Barattootni Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa maqaa walga’ii afaan faajjessaa wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n teesisuuf humnaan dirqisiifamaa jiran Iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi gaaffiiwwaan waliigalaa qabate qop

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGBarattootni Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophainaa maqaa walgaii afaan faajjessaa wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO teesisuuf humnaan dirqisiifamaa jiran Iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi gaaffiiwwaan waliigalaa qabate qopheeffachuun walgaii wayyaanee dura dhaabbatan.

Iyyaannoo Barattoota Oromoo manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi qophaina

Nuti dargaggootni Barattootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophainaa irraa barachaa jirru haala yeroo irraatti hundaauun rakkinoota yeroo amma kanatti uummata keenyarratti feamee jiruu kanneen akka : dugugginsa Sanyii (Genocide), Siyaasa, Dinagdee , Qabinsa mirgoota Namummaa fi Dimookiraasii, gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi rakkoo Master Planii Finfinnee, irratti hundaauun baatii Ebla 2014 irraa eegaluun manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophainaa Godinaalee Oromiyaa karaa garaa keessatti barachaa jirru rakkoon uummata keenyaa boqonnaa waan nu dhorkateef karaa seera qabeessaa fi Dimookiraatawaa taeen iyyaannoo keenya dhiyeeffaannee deebiin Mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO irraa nuuf kennaame: Hidhaa, ajjeechaa, reebicha, fi barnoota irra ariiamu akka taee Oromoo mitii Addunyaa biyya lafatu raga nuuf baa. jiota gannaa kana keessas mootummaan kun maqaa walgaii jedhuun barattoota Oromoo Yuunibarsiitota biyyatti garaagaraatti humna waraanaatti fayyadamuun waamee barattoota gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafatan reebaa, hidhaa fi doorsisaa ture. Ammas maqaa walgaI fakkaataa afaan fajjii gaaffii uummataa dura ittin dhaabbachuuf jedhee walitti nu qabuun furmaata tokko illee hin qabu. Nuti gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf dursa deebii qubsaa barbaadna,

Mootuummaan Yakka dugugginsa Sanyii (Genocide) uummata keenya Oromoo irratti raawwatee jiru ; rawwachaa jiru kun Yeroo ammaa kanattii rakkoo ulfaata siyaasaa isa mudatee jiru keessa bauuf maqaa walgaii jedhuun barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota Olaanoo , Barsiisota sadarkaa garaagaraa irraa jiranii fi barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophaina irraa barachaa jiran walitti qabuun dirqamaan afaan qawweetti fayyadamuun na jaalaadhaa, miseensa koo taaa fi na malee namni hin jiruu jedhu kun yakkaa dugugginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwataa jiruuf itti kan gaafatamu waan taeef, gaaffii keenyaaf hanga deebii argannee mirgi dimookiraasii fi namummaa uummata Oromoo kabajamutti FDG daran jabaatee itti fufa, walgaiin wayyaanee kan FDG kakasuu fi jabeessuu malee kan laffisuu miti, kana hubachuun ammas irra deebiin gaaffii keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii ni dhiyeeffanna. Irraa deebiuun gaaffii keenyaas akka armaan gadii kanatti ni dhiyeeffachuun gaaffii keenyaaf hanga deebiin nuuf kennamutti walgaii diinaa fincilaan dura dhaabbanna.

Gaaffiileen buuraa fi ijoo rakkoo uummata Oromoof deebii gaaa barbaadan:

1. Yakka waraanaa gochaa duggugginsa sanyii(genocide) uummata Oromoo irratti mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO rawwachaa jiru waan taeef gocha diinummaa kana Cimsinee balaaleffachuuf Mirgii hiriira nagaa nuuf haa eeyyamamu.

2. Mootummaan Wayyaanee maqaa walgaii tarsiimoo Siyaasaa abbaa irrummaa isaa babalifachuuf olii gadii raafamaa jiruun barattoota Oromoo Yuunibarsiititti walitti qabee humna waraanaa itti bobbaasuun ni reebisee, qaama hirise, jumlaan hidhaati guuruun dararaa waan jiruuf carraan kun nuttis dhufaa waan jiruuf dursa mootummaan kun yakka fokkataa kanaaf itti gaafatamuu qaba. Barattootni hidhamanis hiikamuu qabu.

