Jaallannee Gammadaa | VOA
Monthly Archives: March 2015
“Dukkanaa fi Halagaa Garaa Isaa Hin Beekani ” Wallee Haaraa Artist Sabboonaa Ifaa Gammachuu.
Aside
Aside
Kan Gorsamuu Qabu Gorsaa Taasisuun, Gorsaa fi Gorfamaa Galaafata.
(Ijoo Dubbii ABO)
Bittaan Abbaa irrummaa isaa dhumatee baqattummaan Haraareetti osoo hin godaaniin dura Mangistuu H/Maariyaam ummatoota Itophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota ollaatti dhaadatuu fardeessaa ture. Ummatootni Itophiyaa bittaa Abbaa irrummaa isaa hifatuun deggersa sirnichi irraa barbaadu dhorkatuu irraa ummatichaan “Warqee hafaniif iyyuu Faandoo dha jedha” jechuun arrabse. Dabrees wayta qabsoon ummatootaa jabaataa dhufetti mormitoota ana irratti gargaara kan jedhuun mootummaa Sudaan ilaalchisee, “Goommaa konkolaataa karaa Bahaa ture dhoosnee jirra. Isa karaa Dhihaas dhihootti afuura keessaa yaasna” jechuun dhaadate. Dhaadannoo fi doorsisi kun garuu baqattummaa irraa isa hin oolchine. Aangoo humnaan tikfatuu barbaade irraa qabsoo ummatootaan ari’ame. Kun seenaa fagoo osoo hin taane kan kaleessaa ti.
Har’a dhaadannoo fakkaataa gorsituu Muummicha Ministeraa Itophiyaa Abbaay Tsehayyee irraa deddeebisnee dhagahaa jirra. Gorsituun kun OPDO irra cehee ummata Oromoo arrabsuun isaa isa jalqabaa miti. Tuffii fi Jibbiinsa ummata Oromoof qabu waltajjii argate hunda irratti kan ibsaa turee fi jiru Abbaay Tsehayyee, ilaalchi jibbiinsaa fi tuffii irraa calaqqisu kun imaammata jaarmayaa isaa TPLF raggaafatee ittiin masakamee jiru irraa madda.
Kitaaba TPLF “Ye Hizbawi Adera” jedhu keessatti akka ifatti kaa’ametti ummata Oromoo akka Diina duraatti kaa’e. Sababni diina duraa godhataniifis Tigraayiin bituu waan barbaadeef ykn qabeenya ummata Tigraay saamaa jiraatuuf hawwii horatuu irraa akka hin tahin hin wallaalamu. Kan diina duraa godhatan bittaa alagaa kan hin feene, saaminsaa fi cunqursaa dura kan dhaabbatu, qabeenya isaa irratti ajajaa tahuun mirga isaa tahuu hubatuu irraa afaan qawween malee akka barbaadanitti olii fi gad oofuu kan hin dandeenye tahuu beekuu irraa ti. Kanas Abbay Tsehayyee haasaa OPDO maaliif akka ijaaran wayta ibsutti haala hin falamsiisneen “OPDO kan ijaarre Oromiyaa ittiin seenuufi. TPLF ykn Biaden (Sochii Dimokraasii Saba Amaaraa) qabatanii ummata Oromoo ijaaruun ulfaataa ture ”jedhe. Kan Gorsamuu
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts on March 30, 2015
Aside
Gaaffii Mirgaa Uummanni Oromoo Kaaseen Duuba Jirtu Sababa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Hidhattoota Gandaa Hidhannoo Hikkachisee Hidhaa Jira.
Aside
Odeessa Qeerroo Qellem, Dambi Doolloo Irraa,
Bitootessa 30,2015 Torbanootuma kana keessa Horro Guduruu aanaa Guduruu kessaa hidhattoota milishootan gandaa hidhannaa qabaniin gara uummataa dhaabbachuudhaan mootummaa irratti wal ijaaraa jiru kan jedhuun shakkamanuun mootummaan hidhattoota gandaa hidhannoo isaanii irraa hiikkachiisee jira, kun gandoota aanaa kana keessatti argaman kanneen gaaffii uummataa deggeran, diddaa uummata waliin hiriiruun mootummaa dura dhaabbachuuf kan hirmaannaa taasisaa jiran hidhattoota hedduun hidhannaan isaanii irraa hiikamuu Qeerroon gabaasee jira.
