Fincila Xumura Gabrummaa Hanga Hiree Murteeffannaatti

Fincila Xumura Gabrummaa Hanga Hiree Murteeffannaatti

(Caamsaa 16/2022 Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

cropped-qeerroo11-4.jpgQeerroon Bilisummaa Oromoo bara hundeeffama isaa irraa kaasee gaaffii bilisummaa Uummata Oromoo kaasuun qabsoo karaa nagaa gaggeessaa turuun ni beekama. Qabsoo hadhaawaa gaggeessuun sirna EPRDF waggaa 27f Oromoo cunqursaa ture buqqisee ture. Haa tau malee injifannoon dhiiga qeerroo itti dhangalae, lafeen qeerroo kumaatamaa itti caccabee fi lubbuun ilmaan Oromoo hedduu itti wareegame shira xaxameen deebiee abbaa irree harka gale.
Injifannoon kun kan butame yakkamtoota kanneen bara EPRDF ilmaan Oromoo gurguraa, ajjeesaa fi ajjeesisaa turaniin tauun beekamaadha. Yakkamtoonni harki isaanii dhiiga ilmaan Oromootiin laaqamaa ture kunneen gochaalee fi yakka suukkanneessa Ilmaan Oromoo irratti raawwataa turan gara jabina daangaa hin qabnee fi dachaan akka raawwatan taasisee jira. Waggoota afran darban kana keessa yakki waraanaa fi daguuggaa sanyii PPn Oromoo irratti raawwataa jirtu akka addunyaatti gocha fokkisaa kan galmee xuraawaa irratti galmaa’udha.
Waraanni Abiy Ahmadiin ajajaman guyya guyyaan ajjeechaa jumlaa ummata Oromoo meesha maleeyyii irratti gaggeessaa oolu. Ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeechaan jumlaa Salaalee aanaa Warra Jaarsoo, Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa, Gindabarat, kan Matakkal fi Walloo godaannisa yoomuu irraanfatamu miti. Godinaale Oromiyaa mara keessatti ajjeechaan wal fakkaataan waggoota afran dabran keessa yeroo adda addaatti raawwatamaa tureera. Manaa fi qabeenyi ummataa guyyuu gubamaa jira.
Faannoo fi hidhattootni Amaaraa Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, fi Sibuu Siree, Hoorroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu, Jaartee Jaardagaa , Lixa Shaggar Aanaa Daannoo fi Baha Shaggar Aanaa Fantaallee fi Boosat, akkasumas Salaalee Aanaa Darraa fi Warra Jaarsoo keessatti waraana PP waliin tahuun ummata qe’ee isaa keessatti jumlaan ajjeesuu, manaa fi qabeenya ummataa gubuudhaan kanneen kuma hedduu tahan qe’ee isaaniirraa buqqisuu fi loonii fi qabeenya saamuudhaan lafa Oromiyaa hedduu weeraraniiru.
Sirni abbaa irree Abbiy Ahmadiin durfamu kun waraana ormaa: loltoota Eritiiriyaa, faannoo fi miliishaa Amaaraa, akkasumas humna addaa naannoo Affaar fi Somaalee Oromiyaatti bobbaasee ajjeechaa gara jabeenyaa ummata Oromoorratti raawwataa jira.
Akkasumas PPn hongee fi qaalaiinsa jireenyaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuuun Oromoo fixaa jirti. Kibbaa fi Kibba Baha Oromiyaa keessatti balaa hongee murni aangoorra jiru fayyadameen horiin miiliyeena 2 (lama) ol dhumuun ummanni keenya hiyyummaa hamaa keessatti kufeera. Waan nyaatuu fi dhugu dhabuudhaanis ummanni keenya beelaan du’aa jira. Kun kanaan osoo jiruu guutummaa Oromiyaa keessatti qaala’iinsa jireenyaa murni maqaa [badhaadhinaa] ofitti moggaafate kun fideen ummanni waan nyaatuu fi ittiin jiraatu bitachuu hin dandeenye. Oomisha ummanni keenya qabu itti yaadanii rakasiisuun waan ummanni keenya gabaa irraa bitatu ammoo akka malee qaalessanii ummata keenya hiyyummaa hamaa keessatti kuffiisan. Kun ammoo tahe jedhanii Oromoo dinagdee keessaa dhiibanii baasuudhaan hiyyummaa keessatti tiksuuf kan raawwatame dha. Faallaa kanaa qabeenyuma Oromoo fi Oromiyaa saamaniin saboota alagaa fi biyyoota ormaaf qooduun ittiin hariiroo dippiloomaasii tolfatu. Darargeessa Oromoo humnaan qabanii, garii ammoo maallaqa xixiqqaatiin gowwomsuun maqaa Raayyaa ittisa biyyaa jedhuun torbanoota muraasa leenjisanii lolatti erguun aangoo isaanii tikfachuuf lubbuu ijoollee ol guddattuu akka baalaatti harcaasisaa oolu. Murni PP akkuma aangoo dhuunfateen Oromoo kutaadhaan qoodee walitti buusuuf dhagaan inni gara hin galchine hin jiru.
Sabboonummaa Oromoo balleessuufis hololaa fi duula waraanaatiin ijibbaataa jira. Amantaalee walitti buusee bu’aa siyaasaa irraa argachuufis waan hedduu hojjeteera.