3. Uummaatni Oromoo manneen hidhaa garaagaraa keessaa jiran gaaffii tokkoo malee akka hiikamaan jabeesinee gaaffanna!

4. Mirgii abbaa biyyummaa Uummata oromoo kabajamuu qaba, Uummatni Oromoo akka guddina/baayina/ saba isaatti, akka baayina qabeenyaa isaatti fi akka balina saba isaatti mirgii isaa eegamaafii waan hin jirreef eegamuufii qaba.

5. Mirgootni Namummaa fi dimookiraasii kabajamuu, qabu, gaaffii karaa nagaa fi dimookiraatawaa gaafachaa jirruuf waraanaa fi poolisii Federaalaa gutummaa Oromiyaa irratti bobbaasuun ukkamsaan mirgaa uummata keenya irra kaaamee jiru nurraa dhaabbachuu qaba,

6. Master Planiin Finfinnee balaa guddaa uummata Oromoo fi qabeenyaa uummata Oromoof waan qabuuf hatattamaan haqamuu qaba!!

7. Mootummaan abbaa Irree uummata keenya Jumlaan ajjeesee , hidhaatti guuree hidhee gidirsee, kaan ajjeesee kaan barnoota irraa ariiateef dirqama itti gaafatamummaa fudhachuu qaba!!

8. Mootummaan abbaa Irree EPRDF/TPLF/OPDOn daramaa(Filmii) Sobaa qopheessuun karaa ETV fi media of harka qabuun argisiisuun adeemsa yeroo garaagaraatti maqaa qabsoo uummaanni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuuf taasisuu maqaa balleessuun, tuffii uummata Oromoof qabanin sochii uummaatni Oromoo kabajamuu mirga namummaa fi dimookirsiif taasisu irratti filmii sobaa qopheessuun uummata keenya maqaa balleessuu irratti argamuuf mootummaan wayyaanee itti nuuf haa gaafatamu. Uummatni Oromoos taee ABO Shoroorkeessa miti. Shororkeessaan kan uummata nagaa qeeef qabeenyaa isa irratti dhukaasee ajjeesuu, hidhuun dararuu fi mirgoota dimookiraasii fi namummaa dura dhaabbatu mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO tauu ni hubachiifna.

9. Loltootni Mootummaa abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO mooraa dhaabbilee barnootaa fi Godinalee Oromiyaa garaagaraa irraa qubsiifamuun uummata goola jiran, gadhiisanii bauu qabu. Waraanaan doorsisuu fi waraanaa uummata nagaa irratti bobbaasuun gaaffii keenyaaf deebii miti.

10. .Manneen murtii wayyaanee Oromiyaa fi godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti argaman soda mootummaa wayyaanee abbaa irree garagaluuf jiruu murtii dabaa fi jallinaa uummata nagaa qeeef qabeenyaa isaa irraa humnaan wayyaaneen qabdee hidhaa jirtu irratti kennaa jiru irraa of dhaabuu qaba. Abbaan irree wayyaanee garagaluuf jiru itti gaafatamaa seenaa fi seeraa irra isin hambisuu waan hin dandeenyeef adeemsa afaan wayyaaneetti fayyadamuun murtii jallinaa kennaa jirtan irraa of dhaabuu qabdu.

11. Walumaa galattii gaaffiin keenya Gaaffii uummata balaa waliigalaa waan taeef maqaa walgaii tarsiimoo jedhuun Barattoota, Barsiisota, hojjettootaa, qonnaan bultoota, Poolisoota, dafqaan bultootaa, Daldaltootaa bakka garaagaraatti dirqamaan humna waraanaatti fayyadamuun fedhii uummataa malee walitti qabuun gaaffii uummata balaa Oromoof deebii waan hin qabatneef gaaffiii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba j echuun iyyaannoo keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii itti fufnee jirra.

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Fulbaana 29/2014

Wayyaaneen maqaa Walgaa’ii Tarsiimoo siyaasaa abbaa irruummaa ishee qabattee, Adeemtuun kasaaraa siyaasaa keessa seente jirti!.

