessa Yuunivarsiitichaaf ture sana dhaabuun waraanaa fee’ee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa nanna’a oola.

2014-02-25 09.31.37 2014-02-25 09.36.00 DSC00625Yeroo amma kanatti waraanni wayyaanee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa, Magaalaa Jimmaa, fi Aggaaroo irra rabsifamee jira, keessaattu waraannii heddumina qabu mooraa Yuunivarsiitii daandii gara hospitaalatti geessuu fi nannoo caffee baratootni fayyaa baratan irraa nyaatan gararraa kan qubsiifame ta’uun bira ga’amera. Mootummaan Wayyaanee waraana kana illee halkanii guyyaa ta’umsaa fi dhaabii dhorkaa jiraachuun ibsamee jira. Ilmaan Oromoo waraanaa kana keessatti argaman akka baratoota Oromoo Yuunivarsiitii keessa jiran kan ijaan beekan, hiriyummaan wal beekan, kan waliin baratan fi firumma dhiigaa wal irra qaban illee yoo argan akka hin dubbifnee, fi dubbisee kan argamee seeratti kan dhiyaatu ta’uu isaa odeessii keessa waraana wayyaanee kana ba’uu saaxilee jira.
Haala kanaan mootummaa wayyaanee dabalatee Yuunivarsiitiin Jimmaa fi Magaalli Jimmaa raafama guddaa keessa seentee jirti.

Dhiha Oromiyaa Wallagga, Ona Limmuu Ebantuu fi Aanota Adda Adda Addaa Keessatti Gaaffiin Mirgaa Barattootaan Ka’e Daran Jabaachuun Beekame.

Aside

Gurandhala 26,2014 Naqamte

Saboontootni baratootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Onotaa Wallagga Bahaa manneen barnoota akka: M/B Haroo Limmuu sadarkaa 2ffaa, M/B Leeqaa Dullachaa sadarkaa 2ffaa, M/b Ukkee sadarkaa 2ffaa, M/B Jimmaa Arjoo, M/B Kiramuu sadarkaa 2ffaa, jedhaman keessatti argaman gaaffii mirgaa qabna gaaffii keenya nurraa fuudhaa jechuun directors mannen barnoota kanneenitti dhiyeeffachuun hanga gaaffiin mirga fi mirgi uummata Oromoo kabajamutti nurraa hin fuudhamnetti barachuu hin dandeenyu, mirga hin qabnu, rakkoo keenyaa fi rakkoo uummata keenya hiriira bahuun ibsanna mirgi hiriira nagaa gochuu fi rakkoo ofii ibsachuu nuf haa eeyyamamu jechuun gaaffii FDG kaachiisan. saboontotni baraatootni Oromoo kun dhaadannoo Oromiyaa ni bilisoomti (Oromia shall bee free), ka’ii ummata Oromoo mirga kee falmadhu, qabeenyaa uummata Oromoo saamuun dhaabbachuu qaba, Oromoo ilaalcha siyaasaan qoqqodanii bituun ni dhaabbata, dhaaba keenya tokkicha ABO ni jaallanna, Ummatni
Oromoo abba biyyati, Ummatni Oromoo lafa isaa irratti of bulchuu qaba, yoo Mirgi Oromoo kabajame malee nagaa fi Misoomni guddinni itti fufinsa qabu dhufuu hin danda’u.

Kanatti dabalees mirgi dimookiraasii nuf kabajamuu qaba. hidhamtootni siyaasaa Oromoo fi kaanis hundi gadhiifamuu qabu, Oromiyaan mootummaa mataa ishee malee waggoota 23 dabarsitee jirti amman booda mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuuf ni qabsoofna, dhaadannoolee jedhan uummata keessa fi baratootni walii isaniif rabsuun diddaa Wayyaaneef qaban argisiisuun jaalala ABOf qaban mul’isa jiru.

Haaluma walfakkatuun Onoota kanneen keessatii fi Onotaa guutummaa godina wallaaggaa bahaa cufa keessatti barruun warraaqsa FDG bittinneefamuun dhaaba lukkee wayyaaneetti yaadddoo dhalchee halkanii guyyaa wardiyyaa dhaabbachaa jiraachuun gabaafamera.