Murni kun qabsoo karaa nagaa guutummaatti cufuunis hoogganoota, qondaalotaa fi miseensota Dhaabbilee siyaasaa Oromoo guutummaatti hidhaatti guuruun hedduus ajjeeseera. Waajjiraalee Dhaabbilee Siyaasaa Oromoos guutummaa cufuun qabeenya isaanii saamaa ture. Ilmaan Oromoo hirmaannaa siyaasaa hin qabne baadiyyaa fi magaalota Oromiyaa keessaa kumaatamaan lakkaawaman guuree hidhuudhaan mana hidhaa keessatti gocha suukanneessaa irratti raawwataa jira. Hedduu ammoo hidhaa keessaa baasuun ajjeesanii lagatti gatuun reeffa isaanii bineensa nyaachisaa jiran. Garii ammoo murtii dabaa itti murteessuun hidhaa keessatti hiraarsaa jiru. Kanneen osoo mana murtiitti hin dhiyaatiin waggaa tokkoo hanga sadii turanillee baayyeedha. Maqaa wabii maallaqaatiinis ilmaan hiyyeessaa karaa irraa qabanii nama tokkotti hanga Qarshii kuma jaatamaa (60,000) gaafachuun karaa kanaanis murni pp ummatarraa maallaqa saamaa jira. Roorroo fi cunqursaa hangana hin jidhamnetu ummata Oromoorratti raawwatamaa jira.
Kanaaf ajjeechaa fi dararaan kun ummata Oromoo irraa dhaabbatee bilisummaa isaa akka gonfatuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo Labsii Fincilila Xumura Gabrummaa hanga hiree murteeffannaatti jedhu gaafa guyyaa 16/05/2022 labsee jira.
Waammicha:
• Lammiilee Oromiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan maraaf
• Barattoota Oromiyaa sadaraa gadii kaasee hanga dhaabbilee barnootaa olaanoo
(Yunvarsiitiitti) jirtaniif.
• Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo maraaf.
• Miidiyaalee Oromoo fi kan Addnuyaa maraaf.
• Aktivistoota Oromoo maraaf.
• Hayyoota Oromoo maraaf.
• Hojjettoota Mootummaa fi Miti Mootummaaf maraaf.
• Artistoota fi sabboontoota Oromoo maraaf.
• Dhaabbilee Mirga namoomaa kan biyya keessaa fi alatti sochootan maraaf.
• Dhaabbilee Amantaa maraaf.
• Abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee Invastimantii ykn daldalaaf maraaf.
• Deggertoota qabsoo Bilisummaa Oromoo maraaf.
Waammicha QBO Oromoo Fincila Xumura Gabrummaa hanga Hiree Murteefannaatti labse kana ofitti fudhachuun qooda isinirraa eegamu akka bahattan waamicha Oromummaa isiniif dhiyeessina
Akeekkachiisa!
• Diinaaf deeggarsa diinagdee, siyaasaa fi waraanaa kanneen taasiftan
• Qaamoti nageenyaa, ummata keessaa baatanii mootummaa abbaa irree kanaaf ergamuun lammii keessan miidhaa jirtaniif
• Miseensota PP fi hojjettoota mootummaa sirna kanaaf deeggarsa adda addaa gochuun tajaajilaa jirtaniif
Barri Oromoon motummaa abbaa irree mataatti baatee, ilmaan isaa wareegaa, qabeenya isaa saamamaa fi qe’ee isaa irraa buqqaaa jiraatu amma xumuramee jira. Oromoon abbaa irree jalatti miidhamaa gabrummaa dhaloota dhufutti hin dabarsu. Kanaaf tumsa mootummaa shororkeessaa fi yakkamaa kanaaf taasiftan dhaabuun qabsoo ummataatti makamtanii Bilisummaa ummata keessanii akka mirkaneessitaniif QBO waamicha isa dhumaa isiniif taasisna.
Dhaabbilee biyya alaatiif
• Dhaabbilee investimantii fi daladala lammiilee biyya alaa
• Biyyootaa fi dhaabbilee mootummaa abbaa irree kanaaf tumsa taasiftan
• Imbaasiilee fi bakka buoota biyyoota adda addaa.
Mootummaan kuni mootummaa abbaa irree, dhiiga lammiilee biyyaatiin aangoo isaa dheereffataa jirudha. Filannoo sobaa gaggeessuun qofaa isaa dorgomee akka waan moateetti labsate. dhaabbilee fi mootummota biyyoota adda addaas sobuun deeggersa akka kennitaniif isin taasisaa jira.
Kanaafuu, mootummaa abbaa irree kana tumsuu dhaabuudhaan Qabsoo Bilisummaa ummanni keenya gaggeessu waliin akka dhaabbattan waamicha isiniif taasifna.
Dhumarratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo warraaqsa fincila xumura gabrummaa kana yommuu gaggeessu, roga Qabsoo Bilisummaa Oromoo mara walitti hidhuudhaan wareegama barbaachisu baasee gabrummaatti xumura gochuuf dirqama isaa ni ba’ata. Roga maraanuu qabsoo haqaa kan gaggeessan kamuu qooda fudhattootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo wal hubannootiin kaayyoo jaallan qaqqaaliin kumaatamaan irratti kitimaman galmaan ga’uuf murannoo fi of kenniinsaan akka warraaqan gad jabeessinee dhaamna.
INJIFANNOON UMMATA OROMOOF!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 16, 2022
Finfinnee, Oromiyaa

1 thought on “Fincila Xumura Gabrummaa Hanga Hiree Murteeffannaatti

Leave a comment