Aside

Gaafa Fulbaana 23/2014 Mootummaan Abbaa Irree wayyaanee maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa isaa afaan qawweetti fayyadamuun barattoota Yuunibarsiitii, barsiisota manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi barsiisota kolleejjii barsiisota Oromiyaa bakkotaa garaagaraatti torbee lamaa oliif humna waraanatti fayyadamuun walitti qabee humnaan
miseensummaa wayyaanee akka fudhataniif dirqa ture milkii malee
fashalaa’e.
Beektotni Oromoo Walga’ii Wayyaaneen waan qabdee gadhiiftu dhabuun sagalee uummata Oromoo biyyaa keessa fi biyyoota garaagaraa keessatti dhageesifamaa jiru dura dhaabbachuuf walga’ii afaan faajjeessa eenyu iyyuu irratti dammaquu danda’u butatee fiiguun kufaatii isaa saffisiisa jechuun sabboontotni Oromoo walgaa’ii kana
irratti gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo irratti finiinaa turee fi kan Wayyaaneen gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo ukkamsuuf humna waraanaa beektota Oromoo dura ittin dhaabbachaa jirtu ta’uun seenaa keessatti bakka guddaa qabacha jira. Dargaggootni barattootni , fi barsiisotni Oromoo garbummaa humnaan nutti fe’amaa jiruu kana bara baraan baatnee hin adeemnuu, uummatni keenya bakka hundaa bulchiinsa sirna faashistii wayyaaneetti akka hin jilbeeffannee, bakka jirruu gurmuu keenya jabeeffachuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa finiinsuun bilisummaa keenyaa haa gonfannu. Bilisummaa afaan qawween mulqamaa jirru sagalee keenyaa fi FDG sochii dargaggoota biyaaleessa Oromiyaa Qeerrootti makamuun mirga
keenya kabachiisuuf qabsoon karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeeffamaa jiruu furmaata waan ta’eef bakka jirruu gara dirree qabsoo FDG tti haa dirmannu jechuun utuu wayyaaneen miseensummaaf jettee gucha miseensummaa itti guutan baattee barattoota fi barsiisota afaan faajjeessuuf yaalii gootuu barattootni nuti miseensummaa mootummaa bineensa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiruu hin fudhannuu jechuun
gucha miseensummaa wayyaanootaan qophaa’ee zeeroo taasisuun mormii fi gaaffiin mirga abbaa biyyummaa barsiisotaa fi barattootaan gaafatamaa jiru deebii tokko illee utuu hin argatiin gargar kan ba’an ta’uu madden keenya Oromiyaa godinoota garaagaraa irraa nuuf gabaasan.

Dhumarratti uummata Oromoo hundaaf dhaamsa hirmaatota walga’ii Wayyaanee barattoota Oromoo yuunibarsiitii walga’ii wayyaanee marsaa 2ffaa ta’aan, barsiisota manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa fi barsiisota Oromoo koolleejjii barsiisota Oromiyaa garaagaraa irraa walitti qabaman irraa darbe.
1. Ilmaan Oromoo walga’ii wayyaaneen maqaa tarsiimoo siyaasaa abbaa
irrummaa ishee fi umrii bittaa ishee dheereffachuuf beektota mataa
hidhuuf tattaafachaa jirtu itti fufinsaan uummatni Oromoo marti dura
dhaabbachuu qaba.
2. Wayyaaneen xummura Walga’ii afaan fajjeessaa ishee irratti dirqamaan dhaaba ofiif iyyuu diigamaa fi wayyaaneedhan ukkanfamaa jiru miseensa OPDO ta’aa jechuun guca miseensummaa baatee oliif gadi fiiga jirtu uummatni Oromoo akka hin fudhannee fi miseensummaa afaan qawween nama kaadhima jiru akka hin fudhannee dhaamsa dabarsaan. Yeroo amma kanatti OPDO keessatti illee ilmaan Oromoo dhalootaan Oromoo ta’an Oromummaan shakkamanii angoo wayyaaneen itti kennamte irraa kaafamuun arii’amaa, bakka isaanii immoo ilmaan habashaa tigiree fi amhaara Oromiyaa keessatti dhalatee guddatee fi kanneen afaan Oromoo dubbatan bakka buusuun aangawoota Oromiyaa gochuun halagaan nurratti muudamaa waan jiruuf yeroon kun yeroo itti miseensa OPDO ta’an utuu hin ta’iin yeroo itti ilmaan Oromoo OPDO keessa jiran iyyuu gara sochii warraaqsa dargaggoota Oromootti makamaa jiran ta’uu hubachuun ilmaan Oromoo humnaan wayyaaneen kaadhimaa jirtu kana irraa akka qooda tokko illee hin kennine dhaamsa keenya dabarsina!!
3. Wayyaaneen abbaa irree barrii itti dhumte kun of jiraachiisuu fi umrii garbummaa uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota biyyatti irratti dheereffachuuf olola hin jirree baattee abdii kutaannaa tokko malee kasaaraa siyaasaa baattee fiigaa waan jirtuuf mirga keenya kabachiisuuf bakka hundattii sochii wayyaanee kana hanga dhumaatti
dura haa dhaabbannu!!
4. Wayyaaneen qarabaa qara hin qabneen qarabaa qara qabuu muruuf walgaa’ii afaan faajjeessaa kana dhaabbilee barnoota olaanoo irraa kan eegalte ta’uun saaxilamee jira. Walga’iin wayyaanee kun gara barattoota manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi qonnaan bultoota fi hawaasa walii galaatti illee adeemaa waan jiruuf yeroon uummtni Oromoo sochii wayyaanee kana akka dhaabsisuuf FDG( fincillii diddaa garbummaa ) jabaatee akka itti fufuu , hundi keenyaa irraas qooda akka fudhannu dhaamsa keenya dabarsina.
5. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo bukkeetti qabuun adeemsa siyaasaa isaa galmaan ga’uuf fiigaa waan jiruuf , gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo deebii qubsaa argatuttii fi Oromiyaan hanga bilisoomtuttiwarraaqsii FDG jabaatee ittu fufaa jechuun dhaamsa waliigalaa uummata oromoo hundaaf dabrsuun gabaafameera.

