Oromoon gantootaan ganamee qe’ee isaa irratti salphifamee ajjeefamaa jira. Waajjiraaleen ABO fi KFO hundi cufamanii hooggantootni, miseensotnii fi deeggartootni mana hidhaatti ukkaamfaman. Hidhaa hayyootaa fi lagannaa nyaataa haqaaf jecha taasisaa jiramutti dabballootni PP qoosan. Lammiilee Oromiyaa fi hayyoota diina kokkee qabuun jijjiirama kanaaf gahee leencaa gumaachanitti qoosame. Hedduun immoo mana murtiittuu osoo hin dhiyaatiin ugguraman.Garii manni murtii bilisa jedhee waajjira poolisiitu imaanaa kaa’aman jedhee baasuu dide. Gabaabumatti Lammiileen Oromiyaa ganamne. Jijjiirama dhiigaa fi lubbuun itti wareegame keessatti saphifamne. Garuu,furtuun harka keenya waan jiruuf Guraandhala 15/2013 ALH ykn Guraandhala 22/2021(BOR) irraa eegaluun Oromiyaa guutuu keessatti tarkaanfiin armaan gadii ni fudhatama. Continue reading
Monthly Archives: February 2021
Humna Hidhate Hiriira Nagaa Ugguruuf Ajjeechaa fi Reebicha Raawwachaa Jiru ABOn ni Balaaleffata.
Haala Yeroo irratti YAADACHIISA Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname.

Ibsa Itti fufa hiriira deeggarsaa MCBO fi Mormii sirna bulchinsa PP ilaachisee kenname.
Ibsa Itti fufa hiriira deeggarsaa MCBO fi Mormii sirna bulchinsa PP ilaachisee kenname.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Uummatni biyyi isaa hin kabajamne kabajaa hin qabuuf jecha Oromoon qe’ee isaa kabajsiisuuf, irratti murteessuuf, nagaan bahee galuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture; wareegama qaalii gootota kumaatama itti wareeges kaffale. Dhaabotni Oromoo qabsoo Oromoo kana galmaan gahuuf qabsoo Oromoo hoogganaa turan, ABO fi KFOn akkasumas Jaarmayaalee fi Waldaaleen Oromoo sabboonummaa uummatichaa cimsuun lammiileen Oromiyaa hiree isaanii ofiin akka murteeffataniif dammaqsan. Kana irraa ka’uun bara 2011 ALA/2003 ALHtti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo ifaan labsamee namuusaa fi qajeelfama ABO tiksuun qabsoo Oromoo ceesisuu itti fufe. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo barattoota Yuunivarsiitii, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi 1ffaa keessatti eegale artistoota Oromoo hirmaachisuun uummata Oromoo walii gala dhaqqabe. Uummatni Oromoos gamtaan dammaqee wareegama daa’imaa hanga maanguddoo, qarree fi qeerroon itti wareegame kaffaluun Wayyaanee waliin morma wal hudhe.
Guutummaa Oromiyaa keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee jira.
Guutummaa Oromiyaa keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee jira. Guyyoota Muraasa as deeman keessas caalaatti jabaatee bifa adda addaan magaalotaa fi Baadiyyaa Oromiyaatti itti fufa.
Godina Horroo Guduruu Magaalaa Shaambuutti FXG itti fufee jira.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ,Magaalaa Shaambuutti FXG itti fufee jira.
IBSA GADDAA- DU’AAN BOQOCHUU OBBO TSAGAYEE YAA’II MALKAA
Walisootti hirriiri deeggarsa MCBOf godhamuu fi hidhamtoota keenyaaf lubbuu keenya kennina jedhu gaggeeffamaa jira.

Harargee Adaboot keessatti hiriirri barattootaan eegale hawaasa hirmaachise

Mi’eessootti hiriirri mormii pp balaaleffatuu fi MCBO tumsu gaggeeffamaa jira.
