Waggaa 16ffaa FDG yeroo kabajannu gootota yaadachaa, kaayyoo gootonni kufaniif galmaan gahuuf Irbuu haaromsanna!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 9 Guyyaa FDG ilaalchisuun kenname!

Waggaa 16n har’aa Sadaasa 9/2005 guyyaa Fincila Diddaa Garbummaa dhaabni Qabsoo Bilisummaa Oromoo adda durummaan gaggeessaa tureefi jiru ABOn ummanni Oromoo keessumaa ilmaan isaa qeerroon akka gamtaan ka’anii mirga abbaa biyyummaa, hiree ofii, ofiin murteeffachuufi mirga abbaa biyyummaaf falmatanii FDG walirraa hin cinne akka gaggeessan guyyaa waamicha itti dhiheesse, ykn FDG itti labsedha.
Ummanni Oromoo keessumaa barattoonni dhaabbilee barnootaa sadarakaa gadiirraa kaasee haga Yunivarsiitiitti baratan FDG kana wal irraa fuudhuun sadarakaa har’a qabsoon Oromoo irra jiru kanaan gahaniiru.
Gaaffii mirga abbaa biyyummaa, gaaffii hiree ofii ofiin murteeffachuu, qabsoo dhugaa, qabsoo haqa ofii deebisachuu ummanni Oromoo barootaaf itti jiru kana; barataan Oromoo harka duwwaa qalama qabatee waraana diinaa dura dhaabbachuun, gariin ammoo ogummaa Aartii qabuun ummata warraaqsatti dammaqsee onnachiisuun, kan hafe ammoo beekumsaan, qabeenyaa fi dandeettii qabu maratti fayyadamee diinni akka baaragu, addunyaan immoo qabsoo uummatni Oromoo itti jiru akka quba qabaattu taasisaniiru.
Seenaa irraa akka hubatamutti, ummanni diddaa gochuu danda’u, ummata ijaaramee fi dammaqiinsa horatedha. Ijaaramuu jechuun ummata wal-dhaga’u, waliif ajajamu, yaada tokko qabu, wal irratti amantaa qabu, afaan tokko dubbatuu fi waliin adeemu jechuudha. Ummanni ijaaramuuf ammo dhaabni ykn jaarmayaan isa ijaaru jiraachuun barbaachisaa dha. Yoo kan uummata dura deemee isa ijaaruu fi karaa itti argisiisu hin jiraanne FDG’n gaggeeffamu firii hin qabaatu. Yoo ijaarame ummanni humna guddaa homtuu dura dhaabbachuu hin dandeenye tahee bakka yaade ykn galma qabsoo isaa ni gahata. Jaarmayaa ykn dhaaba malee baay’inni ummataa hamman tahullee milkaa’aa ta’uu hin danda’u. Ummanni yeroo diddaa adeemsisu of irratti amanuu fi shakkii malee qabsoo isaa fuula duratti deemsisuuf jaarmiyaan ykn dhaabni isa taliigu jiraachuun dirqama.
Ummatni Oromoos Wareegama gootota keenya biyya isaaniif jecha kufan xurree isaanii qabatee garbummaatti goolaba gochuuf, har’as ilmaan Oromoo baay’een kufanii kuffisuu filatanii qabsoo Bilisummaa Oromoo kallacha isaa ABO jalatti ijaaramanii akeekaa fi kaayyoo dhugaa ganamaa kan qabsaa’otni kumaatamni irratti wareegaman ammas dhalootni irratti wareegamaa qabsoo finiinsaa jira.
Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...