Barataa Sabboonaa Oromoo Yuuniversitii Gondar Keessatti Oromummaan Yakkamee Wareega Kafale.

Aside

Maqaa :-Anteeneh Asfawuu Leggesee

Bara Dhaloota isaa:-Fulbaana 1/1983 A.L.H tti.

Bakka Dhalootaa:- Godina Diillaa Aanaa Fissaah Gannat ganda 02.

Barataa Anteeneh Asfawuu LeggeseeBarataan kun akkuma ibsuuf yaalletti barataa Yuuniversitii Gondar,Marketing waggaa 3ffaa kan baratu barri inni yuuniversitii kana seene 2004/2012 yoo tahu kan xumuru waggaa kana 2006/2013 dha. Akkuma beekamu barataan kun guyyaa sadaasa 24/2013barattoota garee isaa department Marketing kan tahan barattoota 60 ol kan tahan waliin bakka Daashan Biiraa jedhamutti yeroo afeerraa godhatanii turani. Haata’u malee afeerraa qaban booda galgala keessaa sa’a 9:00 PM bakka itti afeerraa taasofatan kana irraa gara mooratti kan deebi’an yoo tahu barattootni oromoo addatti wal foo’uudhaan sirboota qabsoo kan dhageessisaa daandii gubbaa irra deemantu ture. Barattootni habashaa ammo iyya garmaleetiin naannoo jeequudhaan namoota daandii irra socho’an ille humnatti gargaaramuudhaan reebuudhaan socho’a akka turaniidha. Tahus barattootni oromoo sirboota qabsoo dhageessisaa daandii irraa yoo socho’an barattootni habashaa kunneen ammo iyyaa hedduu nama rifaasisuun jeequmsa uumanillee boroo Daashan Biiraa bakka bishaan Qahaa jedhamu ce’uudhaan ganda 18 akka gahaniin hidhattoota wayyaanee daandii irratti bobbahan irratti rukuttaa eegalan,hidhattootni wayyaanee kunis ilmaan habashaa jeequmsa uuman kana irratti kan xiyyeefatan osoo hin taanee barattoota oromoo sirba qabsoo dhageessisan kana irratti kan guddaa xiyyeefatanii fi warra ABO(ONEG) faarsu jechuudhaan dhukaasa irratti banana.Barataa adda duree tahee faaruu qabsoo oromoo dhageessisaa  ture barataa Anteneeh Asfawuu jedhamu kana irratti kallattumaan dugda isaa irra rasaasaan reebuudhaan barattoota isa waliin jiranis tamsaasani.Rukutamuun mucaa kanaa galgaluma guyyaa kanaa sa’a 9:30 PM irrattiidha.Kallattuma rasaasaan rukutameen gara Hospitaala mooraa yuuniversitii Gondaritti fudhatani, Hospitaala kanatti yaalamee maal irra akka jirullee dadhabamnaan gara Hospitaala Minilikitti geessani.Barataan kuni Hospitaala kanatti kan lubbuudhaan darbe yoo tahu guyyaa itti aanu Sadaasa 25 barataa du’e kanaan wal qabsiisanii barataan mooraa addatti ammo barattootni oromoo yuuniversitii kanatti argaman hunduu walii galatti baayinni isaanii 3000-4000 kan tahan daandii Hospitaala geessu irratti hiriira bahuudhaan “WE NEED FREEDOM” kan jedhu dhageessisaa turaniiru.

Akkasuma baratooti du’a sabboonticha Oromoo kanaan wal qabsiisee aarii fi dheekkamsa guddaa itti kaasuu irraan akkasumas gaaffii Oromoof deebiin qaama mootummaa irraa dhabamuun wal qabatee qabeenyaa mooraa yuuniversitii sanii kan mancaasan yoo tahu hanga har’aatti ilmaan Oromoo mooraa sana keessatti argamu barataas tahe,barumsa dhaabee, hojjetaas tahe hojii isaa dhaabee,barsiisaa mooraa saniis kan tahe Oromoon barsiisa dhaabee akka jiru yoo tahu ilmaan Habashootaa garuu barumsa isaanii deebi’anii akka jiranii fi tooftaan guyyaa kana uumames ilmaanuma Oromoo tooftaa hin beekamneen ficcisiisuu ture jedha maddi gabaasaa kanaa. Ilmaan Oromoo akkanatti dhiigi dhangala’ee hin hafu, guyyaa eeggata! barumsi nutti  hafee mirga saba keenyaa falmachuuf qabsoo itti fufna  jedhanii barattootni Oromoo hunduu barumsa malee akka jiran gabaasaan addeessa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Wallagga,Annaa Ebantuu Keessatti Diddaa Farra Wayyaanee Kaasaniin Wal Qabatee Sabboontoti Oromoo 40 Ta’an Magaalaa Hindee Keessatti Hidhaan Dararamaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Gabaasa Sadaasa 29,2013 Naqamte

