SBO Adoolessa 1,2018. Oduu, Gaaffii fi Deebii HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa Raadiyoo VOA Afaan Oromoo Waliin Waxabajjii 28, 2018 Taasisanii fi Haala Naannoo Banishangul Gumuuz Ilaalchisee Yaada Jiraataa Naannichaa Obbo Falmataa Nagaa SBOf laatan.

Aside

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Aside

Injifannoofi Galatni Kan uummata Oromoo Hundaafi Qeerroo Bilisummaa Oromooti!

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Manni Maree minsteerotaa Itoophiyaa ADWUIn Seeraa dabaa kan maqaa Labsii Shororkeessummaa jedhuun ABO, ONLF fi G7 ittin maqaa balleessuu cinatti labsii seeraa kana dahoo godhatee lammiilee keenya nagaa mirga sarbaa, dhiiga dhangalaasaa, lafee cabsaa, hidhaan gidirsaafi biyyarra ittin baqachiisa ture akka haqamu murteesseera. Uummatni Oromoo akka uummatattiifi jaarmiyaan qabsoo hadhooftuu wareegama qaalii gaafate gochuun injifannoo boonsaa qabsoon galmeeffameen icciitiin seeraa dabaa lammii keenya miidhaa ture saaxilamuun sirnachi dirqamee sadarkaa seeraa dabaa farra dhala namaa addatti farra uummata Oromoo ta’e kana haquu danda’ee jira. Dhugaan jiru jaqabuma iyyuu ABOn shororkeessaa akka hin taane sirriitti utuu beekanii jaalala guddaa uummatni Oromoo ABOf qabu irraa ka’uun Uummata Oromoo ittin miidhuuf ta’ee jedhamee labsii shira guddaan uummata keenyarra kaa’amedha. Continue reading

Jala Bultii Bilisummaa!! Magaalaa Dambi Doolloo

Aside

Wallagga Dambii Doolloon Alaabaa ABO Magaalaa Keessaa fi Handaaraan Balaliisuun Bilisummaa Dhandamaa Jiru. Ummanni Oromoo jala bultii Bilisummaa isaaf magaalaa fi baadiyyaalee isaa keessa alaabaa isaa fannifachuutti jira.

Uuummata nagaa irratti lola bananii nagaa biyyaa booressun amala bineensummaa qaban calaqisiisuudha

Aside

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee Oromiyaa

Waxabajji 27,2018

Sirni Mootummaa abbaa irree EPRDF/Wayyanee gochoota jallataa uummatarratti dalaguu itti fufsiisuun gochanni tibba kana uummata nagaa irratti raawwataa jiru gocha farrummaa isaa kan saaxiludha. Gocha faashistummaan uummata nagaa qabu nagaa isaa booressanii qee’eerraa buqqaasuun kan addunyaa har’aa keessatti balaaleffatu uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira. Gochaan kun hojiiwwaan isaanii kaleessaa kan dhoksaan ilma Oromoof Oromiyaa irra gahaa ture ifaan ifatti akka saaxilamu gochaa jira. Akeeka jallataa uummata waraanaan bituuf waraanaan bulchuu fuulleffatee kan jiru sirni waggaa 28 darban amaluma qabaataa ture dabalee Oromoo irratti agarsiisaa akkasuma afaan qawween bulchuuf akeekkatee hojiin agarsiisaa jira. Akeeka kana dura dhaabbachuun ilmi Oromoo kamuu akeeka halagaan mootummaan garboomsaa baafatee jiru dura dhaabbachuu qaba! Jenna. Continue reading

Ummanni Oromoo magaalaa Asoosaa keessa jiraatu Ajjeechaan irratti raawwatamaa jira.

Aside

Lolli guddaan uummata Oromoo Magaalaa Asoosaafi naannoo daangaa Beenishaangul Gumuuz jiraatu irratti gaggeeffaman jira. Uummata Oromoo dheengadda Aanaa Toongoo jiraatu irratti yakka waraanaa rawwatameef Mootummaa Naannoos ta’ee Mootummaan Federaalaa dirmannaa tokkollee hin godhiin jiran.
Magaalaa Asoosaa keessatti hidhattootni loltootni mootummaa dhukaasaan uummata gooluu, madheessuufi shororkeessuu erga eegalanii guyyoota sadii ol lakkoofsisa jira.
Mootummaan yakka waraana kana uummatarraa dhaabsisuuf tarkaanfiin fudhatama jiru hin jiru kan har’a Magaalaa Asoosaa keessatti gaggeeffama jiru lubbuun jiraattoota gagga’amaa jiraachuufi hedduun madeeffa kan jiran ta’uun hubatamera. Haalli yeroo ammaa MagaalaaAsoosaa keessatti yakki waraanaafi saboota ollaa uummata Oromoo irratti kakkasuun uummata keenyarratti fixinsa rawwacha jiran akkan hammaatadha.

Image may contain: one or more peopleImage may contain: 1 person, sitting

Sirna cunqursaa fi garboomfataa EPRDF harka lamaan Uummata Oromootti bobba’e ofirraa deebisuun dirqama Oromoo maraati!

Aside

Ijoo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Finfinnee Oromiyaa, Waxabajjii 26,2018

Garbummaa bar-dhibbee tokkoo fi walakkaa nurra lakkoofsiisaa jiru ofirraa qolachuuf wareegama gita hinqbane taasisaa, aarsaa Bilisummaa ofii gonfachuuf baasuu qabnu baasaa qabsoo jabaarra kan jiru Oromoon, hanga har’aa qabsoo isaa galiin utuu hingahin kan jiru ta’ullee ulaa Bilisummaa irra gahee jira. Adeemsa qabsoo Oromoo daandii ulfaataaf obsa fixachiisaa mara hulluuquun egeree uummataaf jecha qabsoo jiraachisuuf wareegama qaalii gootaawwan wareegaman kumootni, Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaati.

Akeeka qabsoo jallisanii gara maqsuun Oromoon akka waan Ithiyoophiyaa ijaaruuf lafee cabaa tureetti, Oromoon akka waan faajjii garboonfataa kan ta’e faajjii Ithiyoophiyaa jalatti kufaa tureetti oduu tirrisuun qabsoo Oromoo jallisanii gara ijaarsa Ithiyoophiyaa kan sirna Oromoof qoodaaf bakka hinqabne ijaaruuf dhaloonni wareegama baasaa akkka tureetti ilaaluun yakka seenaaf ekeraan gootota Wareegamanii nama gaafatudha jedhee amana Qeerroon Bilisummaa Oromoo. Fedhii fi hawwii uummata aangoo irraan dhiibee isaan gahee tiksuuf dadhabanii gara fedhii mataa ofiitti harkisanii dhaloota Bilisummaaf qabsoorra jiru akka waan ijaarsa sirna EPRDF jajjabeessuuf akkasuma, ijaarsa sirna nama nyaata Mootummoota garboonfattoota durii deebisuuf wareegamaa turee fakkeessuun sharafa fotolikaan daandii Bilisummaa uummataatti diilloo garbummaa buusuuf kan oolu malee kan uummataaf tattaafatamu miti.

 

Qabsoo Uummata Sharafanii Gara Dabarsuun, Utuu Ajjeesanii Uummata Oromoo Garbummaa Keessatti Tiksuuf Akeekni EPRDF/Wayyaaneen Qabatee Jiru Qabsoon Irra Aanama Dhaaltummaa hangafoota isaarraa dhaaleen, mootummaan Wayyaanee sirni EPRDF akeeka qabsoo uummata Oromoo sharafuun garbummaa keessatti uummata tiksuu irratti fuulleffatee sochiitti jira. Amna qabsoo dheeraa Wayyaanee waliin goone kana keessatti, tarkaanfiiwwan waraanaa kallattiin uummatarratti adeemsiisaa hanga ammaa waraanaan nu bitaa jiraachuun isaas waan ifaati. Qabsoo Oromoo gama waraanaan dhaabuuf carraaqqiin waggoota afran darban walitti fufiinsaan ajjeechaa Mootummaan Oromoo xiqqaa hanga guddaa irratti taasisaa ture kan sadarkaa jechaa qofaaniin himamee bira darbamu miti. Haala kamiinuu qabsoo Oromoo meeshaan waraanaa ammayyaa dhaabuu akka hindandenye dheebottoonni Bilisummaa kanneen garbummaan na gaha jedhan qabsoo saba ofiitti firii gochuuf rasaasa fuuldura dhaabatanii sagalee dhageessisaa addunyaaf diinummaa Mootummichaa saaxilaa yoona gahaniiru. Qabsoo uummanni Oromoo wareegama ulfaataan dhaadannoo “Bilisummaa barbaadna!” Jedhuun hanga ammaa Faajjii isaa qabatee taasisaa jiru utuu arganii kanneen garbummaa keessatti Oromoo tiksuu fedhan kan fedhii uummataarra dantaa isaanii eegsisu uummatatti lallabuun gara sossoobbiitti deebi’anii jiru. Qabsoo Oromoo waraanni dadhaabe sossoobbaan dhaabuuf yaaluun bakakkaa samii lakkisee bu’aa jiru samiitti oldeebisuun walkipha. Akeeka fakkeesssiin uummata bituuf garboonfata baafatee kana dura dhaabbachuuf qabsoo Qeerroo Bilisummaa dhawatumaan guddachuun murteessaa ta’uu Qeerroon hubachiisa!.

Mootummaan gita bittuu Wayyaanee/EPRDF guutummaa Oromiyaa addatti daangaawwan Oromiyaa irraan duula waraana dhaabbataa qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti taasisaa yoona gaheen hanga ammaa fandalee qabsoo Oromoo waliin tiraatuun; qabsoo Oromootti danqaa ta’uuf akeekni garboonfataan guyyuutirraa baafataa jiru humna qabsoo uummataa kan hincaalle ta’uuf qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO durfamu kan guutummaa Oromoo makatu kan hincaalle ta’uu irra deebiin Qeerroon hubachiisa. Daangaawwan Oromiyaa irratti lola banee jiru dhaabuurra, lubbuu Oromoo baasuu irratti, daangaa Oromoo cicciree akka fedhiisaatti gurgurachuu itti fufuun Mootummaa kan uummata onnachiisudha. Ajjeechaa jumulaa/deettii/ bakkoota hedduutti sirna EPRDF raawwataa jiru dhaabuurra gara hookkara olaanaatti ceesisuuf waraana qabu Agaaziidhaan uummatatti dhaadachuurra taree duula ifaan uummata Oromoo irratti banameen Uummati balaan Oromoo kallattii maraan sirna ERPDFn buqqaa jiraatuun haqni kun akka salphaatti hubatamu qeerroon ni amana.

Sirna garboomfataa har’aa qofa odoo hin taane sirnoota darban keessattis Oromoon kan qe’ee isaa irratti ajjeefamaa ture yoo tau har’aan tanas Oromoon lafa ashaaraa seenaa fi duudhaa akkasumas kan safuu isaa irraa qabu sirna kanaan maqaa Itoophiyaa Somaalee jedhuun kan moggaafamte keessaa Oromoon miliyoona tokko caalu buqqauun;Karaa Kibbaa Oromoon Gujii fi Booranaa,karaa Oromiyaa Bahaa Haragee fi Karaa Lixaatiin waraannii sirna AWDUI ofiin jedhu ifaan uummata Oromoo buqqisaa jiru.Haalli kun harka tokkoon maa taa kan jedhuuf sirni EPRDF/AWDUI ta’e jedhee humna Oromoo dadhabsiisuu fi akeeka Qeerroo Bilisummaa Oromoo laamshessuuf yaalameeti. Oromoo hiyyoomee fi rakkatu arguun Oromoo qe’ee isaa irratti beelauu fi dheebotu arguun fedhii fi sagantaa Habashootaati. Oromoo hiyyoomee fi rakkatu arguun Oromoo qeee isaa irratti beela’uu fi dheebotu arguun fedhii fi sagantaa Habashootaati.

Weerarri sirna garboomfattoota kanaa haala dawweessaa ta’ee fi afaan dhadhaa godhatanii uummata Oromoo moogaasuu kan jalqaban har’aa miti. Ilmaan Oromoo sirna ofiitti fudhatanii warra akka nama qullaa deemuutti Oromummaa ofii gatee Itoophiyaa maqaa faarsuun handhuura biyya abbaa isaa irratti afaan isaa dhiisee kan afaan isaanii haasayu,Oromummaa ofii abaaree kan Itoophiyaa Immiyyee Minilik isaanii ijaare faarsu arguun dharraa Habashootaa isa olaanaadha. Humnooti Habashaa seenaadhumaan yeroo aangoof wal waraanan humna Oromootti dhimma bahaa turan.Har’as wareegama Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaabasaa fi uummata bal’aa Oromoo waliin itti wareegamee hanga sirnicha barbadeessuttii geessise kana kanneen ofii isaanii sammuu fi qalbii keessaa fuudhanii Itoophiyummaa itti kennaniin qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo qaxxaamuruuf akeekkatanii kaan roga kanaan hanga ammaatti buaa bahiin garboomfattooti sirnichaa hin basin hin jiru.

Abjuun sirni garboomfataa kun itti jirus adda tokko ta’ee teessoo wal jijjiiruun wal harkaa fuudhinsa aangoo fakkeessuu fi qabsoo saba bal’aa qaxxaamuraan irra aanuuf yaaliin taasisan gonkumaa kan itti milkaayan akka hin taane fi harki inni jalqabaa isaan ittiin qabsoo qabachuuf yaalan Qeerroon ciqilee dhahee akka harkaa baasuu ,akeeka wareegama baasaa hara gaheef akka milkeessu hubachiisa. Harki Habashootaa gama lammataan waraana dhokataa duubaan saba Oromoo waraanuu(out flanking) taasisuudha. Sirnichi Oromoo Impaayerichaaf akka diinaatti kan ilaalu yoo tau, akkuma olitti tuqne Oromoon nageenyaa fi tasgabbiin jiraatee badhaadhinaa fi gamtaan ka’ee jennaan Ipmaayera afaan qawween itti isa galchine keessaa yaaa soda jedhurraa humni Habashootaa waraana maqaa biyyaalessaan ijaaruun uummata Oromoo duubaan waraanaa jira.Waxabajji 25/2018 Maa’oo Koomoo fi Asoosaa keessatti dhimmi Oromoon waraana raayyaa Ittisa Itoophiyaa fi humna poolisii Somaaleen kan rukutameef kanuma.Gara saba Sidaamaan yoo ijaalle walitti buiinsa Sidaamaa fi Walaayittaa gidduutti kabajaa ayyaana Cimbalalaa irratti dhalateef hooggantooti Naannichaa aangoo yoo gadi dhiisan hanga godinaa fi magaalotaatti,namooti 200 gahan kan badii kana dalagan jedhaman immoo to’atamanii jiru. Haa ta’u malee,gara Oromiyaatiin Oromoo kallattii afraniin waraanamaa jiruuf kan to’atamee fi seeratti dhiyaate hin jiru. Kunis giti bittaa EPRDF/ADWUIn ta’e jedhee saganteessuun Oromoo fi Oromiyaa irratti weerara bane akka jiru hubachiisa. Akkuma olitti kallattii harka lamaan Oromoo waraansisuun Itoophiyaa keessatti Oromoo harka kennachiisuun bituun akeekaa fi kaayyoo Habashootaa ta’e Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee morma balaaleffata. Duula karaa lamaan uummata Oromoo irratti aggaamame kanas wal hubachuu fi wal dhagahuun sirna Itoophiyaa fi ilaalcha anatu siif beekaa walitti si idaana /መደመር/ maqaa jedhuun Oromoon sirna Gadaa kan moggaasaa fi guddifachaa mataa ofii isaatii kan qabu akka itti ofitti nama dhuunfaa hanga sabaatti dabaluu danda’u seeraa fi duudhaa mataa ofii isaa kan qabu saba jabaa fi sirna Bulchiinsa Gadaa of harkaa qabu malee uummata sirbaan lafa qaacceessee eenyummaa ofii jijjiiru miti.

Kan isa barbaade ofitti ida’uuf/dabaluuf/ sirna Caffee fi lallaba mataa isaatii alagaaf kan baase abbaan fedhe kan itti galu,kan hin feene firoomaa fi nageenyaan isa wajjin itti jiraatu kan qabudha kanaaf sirbaan lafa dhiichisuun qabsoo Oromoo gara dabarsuun akeekaa fi kallattii isaa jijjiirsisuun akka hin danda’amne Qeerroon ammas gadi jabeessee hubachiisa.

Dhumarratti Oromoon waraana qorqalbii,diinagdee fi hawaasummaaa akkasumas fotolikaa isa irratti wal ijaaree Itoophiyaa lafee biyya isaaf wareegama gootota isaa nyaataa yoon geese jalaa bahuu qaba.Kanaaf immoo kaayyoo ganama qabatee wareegamaa yoona gahee fi wareegama gootota ganamaa milkeessuuf akka hojjatu,uummata bal’aa isaa wajjin haalli fotolikaa Impaayerichaa ilmaan Oromoof baraarama kan hin laanneefi Qeerroonis ofirraa qolachuu qabaan dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Oromooti Sirna cunqursaa fi garboomfataa EPRDF harka lamaan Uummata Oromootti bobba’e ofirraa deebisuun dirqama Oromoo maraati!

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !

Injifannoo Ummata Oromoof !

Qeerroo Bilisummaa Oromo

Warraaqsa Jijjiiramal Bu’uuraa Dorrobe Gatachiisuuf Duula Godhamu Callisnee Hin Ilaallu

Aside

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo, Waxabajjii 25, 2018)

Warraaqsa bara 1974 Impaayera Itoophiyaa raasee sirna Nugusummaatti xumura godheef sababootnii fi humnootni adda addaa jiraatanis kan akka qabsoo diddaa gabrummaa Saba Oromootti qooda ol’aanaa qabaate hin turre. Diddaan ummatni Oromoo Raayyaa, Daawwee fi Baalee keessatti hidhannoodhaan mootummaa Hailasillaasee dura dhaabbachuudhaan agarsiise kanaaf ragaa dha. Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi Sochii Afran Qalloo hundeessuu dabalatee sochiin qabsaawotni ilmaan Saba Oromoo sirna mooticha Hailasillaasee irratti qabsaawuudhaan mirga Saba isaanii kabajsiisuuf taasisanis ragaa biroo ti. Finciloota sirna qubattootaa irratti qotee bulaa Oromoo Arsii, Salaalee fi bakkoota adda addaatti geggeeffaman, Dhaadannoon “Lafti kan Qotee bulaa haa tahuu!” jedhu ummta keessa faca’uu dabalatee qabsoo bifoota kanaan (hidhannoo fi hidhannoo malee) ilmaan Oromoo geggeessaa turanii fi wareegama qaqqaalii qabsoo kana keessatti baafamaa tureetu wal irratti kuufamee warraaqsa bara 1974tiif bu’uuraa fi humna jabaa tahe.