Maatii fi uumanni Oromoo jiraattota naannoo ta’an gaaffii barattootaa hordofuun ykn cinaa dhaabbachuun gaaffiin keenya fi gaaffiin baratoota keenyaa yeroo garaagaratti dhiyeessa turre deebii argachuu qaba, jechuun guraandhala gaafa 25/2014 Onotaa akka Limmuu Galiilaa, Haroo Limmuu, Sassiggaa fi kiramuu keessatti uummanni hanga gaaffiin keenya deebii argatutti mootummaa wayyaaneef gibra hin kaffallu, walga’ii wayyaneen gootu hin hirmannu, ajaja gama kamiin iyyuu lukkee wayyaanee irraa darbu hin fudhannu, wayyaanee irratti fincillee mirga keenya ni kabachiifanna jechuun uummanni murtee waliifdabarsee jira.
Ergamtootni Wayyaanee haala sochii diddaa FDG uumamaa jirutti rifachuun humna poolisaa kora bittinneessaa jedhamuu Onoota hundaa irra qubsiisuu fi uummata ittin sodachiisuf halkanii guyyaa uummata keessa baattee fiiga jirachuun gabaafamera.

Kana malees barruuleen FDG Godina Wallagaa dhihaa magaalawwaan akka Mandii, Ginbii, Danbii Doolloo fi Gullisotti bittinneffamuun lukkele Wayyanee wareersaa jirachuutu gabaafame jira. uummannis waamicha dhaabni kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ABO irraa bifa garaagaran godhamaa jirutti gammachuu gudda qabachuu isa FDG mul’ifachuuf qophii xummuraa jiraachuu isaa gabaasa nu qaqqabe irra hubanne jirra.

Barattooti Mooraa Kolleejjii Barsiisota Kotobee Diddaa Gabrummaa Eegalan.

Aside

w1Guraandhala 26 mooraa Kolleejjii barsiisotaa kutaa magaalaa Finfinnee Kotobeetti argamu keessatti barattootni Oromoo dhimma qabxiin wal qabsiisanii diddaa kaasuudhaan mootummaan Wayyaanee diddaa kana qabbaneessuuf  jecha tikoota isaa mooraa kanatti remade jedha Qeerroon koollejjii mooraa barsiisota Kotobee irra.

Akka madda gabaasa Qeerroottii kaleessa Guraandhala 25 barattooti wal gayii teesisuudhaan qabxiilee ejjennoo lama kaayyatan.

  1. Kanaan booda qabxiin dhaabbataa (fixed) ta’a malee akka argannoo qabxii mitii kan jedhu barattootatti himanii waan jiraniif barattootni yaada kana hin fudhannu,nu miidhuu barbaannaan kallattiidhaan akkuma nu miidhaa jirtaniitti itti fufuu dandeessu gaggeeffamni qabxii akka kanaan duraatti itti fufuu qaba jedhuun gaafachuu fi yoo mootummaan kan dide barnoota dhaabuun gaaffiin mirgaa akka itti fufamu.
  2. Gaaffiin mirgaa biyya Itiyoophiyaa keessatti ka’ee jiru kan haqaa fi kan mirgaa waan ta’eef cinaa ni dhaabbanna. Hidhamtooti yakka malee maqaan siyaasaan hidhaman akka gadhiifaman,warri lafa irraa buqifaman qe’eetti akka deebi’an.

w2Kanneen jedhan yeroo ta’u barumsa dhiisanii mooraadhaa bahanii kan turan yoo tahu,har’as addatti diddaa bakka hundaatti eegalee jiruun wal qabsiisanii barattootni Oromoo mooraa kanatti argaman mooraa keessatti waraqaa qabsoo adda addaa maxxansuudhaan,fincila kaasanii kan turan yoo tahu waraanni Wayyaanee meeshaa guutuu qabachuudhaan doorsisaaf gara mooraa koollejjii kanaatti ramadamanii oolan guutummaa guyyaa har’aa.akkasuma akeekkachiisa dhumaa yoomiyyuu hin barbaannu hoogganamuu kan nu hoogganu qabna,rasaasaan nu fixuuf dhuftanii jedhuun gaafffii isaanii dabalataatiin ammas diddaa mooraa keessatti kan jabeessan yoo tahu barataan mooraadhaa hin bahu,waraanni Wayyaanee mooraa koollejjii kanaa marsee kan jiru ganamaa ka’ee halkan kanas kan itti fufee jiru tahuu isaa Qeerroon gabaasee jira.

Barattootni barumsaaf fedha akka dhabanii fi roorrifamuu irraa walaba tahuu feena kan jedhus dhaadannoo tikoota Wayyaaneetti dhageessisaa jiru,diddaan isaanii akka itti fufu gabaasaa Qeerroo irraa hubatama. FDG bakka hundaatti itti fufa!