SBO Fulbaana 28 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu – Gaaffii fi deebii Art.Amiin Huseen waliin – Akkasumas dhimmoota adda addaa irratti namoota adda addaa waliin gaaffii fi deebii gaggabaaboo fi qophiilee biroo hammata

Aside

Godina Addaa Finfinnee, A/Sulultaa Naannoo Gorfoo Irratti Uummanni Ayyaana Masqalaaf Nagaan Bobbahe Humna Waraana Wayyaaneen Bittimfame‏

Aside

Fulbaana 27,2014 Finfinnee

Gabaasa Qeerroo aanaa Sulultaa ganda Gorfoo jedhamtu irraa, Fulbaana 27, Mootummaan Wayyaanee haala yeroo ammaa kana keessatti sochii uummataa fi barataatti amanuu dadhabee, jira, namni kamuu gandaa fi hawaasaan walitti dhufee marii fi walitti dhufeenya qabu keessatti mootummaan waanuma isa irratti mariyamatu, sirna bulchiisan isaa kuffisuuf kan namni wal barbaadu tahuu isaa murteessee,shakkuu irraan,yeroodhaa yerootti bakka uummanni oromoo itti wal gayutti shakkuu irraan humna bittimmeessaa erguu, hordofsiisuuf basaastota isaatti fayadamuu dhimma bahuu hin dandeenye, uummata nagaa keessatti humna nageenyaa jedhee waraana ramada, uummanni oromoo waliin deemuu fi waliin jiraachu keessatti mootummaan wayyaanee yeroo ammaa baayee shakkee sodaatee jira,

Haaluma kanaan wal qabatee godina addaa Finfinnee aanaa Sulultaa ganda Gorfoo jedhamtu keessatti, uummanni ayaana masqalaa kabajatan wal gayan, humna poolisiitiin bakka itti wal gayanii bittimfamanii jiru, akkasuma namootni humna waraana wayaaneen toohatamanis jiru, sababoota
hidhaa hin guunne uummanni ayaana fakkeessee siyaasa sirba, ABO faarsa,walleelee sirna mootummaa Wayyaanee morumu wallisan sababaa jedhuun uummata jiraattota kabaja ayyaana Masqalaa irratti wal argan humna waraana qabuun bittimsuu fi namoota shakkan ammoo yeroodhaaf toohatamani akka qorataman akka tahe gabaasni Qeerroo magaalaa Sulultaa irraa addeessa.