Dargiin bu’aa warraaqsa sanaa afaan qawweetiin butate warraaqsa jijjiirama bu’uuraa fi bilisummaa ummatootaa dorrobee ture sana gatachiise. Dargiin dhaadannoo gurra ummatoota cunqurfamoo harkisu kan akka “Lafti qottootaaf haa tahu” jedhutti dhimma bahee yeroo murtaaweef deggersa ummatoota cunqurfamoo bal’inaan horachuu danda’e. Sanan dabalata dhaadannoo “Itoophiyaan haa dursitu !” jedhu jalatti dahachuudhaan gaaffii bilisummaa fi kan mirga dimokiraasii ummatootaa ukkaamsee fedhii aangoo fi akeeka siyaasaa qaamota muraasaa galmaan gahuuf duula cimaa eegale. Akkanaanis lubbuun ilmaan biyyaa akka baala mukaatti harca’e. Tarkaanfii maqaa “Goolii diimaa/Qayyi shibbir” jedhuu fi lola waggoota 17 guutuu karaa Kaabaa humnoota Bilisummaa Ertiraa fi Tigiray wajjin, karaa Bahaa fi Dhihaa Adda Bilisummaa Oromoo wajjin Dargiin geggeesseen lubbuun dhala namaa kuma dhibbootaan lakkaawamuu fi qabeenyi biyyaa herreguuf hin salphanne barbadaawe.

Mootummaan Dargii sana hunda oggaa raaw’achaa turetti dhaadannoon inni dhageessisee ummata of duukaa hiriirsuuf itti dhimma bahaa ture kan Tokkummaa Itoophiyummaa leellisuu ti. Akkanaanis inni/Dargiin akka humna tokkicha jaalala biyyaa qabuu fi tokkummaa fi wal qixxummaa ummatootaaf dhaabbateetti, humnootni isa morman hundi ammoo warra biyya diiguuf deemu, warra nagaa ummataa hin jaallanne, warra mootummoota birootiin bitamee ykn. qacaramee Itoophiyaa diiguuf ergame, dhiphoo ‘waanbadee’…fi kkf. akka tahanitti waggaa 17 guutuu ololamaa bahe.

Bu’aa wareegamaa fi qabsoo ummatootaa afaan qawweetiin butatee warraaqsa jijjiirama dorrobee ture kan gatachiise mootummaan Dargii qabsoo bilisummaa Oromoo dabalatee qabsoo ummatootni akka Ertiraa, Tigray fi kanneen biroos geggeessaniin bara 1991tti burkutaawee dhabama tahe. Qabsoo mootummaa Dargii kuffisuuf godhame keessattis Oromoon lubbuu qabsaawota ilmaan isaa hedduu dirree lolaa fi manneen hidhaatti gabbaree jira. Haa tahu malee kufaatii Dargii kan 1991 boodas bu’aa wareegama qabsaawota ilmaan Oromoo fi kan saboota birootiin argame sana afaan qawweetiin butatee akeeka siyaasaa fi saamicha dinagdee murna ofiitiif kan oolfate humna TPLF/EPRDF kan caalmaa humna waraanaa qabutti gargaaramee aangoo dhuunfatee fi ergamtoota isaaf lukkee tahanii ummata keessaa dhalatanitti diinoman qofa.

Waggoota 27 dabran (bara aangoo EPRDF) fedhii aangoo siyaasaa fi saamicha dinagdee aangawoota TPLF fi lukkeewwan isaanii guutuuf jecha Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu fi gaaffii haqaa Sabni Oromoo bilisummaa ofiif kaase ukkaamsuuf lolli addaan hin citne Adda Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo irratti geggeeffamaa yoona gahe. Lola kanaa fi loloota biyyoota ollaa akka Ertiraa fi Somaaliyaatti fedhii siyaasaa fi dinagdee TPLF/EPRDF guutuuf geggeeffameen ammas akkuma bara Dargii lubbuun ilmaan ummatoota cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaawamu harca’e. Isa bara EPRDF kan bara Dargii irraa wanti adda taasisu miidhaan ummatoota kaan irra gahu akkuma jirutti tahee, Sabni Oromoo garuu akka Sabaatti addatti irratti qiyyaafatamee ajjeechaa, hidhaa, saamicha, qe’ee isaa irraa buqqifamuu fi miidhaa akaakuu adda addaatiif saaxilamuu isaa ti. Diinummaan TPLF/EPRDF kan Saba Oromoo irratti addatti xiyyeeffate kun ammoo Sabichis roorroo kana qolachuuf caalaatti xiiqeffatee Dhaaba isaa Adda Bilisummaa Oromoo faana hiriiruudhaan bilisummaa isaaf akka qabsaawu taasise. Akka kanaan waggoota 27 dabran roorroo mootummaan TPLF/EPRDF irraan gahu mormuudhaan ummatootni cunqurfamootni Impaayera Itoophiyaa hedduun bifa gara garaatiin qabsaawaa fi wareegama baasaa turuun dhugaa hin haalamne tahu illee kan akka Saba Oromootti mootummaa EPRDF irratti qabsaawee wareegama ulfaataa baase hin jiru.

Dhugaa kanaa olitti ibsame irraa wanti hubatamu hanga gaaffiin haqaa ummatootni bilisummaaf, mirga abbaa biyyummaaf, dimokiraasiif fi nagaaf kaasan deebii sirrii fi quubsaa argatee rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa kan akkaataa hundeeffama sirna mootummaa Impaayera Itoophiyaa irraa maddu akka waliigalaatti furmaata waaraa hin argatinitti, addatti ammoo, hanga gaaffiin bilisummaa Saba Oromoo guutummaatti deebii hin argatinitti Impaayera Itoophiyaa fi naannoo isiitti nagaa fi tasgabbiin bu’uu kan hin dandeenye tahuu isaa ti.

Yeroo ammaan tanaa qabsoo ummatootni cunqurfamoon Impaayera Itoophiyaa akka waliigalaatti bifa gara garaatiin geggeessaniin, keessattuu ammoo qabsoo ummatni Oromoo hoogganummaa Adda Bilisummaa Oromootiin geggeessaa jiruun mootummaan TPLF/EPRDF kan waggoota 27 dabran duula duguuginsa shanyii fi gochaa shoororkeessummaa ummata Oromoo fi ummatoota biroo hedduu irratti geggeessaa bahe irreen isaa laamsha’ee, keessi isaa tortoree kufaatiidhaaf afaan boollaa irra gahee jira. Mootummaa farra ummataa tahe kana irratti qabsaawanii sadarkaa kanaan gahuu keessatti, akkuma olitti jedhame, wareegamni ummatni keenya akka waliiglaatti baasee fi miseensotaa fi deggertootni ABO adda-durummaadhaan baasan qooda hundaa olii qaba. Keessumaa ammoo wareegamni dargaggootni ilmaan Ormoo (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) sochii Fincila Diddaa Gabrummaa fi Fincila Xumura Gabrummaa keessatti walitti fufiinsaan baasaa yoona gahan qooda addaa qaba.

Ummatni Oromoo akka waliigalaatti fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo addatti kan isaan warraaqsa kana geggeessaa jiran gaaffii fi dhaadannoo Bilisummaa Oromoo dhawwaaqaa Alaabaa mallattoo bilisummaa isaanii taate Alaabaa ABO/Oromoo balaliisaa ti. Dhugaan kun osoo ifatti beekamuu fi ija mootummootaa fi hawaasa Addunyaa duratti mul’achaa jiruu har’as qaanii tokko malee bu’aa wareegama ummata Oromoo fi kan ummatoota cunqurfamoo biroo butachuudhaan fedhii aangoo fi akeeka siyaasaa namootaa fi humnoota murtaawaniitiif oolchuudhaan warraaqsa jijjiirama bu’uuraa dorrobe kana gatachiisuuf yaaliin godhamaa jiru guddaa tahuu argaa jirra. Kunis kanuma bara mootummaa Dargii wajjin haala wal fakkaatuun Alaabaa Itoophiyaa fi dhaadannoo “Tokkummaa Itoophiyummaa” jettu jalatti dahatanii gaaffii haqaa kan bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biroo ukkaamsuuf yaaluudhaan of mul’isaa jira.

Adeemsi akkanaa kan dhaadannoo fi maqaa tokkummaa Itoophiyummaatiin gaaffii mirgaa fi bilisummaa ummatootaa ukkaamsuuf yaaluu kun hatattamaan yoo hin sirranne diigamiinsaa fi badiin inni naannoo kanatti hordofsiisuuf deemu ulfaataa taha. Yeroo ammaatti kan barabaachisu maddi rakkoo maal akka tahee fi furmaata waaraa argamsiisuuf wanneen godhamuu qaban maalfaa akka tahan, akkasumas, qaamotni adeemsa gara furmaata waaraatti taasifamu kana keessatti hirmaachifamuu qaban eenyufaa akka tahan sirriitti addaan baasanii tarkaafiilee gara furmaata waaraa sanatti geessan hojiidhaan lafa irratti fudhachuu eegaluu dha. Waan taheef, haalli siyaasaa Impaayera Itoophiyaa kan wareegamni qaaliin itti baafamee yeroo ammaa jijjiirama bu’uuraa dorrobee jiru kun humnoota akeeka siyaasaa fi saamicha dinagdee kan mataa isaanii galmaan gahachuuf jecha gatachiisuu barbaadaniin akkan hin gatanne taasisuudhaan haala jijjiiramni bu’uuraa fi furmaatni waaraan itti argamu mijeessuuf ummatootni, jaarmayooni, mootummootnii fi qaamotni dhimma kana keessatti qooda qaban hundi hafuura itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan gaafatama isaanii akka bahatan Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hubachiisa.

Miseensotaa fi deggertootni Adda Bilisummaa Oromoo waliigalatti, Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala adda taheen, akkasumas, ummatni bal’aan Oromoo kan dabre hunda irraa barachuudhaan qabsoo fi Warraaqsa Bilisummaa kan dhiigaa fi lafee keenyaan utubnee sadarkaa kanaan geenye gatachiisuuf kanneen foolatan itti dammaqnee shira isaanii hoongessuudhaan bilisummaa keenya mirkaneessuuf kan yeroo kamuu caalaatti jabaannee akka sochoonu Addi Bilisummaa Oromoo irra deebi’ee hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 25, 2018

SQ:- Injifannoo WBO Zoonii Dhihaa

Aside

[SQ, Waxabajji 25,2018] WBO’n Zoonii dhihaa, komishanari Adimaasuu 3F fi Oraalii tokko WBO adamsuuf Begiirra utuu deemaa jiruu tarkaanfii haleellaa WBO Zoonii dhiyaa Begii keessatti Sanbataduraa darbe fudhateen waraana kaan achumatti dhumuun Adimaasuun Harkarra rukutamee harka keessa darbeen raasaasni qaama seene.

Akka yaalamuuf Hospitaala Naqamteetti ergamee yaalii baqaksanii hodhuu utuu godhamaafii jiruu Diinni uummataa Komishinaarri Adimaasuun har’a Lubbuun darbuun Hospitaala Naqamteetii Reeffisaa baheera.

QABSOO OROMOO FI OROMOOTA MIRGA ABBAA BIYYUMMAA FALMSTAN

Aside

I. Imala Qabsoo Oromoo Kaleessaa, Kan Har’aaf kan fuuldura.

Moxobii/Seensa/Ittiin Lixa
Haalli qabsoo Oromoo kan gufuuwwaniif kufaatiiwwan jajjabaa qabaataa ture cicchoomina qabsaa’otaan raraaga qabsoo damdamachuun tinfa shiraaf tuullaa danqa qabsoo mara injifatee har’a irra gaheera. Imalli qabsaa’ota kaleessaa nuffisiisaa kan darbuu nii dandaa’ama hinjedhamne, imala qoree qabsoon bacaqaa/guutuu kan rakkoof gidiraa nuffisiisaan guute ture. Rakkoowwan kamiin injifachuuf kutannoo qabaachuu isaanii “rakkoo qabsoo keessatti nu mudatu kamiif hinjilbeenfannu” dhaadannoo jedhuun jilbaaf mogolee jaallaawwanii jabeeffataa har’a gahuun qabsaa’ota mirga abbaa biyyummaa kan haalamu miti. Roga qabsoo qabsiisuuf kanneen aarsaa ta’uun dirqama itti taanan aarsaa of godhan kanneen akka wareegamtoota shiinniigaa dabalatee qabsaa’oonni hedduun qabsoo jiraachisuuf of wareeguun bakka feesisuutti lubbuu isaanii gumaata godhanii uummata jaallataniif laatanii darbaniiru. Kun gabaabumatti qabsaa’ota Shinniigaatti shiftaan Sumaalee ajjeefte kanneen utuu Oromummaa ofii hinjijjiiriin, qabsoo mirga abbaa biyyumma hinsharafin lubbuun taranii qabsoo jiraachisan hammata. Akkasuma gootaawwan dirree jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo kanneen diina gogonbisaa diina harka buunee icciita qabsoof qabsaa’otaa laannee qabsoo hongeessuurra ofii duunee qabsoo jiraachifna jechuun lubbuu isaanii wareeganii qabsoo jiraachisan dabalata. Qabsoo keessa imala hadhooftuuf deemsa walxaxaaf nuffisiisaan kan guute kan galmi isaa dhamdhamuuf soorrachuuf nama hawwatuun guutuudha. Hededuma qabsoo kaleessaa irraa bu’aa ba’ii ulfaataa keessa akka darbamtu gooticha Oromoo Kaffaaloo Tafarraa kan dhiyeenya mana hiraarsaatii baherraa nuti dhaloonni haaraan akka waa hedduu barannu nan abdadha. Qabsoon Oromoo amna dheeraa adeemtee har’a sadarkaa gaaza guuttatee haala abdatamaan socho’u irra gahee jira. Qabsoo Gaaza guutattee ofiin adeemaa jiru qaamita hedduutu anatu oofaa jiraa jechuun wal cabsaa jiraachuusaaf mataan hedduun mumul’ahuu agarra. As keessatti ilmaan NioMinilik kanneen gumaaa hedduun irraa barbaadamus qabsoo kanatti akka ciminaan hirmaataa jiranitti osoo of dhaadessanii agarra. kana daangaa itti gochuuf eeggitii qabsoo isaaf murteessaan dhaloota har’aa kana. Egereen qabsoo ilma Oromoof intala Oromoo wareegama baasaa turtan harka jiraachuu isinii himuun fedha. Addi bilisummaa Oromoo qabsoo gaggeessuuf qabsoo isaan firiin argamaa jiru bu’aa qabsaa’otaaf uummata dila Oromoo ta’uu amana. Akkasuma kanneen isaan faallaa ammoo bu’aawwan qabsoo uummataan argamaa jiran akka jaarmiyaa isaanitti utuu dhaadessanii agarra. Qabsoo abbaa biyyummaa saba tokkoo qaama tokkoof jaarmiyaa tokkoon galii gaha ykn bu’aan argame kan jaarmiyaa tokkooti jedhanii ilaaluun daba. Keessattuu qaama diinatti maxxanee akka Silmii dhiiga sabaa xuuxaa tureef bu’aaf injifannoon kan isaaniiti jedhanii bu’aawwan qabsoon argaman diinaaf laachuun sharafa qabsooti.Sharafa qabsoo keessatti wareegamtoota ofii dagachuuf qabsaa’ota ofii dagachuutu dhufa. Kun Waaqaaf lafa gidduutti cubbuu seenaan nama gaafatudha.

1. Imala Qabsoo Kaleessaa fi Qabsaa’ota Kaleessaa

Qabsoon Oromoo kaleessaa akkuma moxobii irratti kaasuuf akeekkanne, rakkoowwan gidiraawwan hammaataa keessa darbee har’a irra gahe. Rakkoowwan kana mara damdamatee har’a gahuun qabsoo saba bal’aa kan qabsaa’ota gameeyyii qabsichatti cichanii jiran galateeffachiisuudha.Akkasuma gootota qabsoo kanaaf aarsaawwan ulfaataa kaffalaa turan kan nu yaadachiisuuf ekeraa isaanii du’aa kaasee kan kabachiisuudha. Qaamni uummata ofiif waan gaarii hojjetu kamuu hindu’u. Inni sabaaf qabsaa’uuf saba ofiif kulkulfatu ha gammadu inni jiraataa barabaraati. Inni saatii gantonniif galtuun maqaa waliin awwaalamanitti akka siidaa Aanolee uummata isaa keessaa dheeratee argama. Qabsoo Oromoo rukutuuf jechoota jajal’ataa kanneen akka dhiphummaaf jechoota ABO waliin wal hinsimne jechoota Shororkeessummaatti dabalanii qabsoo sabichaa balleessuuf daandiiwwan isaaniif aanja’e maraan habashoonni carraaqqii gurguddaa taasisaniiru. Habashoonni (Amaaraafi Tigireen) yeroo kamuu dhabama qabsoo Bilisummaa Ummata Oromoo irratti kallattiif alkallattiin hojjetu. kanarra darbanii qaama isaaniin ta’ee uummataaf waan gaarii yaadu kamiinuu balleessuuf ajjeesuu irratti fuulleffannoo hojii jajjabaa hojjetaniiru.