Har’a Bitootessa 30,2015 odeessi Qeerroo naannoo adda addaa irraan wal hidhataan nu gahaa jiru, Qellem aanaa Gidaamii keessaas haaluma kana fakkaatuun milishoota gandaa uummata waliin dhaabbatan hidhannaa isaanii irraa hiikkachiisuuf walgayii waamuun hubatama. Akkasuma Qellem, aanaa Sayyoo, Begii fi Canqaa keessa milishootni gandaa hidhannoo isaanii lafa akka kaa’an mootummaan dhaamsa caasaa isaanii godina kanaaf dhaamaa akka jirutu hubatama. Ilmaan habashootaa kanneen uummata keessatti guddataniif meeshaan milishoota irraa hiikkatamu isaaniif akka kennamuuf deemutu odeessaan Qeerroo addeessa. Mootummaan Wayyaanee yeroo amma diddaa Qeerroon dhalatu uummata Oromoo hirmaachisuu irra darbee hidhattoota gandaas mirga uummata Oromoo kabachiisuuf diddaa irratti isaan hirmaachisuu sodaa irraan dursa hidhattootni gaaffiin uummataa gaaffii keenya jedhanii quuqama sabaa qaban sodaachuu irraan meeshaa akka hiikkataniif mootummaan Wayyaanee murtoo baasaa jira.
Aside
QARA DHUGAA” Must Watch Fiilmii Afaan Oromoo do’ii gabaabaa Bara 2015
Aside
“ GOGAA LAAFAATTI MARUU ”
Aside
SEENAA Y.G (2005) —kutaa 1ffaa
Ummati Oromoo, Mirga Abbaa Biyyuummaa isaa kabachiisuuf, bakka maraa sagalee inni dhageesisaa jiru, hedduu kan nama Onnachiisuudha. Kana irra yoo hojjatame ammoo, waan barbaadu bira ga’uuf humni isa dhawwu akka hin jirre shakkiin hin jiru. Ummata Oromoof har’a waa’ee Seenaa fi kkf kaasanii dubbii akka hubatu itti himuun barbaachisaa miti. kan lubbuun jiru hundumtuu, Siyaasa addunyaa kanaa fi Biyya Itoophiyaa jedhamtu akka gaaritti kan hubate fi akkaataa gabrummaa jalaa ba’uu irratti qofaa, wal gorsaa fi wal akeekuu irra ga’ee jiraa jechuu dandeenya. Warri waa kataban ykn dubbisan Ummata kanatti waan jiru himuuf yk hubachiisuuf, seenaa fi fakkaanya tarrisun yeroon isaa dabreera. Waan jechuu barbaadan suduudaan itti himu qofaadha. Kana irra geenyaan ammoo , sadarkaa irra geenye irraa duubatti akka hin deebinee fi waan hegaree keenyaaf rakkoo dhalchuu danda’u qofaa wal akeekanii hojiitti bobba’uu qofaatu furmaata ta’a jecuudha. Kanaaf, har’a Qabxiilee sochii nuuti amma itti jirru irraa duubatti nu deebisuu malan tokko , tokko fi yaada nu fayyadu jedhee yaade irratti , yaada mataa kiyyaan kaasuu barbaada.Qabxiileen kunneen :-
Goototi Dargaggoonni Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufan.
Aside
Bitootessa 29,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte.
Maqaa dorgommii Ispoortii jedhuun dargaggoota Istaadiyoomii Wallaggaa keessatti walitti qabuun kan afaan faajjessaa jirtu Wayyaaneen,karaa dabballoota isaanii filmaataaf jecha barattoota Yuuniversitii Wallaggaa akka isaan mormii kamiinuu ka’u keessatti hin hirmaatne olola adda addaa gaggeessaa turan. Dargaggoonnis haala kana kan hubatan magaalaan Naqamtee keessa naannawanii mormii fi diddaa isaanii dhageessisaa oolanii jiru.
Kana irratti dabalees mooraalee Yuuniversitii fi naannoo Istadiyoomii keessa naannawuun dhadatnoo fi walleelee warraaqsaa akka dhageessisaa turan odeessi jiru beeksisa. Dadhatnoolee Qeerroon dhageessisaa turan keessas:-
- Oromiyaan ni bilisoomti!
- Mootummaan Wayyaanee gabroomfataa dha,
- Abbaay Tshayyee farrummaa uumata Oromoof qabuun seeratti dhihaachuu qaba.
- Walabbummaa fi bilisummaan Oromoof haqa.
- Maaster planiin Finfinnee daddaffiin akka dhaabbatu fi kkf irra turan
Mormii dhageessifamee fi muldhifame kunis akka media adda addaa irratti hin dabarreef jecha manneen interneetii fi network jiru akka cufaa oolan gabaasi Qeerroo Naqamtee nu gahe addeessa.
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts on March 28, 2015
Aside