BilisummaaSabboontoti ilmaan Oromoo godina Wallaggaa Aanaa Eebantuu irraa mootummaan Wayyaanee dhihaa fi hiraarsa daangaa hin qabne gaggeessaa jiraachuu ilaalchisee Oromoonni biyya alaa jirtanii fi kanneen miidhamuu saba ofiif quuqqaa qabdan qaama mirga dhala namaa falmuu fi warren dhaabbotii namoomaatti akka iyyannoo nuu galchisan dhaammanna jedhu Ilmaan Oromoo mana hidhaa Eebantuu keessatti hiraaraa jiran.

Sadaasa 15,2013 irraa kaasee sabboontotiin Oromoo badii tokkoon malee hidhaa laga Abbayyaa mormitan, ABO deggeraa jirtu,sababaa jedhuun Ilmaan Oromoo aanaa Eabaantuu Magaaala Hindee keessaatti dararaa guddaa irraan gahamaa jira.Mucaa wagga 13 osoo hin hafiin aanaa Ebbantuu keessaa walitti qabamanii magaalaa Hindee jedhamutti dararaan daangaa hin qabne irra gahaa jiraachuu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.Ammatti maqaan ykn kanneen hidhamuu fi dararaan irra gahaa jiru hanga nama 40 galmeen argame kanneen armaa gadiiti.

Maqaan sabboontota dhiaman kanneen:-

1.Asfaaw Danuu Mucca isaa

2. Meetii Asfaaw umrii waggaa 13 wajjin mana hidhaa jiru!! hojjin daldalaa dha.

3.Darajjee Dhufeeraa
4.Suufaa Galataa
5.Zalaalem Ambessee
6.Jannaa Teessoo
7.Getachoo Siyyum
8.Balaay Galataa kan jedhamaam qotee bultoota dha xaa’oo liqii
fudhattanii kaffaluu diddan  jechuun kan  bara dheera ture offii isaanii nyaatanitti!!
9.Bayyanaa Abbabaa
10.Abdiisaa Garbaa  Barsiisaa
11.Tasfaayee Kinifuu
12.Mokonnoon Takkaleeny
13.Aalamuu Fiqaaduu
14.Tasfaayee Ayyalaa
15.Nagaashi Ambasaa
16.Alamuu Raggaasaa
17.Nagaashi Duubee
18.Firihiwoot Yadataa
19.Kumii Tafarraa
20.Tolaa Nugusee
21.Rabbumaa Gonfaa
22.Aaleem-Tsahaay Fiqaaduu
23.Taddaluu Aabarraa
24.Dhaabaa Gammachuu
25.Magarsaa Gammadaa
26.Gaddisaa Fatansaa
27.Nigaatuu Abeetuu
28.Waajjiraa Dhugumaa
29.Ashabbir Yadataa
30.Musee Jambaree
31.Tashoomaa FayyiSaa
32.Jireenyaa Abarraa
33.Badhaasaa Haayiluu
34.Tamasgeen Bayyanaa
35.Abarraa Likkisaa
36.Magarsaa Guddataa
37.Nugusuu  Abdiisaa
38.Dirribaa Tafarraa
39.Dirribaa Dhinsaa
40.Habtaamuu kan jedhamaan hojjettota misoomaa kan Mootumaa ti.