Habashaan kaleessaa Oromoo waan jedhame lafarra daguugee balleessuu irratti fuulleffannoon hojjete. Daguuggaawwan deettii/jumulaa ilmaan Oromoo irratti fudhachaa tureen leeylaa ilma Oromoo keessaa bahuu hindandeenye nurratti raawwateera raawwataas jira. Uummata Oromoo balleessuuf afaan Oromoo balleessuuf duula kallattiif alkallattii habashaan raawwataa tureen hanga har’aa Oromoon afaan Oromoo dubbachuu hindandeenye, Oromoo Raayyaa Azeeboo, Qobboo, Waanbaraa fi Yejjuu dabalatee Oromoonni Finfinee ragaawwan qabatamaadha. Oromoon akka Ani oromoodha hinjenneef duula alkallattiin nurratti banamaa tureen daftaroonni isaanii maqaa amnataa Orthodoksii dahoo godhatanii Bataskaan lafa jiila Oromootti babal’isuun akka Oromoon ofiisaa jibbittu Oromoo jecha jedhutti hiika fofokkataa laachuudhaan Oromoo ani Oromoodha jechuurra ani Amaara jechuu akka filatu taasisaa turaniiru. Intiin/anxaarriin yerosii kan duukaa dabartee hanga har’aa Oromoo nuti Sidaama jedhu baadiyyaawwan Oromiyaa hedduu keessa jiru. Kana Cabsuuf ABO’n obsaf kutannoodhaan Bahaa hanga Lixaa, Kaabaa hanga Kibbaatti hojii siyyaasa barsiisuuf Oromoo Oromummaa barsiisuu irratti wareefama isarra jiru mara kaffalaa yoona gaheera.

Imala ABO hanqisanii Oromoo Oromummaasaa dagachiisanii bituuf habashoonnii fi Araboonni wal hidhatanii hojjetaa turaniin Oromoo Kiristaanaaf Musiliima jechuun eenyummaasaa akka dagatee amantaa wal loluuf wal qoodutti soorrata isaallee akka walirraa deeboisee wal halagoomsu tika halagaan nurratti hojjetame. kana cabsuuf WBO ilma Oromoo keessa socho’ee ati eenyu? ani Kiristaana, ani Musiliima gaafa sabnisaa jedhu,obsumaan maaliif akkas jetta jedhee utuu hinyaariin ati oromoodha malee Musiliima ykn kiristaana miti yaada jedhu barsiisuu keessatti, afaan isaan akka barreessuuf barsiisuu keessatti qooda isarraa eegamu bahataa ture. qabsaa’onni ABO kaneen aantummaa sabaan qabsoof mAanaa bahan hedduunis qoqqooddaa halagaa kana cabsuuf hanga har’aa gamtaa’iina Oromoo jabeessanii dhaabuuf wal qabatanii wal faana bakka tokkotti Wareegamuun wareegama naannoo Shinniigaatti kaffalaniin tokkummaa oromoo raagessanii hanga har’aa qabsoon akka jiraatu kanneen godhan Waayillan Magarsaa Barii yoomiyyu kan Oromoo keessaa badan miti. Dhukaasni Elemoo Qilxuu “kun sagalee Bilisummaa Oromooti!” jedhee dhukaase hanga har’aa Oromiyaa guungumaa jiraataa jira.

Sagalee Bilisummaa gaafa sana dhagaa’ameen ilmaan Oromoo hanga har’aa falmarra jiran akka falmatan gochuu danda’eera. Imalli qabsoo Oromoo kaleessaa hedduu nuffisiisaa kan jaallan kutatoo qofa qabatee hanga har’aa jiraata jirudha.

Duuchaatti qabsoon wareegama ulfaataa gaafachuu ishees qabsaa’ota yeroo namni nuffee gatee biraa galu, yeroo hedduun dhiisee yaa’u itti chichanii dhaadannoo “hanga Bilisummaatti qabsoo itti fufna!” jedhu raagessan irraa nii hubanna. Qabsoon Oromoo imala nuffisiisaaf dheeraa qabaataa akkuma ture, qabsaa’onni Oromoo kaleessaas kutatoof chichoomoo uummata Oromoo jaallata kanneen tokkicha biyya abbaa isaanii Oromiyaa bilisoomsuuf lubbuu hinqusanne ta’uu asumaan hubachuu feesisa.

2. Qabsoo Oromoo har’aa fi Qabsaa’ota har’aa

Qabsoon Oromoo har’aa deemsa dheeraa baroottan darbaniin kan as gaheedha. Qabsoon har’aa ilma qabsoo kaleessaa abbaa qabsoo boriif abbaa Bilisummaaati. Oromoon gaafa mammaaku Oromoon ilma sadii dhalcha jedha:
1. . Ilma isa Caalu
2. Ilma Isa Dhaalu
3. Ilma Isa dhaanu
egaa qabsoon Oromoos akkuma ilma Oromoo waa kana hunda qabaachuu ishee hubachuu feesisa. Qabsoon Oromoo har’aa, qabsoo akeekaa kaleessaa qabatee akeeka caaluun galmaan gahuuf karoora qabatee itti chichee jiru, kan akeeka kaleessaa dhaalee jiruuf, qabsoo akeeka kaleesaa dhaanuun maanoo qabsoo Oromoo balleessuuf jedhu qabatee jira. Qabsoo har’aa kana roga mataa mataa isaatiin itti gargaaramuu baannaan, callisnee gugksinee harka rukutuu qofaan kan goolabuuf jennu taanaan akeeka qabsoo kaleessaa keessaa kan nu baasu ta’uu beekuu nu gaafata.

qabsoon qabsoo kaleessaa caalu akka gaggeeffamu nu warra lubbuun jiru qofa utuu hintaane ekeraa wareegamtootaatu fedha hawwas. kaayyoo Bilisummaa isaan kufaniif sharafuun gara akeeka garboonfataa suphuun garbummaa qancarsuu utuu beeknus utuu hinbeekinis itti seenuun hinfeesisu. qaama sirna kaleessaa nutti faarsu faana dibee dhahuun wareegamaaa keenya bool’a keessatti yakkamaa taasisuudha. Qaamni sirna kaleessa nu cunqursaa ture nutti faarsu isa ekeeraa wareegamtoota sirna cunqursaa sana didanii lubbuun darbanii lafa jiranitti abaaruun waltokkuma.
Akeekni qabsoo Oromoo kan sharafaa humaatuu hinqabne akeeka Bilisummaaf faajjii mataa ofii jala buluuti. kanammoo guyyaa gara guyyaatti Oromoon bahee agarsiisaa jira. Fedhii uummataan ala adeemuun Qurxummii galaanaan alaa, sinbira qoochoo hinqabme nama taasia. Qabsoo Oromoo Bilisummaa Oromiyaa sharafanii gara ijaarsa Ithiyoopiyaatti naanneessun Seeraanis seenaanis kan nama gaafachiisudha.

Oromoo sirna Cunqursaa balaalefachuun ofii biyyoo ta’ee albuuda Oromiyaa kan Oromoon ilmisaa irraa sorratu ta’uuf daangaa biyya abbaasaa daangaa Oromiyaa sararuuf Qawwee qabatee baddaaf gammoojjiin bahuun “Faashiniin qawwee hafeera” jechaa ofimmoo Qawween dhala Oromoo daguuguun gowwummaa ofii qaban cinatti Oromoo gowwomsuuf ammoo carraaquu waliin tokko. Sirna Ithiyoophiyaa har’aa cina darbanii sirna nama nyaataa kaleessaa Minilik dabalatee Oromoof waltajjii Oromoon qooda irraa fudhatu irratti lallabuun tuffii Ummata Oromoof maal fiddii jechuun nu xiqqeessuuf yaaludha jennee amanna. Afaaniin Tokkummaa lallabaa, afaaniin karaa nagaa jechaa waraana WBO tti bobbaasanii bakka Waraana bilisummaa Oromoo barbaadanii barbadeessuuf adeemuun siyyaasa yeroof of dhaadessuuf itti dhimma bahan malee siyyaasa daandii nama dabarsu miti. Oromoon “karaan Sobaan darban gala nama dhiba” jedha. Uummata sobuuf gowwomsuu yaaluun eessanuu nama hingahu. Waraana uummataatti dhukaasaa uummataaf aantummaa qabna jechuun waan wal hinfakkaannee rakasha siyyaasaati.

qabsoo har’aa daddaaqsisuuf ona WBO fi ABO itti argatan mara sakattaa’anii kaan ajjeessaa, kaan doorsiisaa fuula miidiyaatiin nagaa lallaabuun gaafa icciitiin kun uummata mara biratti saaxilamaa adeemu uummatuma har’a harka rukutuufin kabalamuutti dhufama. kanaaf qondaalota OPDO kaneen waan aantummaa sabaa qabdan fakkaachaa, waan Tokkummaa lallabdan fakkaachaa foddaa TV qofaan lallabdan egeree keessaniif wayyoo.Yoo dhugumaan jiraachuu feetan waan dubbattan hojjedhaa! waan hinojjetin akka waan hojjetaa jirtaniitti uummata burjaajessuuf yaaluun gowwummaadha jenna.
2.2. Qabsaa’ota Oromoo har’aa

Qabsaa’ota Oromoo har’aa Oromoon hamanatti nii beeka jechuun ni ulfaata. Sababaan qabsaa’aan uummatichaa of mul’isuuf ittiin ofjajuuf waan socho’u matumaa hinqabu. Hojii inni qabsoo keessatti hojjetu martuu kan jaarmiyaa isaatiif kan uummataa ta’uutti amana malee kan dhuunfaasa kan inni ittiin deemee nama harka rukuchiifatu akka ta’etti ilaaluufis qabsoo hinseenne ilaalaas hinjiru. Kanaaf yeroo hedduu qabsoo qofa gaggeessuuf daandii qabsoo ciruu qofa irratti kan fuulleefateef daandii qabsoo qofa baasuuf yeroo kan hinqabne ta’uuf miidiyaa irra kan hinjirre ta’uu asumaan himuu feena. Qaama mootora qabsoo ta’e kana diinnis firris baruun ammaaf yeroon isaa hingenye, kanaaf hanganatti qabsaa’aa isaa beekuu dhabuun tarii akkanni qaamota diinaaf ergamaa turaniif diina tajaajiluu irrayyuu sirna Minilik kaleessaa nutti faarsan akka leellisan taasiseera qaamota muraasa.

Qabsoon Qeerroon itti jiru qabsoo qaama ykn jaarmiyaa tokko utuu hintaane qabsoo sirna EPRDF/TPLF malee kan jaarmiyaa tokkoo qofaa mitii. AkkaTigiroota qofa irratti qabsaa’aa jirruutti kanneen ilaalta miti. Nuti sirna EPRDF guutummaatti hundeen buqqaa’uuf jijjiirraa sirnaaf wareegama kaffalaa dhufne. Qaamonni hubannaan kun itti hir’atu utuu hinbeekin diinaaf dibbee dhahuu malu, gaddaaf gadadoon uummata Oromoon irraa gaafa Sirni kun hundeen galagalee Mootummaan Ce’umsaa nageenya biyyattii mirkaneessu kan ABO makate akka dhaabbatuuf qabsootti jirra. Waamichi ABO akka waan taasifameetti fudhatee qaamni uummata Oromoo keessaa gowwonfamaa jiru yoo jiraate kan siyyaasaaf garboomsaan waltajjiirra taa’ee waraan xiqqeessaa irra deddeebiin “faashiniin qawwee hafeera” jechaa haasaa hokkora biraa uumu dubbata waltajjii ho’ifateen gowwomuun hinfeesisu. Nageenya biyyatti booressaa kan jiru Muummee Ministeera biyyattii irraa qabee qaama sakattaa WBO sochiitti jiruuf uummata ajjeesuu itti fuulleefatee jirudha.

3. Qabsoof Qabsaa’ota Borii
Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis walgaan Kooraa dhuma! akkuma jedhamu, shirri halagaa baay’atus dhalootaan Ithiiyoophiyaa nunyaachaa turte fudhu jechuun kan rakkoo furudha jedhanii tilmaamuun, WBO balleesssuun kan rakkoon furamudha jedhanii waan hindandeenye dhiibuun akka nama galaana Abbayyaa goksuuf humnaan ol wixxisuuti. Uumata Oromoo garboonfataatti abidda ta’ee isaan gubaa jiru jalaa bahuuf qabsoo uummatichaa gara dabarsuun akka waan muudama OPDOf qabsaa’a turee gakkeessuuf yaaluurra ABO waliin bakka qaamni sadaffaa jirutti rakkoo jiru furuuf mootummaa ce’umsaa dhaabuun isa fardiidha. kana didus humnaan waan dhufan taanan humnaanis cabsee mo’uuf humni Oromoo Tokkummaan jiru kun WBO waliin kan Bilisumnmaa biran geessudha. kanaaf egereen Oromoof qabsaa’otaa ifadha.

Horaa Bulaa
Qalbeess Dhangi’aa
Waxabajji 23, 2018
Finfinnee Oromiyaa

SBO: Waxabajjii 24 bara 2018. Oduu, Gaaffii fi Deebii Raadiyoon Sagalee Ameerikaa(VOA) Haala yeroo irratti Hayyu-duree ABO Jaal Daawud Ibsaa waliin Taasisee fi Gabaasaa Gumaacha WBOf Taasifame irratti qindaa’e.

Aside

የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ስራ- ኣስፈጻሚ ኮሚቴ ስብሰባ የኣቋም መግለጫ (ከሰኔ 9 – 19 ቀን 2018 ዓም)

Aside

(SBO/VOL- ሰኔ 21/2018ዓም): የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ስራ ኣስፈጻሚ ኮምቴ የድህረ 4ኛ ጠቅላላ ጉባዔ 2ኛ መደበኛ ስብሰባውን ከሰኔ 9 – 19 ቀን 2018ዓም ኣካሂዶ በስኬትና በድል ኣጠናቋል። የስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴው በዚህ ስብሰባ የሊቀ-መንበሩን ጽ/ቤትና የየዘርፎቹን ሪፖርት ኣድምጦ ከመገምገሙም በተጨማሪ በስራ-ኣስፈጻሚ ኮሚቴው ስብሰባ ዋዜማ በኦሮሞ ምሁራንና በኦነግ ኣመራር መካከል በተካሄደው የፖሊሲ ጉዳዮች የምክክር ኮንፈረንስ(Policy Consultation Conference) ላይም ተወያይቶ ኣስፈላጊውን ውሳኔ ኣሳልፏል። በመቀጠልም በኦሮሞ ህዝብና በኦሮሞ የነጻነት ትግል፣ የኢትዮጵያ ኢምፓዬር ስርዓት ወቅታዊ ሁኔታ እንዲሁም በቀጠናችንና የኣለምኣቀፍ ሁኔታዎች ላይ ሰፊና በሳል ትንታኔና ውይይት ኣካሂዶ ከዚህ በታች ያለውን የኣቋም መግለጫ በማውጣት ስብሰባውን ኣጠናቋል።

የኦሮሞን ህዝብና የኦሮሞ የነጻነት ትግልን በተመለከተ

የኦሮሞ ህዝብ በጠመንጃ ኣፈሙዝ የተነፈገውን ነጻነቱን መልሶ በመጎናጸፍ በሃገሩ፡ ኦሮሚያ፡ ላይ እንደህዝብ ያለውን መብት ሙሉ በሙሉ ኣስከብሮ ለመኖር ለዓመታት የነጻነት ትግል ሲያካሄድ ነበር፥ ዛሬም በማካሄድ ላይ ይገኛል። ለነጻነት እያካሄደ በላው በዚህ ፍትሓዊ ትግልም ከጊዜ ወደ ጊዜ ኣመርቂ ድሎችን እያስመዘገበ ነው። የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት፣ ቄሮ ቢሊሱማ ኦሮሞ፣ በሃገር ቤትና በውጪ ሃገራት የሚገኙ የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ኣባላትና ደጋፊዎች ኣልፎም ባጠቃላይ ሰፊው የኦሮሞ ህዝብ የህይወት መስዋዕትነት፣ የኣካል መጉደል፣ የረጅም ዓመታ እስርና የመሳሰሉትን መስዋዕትነቶች እየከፈሉበት በከፍተኛ ቆራጥነትና ጽናት ያለማቋረጥ ያካሄዱት መራር ትግል ጠላትን ኣናግቶ፣ በብዙ ሺዎች የሚቆጠሩ የፖለቲካ እስረኞች ከኢትዮጵያ ወህኒ ቤቶች እንዲለቀቁ የኢሕኣዴግ መንግስትን ኣስገድዷል።
ይሁን እንጂ በኢትዮጵያ ኢምፓዬር ስርዓት በህዝባችን ላይ የተዘረጋው ጭቆና፣ የመከላከያ ሃይል፣ የደህንነትና የኢኮኖሚ ዝርፊያ መዋቅር ዛሬም እንደቀጠለ ነው። ይህንን በመገንዘብ የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግልን ዛሬ ከደረሰበት ደረጃ ወደፊት በማራመድ የህዝባችንን የነጻነት ዕለት ለማቅረብ ሲባል የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትንና የቄሮን እንቅስቃሴ ከማጠናከር በተጨማሪ በሁሉም ረገድ የሚካሄደው ትግል በእጥፍ ድርብ እንዲፋፋም ለማድረግ በከፍተኛ ቆራጥነት እንዲሰራ የስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴው ወስኗል።

