Muddee 31,2015 Gindebarat.
Anoota Gindebarat humni federal fi Agaazii jedhamu uummata keessa deemuun miidhaalee haalaan gurguddaa geessisaa jira, Gaafa Mudde 29,2015 irraa kaasee hamma har’aa Mudde 31,2015 itti manneen jireenya uummataa saamuu irratti dabalee uummata nagaa reebuu fi kanneen kaanis gara jabeenyaan ajjeessuu hojii godhatee jira. Haala Kanaan ganda Kaachis mana barnootaa sadarkaa 2ffaa keessaa barattoota haalaan reebaman lubbuun darban keessaa:- 1, Inaagawuu Hayilu Gindabaratti irra
2,Bayisaa Bulto Abuuna irraa
3,Gandaa Bitee Abuuna irra
4,Gandaa Jammo Abuuna irra
5,Gandaa Goroo jalatee Abuuna irra, Gama biraan ammo namooti qabeenya saamamanii hanga ammaa seeraan ala qabamanii hidhaman keessaa hammi tokko:-1,Obbo lataa Hordofaa qotebula Abuuna
2,B/sa Asmaara Abuuna
3,B/sa Geetuu Abuuna
4,Fixa Gaasasee Abuuna QB
5,B/sa xafaa Ejetta Abuuna
6,Zalalam Taddasee Abuuna QB
7,Durbeen tokko bay’ee kan qabso irratti lubbun ishee dararamaa cimaa keessa kan jirtu maqaa ishee kan issin erginu ta’a. Kanen Gindaratitti argaman
1, Haacaluu didha
2,Hojettaa wajjira barnootaa
3,Baratoota university gadi lakisan dhufan gandaa sankoorri bartoota sadii isaan kun miseensoota ABO jechudhan kan rakkisaa fi reebicha guddaan irraan gahame dha. Aanoota lachuu irraa namoota maqaan isaani hin eramnee yoo xiqqatee nama 300 ol ta’u,qindeefanee kan gabaasnu ta’a.