Fincilii fi gaaffiin sabboontotaa gaaffii mirga lafaa fi eenyummaa Oromoo akkasumas hidhaa laga Abbayyaaf horiin uumata irraa funaanamu daran Oromoo deegatti deemsisaa jiraachuu mormuun gaaffii mirgaa haa kaasan malee qondaaloti Wayyaanee garuu gaaffii isaanii kana ABOn wal qabsiisuun akka yakkamtootaatti sabboontota kana guyyaa 15 oliif dararaa jira.

 

Qeerroo

Garee Bakka Bu’oota Qeerroo Dhiha Oromiyaa Irraa Ibsa Kenname.

Sadaasa 26,2013 Jimmaa

Biyya Oromiyaa keessaatti ajjeechaa garajabinaa Mootummaan Wayyaanee Ummataa Oromoo irratti rawwaacha jiru fi Ajjeechaa suukaneessaa godaantota fi baqatoota Oromoo fi ilman cunqurfamoo lammilee biyyaatti biyya ambaa jiran irratti rawwatama jiruuf itti gaafataman Wayyaanee ta’u Hoggansii qeerroo ibsa baase.
Sadaasa 26/2013 Gareen qindeessitoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyyaa keessaa Yuunivarsiitiiwwaan:Jimmaa, Mattuu, Wallaaggaa, Wallaggaa Damee Gimbii, Amboo, Amboo Damee Walisoo, Finfinnee, fi Miizaan Teeppii, irraa Walitti dhufuun haala siyaasaa biyyattin walqabatee ajjeechaa Seeraan alaa Mootummaan Wayyaanee biyyaa keessatti yeroo irraa gara yerootti baratoota Oromoo , Ummaata Oromoo fi lammiilee cunqurfamoo irratti fudhacha jiruu fi Ajjeechaa Sukkaneessaa godantoota fi baqatoota Ilmaan Oromoo fi lammiilee cunqurfamoo biyyatti sabaa fi sablamoota biyyota ambaa garaagara jiran irratti rawwatamaa jiruu ilaalchisuun walitti dhufuun marii bal’a erga gaggeesani booda ibsa qabxii 8 qabu dabarsani jiru.

Ibsa Garee qindeessitoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Kenname.
1. Mootummaan Wayyaanee bara baraan ilmaan Oromoo mooraa barnotaa
keessaatti fi halaa garaagaraa keessaatti utuu hin ajjeesin jiraate hin beektu; yeroo amma kanas baratootni Oromoo dhabbilee barnotaa olaanoo irra barachaa jiran ajjeefamaa, dorsifamaa, dararamaa fi biyyaa irra wareerfamuun arii’ama jiru; kanneen bara baraan wayyanee qofaan biyyaa irra arii’ataman kumaan lakka’amu kanneen jiruuf jireenyaan godaansaa seeraan alaaf affeeraman waliin kumota dhibootan kanneen lakka’amanis bulchinsii biyyaa ambaa wayyaanee lammaffaa itti ta’uun ajjeechaan suukaneessaa fi dararamni daangaa hin qabne irraa ga’aa jiraniif itti gafataman mootummaa EPRDF wayyaanee har’a biyya bulchan jira jettu ta’uu ni hubachiifna.
2. Lammiiwwaan keenya baqattoota fi godantota ta’uun biyyota
garaagaraa keessatti ajjechan suukaneessaa irraa ga’aa jiruu fi biyyaa Ethiopia keessatti keessaattuu baratootni Oromoo qabinsa mirga namummaa dhabuun lubbuun isaani akka malee balleeffama jiru fi gochaan suukkaneessaa isan irraa qaqqabaa jiruuf gaddaa guddaa nutti dhaga’ame ibsina. gochaa diinummaa kanas nii balaaleffanna.
3. Ummaanni Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo lammiileen biyyaatti gocha suukkanessaa fi ajjechaa gara jabinaan nurraatti gaggeeffama jiruu dhaabsisuuf, falli jiruu mootummaa wayyaanee abba irree mirga keenya sarbee, sarbisiisaa jiru irratti qabsa’uun angoo irraa darbuuf bakka jirruu wal gurmeesinee FDG haa gaggeessinu, sagalee keenyaa addunyaa haa dhageesifnu jechuun wamicha keenya dabarsina.

Ibsa Gartuu Bakka Bu’oota Qeerroo Dhiha Oromiyaa Irraa Kemmame.