የኢትዮጵያ መንግስትን በተመለከተ

የኢህኣዴግ መንግስት ለራሱ ጥቅም ካቋቋመው የጦርና የደህንነት ሃይል መዋቅር በተጨማሪ በተለያዩ ክልል መስተዳድሮች ውስጥ ያሰለፋቸውን ኣጫፋሪዎቹን በመጠቀም በስልጣን ዘመኑ ሙሉ በሁሉም የኢትዮጵያ ኢምፓዬር ህዝቦች ላይ ባጠቃላይ፡ በተለይም ደግሞ በኦሮሞ ህዝብ ላይ ወደር የለሽ ጉዳት ሲፈጽም ቆየ። ይህ ከባድ ሰቆቃ፡ ውድ መስዋዕትነት በጠየቀ መራር ትግል ተመክቶ የኢህኣዴግን ሃይል እያዳከመና እያንበረከከ መጣ። ከዚህ ሁኔታ ውጥረት ውስጥ የገባው ኢትዮጵያን የሚያስተዳድረው ፓርቲ፡ ኢህኣዴግ፡ ሰሞኑን ተሃድሶ በሚል ስም ለውጥ የሚያስገኝ ኣስመስሎ እራሱን በማቅረብ ህዝቡ እውን የማይሆን ተስፋ እንዲሰንቅ ለማድረግ ኣሳሳችና ኣወናባጅ ዲስኩሮችን በስፋፍ በመንዛት ላይ ይገኛል። ይህ ፓርቲ በተግባር እየፈጸመ ያለው ግን ላለፉት 27 ዓመታት እጃቸው በደም የተጨማለቀ መሪዎቹንና ሹማምንቱን ከፊሉን እየሸለመና እያወደሰ ከግዴታቸው እያሳረፈ ከፊሉን ደግሞ ተጨማሪ ስልጣን መሾምና መንበረ-ስልጣን ላይ እንዲቀያየሩ ማድረግ ነው። እንዲህ ያለው ኣካሄድ ወደ ለውጥ የሚወስድ እርምጃ ሳይሆን ኢህኣዴግ የስልጣን ዘመኑን በማራዘም ላለፉት 27 ዓመታት በህዝቦች ላይ ሲያደርስ የነበረውን ጉዳት ኣሁንም ለማስቀጠል ሁኔታዎችን በማመቻቸት ላይ መሆኑን ብቻ የሚያሳይ መሆኑ በሁሉም መታወቅ ኣለበት።

ላለፉት 27 ዓመታት የኢትዮጵያን ኢምፓዬር ህዝቦች እያሰቃየ ያለው የፖለቲካ፣ የኢኮኖሚና የማህበራዊ ችግር ምንጩ የኢህኣዴግ ፓርቲ የተመሰረተበት የጸረ-ዲሞክራሲና ጸረ-ነጻነት ዓላማና ፖሊሲ ነው። ስለሆነም ኢህኣዴግ ለሱ ብቻ እንዲሆን ብሎ የመሰረተው የጦር፣ የደህንነት፣ የኢኮኖሚና የኣስተዳደር መዋቅር በህዝቦች ትግል ተቀይሮ ህዝቦች በነጻነት የሚበጃቸውን መንግስት መርጠው ለመተዳደር የሚያስችላቸው ሁኔታ እስከሚፈጠር ድረስ በዚህ መንግስት ስርዓትና መዋቅር ውስጥ ህዝቦችን የሚጠቅም ለውጥ ሊገኝ ኣይችልም። በመሆኑም ህዝባችን መሰረታዊ ለውጥ ለማገኘት ሲል እስከዛሬ ድረስ ውድ መስዋዕትነት ከፍሎበት ኣሁን ካለበት ደረጃ ያደረሰውን ትግሉን ኣጠናክሮ በመቀጠል ከግቡ ለማድረስ በርትቶ መንቀሳቀስ ኣለበት።

ከኢትዮጵያ እስር ቤቶች የተለቀቁ የኦሮሞ ዜጎችን በተመለከተ

ህዝባችን ባጠቃላይ በተለይም ደግሞ ቄሮ ቢሊሱማ ኦሮሞ፣ የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ኣባላት፣ ሌሎች የተጨቋኝ ህዝቦች ድርጅቶች በቀጣይነት በከፈሉት መስዋዕትነት በኦነግ ስምና ባጠቃላይ በኦሮሞ የነጻነት ትግል ስም ለዓመታት በኢህኣዴግ ወህኒ ቤቶች ውስጥ ሲሰቃዩ የነበሩ በብዚ ሺዎች የሚቆጠሩ የኦሮሞ ብሄርተኞችና የሌሎችም ተጨቋኝ ህዝቦች ተወላጆች ከቅርብ ጊዜ ወዲህ ከተለያዩ እስር ቤቶች መለቀቃቸውና ኣሁንም በየእስር ቤቶቹ ውስጥ የቀሩ መኖራቸው ይታወቃል።

ለህዝባችሁ ነጻነት ሲባል ያለኣንዳች ወንጀል በደባ ታስራችሁ ለስብዓዊ ፍጡር የማይገባ ሰቆቃ ሲፈጸምባችሁ የነበራችሁ፡ ከፊሎቻችሁ ለኣካል መጉደልና ለከፍተኛ የኣእምሮ መታወክ የተዳረጋችሁ ጀግኖች የኦሮሞ ብሄርተኞች ከእስር ቤቶች በህይወት በመውጣታችሁ እንኳን ደስ ኣላችሁ! እንኳን ደስ ኣለን! እያልን የከፈላችሁት መስዋዕትነት ከባድና ኣሰቃቂ ቢሆንም እናንተ ለጉዳት የተዳረጋችሁበት የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ኣብቦና ጎልብቶ ደጋፊዎችን በሚሊዮኖች ኣፍርቶ ህዝባችሁ በነጻነት ዋዜማ ላይ ደርሶ ማየታችሁ ኣስደሳችና የምትጽናኑበት ይሆናል ብለን ተስፋ እናደርጋለን።

ይሁን እንጂ በደባ ኣስሮኣችሁ ይህንን ሁሉ ሰቆቃ ያደረሱባችሁ ሰዎችና ኣካላት ህግ ፊት ቀርበው የሚገባቸውን ውሳኔ እስከሚያገኙና ለደረሰባችሁ ጉዳት ተገቢው ካሳ እስካልተሰጣችሁ ድረስ ፍትህ ኣግኝታችኋል ማለት ፈጽሞ የማይቻል መሆኑን የኦነግ ስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴ ኣጥብቆ ያስገነዝባል። በማከልም ዛሬም በኢህኣዴግ ወህኒ ቤቶች ውስጥ ቀርተው ሰቆቃው እየተፈጸመባቸው ያሉትና የት እንደገቡ ያልታወቁት ሁሉ ያለኣንዳች ቅድመ-ሁኔታ በኣስቸኳይ እንዲለቀቁና ሁኔታቸው ለህዝቡ ይፋ እንዲሆን የስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴው ኣጥብቆ ይጠይቃል። ህዝባችንም በበኩሉ ነጻነቱን ሊያጎናጽፉት ሲሉ ከባድ ጉዳት ሲደርስባቸው የነበረውን እነዚህን ጀግኖች ልጆቹን በሚገባቸው ፍቅርና ክብር ተንከባክቦ በመያዝ ሞራላቸውን እንዲያጠናክርና በኣስፈላጊው ሁሉ እንዲደርስላቸው የስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴው ኣጥብቆ መልእክቱን ያስተላላፋል።

ኢህኣዴግ በህዝባች መካከል እያስፋፋ ያለውን ጦርነት በተመለከተ

የኦሮሞን መሬት በሁሉም ኣቅጣጫ ቆራርሶ ለባዕዳን በማከፋፈል ኦሮሚያን የሚቻላቸውን ያህል ማጥበብና የኦሮሞን ህዝብ ዲሞግራፊ መቀየር ኢህኣዴግ እንደፖሊሲ ኣስቀምጦት በእቅድ ሲተገብረው ዛሬን የደረሰ ጉዳይ ነው። ኢህኣዴግ ይህንን ከሚያደርግበት ዓላማ መካከል ኣንዱና ዋነኛው የኦሮሞን ህዝብ የነጻነት ትግል ማዳከም ነው። በዚህ የኢህኣዴግ ፖሊሲ በኦሮሞ ህዝብ ላይ በርካታ የዘር-ማጥፋት ዘመቻ ተካሄዷል። በቁጥር ከኣንድ ሚሊዮን(1,000,000) የሚልቁ የኦሮሞ ዜጎች በኦሮሞነታቸው ብቻ ከቄዬና ከኑሮኣቸው ተፈናቅለው ሜዳ ላይ እንዲበተኑ ተደርገዋል። የኢትዮጵያ መንግስት(ኢህኣዴግ) በተለያዩ ክልል መንግስታት ኣስተዳደር ውስጥ ያሉ ኣጋሮቹንና በብሄር ስም የተደራጁ ኣንዳንድ ድርጅቶችን በመታገዝ በሰሜን፣ በምስራቅ፣ በደቡብ-ምስራቅ፣ በደቡብና በምዕራብ ኦሮሚያ በኩል ሆን ብሎ ኦሮሞና ኣጎራባቾቹ ህዝቦችን ለማናቆር እስከ ዛሬ ድረስ እያካሄደ ያለው ጦርነት ከዚሁ የኢህኣዴግ ቋሚ ፖሊሲ የሚመነጭ ነው።
በተመሳሳይ መልኩ በሌሎች ቦታዎችም በተለያዩ ህዝቦች መካከል በዚሁ የኢህኣዴግ ፓርቲ ሴራ ውጊያ እየተስፋፋ ይገኛል። ኢህኣዴግ የስልጣን ዘመኑን ለማራዘም በህዝቦች መካከል ፈጥሮ እያስፋፋ ያለው ይህ ጦርነት ዛሬ በህዝቦች ላይ እያደረሰ ካለው ከባድ ጉዳት በተጨማሪ በነዚህ ህዝቦች መጻዒ ግንኙነት ላይም በቀላሉ የማይሽር ጠባሳ እየፈጠረ ያለ ጦርነት ነው። ስለሆነም ይህ ጉዳይ የኦነግ ስራ-ኣስፈጻሚ ኮሚቴ ከተወያየባቸውና በዚህ ረገድ በህዝቦች መካከል ሊፈጠር የሚችለውን ኣደጋ ለመቀነስና ለማስቀረት በርትቶ ለመስራት ከወሰናቸው ኣበይት ጉዳዮች መካከል ኣንዱ ነው።

የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል እስትራቴጂና በኦሮሞ ህዝብና በኢትዮጵያ ኢምፓዬ መካከል ያለውን የፖለቲካ ችግር በንግግር(negotiation) መፍታትን በተመለከተ

የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ትግሉን የሚመራበትን የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል እስትራቴጂ ለይቶ ሲቀይስ የኢትዮጵያ ኢምፓዬር ተጨባጭ የፖለቲካ ሁኔታ የተመሰረተበትንና ለዘመናት መንበረ-ስልጣኑን የተፈራረቁት መንግስታትም ተወራርሰው ሲያስቀጥሉት በነበረው ሁኔታ ተገድዶ ሌላ አማራጭ በማጣት ነው። የመጫና ቱለማ ማህበር መታገድና የማህበሩን ኣባላት የገጠመው መታሰርና መገደል ለዚህ ኣብይ ማስረጃ ነው። ያ ሁኔታ ዛሬም ኣልተቀየረም። ይህም ከሚኒሊክ ኣንስቶ ወደ መንበረስልጣን የመጡት ሁሉም ሃይሎች ያለጠመንጃ ኣፈሙዝ ሰላማዊ ቋንቋ የማያውቁ መሆናቸው ነው። የኦሮሞን ህዝብ ጨምሮ ሁሉም የኢትዮጵያ ኢምፓዬር ህዝቦች ዛሬም በጠመንጃ ኣፈሙዝ ኣገዛዝ ስር ናቸው። ስለሆነም በጠመንጃ ኣፈሙዝ ስልጣን ይዞ ህዝቡን ነጻነት የነፈገን መንግስት ከላዩ ላይ በመንቀል ህዝቡ ነጻነቱን ተጎናጽፎ የሚበጀውን መንግስት መርጦ እንዲተዳደርበት ለማድረግ የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ከሚከተላቸው የኦሮሞ የነጻነት ትግል እስትራቴጂዎች መካከል ኣንዱ የሆነው የትጥቅ ትግል ዛሬም ሌላ ኣማራጭ የሌለው መንገድ ነው።
ስለሆነም የግላቸውንና የቡድናቸውን ስልጣንና ጥቅም ለማስጠበቅ ብቻ ያላቸውን የጦርና የፖሊስ ሃይል ሁሉ ተጠቅመው ዓላማቸውን ከግቡ ለማድረስ ሰላማዊውን ህዝብ እያስጨረሱ የኦሮሞ ነጻነት ግንባርን “የትጥቅ ትግል ጊዜው ያለፈበት ፋሽን ነው።” የሚሉት ኣካላት ንግግራቸው የኦሮሞ ህዝብን ዓላማ ከሚጻረረው ኣቋማቸው የመነጨ እንጂ በተጨባጭ መሬት ላይ ያለውን ሁኔታ የማያንጸባርቅና እውነታ የሌለው እንደሆነ ህዝባችን በሚገባ መገንዘብ ኣለበት።

የኦሮሞ ነጻነት ግንባር የኦሮሞ ህዝብ ከኢትዮጵያ መንግስት ጋር ያለውን የፖለቲካ ችግር በንግግር(negotiation) ለመፍታት መሟላት የሚገባቸውን ነገሮች የሚገልጽ የበኩሉን ፖሊሲና ኣቋም ገልጾ ለኢትዮጵያ መንግስት ጥሪውን ያደሰው ከቅርብ ጊዜያት በፊት (በሚያዚያ ወር 2018ዓም መግቢያ) ነበር። ይህንን ጥሪውንም በተለያዩ ኣለምኣቀፍ ሚዲያዎች ላይ ግልጽ ኣድርጓል። የኢትዮጵያ መንግስት ለዚህ የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ጥሪ እስከ ኣሁን ድረስ ኣግባብ ያለው ምላሽ ኣልሰጠም። ጥሪውን ወደጎን በመተው በተለያዩ መድረኮች ላይ በኣፍ የፖለቲካ ችግሮችን በንግግር ስለመፍታት ማውራት የሚዲያ ፕሮፓጋንዳ ፍጆታ ለማዋል ካልሆነ በስተቀር ለእውነተኛ ንግግር(negotiation) ዝግጁ መሆኑን የሚያሳይ ኣይደለም። ህዝባችንም ይህንን ሴራ በሚገባ ነቅቶ በመገንዘብ በንግግር(negotiation) መፍትሄ ወደ ማስገኘት የሚያመራ ኣስተማማኝ ሁኔታ እስካልተፈጠረ ድረስ እስከኣሁን ለተገኘው ድል መሰረት የሆነውና ለወደፊቱም ኣስተማማኝ ድል ማግኘት የሚያስችለውን የነጻነት ትግል እስትራቴጂ፡ የትጥቅ ትግሉን ማጠናከርና ጋሻና መከታው የሆነውን የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት መንከባከብ ለነጻነቱ ቁልፍ መሆኑን በሚገባ መረዳት ኣለበት።

የኦሮሞ የፖለቲካ ድርጅቶች ትብብርን በተመለከተ

ለኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ዓላማ በኣፋጣኝ ከግቡ መድረስ ያለንን የሰው ሃይል፣ እውቀትና ሃብት የህዝባችንን የጋራ ጥቅም ማስጠበቅ በሚያስችል ሁኔታ ኣንድ ላይ በማምጣት የህዝባችን ትግል ይበልጥ ሃይል እንዲኖረው ማስቻል የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ቋሚ ፖሊሲ ነው። ስለሆነም የኦሮሞን ህዝብ ጥቅም በማስከበሩ ላይ ኣብረን ሰርተን የህዝባችንን የነጻነት ዕለት ለማቅረብ ከምንችል ሁሉም የኦሮሞ የፖለቲካ ድርጅቶች ጋር ተባብረን መስራት ከመቸውም ጊዜ በበለጠ በኣሁኑ ጊዜ ኣስፈላጊ መሆኑን የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ያምናል። ይህንን እውን ለማድረግም ጠንክሮ ይሰራል።
ካሁን ቀደም ስምምነት ፈጥረን ኣብረን ስንንቀሳቀስ የነበርን የኦሮሞ የፖለቲካ ድርጅቶች ስምምነታችንን በማፍረስ ከቅርብ ጊዜያት ወዲህ እየተንቀሳቀሱበት ያለው ሁኔታ የህዝባችንን የጋራ ጥቅም ለማስጠበቅ የማይረዳ መሆኑ ከግንዛቤ ገብቶ ይህ የስህተት ኣካሄድ እንዲታረም ጉዳዩ የሚመለከታቸው ድርጅቶች ቆም ብለው እራሳቸውን እንዲያዩና ህዝባችንም ድርሻውን እንዲወጣ የስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴው ያሳስባል።

የህዝቦች ትብብር ለነጻነትና ለዲሞክራሲ (PAFD) በተመለከተ

የህዝቦች ትብብር ለነጻነትና ለዲሞክራሲ(PAFD) ከተመሰረተ ኣንስቶ ለኢትዮጵያ የፖለቲካ ችግሮች የፖለቲካ መፍትሄ ለማበጀት ሰፊ ስራ ሰርቷል። እውነተኛ የፖለቲካ መፍትሄ ሊሆን የሚችል ሰፊ ሃሳብ መሪ ኣቅጣጫ(Road Map) ጠቁሞ የዚህን መፍትሄና ራዕዩንም የካቲት 2018ዓም በለንደን ኣካሂዶ በስኬት ባጠናቀቀው ስብሰባ ላይ ይፋ ኣደረገ። የለንደን ስብሰባ ኣያሌ ድርጅቶችን ያቀፈ ሰፊ ተሳትፎ የታየበት፣ ምሁራን፣ ዲፕሎማቶችና የኣውሮፓ ምክር ቤት ኣባላት የተሳተፉበት ነበር።
ይህ መሪ ኣቅጣጫ(Road Map) ይበልጥ ሰፍቶ በርካታ ድርጅቶችን በማወያየትና በማሳተፍ ወደ ሁሉን-ኣቀፍ ስርዓትና የሽግግር መንግስት(All Inclusive Transitional Arrangment) እንዲያመራን እየተሰራበት ይገኛል። ይህን የመጨረሻና እውነተኛ፣ እንዲሁም ሁሉን ኣሳታፊ መፍትሄ በማጎልበት ኣሁን ላለው የፖለቲካና የደህንነት ችግር በማያዳግም ሁኔታ መፍትሄ ለማስገኘት ሁሉም እንዲተባበር የኦሮሞ ነጻነት ግንባር የስራ-ኣስፈጻሚ ኮሚቴ ጥሪውን ያስተላልፋል። ኦነግ ትብብሩ እያደረገ ላለው ጥረትና ለስኬታማነቱ በሙሉ ሃይሉ የበኩሉን ይወጣል።

