Manni Maree Uummataa Uummata Irratti Waraana Hin Labsu!

Aside

Dabmee Boruun

Biyya lafaa kana irratti hojiin nama miseensa mana maree tahee filamuu itti gaafatamni isaa uummata isaa filateef malee mootummaa biyya bulchuuf miti. Mootummaan biyya bulchu namoota hojii mootummaa hojjetaniif ofii muudata. Yoo akka mootummaan barbaadutti hojjechuu didanis hojii kenneef irraa molqee ari’uu danda’u. Miseensa mana maree garuu mootummaan ari’uu hin danda’u. Kan filatus yoo hojjechuuf dide ykn dadhaba tahe ykn badii hojjetee argame kan taa’itaa  irraa  buuse bakka nama sana kan nama biraa filatu uummata duranuu falate qofa tahuu qaba. Continue reading

Waamich Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo Hundaaf Uummataa fi Qeerroo Matakkal-Asoosaa Irraa

Aside

Sabboontonni Oromoo 16 ta’an Naannoo Matakkal irraa qabamanii Yakka tokko malee mana hidhaa maayikalaawwii fi Qiliinxoo keessatti waggaa tokkoo oliif hiraarfamaa turaniiru. Kunis karoora Mootummaan wayyaanee Akkuma Oromoota Naannoo Sumaalee, Walloo, Raayyaa fi Affaar Jiran walitti buusuun, Hidhuun, Ajjeesuunii fi Buqqisuun Sanyii Oromoo naannoo biraa jiran Lafarraa dhabamsiisuuf karoorfatee fi Hojjechaa jiru dha.

Haata’uyyuu malee Buqqa’insii fi duguuggaan sanyii Oromoota nagaa naannoo Sumaalee jiraatan irra gahe naannoo keenyatti sababaa Kabajaa fi Jaalala Ummanni Biroo naannichaa Oromoof qabu irraa kan ka’e harkatti fashalee jira. Kanaan kan ciisa dhabde mootummaan Wayyaanee; sabboontota mana hidhaattii guuruu fi Uummata Oromoo naannichaa saboota biroo wajjin walitti buusuu Furmaata godhattee kaate. Garuu hanga ammaatti Hidhaa qofaan milkooftee jirti. Continue reading

Guraandhala 27,2018] Maqaa namoota Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti Madaa’an fi Wareegaman

Aside

Abbabaa Mokonnin Goota Sabasaaf Jedhee Lubbuu Jijjiraa Hin Qabne Kenne!

Abbabaa Mokonnin Goota Sabasaaf Jedhee Lubbuu Jijjiraa Hin Qabne Kenne!

1) Abbebee Mokonnon – Ni wareegame
1) Waaggarii Bultoosaa
2) Daani’eel Ashannaafii
3) Maarii Yaayyaa 
4) Abdii Gammadaa
5) Kennaasaa Tasgaraa
6) Misgaanuu Taayyee (Kan kaleessa madaa’e)
7) Asfaawu Bulii (Kan kaleessa madaa’e)
8) Isaayyaas Fayisaa achuma Ukkee
9) Abdallaa Ibraa’im Ammaduu Ganda Keenaaf.
10) Amaanu’eel Bultii
11) Taarik Daggafaa  Continue reading

The All-Inclusive Conference Initiated by Peoples Alliance for Freedom and Democracy (PAFD)

Aside

Press Release, February 25, 2018

We the following political organisations:– Afar Liberation Front, Gmbella Regional Movement, Gambella Nilotes United Movement, Oromo Parliamentarian Council, Shekacho Peoples Movement for Democracy and Social Justice, Tatek Ethiopia for Freedom, Democracy and Unity for Ethiopia, Member Organizations of PAFD (Gambella Peoples Liberation Movement, Sidama National Liberation Front, Continue reading

Qabsoo Magaalaa Naqamtee keessatti uummanni taasisaa jiru maalfakkaata?

Aside

Image may contain: one or more people, people standing, sky, cloud and outdoorQabsoo FDG walitti fufiinsaan adeemaa ture ABO tiin durfamee gantuus galtuus raasee bakkaa bubbutaa, kaanshee dhabama gochaa gara FXG tti ceene. Ammas qabsoon itti fufeera. Walirraa akka hincinnetti bifa miidhaan uummatarra hingeenyeen danboobee jabaatee dannabsaa jira. Tooruma magaalaalee Oromiyaa mara fakkaatuun Naqamtes yeroo gara yerootti sochii diddaa taasisuun hanga yoonaa didaa as gaheera. Leeqaanis ta’e Oromoon martuu waan godhuuf waan dalagu beeka. Qaama diinaaf fira ta’e addaan dhilee beeka. Yeroo kamuu uummatatu beekadha jenna nuti. Warri uummmata miliyoonarra beekna jedhan ammoo Taankiif Qawweenuu dadhabaa jiru. Qabsoo roga mataasaa dandaa’ateen Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya abaasaa keessa ta’ee ABO dhaan durfamee qabsoo taasisaa jiru baase bu’ureeffachuun qabsoo belbelse. Continue reading

Gabaasaalee Oromiyaa keessaa tokko tokko

Aside

Gurraandhala 26,2018

Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti mootummaan Abbaa irree wayyaanee yakka diinummaa uummata oromoo irratti raawwatu torbanoota kana keessa daran hammeessee jira.Mootummaan sirna cunqursaa abbaa irree wayyaanee  kufaatiin  isaa haalaan jala ga,uusaa erga guutummaatti mirkaneeffateen booda yakka duguuggaa sanyummaa isaa dhumaa uummata oromoorratti erga labsee bubbulee jira.Haaluma kanaanis mootummaan sirna nama nyaattuu wayyaanee sodaa fi rifaatuu jabaa keessa seenuudhaan waan qabee gad lakkisus erga wallaalees bubbulee jira.torban kana keessas sanbata duraa irraa kaasee uummata Nagaan hidhamtoota siyyaasaa gara magaalaa Naqamtee dhufaa jiran kanneen akka Dr Maraaraa guddinaa ,Obbo Baqqalaa Garbaafaa simachuuf uummata bahe irratti reebichaaf hidhaa akkasumas dhukaasa jumlaan raawwachuudhaan gaaffii uummatichaa gara loliisaa fi gooliitti ofiima isaatii  jijjiiree jira. Continue reading