 

Mootummaan Wayyaanee Baha Oromiyaa Godina Harargee bahaa aanaa Midaagaa keessatti uummata Sumaalee fi Oromoo walitti buusaa jira.

Aside

Sadaasa 29,2013 Gabaasa Qeerroo Dirree Daawa
Wayyaaneen TPLF tooftaa biyya goolu kanneen itti dhimma bahu keessaa tokko sabaa fi sablammiiwwan biyyattii walitti buusuun tokkummaa uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa diiguu dha. Haala kana milkeessuuf uummata nagaa walitti buusaa kan ture Baha Oromoo uummata Oromoo fi Sumaalee walitti buusuuf lafa Oromiyaa irraa kutuun uummata Sumaalee qubachiisaa jira. Uummatni Oromoo naannoo daangaa kanaa jiraatan lafti kun keenya jedhanis waraana kumaatamaan bobbaasuun uummata Oromoo irratti miidhaa daangaa hin qabne gaggeessaa jira. Mootummaan wayyaanee yeroo dheeraaf poolisoota federaalaa ” Liyyuu Haayil” jedhaman bobbaasuun uummata Oromoo ficcisiisaa turuun isaa ni yaadatama. Shira mootummaa wayyaanee kanaan dammaquun uummatni nagaa waraan akka waliin jiraatu, daangaa Oromiyaa kabajsiisuuf ammoo wareegama barbaachisaa kaffaluu irraa uummatni Oromoo duuba akka hin deebine qeerroon baha Oromiyaa gabaasee jira.

Uummatni Oromoo Godina Gujii saaminsa warqee fi maqaa magaala Nagallee Booranaa gara Nagallee duwwaatti jijjiiramu dura gamtaan dhaabbate

Aside

Sadaasa 29,2013 Finfinnee

Saminsi qabeenya Oromoo akka dhaabbatu jechuun uummatni Oromoo Godina Gujii aanaa Saba booruu ganda qeenxachaa diddaa kaase. Mootummaan wayyaanee saaminsa Warqee aanaa kanaa gaggeessa kan ture nurraa haa dhaabu jechuun uummatni gamtaan dura dhaabbatee jira. Waraanni wayyaanee rasaasa dhukaasuun diddaa uummataa saaminsa warqee ilaalchisuun gaggeeffamu dura dhaabbachuuf yaalus uummatni gamtaan sochii waraanaa fashalsee jira.
Haaluma wal fakkaatuun jala deemtotni mootummaa wayyaanee maqaa magaala Nagallee Booranaa jedhamaa ture Booranaa kan jedhu hin barbaachisu kanaaf magaala Nagallee duwwaa haa tahu jechuun murtii dabarsanis uummatni Boorana kan jedhu uummata Oromoo waan ibsuuf haqamuu hin qabu jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu.

Oromoonni Jiraattoti magaala Buraayyuu ta’an qe’ee irraa buqqifaman,Bulchitooti gandaas hojii irraa arihaman.

Aside

Sadaasa 28,2013 Finfinnee
OPDO.jpg saamtuuMootummaan Wayyaanee erga aangootti olbahee uummatni Impaayera Itoophiyaa keessaa nagaa waaraa guyyaa takka illee argatee hin beeku. Addatti Wayyaaneen ilmaan Oromoo saamaa, ajjeesaa, hidhaa, qe’ee irraa buqqisaa as gahe. Bara dhumaatii isaa keessas wayyaaneen bittaa umrii koo dheeressa jedhee kan abdatu hidhaa Jumlaa, ajjeechaa fi qe’ee irraa buqqisuun hangafoota. Haalli kunis hammaachuun wayyaaneen uummata nagaa qe’ee irraa buqqisaa jira. Naannoo magaala Finfinnee Buraayyuu keessattis mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo isin lafa mootummaa irratti eeyyama malee lafa ijaarrattanii jirtu jechuun manneen uummataa diiguu irratti argamu. Kanneen kana taasisaa jiran kaadhimamtoota mootummaa wayyaanee TPLF investerootaaf haala mijeessuuf tattaafatan yoommuu tahan uummatni mana isaanii wayita diigamu dura dhaabbannaa taasisaa kanneen turan waraana wayyaaneen reebamuun miidhaa jabaaf saaxilamanii jiran. Magaala Buraayyuu gandawwan shan keessatti manneen diigaman