ለሁሉም የኢትዮጵያ የፖለቲካ ድርጅቶች

ለኢትዮጵያ ኢምፓዬር የፖለቲካ፣ ኢኮኖሚና ማህበራዊ ችግሮች ዘላቂ መፍትሄ ለማበጀት የፖለቲካ ሃይሎችና ሁሉንም የሚመለከታቸው ኣካላት ያሳተፈ የሽግግር ጊዜ ሁኔታ(All Inclusive Process) መፈጠር ወቅታዊ ጥያቄ መሆኑን ኦነግ ያምናል። ሁሉም የፖለቲካ ሃይሎች ሃሳባቸውን በሙሉ ነጻነት ለህዝቡ ኣቅርበው ሁሉም ህዝቦች ያለኣንዳች ግፊት በመጻዒ ዕድላቸው ላይ መወሰን ሲችሉ ብቻ ነው ዘላቂ መፍትሄ ሊመጣ የሚችለው።
የኦሮሞ ነጻነት ግንባር በበኩሉ ሁሉን-ኣሳታፊ የሽግግር ሂደት እንዲሳካ የሕዝቦች ትብብር ለነጻነትና ለዲሞክራሲ/PAFD ኣባላት ከሆኑ የትግል ኣጋሮቹ ጋር በመሆን ይሰራል። ሌሎች መሰል መሪ ኣቅጣጫ(road map) ያላቸው ቡድኖች መኖራቸውንም ኦነግ ይገነዘባል። እንደነዚህ ያሉ ቡድኖችና ለዲሞክራሲና ለነጻነት በመስራት ላይ የሚገኙ ሁሉም ሃይሎች ይህንን ሂደት ለማሳካት እንዲሰሩና በዚያው ውስጥ ድርሻቸውን እንዲያበረክቱ ለሁሉም ድርጅቶችና ሃይሎች ጥሪውን ያስተላልፋል። እንዲሁም መላው ኣለምኣቀፍ ማህበረሰብና መንግስታት ይህንን እንዲደግፉ ጥሪያችንን ኣጥብቀን እናስተላልፍላቸዋለን።

ጥሪ:

ለሰፊው የኦሮሞ ህዝብ
ህዝባችን በሃገር ቤትና በውጪም በከፍተኛ ንቃትና ያለመታከት ከነጻነት ትግሉ ጎን ቆሞ እስከዛሬ ድረስ እያበረከተ ያለው ድርሻ የሚደነቅ ነው። ከባድ መስዋዕትነት በከፈልንበት መራር ትግል ዛሬ ከመቸውም ጊዜ በበለጠ ወደ ነጻነታችን ተቃርበናል። ይሁን እንጂ ህዝባችን በውድ መስዋዕትነት እያገኘ ያለውን ድልና ውጤት ቀምቶ ኣቅጣጫውን በማስሳት ለራሳቸው የፖለቲካ ዓላማ ለማዋል የሚፍጨረጨሩት እየተበራከቱ መምጣታቸው መዘንጋት የለበትም። ስለሆነም ዛሬ ያለንበት ሁኔታ ለትግላችን የምናደረውን ድጋፍና ተሳትፎ በእጥፍ ድረብ እንድንጨምርና በከፍተኛ ንቃት እንድንራመድ የሚጠይቀን ነው። በሃገር ውስጥና በውጪም ያለው ህዝባችን እየተካሄደ ያለውን ይህንን ሁኔታ በሚገባ ተገዝንቦ የልጆቹን የመስዋዕትነት ፍሬ ከፖለቲካ ነጋዴዎች ጠብቆ ትግሉን በኣፋጣኝ ከግቡ ለማድረስ ድርሻውን በብቃት እንዲወጣ የኦነግ ስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴ ጥሪውን ያድሳል።

ለኦሮሞ ነጻነት ግንባር ኣባላትና ደጋፊዎች

ህዝባችን ነጻነቱን ለመጎናጸፍ ለዓመታት እያካሄደ ዛሬን በደረሰው ፍትሃዊ ትግል ውስጥ የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ኣባላት ድርሻ ከፍተኛ ነው። ዛሬ የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል እየተጎናጸፈ ላለው ድል ሁሉ መሰረት የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ኣባላት ለዓላማቸው ያላቸው ትዕግስት፣ ቆራጥነትና ጽናት እንዲሁም ታማኝነትና የኦሮሞ ብሄርተኞች ድጋፍ ነው ። ዛሬ ትግላችን ከደረሰበት ደረጃ ፍልሚያውን በመቀጠል ከግባችን ለመድረስ ዛሬም የኦነግ ኣባላትና ደጋፊዎች ድርሻ የላቀ ነው። የቀረን መንገድ ኣጭር ነው። ይበልጥ ማሳጠሩ ደግሞ የኛን ቆራጥነት፣ ንቃትና እራስን መስጠት ይጠይቃል። የድርጅታችን ኣባላትና ደጋፊዎች ሁሉ ይህንን በመረዳት የሚጠበቅባቸውን ድርሻ እንዲወጡ የስራ-ኣስፈጻሚ ኮሚቴው መልዕክቱን ያስተላልፋል።

ለጀግናው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት

የኦሮሞ ህዝብ አለኝታና መከታ የሆንከው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ከሃይል፣ ከሃብትና ከእውቀትም በላይ መተኪያ የሌላትን ህይወትህን ለህዝብህ ነጻነት በመስጠት ለኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ስታበረክት የነበረውና በማበርከት ላይ የምትገኘው ድርሻ በኦሮሞ ህዝብ ታሪክ ውስጥ ዝንተዓለም ከፍተኛውን ስፍራ ይዞ ይኖራል። ኣንተ ጋሻና መከታው እንደሆንከው ሁሉ የኦሮሞ ህዝብም በኣሁኑ ወቅት ከመቸውም ጊዜ በበለጠ ጥላና ከለላህ ከመሆኑም በተጨማሪ ባለው ኣቅም ሁሉ ከጎንህ ለመቆም መወሰኑን በተግባር እያሳየ ነው። እስከኣሁን በከፈልከው መስዋዕትነት ኣያሌ ኣኩሪ ታሪክና ድሎችን ኣስመዝግበሃል። የህዝብህን ነጻነት በማረጋገጥ ከዚህ የላቀ ታሪክና ድል ለማስመዝገብ እራስህን ኣዘጋጅተህ በከፍተኛ ቆራጥነትና ንቃት እንድትንቀሳቀስ የስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴው መልዕክቱን ያስተላልፋል።

ለቄሮ ቢሊሱማ ኦሮሞ

ቄሮ ቢሊሱማ ኦሮሞ ወዳጅና ጠላትን ባስደመመ ቆራጥነትና ሚስጢራዊ ጥበብ እራስህን ኣደራጅተህ በመንቀሳቀስ የሰራሀው ኣኩሪ ታሪክ የኦሮሞን ህዝብ ታላቅ ክብር ያጎናጸፈ ነው። ንቅናቄህና መስዋዕትነትህ በኣለም ላይ ተሰሚነትና ድጋፍ ከማግኘቱም በተጨማሪ የኦሮሞን ህዝብ የነጻነት ትግል ወደ ኣዲስ ምዕራፍ ኣሸጋግሯል። ይሁን እንጂ በኣሁኑ ወቅት ትላንት መኖርህን ሲክዱ፣ መጥፋትህን ሲመኙና ኣደረጃጀትህንና ንቅናቄህን ለማጥፋት ባላቸው ሃይል ሁሉ ዘምተውብህ እስራትና ዘግናኝ ግድያ ሲፈጽሙብህ የነበሩትና ዛሬም እንዲህ ካለው ድርጊት ያልታቀቡት ሃይሎች እራሳቸውን በመስዋዕትነትህ የተገኘው ድል ባለቤት ለማድረግ ሲያጣጥሩ እያየህ ነው። ስለሆነም ይህን መሰሉን ሴራ ነቅተህ በማክሸፍ እስከኣሁን ለከፈልከው መስዋዕትነት ፍሬ ለማስገኘት በላቀ ንቃት እንድትንቀሳቀስ የስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴው መልእክቱን ያስተላልፍልሃል።

የኢትዮጵያ መንግስት ስርዓትን በማገልገል ላይ ለሚገኙ የኦሮሞ ተወላጆች

በኑሮ ኣስገዳጅነትና በተለያዩ ሁኔታዎች ተገፋፍታችሁ በኢትዮጵያ መከላከያ ሰራዊት፣ በፌዴራል ፖሊስና በኦሮሚያ ፖሊስ እንዲሁም በተለያዩ የመንግስቱ የስራ መዋቅሮች ውስጥ የኢህኣዴግ መንግስትን በማገልገል ላይ የምትገኙ ብሄርተኛ የኦሮሞ ልጆች የህዝባችሁ የነጻነት ትግል በኣሁኑ ወቅት ከናንተ የሚፈልገውን ግዴታ በማወቅ በያላችሁበት ቦታ ሁሉ በግልም ይሁን በመደራጀት ባመቻችሁ ሁኔታ ሁሉ የህዝባችሁን ነጻነት እውን ለማድረግ በሚረዳ ነገር ላይ የበኩላችሁን ድርሻ ለመወጣት ከመቸውም ጊዜ በላይ ዝግጁ ሆናችሁ እንድትንቀሳቀሱ የኦነግ ስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴ መልዕክቱን ኣጥብቆ ያስተላልፍላችኋል።

በኢትዮጵያ ኢምፓዬር ውስጥ ለሚገኙ ሁሉም ብሔሮችና ብሄረሰቦች

የኦሮሞ ህዝብ የነጻነት ትግል ዓላማ ከግቡ መድረስ የኦሮሞን ነጻነት ለማረጋገጥ ብቻ ሳይሆን ለሁሉም የኢትዮጵያ ኢምፓዬር ህዝቦች ነጻነትና መብት መከበር እንዲሁም ለቀጣናው ሰላምና መረጋጋት ዋስትና ሊሆን እንደሚችል የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ጽኑዕ እምነት ነዉ። የኢሕኣዴግ መንግስት በተለያዩ ጊዜያት ህዝቦችን ለማጋጨት የሚሸርበው ሴራ የኢሕኣዴግን እድሜ ለማራዘምና እስራት፣ ግድያና የሃብት ዝርፊያን ጨምሮ በተለያየ መልኩ በህዝቦች ላይ የሚያደርሰውን የሰብዓዊ መብት ረገጣ ከማስቀጠል በስተቀር የትኛውንም ህዝብ የማይፈይድ መሆኑን በሁሉም ከግንዛቤ መግባት ኣለበት። ስለሆነም በኢትዮጵያ ኢምፓዬር ውስጥ የሚገኙ ሁሉም ብሄሮችና ብሄረሰቦች ይህንን ተገንዝበው የኦሮሞ ህዝብና ሌሎችም ተጨቋኝ ህዝቦች ነጻነታቸውን ለመጎናጸፍ የሚያካሄዱትን ፍትሃዊ ትግል በሚችሉት ሁሉ እንዲደግፉ የኦነግ ስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴ ጥሪውን ያቀርባል።

ለሁሉም የኣለም መንግስታትና ማህበረሰብ

በኢትዮጵያ ስልጣን ሲፈራረቁ የነበሩት መንግስታት ሁሉ ጸረ-ዲሞክራሲ የሆነን የጭቆናና የዝርፊያ ስርዓት በጠመንጃ ኣፈሙዝ በህዝቦች ላይ በመዘርጋት እንዳሻቸው ህዝቡን እያሰሩ፣ እየገደሉ፣ ሀብቱን እየዘረፉና ከመሬቱ ኣፈናቅለው ለድህነትና ለስደት በመዳረግ ሲጨቁኑት ኖረዋል። የኢህኣዴግ ፓርቲ በ1991ዓም ወደ ስልጣን ከመጣበት ጊዜ ኣንስቶ በዲሞክራሲ ስም ምሎ፣ የሃሰት የፌዴራሊዝም ኣወቃቀር በመዘርጋት ከዓለም መንግስታትና ማህበረሰብ ድጋፍ እያገኘ ዛሬን ደርሷል። የኦሮሞ ነጻነት ግንባር እውተኛውን የኢህኣዴግ ማንነት ለህዝቦች፣ ለመንግስታትና ጉዳዩ ለሚመለከታቸው ኣካላት ሁሉ ከማስገንዘብ የተቆጠበበት ጊዜ የለም።

ዛሬ ህዝቦች (በተለይም የኦሮሞ ህዝብ) ውድ መስዋዕትነት በመክፈል ባካሄዱት ትግል የኢህኣዴግ እውነተኛ ማንነት በሁሉም ዘንድ ተጋልጧል። ኢህኣዴግ ላለፉት 27 ዓመታት በህዝቦች ላይ ሲፈጽም የነበረው የሰብዓዊ መብቶች ጥሰትና የተለያዩ ወንጀሎች የሽብርተኝነት ተግባር መሆኑን የኦሮሞ ነጻነት ግንባርና የተለያዩ ኣካላት ሲገልጹት ከነበረው በተጨማሪ የኢትዮጵያ ጠቅላይ ሚኒስትር ዶር. ኣብይ ኣህመድ በኢህኣዴግ “ፓርላማ” ፊት ቆሞ በአንደበታቸው መመስከር ጀምሯል። ኢህኣዴግ በጠመንጃ ኣፈሙዝ በህዝቡ ላይ የዘረጋው የሽብርተኝነት ስርዓትና መዋቅር ዛሬም በቦታው ኣለ። የኣለም መንግስታትና ማህበረሰብ ላለፉት 27 ዓመታት መንግስታዊ ሽብርተኝነትን(State Terrorism) ሲያካሄድ የነበረውና እሱ የዘረጋው ስርዓትና መዋቅር ኣሁንም በቦታው ባለው ስርዓት ሊመጣ የሚችል ለውጥ እንደሌለ መገንዘብ ኣለባቸው።

የኦሮሞ ነጻነት ግንባር የኣለም መንግስታትና ማህበረሰብ ኢህኣዴግ በኣፉ የሚለፍፈውን “ለውጥ” ኣምነው ስርዓቱን ከመደገፍ ተቆጥበው መብቶቻቸውን ለማስከበር ፍትሃዊ ትግል በማካሄድ ላይ ካሉ ህዝቦች ጎን እንዲቆሙና የኦሮሞ ነጻነት ግንባር የትግል አጋሮቹ ከሆኑት ከህዝቦች ትብብር ለነጻነትና ለዲሞክራሲ (PAFD) ኣባል ድርጅቶች ጋር በመሆን እየሰራበት ያለውን ሁሉንኣቀፍ ሽግግር እንዲሳካ ድርሻቸውን እንዲወጡ የኦነግ ስራ-ኣስፈጻሚ ኮሚቴ ጥሪውን ያድሳል።
በዚህ ኣጋጣሚ ከቅርብ ጊዜ በፊት የኣሜሪካ ኮንግረስ ያሳለፈውን እንደ ኤች ኣር-128 (HR-128) የመሳሰሉ ውሳኔዎችንና የኣውሮፓ ህብረት በተለያዩ ጊዜያት እየወሰደ ያለውን እርምጃ እያደነቅን የዲሞክራሲ ስርዓትንና የህዝቦችን ነጻነት እውን ለማድረግ የሚረዱ እንዲህ ያሉ እርምጃዎች ይበልጥ ተጠናክረው መቀጠል እንዳለባቸው የኦነግ ስራ ኣስፈጻሚ ኮሚቴ ይጠይቃል።

ዘመኑ የጭቆና ፍጻሜ ዘመን ነው !
ድል ለኦሮሞ ህዝብ !

የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ስራ-ኣስፈጻሚ ኮሚቴ
ሰኔ 20, 2018ዓም

Ibsa Ejjannoo Walgahii Shanee Gumii Adda Bilisummaa Oromoo, Waxabajjii 09 – 19, 2018

Aside

Shaneen Gumii Adda Bilisummaa Oromoo walgahii dhaabbataa 2ffaa kan Kora Sabaa 4ffaa boodaa Waxabajjii 09 – 19, 2018 geggeeffatee milkii fi injifannoodhaan xumurate. Shaneen Gumii Walgahii isaa kanaan Gabaasa Waajjira Hayyu-Duree fi kan Dameelee dhaggeeffatee gilgaaluutti dabalee marii dhimmoota Imaammataa (Policy Consultation Conference) kan jal-bultii Walgahii Shanee Gumii kanatti Hayyoota Oromoo fi Hoogganoota ABO gidduutti geggeeffame irrattis mari’atee murtii barbaachisu dabarse. Itti aansuudhaanis haala Ummata Oromoo fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo, haala yeroo ammaa kan sirna Impaayera Itoophiyaa, akkasumas, haala naannoo keenyaa fi kan idil-addunyaa irratti xiinxalaa fi marii bal’aa fi bilchaataa geggeessee ibsa ejjennoo armaan gadii baasuudhaan walgahii isaa goolabe.

Ummata Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ilaalchisee

Ummatni Oromoo Bilisummaa afaan qawweetiin sarbame deebisee gonfachuudhaan biyya isaa Oromiyaa irratti mirga Sabummaa isaa guutuutti kabajsiifatee jiraachuuf qabsoo Bilisummaa barootaaf geggeessaa ture, har’as geggeessaa jira. Qabsoo haqaa Bilisummaaf geggeessu kanaanis injifannoolee gurguddoo yeroo irraa gara yerootti galmeessaa jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, miseensotnii fi deggertootni Adda Bilisummaa Oromoo kan biyya keessaa fi alaa, dabreetis Ummatni bal’aan Oromoo waliigalatti qabsoon hadhaawaan, wareegama lubbuu, hir’ina qaamaa, hidhaa baroota dheeraa fi…kkf itti baasaa murannoo fi cichoomina ol’aanaadhaan walitti fufiinsaan geggeessan diina raasee, hidhamtoota siyaasaa kumoota hedduutti lakkaawaman manneen hidhaa Itoophiyaa irraa akka gadi lakkifaman mootummaa EPRDF dirqisiisee jira. Haa tahu malee roorroon sirna Impaayera Itoophiyaatiin Ummata keenya irratti diriiree jiru, caasaan humna ittisaa, tikaa fi saamicha dinagdee har’as akkuma itti fufetti jira.

