Monthly Archives: November 2018
SBO SADAASA 28,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii I.A.H.ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin kutaa 4ffaa
Aside
SBO SADAASA 25,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii I.A H.D ABO Jaal Araarsoo Biqilaa kutaa 3ffaa
Aside
SBO SADAASA 23,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii I.A. H.D ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin taasisame kutaa lammaffaa
Aside
SBO SADAASA 16,2018. Oduu, Ibsa ABO fi Gaaffii fi deebii Itti Aanaa H.D ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin taasisame kutaa jalqabaa
Aside
SBO SADAASA 11 BARA 2018. ODUU, IBSA ABO FI HAALA TIBBANA NAQAMTEETTI TA’E IRRATTI MARII JIRAATTOTA NAANNOO WALIIN
Aside
SBO SADAASA 07,2018. Gabaasa Bobbaa Jila ABO Gara Lixa Wallaggaa kan Magaalaa Begii Onkoloolessa 05,2018
Aside
Waliigaltee Nagaa Diiguun farrummaa dha!
Aside
(Qeerroo Bilisummaa Oromoo, 4 Onkoloolessa 2018) WBO nagaaf jedhee lola dhaabe irratti waliigaltee Nagaa Diiguun lola banuun farrummaa guddaa dha.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka amanutti, umamti Oromoo waraanatti kan seenan daandiin nagaa waan cufameef ture. Dhiheenya kana garuu, abdiin xiqqoo tokko akka mul’atuu taatee turte. Abdiin kunis yeroof tarsiimoo qabsoo saba keenya akka jijjiiru abdiin irratti gatamee ture.
Haata’uutii, yaaliin waraanaan saba cabsuu fi gabrummaa keessa tursuu kun amma illee bifa jijjiiratee itti fufee jira. Bakka addddaatti hojiin farrummaa hojjatama ajira; ABO/WBO dadhabsiisuuf keessaa fi alaan duulli jabaa adeemaa jira. Kunis adeemsa keessa saaxilamaa waan jiruuf, namuu hubataa jira.
Ummata Oromoof, waanti nagaa caalu hin jiru. Ummata nagaa jaalatuuf garuu waliigaltee nagaa diiguuf aggaamuun hedduu gaddisiisaa dha. Nagaan utubaa waa hallee ti. Nagaaf jedhamee waanti hedduun aarsaa godhameera; amma illee godhamaa jira; ummanni keenya nagaaf jedhee haqa dabe otuu arguu fi dhagyuu aarsaa gochaa jira. Kun immoo, akkanatti kan itti fuf hin ta’u.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo walgahii hatattamaa har’a godheen haala Oromiyaan keessatti argamtuu fi taatewwan yeroo dhihoo asitti raawwatama ajiran keessa deebi’ee gilgaalee jira. Keessayyuu, olollii fi duulli dabballota OPDOn WBO irratti banamee jiru, xiyyeeffannoo jabaa kan barbaadu ta’uu irratti waliigalameera.
Koreen Bulchiinsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ololaa fi lola WBO/ABO irratti banamee jirus jabeessee balaaleffateera; tarkaanfii guyyaa har’aa WBO Ardaayitaa jiru irratti fudhatames, jabeessee morma; gochaa farrummaa har’aa kunis waliigaltee nagaa irra gahame kan diigu waan ta’eef, naga-jaalattooti marti sagalee tokkoon balaaleffachuu qaban.
Tarnaanfiin Ardaayitaa, yeroo gabaabaa keessatti qaama walaba ta’een qoratamee ummataaf akka ibsamu Koreen Bulchiinsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jabeessee gaafata. Haga dubbiin kun qoratamee, dhugaan jiru ifa bahuttis, WBOn bakka addaddaa jiran marti of-eeggannoo jabaa akka godhan ni dhaammanna.
Miseensonni Qeerroon Bilisummaa Oromoos akkuma kanaan duraatti qabsoo Oromoo karaa hundaan fuuldura tarkaanfachiisuuf akka caalatti jabaatanii hojjatan dhaamsa keenya ni dabarfanna.
ABO/WBO irratti shirri dalagamu, qabsoo keenyatti akka cichinu nu taasisa!
Qeeroo Bilisummaa Oromoo
4 Onkoloolessa 2018