Hidhatee Magaalaa Finfinnee Keessa Deemuun Waraanni Wayyaanee Uummata Naqaa Qabee Gidirsuu Itti Fufe

2016-01-30 08.41.22 2016-01-30 08.23.30Amajii 29,2016 irraa kaasee barattota Oromoo adamsuudhaan naannoo kiiloo 6,5 fi 4 keessa waraanni Wayyaanee olii fi gadi kaattee ijoollee qabuun ukkaamsaa jirti. Namoota isheen qabuuf duukkaa kaattu boodaan ijoolleen Qeerroo suuraa isaanii yoo kaasan kunoo argina. Baratootni oromo yuuniversitii kiiloo 5 keessaa baratan kaleessa waraqaa Qeerroo ABO maxxansan jedhamee shakkaman daandi irraa qabanii hidhaa ukkamsaa jiraatuu suuraadhaan kan deggeramen ragaa baha.
FXG oromiyaa keessa bakkeewwan hundaattuu kan itti fufe tahee naannoo biroo kanneen akka Gambeellattis fincilli uummata wayyaaneen walitti
buusee fayadamuuf kaatuun uummanni waliin mootummaa wayyaanee irratti ka’ee jiraatuu gabaasni naannoo Gamblee irraa dhufaa jira.
Akaksuma godina Gujii keessatti yero ammaa kana waraqaa hedduun waamica FXG bittimfamaa jira haala wal irraa hin cinneen. FXGs uummataan godina Guji keessatti torbee kana irraa kaasee aanaalee garagaraatti itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

2 thoughts on “Hidhatee Magaalaa Finfinnee Keessa Deemuun Waraanni Wayyaanee Uummata Naqaa Qabee Gidirsuu Itti Fufe

  1. Dubbiin qabsoo kan yeroo tokko ha’ee yeroo tokko akka hinqorrine xiyyeeffannoon fi of-eggannoon atattamaan kan itti deemamuu qaba; jarri bar halkanii fi guyyaa hojii mudda irraa jiru, kan guyyaa basasaa oolan hakan walga’ii taasisaa bulu bar!!
    Kaleessaa immoo ministeeri misooma magaalaan, master plan finfinnee irratti qabsofaminaan karaa biraa immoo yaaluuf magaalaa Adamaa federal magaalota kaadhimam keessa ishii tokko akka taate dhaga’uu hindiddan nati fakkaata; eyyee taanaan akkasiti itti cabsani kallattiidhaan oromiyaa qarqara irraa jalqabanii itti adeemuu isaaniif fayya malee;karaa kana immoo xuqanii oromoon malee jedhammoo laata jechuu fakkata; ahhhhhh…..ahhhhhh! nama aja’ibsisa bar jarana. Kan tortore bokkoo hinsodaatu jedhama mitiree!!!

  2. Akkam jirtu? Nagummaa! Ani barata uninveersitti civil engineering waggaa 2ffaa baracha ture naannoo Afaar samaraa uninveersitti. Haa ta’u malee yeroo amma kana rakkoon cima fi gidiraan cima karaa mootumma waayyaanetti maatii fi obboola kiyyarraa waan ga’ef adda kuten jira barnoota koo, kanaaf gabaabummatti kallaattin gara qabsooti adeemu waan barbaadef utuu dandii naf ibsite sin jedha dhiifama wajjin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s