Kana hubachuudhaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo sadarkaa har’a dhaqqabe irraa fuul-duratti furgaasuudhaan guyyaa Bilisummaa Ummata keenyaa dhiheessuuf jecha Sochii WBO fi Qeerroo daran jabeessuutti dabalee hojiin qabsoo kan fuula hundaa dacha dachaadhaan akka finiinu taasisuuf murannoo ol’aanaadhaan akka irratti hojjetamu Shaneen Gumii murteesse.

Mootummaa Itoophiyaa Ilaalchisee

Mootummaan EPRDF caasaa humna waraanaa fi tikaa dantaa ofiif ijaarratetti dabalee waahiloota isaa kan Bulchiinsa Mootummaa Naannoolee adda addaa keessaa hiriirfatetti dhimma bahuudhaan bara aangoo isaa hunda Ummatoota Impaayera Itoophiyaa hunda akka waliigalaatti, addatti ammoo Ummata Oromoo irratti miidhaa dorgomaa hin qabne raaw’achaa jiraate. Roorroon ulfaataan kun qabsoo hadhaawaa wareegama qaqqaalii gaafateen dura dhaabbatamee humni EPRDF dadhabsiifamaa fi jilbeenfachiifamaa dhufe.

Haala kana irraa muddama keessa kan gale paartiin Itoophiyaa bulchu EPRDF dhiheenya kana maqaa haaromsa jedhuun waan jijjiirama argamsiisaa jiru of fakkeessee abdii hin dhugoomne Ummatatti bulchuuf olola dogoggorsaa fi afanfaajjeeysaa bal’inaan oofaa jira. Kan Paartiin kun hojiidhaan lafa irratti gochaa jiru garuu hoogganootaa fi qondaalota isaa kan waggoota 27 dabraniif harki isaanii dhiiga Ummatootaan faalame garii isaanii badhaasaa fi faaruudhaan dirqama irraa boqochiisaa garii isaanii ammoo aangoo dabalataa muuduu fi barcuma aangoo irratti akka wal jijjiiran taasisuu dha.
Adeemsi akkanaa tarkaanfii gara jijjiiramaatti geessu osoo hin taane EPRDF umrii aangoo isaa dheereffachuudhaan miidhaa waggoota 27 dabraniif Ummatoota irraan gahaa ture ammas itti fufsiisuuf haala mijeeffachaa jiraachuu isaa qofa kan mul’isu tahuun hundaan hubatamuu qaba.

Rakkoon Siyaasaa Dinagdee fi Hawaasummaa kan waggoota 27 dabraniif Ummatoota Impaayera Itoophiyaa gidirsuutti jiru maddi isaa Kaayyoo fi Imaammata farra dimokiraasii fi farra Bilisummaa Ummatootaa kan paartiin EPRDF irratti bu’uureffame dha. Waan taheef hanga caasaan waraanaa, tikaa, dinagdee fi kan bulchiinsaa EPRDF akka isa qofaaf tolutti diriirfate sun qabsoo ummatootaan jijjiiramee Ummatootni Bilisummaadhaan mootummaa isaaniif tahu filatanii ittiin buluuf haalli dandeessisu uumamutti sirnaa fi caasaa mootummaa kanaa keessatti jijjiiramni Ummatoota fayyadu argamuu hin danda’u.
Kanaafuu Ummatni keenya qabsoo isaa kan jijjiirama bu’uuraa argamsiisuudhaaf hanga har’aatti wareegama qaalii itti baasee sadarkaa kanaan gahe cimsee itti fufuudhaan galmaan gahuuf jabaatee sossohuu qaba.

Ilmaan Oromoo Manneen Hidhaa Itoophiyaa Irraa Hiikaman Ilaalchisee

Wareegama Ummatni keenya akka waliigalaatti fi addatti ammoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, miseensotni Adda Bilisummaa Oromoo, Dhaabotni saboota cunqurfamoo biroo walitti fufiinsaan baasaniin sab-boontotni ilmaan Oromoo maqaa ABO fi waliigala maqaa Qabsoo Bilisummaa Oromootiin baroota dheeraaf manneen hidhaa mootummaa EPRDF keessatti gidirfamaa turanii fi ilmaan saboota cunqurfamoo biroo kanneen kumoota hedduutti lakkaawaman dhiheenya kana manneen hidhaa gara garaa keessaa gadi lakkifamuu fi ammas kan manneen hidhaatti hafan hedduun jiraachuun ni hubatama.

Gootowwan Sab-boontotni ilmaan Oromoo Bilisummaa Saba keessaniif jecha yakka tokkoon maleetti dabaan hidhamtanii gidiraa dhala namaaf hin malle argaa turtan kan gariin keessan hir’ina qaamaa fi dhibee sammuu ulfaataaf saaxilamtan manneen hidhaa irraa lubbuudhaan bahuu keessaniif Baga gammaddan ! Baga gammadne ! jechaa, wareegamni baastan hedduu ulfaataa fi suukanneessaa tahus Qabsoon Bilisummaa Oromoo isin itti miidhamtan lalisee dagaagee hordoftoota miliyoonotaan horatee Ummatni keessan jal-bultii Bilisummaa gahee arguun keessan gammachiisaa fi kan itti obsitan taha jennee abdanna.

Haa tahu malee hanga namootnii fi qaamotni dabaan isin hidhanii gidiraa kana hunda isin irraan gahan seera duratti dhihaatanii murtii isaaniif malu hin argatinitti fi hanga miidhama isin irra gahe kanaaf beenyaan malu isiniif hin kennaminitti haqa argattanii jirtu jechuun gonkumaa kan hin danda’amne tahuu Shaneen Gumii gadi jabeessee hubachiisa.
Itti dabalees kanneen har’a illee manneen hidhaa EPRDF keessatti hafanii gidiraa sana dhandhamaa jiranii fi kanneen achi buuteen isaanii wallaalamee jiru hundi haal-duree tokko malee hatattamaan akka gadi lakkifamanii fi haalli isaanii Ummataaf ifa taasifamu Shaneen Gumii cimsee gaafata.

Ummatni keenyas gama isaatiin gootowwan ilmaan isaa kanneen bilisummaa isa gonfachiisuuf jecha miidhaan ulfaataan irra gahaa ture kanneen jaalalaa fi kabaja isaaniif maluun qabaa godheefii hamilee isaanii jajjabeessuu fi dirmachuu isaaniif feesisu hundaas akka taasisuuf Shaneen Gumii jabeessee dhaama.

Lola EPRDF Ummatoota Gidduutti Babal’isaa Jiru Laalchisee

Lafa Oromoo gama hundaan cicciranii alagaaf qooduudhaan Oromiyaa hanga danda’an dhiphisuu fi demography Ummata Oromoos jijjiiruun waan EPRDF akka imaammataatti lafa kaawwatee karooraan irratti dalagaa yoona gahe dha. Akeeka EPRDF kana godhuuf keessaa guddaan tokko Qabsoo Bilisummaa Oromoo dadhabsiisuu dha. Imaammata EPRDF kanaan duulli shanyi-duguuggii hedduun Ummata Oromoo irratti geggeeffamee jira. Ilmaan Oromoo lakkoofsaan miliyoona tokko (1,000,000) caalan Oromummaa isaanii qofaan qe’ee fi jireenya isaanii irraa humnaan buqqaafamanii dirree irratti akka faca’an taasifameera.

Lolli Mootummaan Itoophiyaa (EPRDF) waahiloottan isaa Bulchiinsa Mootummoota Naannoo adda addaa keessa jiranii fi Dhaabota maqaa Sabootaan ijaaraman garii gargaarsifachuudhaan karaa Kaabaa, Bahaa, Kibba-Bahaa, Kibbaa fi Dhiha Oromiyaa irraan tahe jedhee Oromoo fi Ummatoota ollaa isaa walitti diruudhaan hanga har’aatti geggeessaa jiru imaammata dhaabbataa EPRDF kana irraa kan maddu dha.

Haaluma wal fakkaatuun bakkoota biroottis Ummatoota adda addaa gidduutti shiruma Paartii EPRDF kanaan lolli babal’ifamaa jira. Lolli EPRDF umrii aangoo isaa dheereffachuudhaaf Ummatoota gidduutti uumee babal’isaa jiru kun miidhaa ulfaataa har’a Ummatoota irraan gahaa jirutti dabalee hariiroo Ummatoota kanaa kan hegeree irrattis godaannisa laaftuutti hin fayyine kan uumaa jiru dha.

Waan taheef dhimmi kun dhimmoota jajjaboo Shaneen Gumii irratti mari’atee fi balaa gama kanaan Ummatoota gidduutti dhalachuu malu xiqqeessuu fi hanqisuufis ciminaan irratti hojjechuuf murteeesse keessaa isa tokko.

Tarsiimoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Rakkoo Siyaasaa Ummata Oromoo fi Impaayera Itoophiyaa gidduu jiru haasawaan (negotiation) furuu laalchisee

Addi Bilisummaa Oromoo Tarsiimoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ittiin masakamee qabsicha hoogganu oggaa filate haala qabatamaa siyaasni Impaayera Itoophiyaa irratti bu’uurfame kan mootummootni dhufaa-dabraan barcuma aangoo sana irratti wal jijjiiranis dhaalanii itti fufsiisaa turaniin dirqamee filmaata biraa dhabuudhaani. Ugguramuun Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi hidhaa fi ajjeechaan miseensota Waldichaa mudate kanaaf ragaa guddaa dha. Haalli sun har’as hin geeddaramne. Innis Minilik irraa eegalee humnootni aangootti dhufan hunduu afaan qawwee malee afaan nagaa/dadaa kan hin beekne tahuu isaanii ti.

Ummata Oromoo dabalatee Ummatootni Impaayera Itoophiyaa hundi har’as bulchiinsa afaan qawwee jala jiru. Waan taheef mootummaa afaan qawweetiin aangoo qabatee Bilisummaa Ummataa sarbe of irraa buqqisuudhaan Ummatni Bilisummaa gonfatee mootummaa isaaf tahu filatee akka ittiin bulu taasisuuf tarsiimoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan Addi Bilisummaa Oromoo hordofu keessaa tokko kan tahe Qabsoon Hidhannoo har’as daandii filmaata biraa hin qabne dha.

Waan taheef warri aangoo fi dantaa dhuunfaa fi murna isaanii tikfachuu qofaaf humna waraanaa fi poolisaa qaban hundatti dhimma bahanii kaayyoo ofii galmaan gahachuuf Ummata nagaa ficcisiisaa Adda Bilisummaa Oromootiin “Qabsoon Hidhannoo faashina yeroon itti dabree dha.” jedhan, jechi isaanii ejjennoo isaanii kan faallaa dantaa Saba Oromoo irraa kan maddu malee haala qabatamaa lafa irra jiru kan hin ibsinee fi dhugaa kan of keessaa hin qabne akka tahe Ummatni keenya tolchee hubahcuu qaba.

Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo siyaasaa Ummatni Oromoo mootummaa Itoophiyaa waliin qabu haasawaan (negotiation) furuuf wanneen guutamuu qaban kan ibsu imaammataa fi ejjennoo gama isaa ibsee mootummaa Itoophiyaaf yaamicha kan haaromse dhiheenyuma kana (jalqaba baatii Eblaa 2018) ture. Yaamicha isaa kanas miidiyaalee addunyaa adda addaa irratti ifa taasisee jira.
Mootummaan Itoophiyaa hanga har’aatti yaamicha kanaaf deebii sirnaa hin kennine. Yaamicha sana maddiitti dhiisuudhaan wal-tajjii adda addaa irratti afaaniin waa’ee rakkoo siyaasaa haasawaan furachuu odeessuun olola miidiyaa irraa tolfachuuf yoo tahe malee haasawa (negotiation) dhugaatiif qophii tahuu kan agarsiisu miti.

Ummatni keenya shira kana sirriitti itti dammaqee hubachuudhaan hanga furmaata karaa haasawaa (negotiation) argamsiisuuf haalli amansiisaan hin uumaminitti Tarsiimoo Qabsoo Bilisumma kan injifannoo hanga ammaatti argameef bu’uura tahee fi fuula duraafis injifannoo waaraa gonfachuuf isa dandeessisu Qabsoo Hidhannoo jabeeffachuu fi Irree fi Gaachana isaa kan tahe Waraana Bilisummaa Oromoo kunuunfachuun furtuu Bilisummaa isaa tahuu tolchee hubachuu qaba.

Tumsa Dhaabota Siyaasaa Oromoo Laalchisee

Galma gahiinsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo shaffisiisuuf humna namaa, beekumsaa fi qabeenya Ummata keenyaa akka dantaa waloo Saba keenyaa tiksisiisuu danda’utti walitti fiduudhaan qabsoo Ummata keenyaa daran humneessuun Imaammata dhaabbataa Adda Bilisummaa Oromoo ti. Waan taheef Dhaabota Siyaasaa Oromoo kan dantaa Saba Oromoo kabajsiisuu irratti waliin hojjennee guyyaa Bilisummaa Ummata keenyaa dhiheessuu dandeenyu hunda waliin wal tumsinee hojjechuun yoomuu caalaa yeroo ammaa barbaachisaa tahuu Addi Bilisummaa Oromoo ni amana. Kana dhugoomsuufis jabinaan hojjeta.

Dhaabotni siyaasaa Oromoo kanneen ammaan dura waliigaltee uummannee sossohaa turre waliigaltee keenya diiguudhaan haalli dhiheenya kana itti sossohaa jiran dantaa waloo Ummata keenyaa tiksisiisuuf kan hin gargaarre tahuun hubatamee adeemsi dogoggoraa kun akka sirratuuf Dhaabotni dhimmi kun isaan ilaalu akka dhaabbatanii of ilaalanii fi Ummatni keenyas qooda isaa akka bahatu Shaneen Gumii hubachiisa.

Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokiraasiif (PAFD) Ilaalchisee

Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokrasiif (PAFD) erga ijaaramee kaasee rakkina siyaasaa Itoophiyaa furmaata siyaasaa itti gochuuf hojii bal’aa hojjatee jira. Yaada bal’aa kan dhugaatti furmaata siyaasaa ta’uu danda’u kallattii masakaa (Road Map) akeekee furmaata kanaa fi mul’ata isaatis walgahii London kan Gurraandhala 2018 geggeeffamee milkiin xumurame irratti ifa taasise. Walgahiin London sun hirmannaa bal’aa dhaabota hedduu kan hammate, beektotni, dippilomaatotni fi Miseensotni mana Maree Awuroppaa kan keessatti hirmaatan ture. Kallattiin Masakaa (Road Map) kun caalaatti bal’atee dhaabota hedduu mariisisuu fi hirmaachisuudhaan gara Sirnaa fi Mootummaa Cehumsaa hunda hammataatti (All Inclusive Transitional Arrangment) akka nu geessuuf irratti hojjatamaa jira. Furmaata maayyii fi dhuga-qabeessa, akkasumas, hunda hirmaachisaa kana gabbifatuudhaan rakkina siyaasaa fi nageenyaa amma jiruuf akka lamuu itti nu hin deebifnetti furmaata argamsiisuuf hundi akka tumsu Shaneen Gumii yaamicha isaa dabarsa. ABO tattaaffii TUBD (PAFD) godhaa jiruu fi milkaawina isaatiif gahee isaa humna guutuudhaan kenna.

Dhaabota Siyaasaa Itoophiyaa Hundaaf

Rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Impaayera Itoophiyaatti furmaata waaraa gochuuf humnootni siyaasaa fi qaamotni dhimmi ilaalu hundi kan keessatti hirmaatan haalli yeroo cehumsaa (All Inclusive Process) uumamuun gaaffii yeroo tahuu ABOn ni amana. Humnootni siyaasaa hundi yaada isaanii Bilisummaa guutuudhaan Ummataaf dhiheessanii Ummatootni hundi dhiibbaa tokkoon maleetti waa’ee hegeree isaanii irratti murteessuu gaafa danda’an qofa furmaatni waaraan dhufuu danda’a.

Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin deemsi Ceehumsaa hunda hammataa tahe akka milkaawu waahiloota isaa miseensota TUBD/PAFD waliin irratti hojjataa jira. Gartuuleen kaan kallattii masakaa (road map) fakkaataa qaban akka jiranis ABO ni hubata. Gartuuleen akkasii fi humnootiin dimokrasii fi bilsummaaf hojjataa jiran hundi adeemsa kana milkeessuuf akka hojjatanii fi achi keessattis gahee isaanii akka kennan dhaabota hundaa fi humnoota hundaaf waamicha isaa dabarsa. Akkasumas hawaasni fi mootummootni idil-addunyaa hundi kana akka deeggaran waamicha keenya gadi jabeessinee dabarsinaaf.

Yaamicha Ummata Bal’aa Oromoof

Ummatni keenya biyya keessaa fi alattis dammaqiinsaa fi of kenniinsa guddaadhaan Qabsoo Bilisummaa isaa cinaa dhaabbatee qoodni hanga har’aatti kennaa jiru kan dinqisiifamu dha. Qabsoo hadhaawaa wareegama ulfaataa itti baasneen har’a kan yeroo kamuu caalaa Bilisummaa keenyatti dhihaannee jirra. Haa tahu malee injifannoo fi bu’aa Ummatni keenya wareegama qaaliidhaan argachaa jiru saammatanii gara dabarsuudhaan akeeka siyaasaa ofiif oolfachuuf kanneen wixxifatan heddummaachaa dhufuun dagatamuu hin qabu.
Waan taheef, haalli har’a keessa jirru deggersaa fi hirmaannaa qabsoo keenyaaf taasisnu dacha dachaan akka daballuu fi dammaqiinsa ol’aanaadhaan akka tarkaanfannu kan gaafatu dha. Ummatni keenya kan biyya keessaa fi alaas haala deemaa jiru kana sirriitti hubatee firii wareegama ilmaan isaa daldaltoota siyaasaa irraa tikfatee galii isaa shaffisaan dhaqqabuuf qooda isaa gahummaadhaan akka bahatu Shaneen Gumii yaamicha isaa haaromsa.

