
Abidda biyya gubu uumuuf ichima ichimaa jiru mootummaan daddaffiin keessa deebi’ee ilaaluu qaba!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo (Qote Bulaa, Horsiise Bulaa Oromoo ilaalchisee)
Eebla 4,2020
Finfinnee Oromiyaa
Uummati keenya waggoota dheeraaf sanyii orgaaniika ta’ee fi wantoota itti fayyadamu mara keemikaala kan of keessaa hinqabne fayyadamaa ture. Haalli jireenya saba keenyaa osoo keemikaalli garaagaraa biyyattii keessa hintatamsa’in maal akka fakkaatuuf, qilleensi akkam akka bareedu warri beeku beeka. Nageenya isaas tiksachuu fi yoo akkaan itti hammaate malee takkaa rakkoo beelaa osoo hinimatin hawwaasi jiraataa ture, hawwaasi Oromoo madda galii isaa Qonna irraa soorrata isaa of danda’ee midhaan gabaaf dhiyeessuun beekama.
Adeemsi wantoota keemikaala of keessaa qabanitti fayyadamuu qorannaa gahaa fi, barnoota hubannaa gahaa irraa kan maddu ta’uu osoo beekamuu qorannaan lafaaf keemikaalota lafatti biifaman gidduutti osoo haalaan hintaasifamin qorichoonni Aramaa jedhamanii fi Qorichoonni Marga goksan Qote bultootaaf callifamee raabsamuudhaan albuudota lafaa miidhuun itti yaadamee waan lafa uummata Oromoo goksuf taasifamedha jechuun fudhata Qeerroo Bilisummaa Oromoo. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...