  1. Ganda Malkaa gafarsaa keessaa manneen diigaman 138
  2. Ganda Lakkuu Kattaa keessaa manneen 76
  3. Ganda Buraayyuu Kattaa keessaa manneen 36
  4. Ganda Gafarsaa Buraayyuu keessaa manneen 100
  5. Ganda Gafarsaa Noonnoo keessaa manneen 40

Kanneen diigaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee investerootatti gurguruuf manneen ilmaan Oromoo diiguu irraa dura dhaabbannaa kanneen taasisaa kanneen turan Obbo Alamaayyoo Baqqalaa fi Obbo Gaarii Birraatuu ganda gafarsaa Buraayyuu keessaa waraana mootummaa wayyaaneen reebamuun miidhaa jabaaf saaxilamanii jiran. Mootummaan wayyaanees namoota uummata waliin bulchinsa tahanii hidhata qaban hojii irraa arii’ee jira. Kanneen hojii irraa arii’aman ganda Lakkuu Kattaa keessaa
Aadde Warqinesh Guddinaa bulchinsa gandaa

  1. Obbo Dabalaa Hojjetaa bulchinsa gandaa keessaa kan arii’ame
  2. Obbo Shimallis Hojjetaa bulchinsa gandaa keessaa kan arii’ame

Ganda Buraayyuu Kattaa keessaa kanneen arii’aman

  1. Aadde Yashii Aliyyee
  2. Shaalaqaa Taammanee

Ganda Malkaa Gafarsaa keessaa kanneen arii’aman

  1. Obbo Tashoomee Bafirduu
  2. Tseggaa Warquu

Ganda gafarsaa noonnoo keessaa kanneen arii’aman

  1. Obbo Kabbadaa bulchisa gandaa
  2. Obbo Tafarii KHR

Mootummaan Wayyaanee bara dhumaatii isaa keessa dhiibbaa gaggeessuu irraa dhaabuu baatus qabsootti jabaachuun furmaata jechuun jirattootni magaala Buraayyuu dhaammatanii jiran.

Barataan Oromo Marketing Waggaa 3ffaa Yuunivarsiitii Gondar keessatti Ajjeefamee fi Kanneen Kaan Hidhamuun Gaaffii Mirgaa Barattootaa Duubatti Hin Deebifne,FDG Dhaadatnoo” WE NEED FREEDOM” Jedhuun Itti Fufe.‏

Aside

Sadaasa 27,2013 Gabaasa Qeerroo Uni,Gonder

OromiaALutaContinua2011FDGWaraanni Wayyaanee TPLF Yuunivarsiitiiwwanii fi nanneen barnoota biyyattii keessa jiran rasaasaan tiksuu kan eegale umrii yeroo bittaa Wayyaanee waliin wal gita. Yuunivarsiitii Gondar keessattis waraanni Wayyaanee rasaasaan barattoota tiksu barataa Oromoo Anteenee Asfaw barataa Marketing waggaa sadaffaa rasaasaan kan ajjeesan yoommuu tahu barattootni gamtaan Bilisummaa barbaadna” WE NEED FREEDOM” dhaadannoo jedhu dhageessisuu irratti argaman.

Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen humnaan diddaa kana dura dhaabbachuuf yaaluun barattoota hedduumminaan mana hidhaatti ukkaamsus yeroo ammaa kana barattootni daran diddaa jabeessuun barattootni kanneen hidhaman haa hiikaman jechuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Qondaalotii fi bulchitooti Mootummaan Wayyaanees kutannaa barattootaan kan baarage gaaffiiwwan mirgaa kana kaastu taanaan nyaata isin dhorkina jedhus barattootni Oromoo gamtaan dhaadannoo hidhamtootni haa hiikaman jedhu yuunivarsiitiilee keessatti maxxansuun diddaa itti fufanii jiran. Ilmaan Oromoo marti, barattootni hundi carraan rasaasaan ajjeefamuu waan nu eeggatuuf akka mirga ofii mirkanfachuuf ka’anis Qeerroon Yuunivarsiitii Gondar dhaammatanii jitan.