Miseensotaa fi Deggertoota Adda Bilisummaa Oromoof

Qabsoo haqaa Ummatni keenya Bilisummaa isaa gonfachuuf barootaaf gaggeessaa yoona gahe keessatti qoodni miseensota Adda Bilisummaa Oromoo ol’aanaa dha. Obsa, murannoo fi cichoomina, akkasumas, of kenniinsaa fi amanamummaa Kaayyoo miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi deggersa sab-boontota Oromootu injifannoo har’a Qabsoon Bilisummaa Oromoo gonfachaa jiru kana hundaaf bu’uura tahe. Sadarkaa qabsoon keenya har’a irra geesse irraa itti fufsiisuudhaan galma keenya dhaqqabuuf har’as qoodni miseensotaa fi deggertoota ABO irraa eegamu guddaa dha. Karaan nu hafe gabaabaa dha. Caalaatti gabaabsachuun ammoo murannoo, dammaqiinsaa fi of kenniinsa keenya gaafata. Miseensotaa fi deggertootni Dhaaba keenyaa hundi kana hubachuudhaan qooda isaan irraa eegamu hunda akka bahatan Shaneen Gumii jabeessee dhaamsa dabarsa.

Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof

Irree fi Gaachana Ummata Oromoo kan taate Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) humna, qabeenyaa fi beekumsaan olitti lubbuu jijjiirraa hin qabne Bilisummaa Saba keetiif kennuudhaan qoodni ati Qabsoo Bilisummaa Oromoof gumaachaa turtee fi jirtu seenaa Saba Oromoo keessatti bara baraan iddoo ol’aanaa qabatee jiraata. Akkuma ati Irree fi Gaachana isaa taate, Ummatni Oromoos yeroo ammaa kan yeroo kamuu caalaatti dahoo fi golgaa siif tahuutti dabalee waan qabu hundaan si cinaa dhaabbachuuf murteeffachuu isaa hojiidhaan agarsiisaa jira. Wareegama hanga ammaatti baasteen seenaa boonsaa fi injifannoo gurguddaa hedduu galmeessitee jirta. Bilisummaa Ummata keetii mirkaneessuudhaan seenaa fi injifannoo kanaa olii galmeessuuf of qopheessitee murannoo fi dammaqiinsa ol’aanaadhaan akka sossootu Shaneen Gumii dhaammata.

Qeerroo Bilisummaa Oromoof

Qeerroon Bilisummaa Oromoo murannoo fi qaroomina iccitaawaa firaa fi diina ajaa’ibsiiseen of ijaartee sochootee seenaa boonsaan hojjette kan Ummata Oromootti kabajaa guddaa hore dha. Sochii fi wareegamni kee Addunyaa irratti dhageeytii fi mararfannoo argachuutti dabalee Qabsoo Bilisummaa Oromoo boqonnaa haaraa seensisee jira.

Haa tahu malee yeroo ammaa humnootni kaleessa jireenya kee haalaa, dhabama kee hawwaa fi jaarmayaa fi sochii kee dhabamsiisuuf humna qaban hundaan sitti duulanii hidhaa fi ajjeechaa suukanneessaa si irratti geggeessaa turanii fi har’a illee gochaa akkanaa irraa hin dhaabbatin injifannoo wareegama keetiin argametti abbaa of taasisuuf oggaa foolatan argaa jirta. Waan taheef shira akkanaa itti dammaqxee hoongessuudhaan wareegama hanga ammaa baastetti firii gochuuf dammaqiinsa cimaadhaan akka sossootu Shaneen Gumii siif dhaama.

Ilmaan Oromoo Sirna Mootummaa Itoophiyaa Tajaajilaniif

Dirqama jireenyaa fi haala adda addaatiin dhiibamtanii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa, Poolisa Federaalaa fi Poolisa Oromiyaa, akkasumas, caasaalee hojii mootummichaa kan gara garaa keessatti mootummaa EPRDF tajaajiluu irratti kan argamtan sab-boontotni ilmaan Oromoo dirqama lammummaa kan Qabsoon Bilisummaa Ummata keessanii yeroo ammaatti isin irraa barbaadu beekuudhaan bakka jirtan hundatti mata mataanis tahe wal gurmeessuudhaan haala isiniif danda’ame hundaan waan Bilisummaa Ummata keessanii dhugoomsuuf gargaaru irratti qooda gama keessanii bahachuudhaaf kan yeroo kamuu caalaatti qophii taatanii akka sochootan Shaneen Gumii gadi jabeessee yaamicha isiniif godha.

Sabaa fi sab-lammoota Impaayera Itoophiyaa Keessa Jiran Hundaaf

Akeekni Qabsoo Bilisummaa Oromoo galma gahuun Bilisummaa Oromoo mirkaneessuu qofaaf osoo hin taane Bilisummaa fi kabajamuu mirga Ummatoota Impaayera Itoophiyaa hundaaf, akkasumas, nagaa fi tasgabbii naannichaaf wabii tahuu akka danda’u Addi Bilisummaa Oromoo jabeessee amana. Shirri mootummaan EPRDF Ummatoota walitti buusuuf yeroo adda addaatti dalagu umrii aangoo EPRDF dheeressuu fi hidhaa, ajjeechaa fi saamicha qabeenyaa dabalatee dhiittaa mirga dhala namaa bifoota adda addaan Ummatoota irra gahu itti fufsiisuudhaan ala Ummata kamiinuu kan hin fayyadne tahuun hundaan hubatamuu qaba.
Waan taheef, Sabaa fi Sab-lammootni Impaayera Itoophiyaa keessa jiran hundi kana hubachuudhaan qabsoo haqaa Sabni Oromoo fi sabootni cunqurfamoon biroos Bilisummaa ofii gonfachuuf geggeessan waan danda’an hundaan akka tumsan Shaneen Gumii ABO yaamicha godha.

Mootummootaa fi Hawaasa Addunyaa Hundaaf

Mootummootni Ioophiyaa dhufaa-dabraan aangoo irratti wal jijjiiraa turan hundi farra dimokiraasii kan tahe sirna cunqursaa fi saaminsaa afaan qawweetiin ummatoota irratti diriirsuudhaan akka barbaadanitti ummata hidhaa, ajjeesaa, qabeenya isaa saamaa fi dachii isaa irraa buqqisanii hiyyummaa fi baqattummaaf saaxiluudhaan itti roorrisaa jiraatan. Paartiin EPRDF bara 1991 oggaa gara aangootti dhufu irraa eegalee maqaa dimokiraasiitiin kakatee, federaalizimii sobaa caasessuudhaan Mootummootaa fi Hawaasa Addunyaa irraa deggersa argachaa yoona gahe.

Addi Bilisummaa Oromoo eenyummaa EPRDF isa dhugaa Ummatoota, mootummootaa fi qaamota dhimmi ilaalu hunda hubachiisuu irraa yeroon itti of qusate hin jiru. Har’a qabsoo Ummatootni (keessattuu Ummatni Oromoo) wareegama qaalii itti baasuudhaan geggeessaniin eenyummaan EPRDF inni dhugaa hunda biratti saaxilamee jira. Dhiittaan mirga dhala namaa fi yakkootni adda addaa EPRDF waggoota 27 dabraniif Ummatoota irratti dalagaa bahe gocha shoororkeessummaa akka tahe kan Addi Bilisummaa Oromoo fi qaamotni gara garaa ibsaa turanitti dabalee yeroo ammaa Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed “Paarlaamaa” EPRDF dura dhaabbatee afaan isaatiin ragaa bahuu eegalee jira.

Sirnaa fi caasaan shoororkeessummaa EPRDF afaan qawweetiin Ummata irratti diriirfate har’as bakkuma jira. Mootummootni fi hawaasni Addunyaa mootummaa ganna 27 oliif shoororkeessummaa sadarkaa mootummaa (State Terrorism) geggeessaa bahee fi har’as caasaa fi sirni inni diriirfate bakkuma jiru kanaan jijjiiramni dhufuu danda’u akka hin jirre hubachuu qaban.

Addi Bilisummaa Oromoo Mootummootni fi hawaasni Addunyaa “Jijjiirama” EPRDF afaan qofaan lallabu amananii isa deggeruu irraa dhaabbatanii Ummatoota mirga isaanii kabajsiifachuuf qabsoo haqaa geggeessaa jiraniif akka tumsanii fi ceehumsi hunda hammataa tahe kan Addi Bilisummaa Oromoo Dhaabota miseensota TUBD/PAFD waliin irratti hojjechaa jiru akka milkaawuuf qooda gama isaanii akka bahatan Shaneen Gumii ABO yaamicha isaa haaromsa.

Carraa kanatti dhimma bahuudhaan murtiilee akka HR-128 kan manni marii mootummaa USA (US Congress) dhiheenya kana dabarsee fi tarkaanfiilee European Union yeroo adda addaatti fudhachaa jiru dinqisiifachaa tarkaanfiileen sirna dimokiraasii fi bilisummaa ummatootaa dhugoomsuuf gargaaran akkasii caalaatti jajjabeeffamanii akka itti fufuu qabanis Shaneen Gumii ABO gaafata.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !

Shanee Gumii ABO
Waxabajjii 20, 2018

SQ:- Injifannoo WBO

Aside

Gootichii WBO Godina Gujii Bahaa keessa socho’u guyyaa kaleessa Waxabajjii 21, 2018 humna waraana diinaa gara iddoo qubsuma ishee Ona Gooroo Doolaa, bakka qubsuma ishee magaalaa Jiddoolatti adeemaa jirtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhatee loltootni diinaa namni kudhanii lama (12) yammuu ajjeefaman, madoon gara nama kudhanii ol ta’uu ummatni naannichaa nuuf dhaamanii jiru. Humni diinaa yeroo tarkaanfiin kun irratti fudhatametti konkolaataa lama wal duraaf duubaan adeemaa kan turan yammuu ta’u haxxee hidhuudhaan haleellaan laalessaan irratti fudhatamuun konkolaataan fuula dura adeemu erga nagaadhaan dabarfamee booda konkolaataa boodarraan deemaa ture irratti xiyyeeffatuun gaaga’ama ol aanaa irraan gahamee akka jiru gabaafamee jira.
Waraanni Wayyaanee Goninoota Gujii Bahaa fi Dhihaa keessa qubatee jiru ummata Oromoo nagaa yakka tokko malee ajjeessuun goolessaa akka jiru deddeedi’amee gabaafamaa turuun ni yaadatama.
Muummichi Minesteeraa Wayyaanee Dr. Abiyyi Ahmad dheengadda paarlaamaa Wayyaanee irratti yammuu dubbatu “Waraanni Kan faashinni isaa itti darbe dha; kottaa karaa nagaa qabsaa’aa” jechuudhaan jaarmaalee akka Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaaden fi Ginbot-7 akka biyyatti galanii qabsaa’an waamicha taasisuun kan yaadatamu yammuu ta’u, yeroo amma kanatti waraanni Wayyaanee ammoo Oromiyaa keessatti bobba’ee ummata Oromoo Gujii, Booranaa, Harargee fi Wallaggaa goolessuutti bobba’ee akka argamu gabaafamaa jira.

Baha Oromiyaa magaalaa Harariif naannawaa isaatti FXG jabaatee itti fufee

Aside

Baha Oromiyaa magaalaa Harariif naannawaa isaatti kan argamu Uummanni Oromoo dararama ulfaataa keessa jiraachuu fi FXG Jimaata darbe dhoofamuuf sababoota kanneen ta’an Qeerron gabaase.

[SQ, Waxabajji 20, 2018] Naannoon Hararii akkuma beekamu erga TPLF aangoo biyyattii dhuunfattee, ummata heddiminni isaanii kuma tokko (1000) hincaalle ummata Arabaa Turkiif mootummaan naannoo kenname.
Naannoon Hararii magaalaa Harar fi baadiyyaa naannawa ishee jiru, yoo xiqqaate kallattii hundaan kiilomertira kudha shan (15km) of jalatti qabatee lafuma Oromoon irra jiraatu gita bittaa warra Araba Turkii yeroo dhiyoo dhufeef kenname.
Ummanni Hararii/Adaree/ArabTurkii kun mooraa Jogel qofa keessa jiraatu.
Mooraa san keessattis dhibbentaan shantamni 50% Oromoo fi saboota birooti.
Ummata kanaaf jecha MOOTUMMAA NAANNOO jedhanii erga bulchiinsa OROMIYAA jalaa baasanii, magaalittii kaambiiwwan humna waraanaa TPLF godhan.
MISRAAQ IIZ dabalatee magaalittii keessa mooraa buufata waraanaa (Hammarreessa, Humna Ibsaa, Aboker, Betemengistii fi MisraaqIiz) tu jira.
Dabalataan LiyyuuPoolisii Naannoo Harariitu hidhannoo jajjabaan naannittii weeraree akka fedha JENERAALOTA wayyaaneetti bulfata.

Waggoota 28 ummata Oromoo magaalaa Harar keessaa dhiibanii baasanii baadiyyaatti erga galchanii waggoota dhiyoo as immoo ummata Oromoo baadiyyaa naannawaa magaalittiitti darban.
Manneen ummanni keenya keessa jiraatuu fi daldala keessatti geggeeffatu hunda “mana seeraan alaa fi maqaa misooma magaalaatiin” diiganii ummata ArabTurkii/Adareef ykn ammoo JENETAALOTA tigreef gamoo irratti ijaaru.
Haaluma kanaan ummata Oromoo magaalittii keessaa dhiibanii baasanii baadiyyaatti galchan.
Dubartootni keenya karaarra taayanii jimaa fi saambusaa gurgarachuu hindandeenye.
Qawweef dullaadhaan dhawanii achii kaasu.
Ajjeechaa fi hidhaadhaan taphaan ala godhan. Achirra darbanii bulchiinsa baadiyyaa fi kutaalee magaalaa moggaa jiranitti weeraraafii saamicha cimsan.

Baruma kana kutaa magaalaa Dakkar fi naannoo SOOFIItti mana seeraan ala ijaartan jechuun manneen Ummanni keenya keessa jiraatu diiganii “ummata diyaaspooraaf mana ijaarra” jechuun gamoowwanii fi manneen adda addaa afaan qawweetiin bira dhaabbatanii eeguudhaan ijaaraa turan.
ARAATTANYAAttis mana ummanni keenya daabboo itti bilcheessee gurguru “abbootiin qabeenyaa irratti haa misoomsan” jechuun diiganii lafuma Oromoo irratti mana daabboo jeneraalota wayyaanee banan.
San bira darbanii bulchiinsa baadiyyaa araddaa GALMASHIIR jalatti kan argamtu qarqara magaalaa Harar irraa ooyiruu Qote bulaa OROMOO humna waraanaa tplf fi humna liyyuu poolisii naannoo Harariitiin saamanii lafa hektaara hedduu irratti qawweedhaan waardiyyaa dhaabbatanii eeguudhaan dallaa qorqoorroo itti naannessaa turan. Naannawuma kana bakka addaa HAAKIM jedhamutti lafa QOTEBULAA keenyaa saamuun HAKIM_LODGE_AND_TOURIST kan jedhamu HOTEELA ABBAA URJII SHANII kan abbummaan isaa hin beekamneef ijaaran.
Hoteela kana irra caalaatti Tuuristoota alaa fi jeneraalota TPLF , akkasumas kaabinoota jajjabootu fayyadama.
Gatiin seensaa qofti Qarshii 500 dha.
…….
Haalota cunqursaa fi saamicha addaa kana falmachaa kan ture QEERROOn BILISUMMAA OROMOO
naannawaa sanii
JIMAATA_WAXABAJJI_08_2018
Ganama obboroodhaan QOTEBULAA naannawaa saniitti dammaqfachuun, hiriira mormii gaggeesse. Qaamni hinbeekamnes HAKIM_LODGE_and_TOURIST dabalatee manneenii fi dhaabbilee gabroomfattootaa guggubuun hojiin ala godhaniiru.
Mana pirezidaantii naannoo Hararii kan MURAADIS gubaniiru.
Uummanni naannichaa Lafa Qotee Bulaarratti kan ijaarame dallaa araddaa GALMASHIIR fi kan ARAATTANYAA hundas cicciranii diiganii caccabaa isaatiin karaa cufanii oolaniiru.
Waraanni TPLF fi LIYYUUPOILISIIn naannoo HARARII QEERROO BILUSUMMAA fi QOTEBULAA mirga isaaf falmatu dhukaasa banuun namoota 12 irratti miidhaa gurgudaa geessisteetti.
Kanneen keessaa namootni hedduun
-HOSPITAALA_DIRRE_DHAWAA,
-HIWOOT_FAANAA-HARAR fi
-XUQUR_AMBASSAA-FINFINNEETTI waldhaanamaa jiru.
Namootni hedduunis hidhamanii jiru.
Godinni HARARGEE_BAHAA magaalaa HARAR keessaa akka IMBAASIItti waajjiraalee qofa qaba.
Saboonni SEEM bashannanii mirga guutuudhaan keessa jiraatu.
Ummanni Oromoo manni irraa diigamee hiyyoommatee/miskiinomee karaarra buluufillee mirga dhabee jira.
Ummata karaarra buluu fi maraataa hunda qabanii hidhaatti guuraa oolu.
Qabsoon hanga mirga ABBAA BIYYUMMAA mirkaneeffannutti itti fufa.
I.U.O’f.
GGB ti.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baha Oromiyaa irraa.

ABOn humna jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Leenjisee Eebbisiise

Aside

ABOn humni jajjabee mooraa Leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) keessatti leenjise Waxabajji 18, 2018 mooraa Leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti eebbisiise.

Humni jajjabee (Koomaandoon) ABOn eebbisiise kun qaama WBO Oromiyaa qarriffaa diinaa jalaa baasuuf qopheeffamee dha.

Eebbifamtootni kunis bakka qondaalonni ABO olaanoon argamanitti, gahumsa waraana jajjabee fudhatan agarsiisaniiru.

Humni kun qaama waraanaan Oromoo egeree biyyattii keessatti irree uummata isaanii ta’uun garboonfataafi saamtota sirreessuuf leenji’an ta’uu ABO’n beeksiseera.

Addi Bilisummaa Oromoo biyyasaa Oromiyaa waraanaan cabde, bilisoonsee ijaaruuf sochii walirraa hin cinne waggoottaan dheeraaf itti fufee jiraachuun beekamaa dha.

 

No automatic alt text available.

Kora Abbootii Gadaa Hangar Guutteetti Muudamni Abbootiin Gadaa waliif taasisaa jiran Sirnaa fi Nasmusa Gadaa kan hin hordofne ta’uun ibsame

Aside

Kora Abbootii Gadaa Hangar irratti ta’amaa jiru Ijaaruu Irratti muudama Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Hangar Guuteetti abbootiin Gadaa waliif gochaa jiran kan haqaa miti

[SQ, Waxabajji 20, 2018] Eegalaa kora Abbootii Gadaa Maccaa Hangar Guuteetti geeffamaa jiru irraa qabee hanga ammaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordofaa ture.
Korri kuniis koree Abbootii Gadaa ijaaruuf kan qophaa’e ta’u afaaniin kan dubbatamuu ta’us ademsichi garuu walxaxaafi uummata kan mufachiise ta’ee argameera.

Kora kana irratti kan argaman Abbaa Gadaa kan godiinaalee Wallaggaa arfan irrati muudaman obbo Dassaalee Fayiisaa turan.
Obbo Dassaalee Fayisaan kan dhalatanii guddatan achuma Aanaa Giddaa Ayyaanaa Ganda Soob jedhamutti yoo ta’u. Ofii isaaniillee yeroo mootummaa Dargiidhaa eegalanii hojiiwwan babbadoofi haga arraallee uummata aanaa Eebantuufi Giddaa keessaa yoomuu baduu kan hin dandeenye hojjetaaniiru ittis jiru.

Obbo Dassaaleen. Sirnuma wayyaanee kana keessattillee bulchiinsa gandaa ta’uun Afeyaa’ii gandaafi bakka bu’aa uummataa ta’ee basaasummaan muudamuun hojjetaa tureera.

Obbo Dassaaleen bakka dhaloota isaattis ta’e; bakka hojii kamiifuu deemutti fedhii uummataa giddu galeessa godhatee utuu hin taane, Akkaataa siyaasa mootummaa ittin tiksan qoffaarratti xiyyeeffachuun hojjeta.

Akka fakkeenyaatti: baruma kana keessa Aanota irratti Abbooti Gadaa filla jechuun.aanoota hedduu keessa deemee; hoggantoota siyaasaa OPDO qofa sirna Gadaa keessatti filuufi kakuu akkaataa sirna Gadaatiin faallaa ta’e Foolleef Abootii Gadaa kakachiisu irratti waan safuu hawwaasaa keessa hinjirre raawwateera.

Kakuuwwan:
-Yoon mootummaa gane dhaaloonni na haganu jedhaa.
-Yoon kaayyoo mootummaa dhiibee uumaan naadhiibu jedhaa fi kkkf jechuutiin muudamsa irratti kakuu galchee, foolleefi uummata irraa mormii gurguddaa isa mudachaafi Foollee jedhamanii kan muudaman illee mudamichaa dhiisee ba’aa turee jira.

Haaluma kanaan ammallee itti fufsiisuun kora Abbootii Gadaa Maccaa Hangar irratti taa’aama jiru irratti; Foollee abbbootii Gadaa achi jiraniif uummata galmicha keessatti argamu irraa mormiin utuu irratti dhiyaatuu ergama waajjira dhaabaa Godinaarraa fudhatee dhufeen; koree Abbootii Gadaa jechuun hoggantoota siyaasaa OPDOfi namoota ergamtoota TPLF waliin walta’anii magaalaa keessatti shira xaxaa turaniifi ammallee xaxaa jiraniif muudama dhuunfaasaatiin kenneefi jira.

Namoonni filaman kunooti.

1 Darajjee namni jedhamu kan Hogganaa waajjiraa dhaabaa OPDO tti ijaarsa siyaasa baadiyyaa.

2. Araarsoo namni jedhamu kan OPDO keessatti gaafatamaa waajjira galii magaalichaa ta’ee hojjetu.

3.Abbabee kan jedhamu Kaabinee Gandaa

4. Wayyeessaa namni jedhamu Hogganaa miseensa dhaabaa.

5. Jirraa kan jedhamu Waardiyyaa waajjira Bishaanifi tika siyaasa Wayyaanee ta’ee tajaajilaa kan tureef jiru Fedhii uummataa, Qeerroo fi Foollee tokko malee ajaja waajjira dhaabaa OPDO godinaatiin muudee jira.
Abbaan Gadaa Dassaalee Fayisaan namoota kana shanan koree Abbootii Gadaa Maccaa gochuun muudaniiru.

Akkuma sirna Gadaa keessattuu nama harka ququlluu kan arrabaanillee nama madeessee hinbeekneef naamusa qabutu filatamee sirna gadaan uummata gaggeessa, obbo Dassaaleen sirna gadaa fakkeessuun Wayyaanee jajjabeessanii jiraachuu Qeerroon Bilisummaa kan hadheeffatee jiru, qaamonni harka dhiigaa uummataaf gumaa ta’an kun uummata bakka bu’uu akka hindandeenye Qerrroo Bilisummaa onichaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gabaasee jira.

Yeroon ammaa nuuf Warqee, nama dhuunfaa deeggaruufis mormuufis Yeroo hin qabnu!!

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qabsoon Oromoo ifaajjiifii dhamaatii danuu booda sadarkaa har’aarra ga’eera. Qeerroon kaayyoo fi mul’ata abbaasaatti ciccee falmiirra jira. Saba walaba ta’ee dhalatee, walabummaansa irraa mulqameef qabsa’a. Aarsaa hedduus baaseera baasaas jira.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo kobbortaa garbummaa sabasaarra ciruuf ifaaja. Nuffii fi sodaa tokko malee qabsoo hadhoofturra jira. Firaaf diina qabsoos bareechee Beeka.

Haala yeroo ammaa ilaalchisee, Yeroo nuti keessa jirruu nuuf Warqeedha. Nama dhuunfaa mormuufis ta’ee deggeruuf yeroo hin qabnu. Firii dhadhabbii keenya kaleessaa arguuf carraaqudha malee. Daandii eegalees qoree sakatta’aa deemu qabnas. Yeroon kun yeroo kam caalayyuu bilchina nu barbaachisa. Kanaaf ammoo Firriis diinnis miidhegsee beeka. Haqa haqaaqame deebisuuf daandii dheeraatu nu hafe.

Haala amma addunyaan illee qabsoo keenya deggaruuf nu cina dhaabbataa jirutti, qaamota yakkamoo hidhaa fi seeratti dhiyaachuu baraaramuuf afaanfajjiif “hiriiraan bahaa nu deggaraa!” jedhan deggaruun kan qisaasama yeroo cinatti harkifannaa Bilisummaaf qabsoo keenya ija addunyaa cinatti xiqqeessu ta’a jennee ilaalla; waan ta’eef Qeerroo Bilisummaa Oromoo gadjabeessee hiriira garboonfataa dhaadessuuf karoorfame ni morma.

Qaama yakkamaa yakka tokkoon alatti waggoota 28 guutuu nu ajjeesaa, nu kolaasaa sanyii nu kutaa, haamilee nu cabsaa, qaama nu hir’isaaf nu irratti daguuggaa shanyii raawwataa ture baanee dhaadessuuf si cina jirra jechuu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan addunyaa kanarratti ta’ee hin beenne daba siyyaasaa Oromoo irratti deemuuf jiru kana ni mormina. Qaamota yakka ajjeechaaf gidiraa lafarraa nu buqqaasuu nu Oromoo irratti raawwataa turan deggaruun yakka seenaan nama gaafatu hojjechuu akka ta’ettis fudhanna.

Yakkamaa faana socho’uufis hojjechuufis Qeerroon akeeka uummatasaa Oromoo faalleessu kamiinuu kan hin hojjenne ta’uu gamanumaan dhaamna. Kanaaf gaaffiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo addatti ammallee gaafatu wayiita babal’ataa jirutti qaamonni yakkamoon TPLF akkasuma ijaarsi isaaniin ijaaraman uummata keenya gowwoomsuuf akeeka dhokataan socho’aa jiran dura ni dhaabbanna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo rakkoo siyyaasaa biyyattii furuuf ibsa ABO’n irra deddeebiin Wayyaaneef qaamota dhimmichi ilalallatu bakka qaamni sadaffaa jirutti furuuf qophii ta’uu baase kan hojiirra oolfamu akka ta’u ni gaafata. Akkasuma gaaffiiwaan abbaa biyyummaa ABO dhaan hogganamee gaafataa turetti dabalee gaaffii Mootummaa Ce’umsaa gaafachuu, yakkamtoota manni seeraa biyyattii akka seeratti dhiyeessu gaafachuu, ajeechaa jumulaa nurratti raawwataa jiru akka nurraa dhaaban gaafachuu, qe’ee keenyarraa nu buqqaasuun nu dararuun akka dhaabbatuuf irra deddeebin ammoo kan jedhu qaamonni nurraan darara gahaa turan akka seeratti dhiyaataniif qaamota nagaa mana hiraarsaatti qaama hir’isaa turaniif akka beenyaan kaffalamu gaafachuu, Liyyuu Ayiliin mootummaan Wayyaaneen ijaaraman akka seeratti dhiyaatan gaafachuu itti fufna!

Waan ta’eef Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroon ammaa nuuf Warqeedha, nama dhuunfaa deggaruufis ta’ee mormuuf yeroo hinqabnu. Nuti sirna biyyattii keessatti Wayyaaneen direeree jiru akka diigamuuf kan nagaa biyyattii eegsisu akka bakka buufamu gaafanna. Yeroon nuti qabsoo Oromootti Xumura gochuuf hojjetaa jirru kanatti of ko’omsuun waan uummata keenya miidhu kamiin kan hin deggarreef kan irratti hin hirmaanne ta’uu hubachiisna. Hiriira halagaan waame kamirraayyuu qooda kan hin fudhanne rakkoo uummataa addunyaaf karaawwan hiriiraaf FXG addunyaaf beeksisuuf kan duubatti hin jenne ta’uu hubachiisa.

Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 20,2018
Finfinnee Oromiyaa

Raayyaan Ittisaa Biyyaa fi Liyyuu Polisii Huccuu kora bittineessaa Oromiyaa iffate socho’u Ummata nagaa dhoowwaa jira

Aside

(SQ) G/Q/Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo
Magaalaa Nuunnuu
Akkuma kanaan dura barraa’ee ture Koreen Qulqulleessituu Godina Qellem jedhamu kun kan liyyuu haayilii fi makkalaakayaatti huccuu korabittinneessaa itti uwwisanii ittiin ajjabamanii deeman olola ABO irratti oofuuf biyya nagaa jeequuf karoorfatanii erga dhufanii guyyaa isaan dhufanii eegalee nagaan biyya kana ni burjaaja’e ni jeeqame.Biyya nagaa qabu olola jibbisiisaa uummatni gurraan dhagahuu hin barbaanne oofuun nagaa biyyaa booressuu itti fufan.Wantootni ijoon madda walitti bu’iinsaa ta’e kan armaan gadiiti.
1.Namichi Oromiyaa irraa dhufe kun Alamaayyoo jedhama jechoota inni waa’ee ABO’f fayyadamu tuffii ABO irraa qabu agarsiisti.ABO’n humnaan waan fidu hin qabu,Namni bosona seenee jiru ijoolleedhuma keenya,a ariidhumaan bahan, namoota 13ykn 14 hin caalan jettee ergama wayyaanee lafa tuulti.kun immoo qeerroon akka inni aaruuf sababa ta’eera.
2.Liyyuu Hayiliin isaan fudhatanii dhufan magaalaa keessatti keessuma ajajaan liyyuu haayilii Addunyaa kan jedhamu jechoota safuu aadaa Oromoo keessatti hin jedhamne sagalee olkaasee jaarsa,jaartii,ijoollee utuu hin jedhin arrabsoo inni fayyadamu qeerroo fi uummaticha daran aarseera.

Utuma namittiin kun ajandaa dhugaa tokko qabattee dhufteeyyee namni arraba jara kanaaf gochaa isaanii sana ilaalee kun kashalabboota jedhee harkaa hin fudhatu.
3.Ittuma dabaluun Liyyuu haayiliin kun Waxabajjii 15/2018 galgala naannoo sa’a 2:00tti hidhannoo guutuun paatiroolii magaalaatti bobba’anii ijoollee nagaan DSTV ilaaltu olgalanii caccabsanii ijoollee mana DSTV qabdu hiyyeessa kana hojjettee daabboo bitattee bultu ofii xibsii quufanii nama Kibiruu Oljirraa Fi Takkaaliny Oljirraa jedhaman akka malee tumuun saanjaa qawweetti jiru mormatti gadidhiisee jenneen mucaan jalaa miliqe saanjaan sun garuu biradarbee girgiddaa manaa keessa bahe.

Gochaa bineensummaati.
4.Ittuma Fufuun Waxabajjii 16/2018 galgala sa’a ealfakkaataatti ijoolleetti dubbii kaasanii qeerroo Gammachuu Bantii jedhamu saanjaadhaan herkabitaarra waraanan.kana irraa kan gaafa sana uummatni dhaggadhaan ofirraa ari’ee waajjira poolisiitti naqee deebi’e.

Kana bu’uura godhachuun qeerroo fi uummatni magaalattii hedduun aariin guutamuun jara nama jeeqan kana ofirraa kaasuu qabna kan jedhuun Waxabajjii 17/2018 galgala mormii dhageessiseen waajjira dhaabaa aanichaa guutummaatti gubuun barbadeessee dookimantii diinaa achi keessa jirus barbadeesse.Ittuma fufuun waajjira nageenyaa kan jedhamtu waajjira erga uumamee shira uummata oromoorratti xaxu waan ta’eef isa cabsuun meeshaalee waraanaa achi keessa jiru keessaa guurratee dookimantii diinaa waajjiricha keessa jirus hojiin ala godheera.

Kana hundumaa kan fide ergama wayyaanee fudhatanii kan dhufan waan ta’eef erga magaalaa kana ga’aniis poolisootni oromiyaallee dabalachuun waxabajjii 18/2018 liyyuuhaayilii fi waraana 3f sadii warra duraan jiranitti dabalachuun guyyaa sa’a9:30 irraa eegalanii magaalaa Nuunnuu weeraruun guyyaadhaan mana namatti cufanii,daldalli illee dhaabbatee,qeerroon baqatee bosonatti galee utuu jiruu Guutummaa magaalattii keessa Namicha Oromiyaa irra dhufe kanaa fi poolisoota oromiyaa waliin mana namaarra deemuun uummata burjaajessaa jiru.Kun immoo ittumaa qabsoo finiinsa malee boodatti kan nama hin deebisne ta’uu beekanii warri mana nanaarra fuutanii deemtanis ta’e warri WBO barbaachaaf maallaqaan gowwoomtanii karaa itti agarsiisaa jirtan ija qeerroo fi WBO jalaa gonkumaa bahuu hin dandeessan muraasni keessan ammayyuu barameera.Kanaaf waan fiduu hin dandeenye tokkoof lubbuu kee hin gabaabsin dhiisii hojii si ilaallatu qofa hojjedhu.

Uummataan xiiqii qabachuun isunuma mataa keessan akka dhabamsiisu jala mutanii beekuu qabdu.Gochaa bineensummaa keessan kana sobdanii afaan oromoo dubbachaa ergama dhoksaa warri baattanii deemtanis jirtu irraacof hin qusattan taanaan immoo waajjirri isin itti galtanii nama darartan kun akkuma waajjira nageenyaa fi dhaabaa ta’uuf jira.Uummatichatu jilbeeffataa fi isintu jilbeeffataa walumaan ilaalla.

IUO’f
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati.

Hayyuu Dureen ABO J. Daawud Ibsaa Waamicha Dr. Abiyyi Taasisee Jedhamu Ilaalchisuun VOAf Yaada kennan

Aside

[SQ, Waxabajji 19,2018] Waa’ee waamicha karaa nagaa Dr. Abiyyi Ahemad Waame jedhamu ilaalchisee Hayyu Duree ABO Jaal Daahud Ibsaaf VOA n gaaffiif deebii godhee ture.

VOA Gaaffii isaatiin jechoota Dr. Abiyyi wabeeffachuun “kana booda faashiniin Qawwee hafeera galaa karaa nagaa waliin haasofnee rakkoo furraa” jechuun Dr. Abiyyi Parlaamaa irratti kan dubbataniif deebii akkamii qabdu ka jedhu gaaffii duraa ture.

Jaal Daahud Ibsaa “…waan uummata Oromoo aarsee ABO aarse, kan Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya keessaa aarse ka duratti waltajjii biraa irratti dubbate Dr. Abiyyi dabalee dubbachuun tuffiinni uummataaf qabu akka saaxilu” eeruun “namni qawween sirna jijjiiruufis ta’ee qawween qabsaa’uu faashina godhatee manaa bahe hinjiru. Dhiibamnee erga humnaan chaartera keessaa baanee mootummaan Wayyaanee waraana nurratti labsee, kanaaf; ammoo marroo dabalataa akka hidhannee bosona seennu nu godhe. Waraana dhaabbii uummata Oromoof ABO irratti labsee hanga har’aa kan nu waraana jiru mootummicha. Dr. Abiyyi mataansaa har’a doktoora ta’e jedhan kun bara chaartera Waraana ture, naannoo dheedheessaa irratti nu waraanaa ture…” Jechuun deebii quubsaa laataniif.

Dhimma waanicha gooneef jechuun Mootummaan Wayyaanee dubbataa jiruu irratti jaal Daahud akkana jedhan “waamicha kan godhe mootummaa utuu hintaane ABO dha. Ha ta’uutii ammayyuu waamicha ABO kabajuurra fakkeessuutti jiru. Rakkoo biyyattii furuuf bakka qaamni sadaffaa jirutti haasofna kan jenne dhiisanii ka biraatti ce’an…” Jechuun deebisan.

VOA gaaffii birootiin barbaachisummaa qaama sadaffaaf qaamni sadaffaan kun eenyu akka ta’e gaafate. Kanarratti Jaal Daahud Ibsaa akkas jechuun deebisan ” qaamni sadaffan kan idiladdunyaatti beekamtii qabu ta’uuf, gaaffiiwwan guddaan Mootummaan Wayyaanee tiif ABO gidduu jiru ka qaamni sadaffaa qofti furu ta’uu” dubbachuun barbaachisummaan isaa ammoo akkasaan jedhanitti gaaga’ama dabalataaf kan hinsaaxillee ta’uun waan haqaa akka barbaachisu ibsan.