Akka gabaasni Qeerroo addeessutti dargaggoonni naannoo Gorfoo jedhamu keessa jiraatan bakka uummanni Oromoo wal argee jiru ayyaana kanaan wal qabsiisanii:
– Oromiyaan keenya,kan habashaa miti, habashaan aangoo nurratti hin godhatin
– Oromiyaan oromoodhaaf, ormi nun bitin,
– Bilisummaan oromoof, walabummaan oromiyaaf!
– Oromiyaan ni bilisoomti…………
Jedhanii sagalee bifa dhaadannoon dhageessisuu fi sirboota qabsoo waan sirbaniif isin ABO dha jechuun jaleewwan mootummaan wayyaanee aanaa Sulultaa irraa namoota naannoo kanaa akka toohatamanii fi yeroodhaan akka naannoodhaa bittimfamuu akka qaban ajajni baheen namootni
muraasni tooahatamanii, uummannis akka waliin kabajaa ayyaanichaa hin kabajin hafeetu jira. Kanumaan mootumaan naannoo kana shakkuun poolisoota qubachiisuu, akkuma amala isaa qorannoof fiiguu irratti kan argamuudha jedha gabaasni Qeerroo nu gahe.

“A Criminal State: The Blackmailing of the Oromo Liberation Struggle for Freedom and Democracy”, the futile attempt of successive regimes of Ethiopia

Aside

shigut4Your Excellency Mr. Chairman,

Dear Honorable guest speakers,

Ladies and Gentlemen,

It is a great privilege and honor for me to be among you today representing the Oromo Liberation Front. First of all, I would like to extend my deepest gratitude to the organizing committee for inviting OLF and having organized the 4th New World Summit that brought together the representatives of stateless states to discuss and share experiences about the potentials or obstacles that states are embroiling some genuine political causes today.

Ladies and Gentlemen,

The topic on which I am going to address is “A Criminal State: The Blackmailing of the Oromo Liberation struggle for Freedom and Democracy”: the futile attempt of successive regimes of Ethiopia. Accordingly, my presentation is organized in five main parts. In the first part, I introduce Oromo (the people) and Oromia (the land) that are caught in an increasingly violent identity political struggle. In the second part, I will try to indicate the deep rooted conflict that led the Oromo people for being at odd to the Ethiopian Empire. In the third part, I point to the birth and grand objectives of Oromo Liberation Front. In the fourth, I will enumerate with some specific examples how all the Ethiopian regimes that seized power one after the other attempted to blackmail Oromo liberation struggle. Finally, I offer our view on the current political situation and the future scenarios on Oromo vs Ethiopia.

1) Who are the Oromo and Oromia?

I might be forgiven for asking who the Oromo are and why they are important. It is, however, impossible to understand Ethiopia – which is Africa’s second most populous country and the recipient of billions of dollars in western aid without knowing something of the Oromo. Oromos are the largest ethnic group of the Ethiopian empire and their language is the fourth most spoken in Africa. According to US Bureau of African Affairs November 5, 2010 the total population of Ethiopia is estimated at 80 million of which the Oromo are said to constitute 40%. With today’s projected 93.9 million people of Ethiopia, Oromo accounted for about 35 million. Addis Ababa/Finfinne, sometimes known as the capital city of Africa, serves as the seat of Ethiopian government, Oromia regional state and many international organizations is located at the heart of Oromo land (Oromia). Among the nations and nationalities in Ethiopia, Oromos occupy an important position not only geographically but also socio-economically. Oromia State is the largest among the Regional States of Federal Republic of Ethiopia. It stretches from northwest Sudan border to south east to Somalia, from north Tigray border to south up to Kenya, and in the west from Sudan border to the east up to Djibouti. Oromos are the single most nation that has cultural contact with many nations and nationalities in Ethiopia. Natural resource from Oromia is the backbone of Ethiopia’s national economy. It mainly supplies most of agricultural products. Coffee, which generates about 60% of Ethiopia’s foreign exchange earnings and about 10% of government revenue, grows mainly in Oromia. Other major exportable agricultural products such as hides and skins, pulses and oil-seeds are also produced mainly in Oromia. Oromia has large reserve of gold, platinum, nickel, tantalum, iron, marble, and other non-metallic and industrial minerals. It is also estimated that Oromia has the Potential to provide hydroelectric power to the Horn of Africa. The main hydroelectric power of the country comes from Oromia. In addition, potentially rich geothermal power exists in the Great Rift Valley section, which passes through the heartland of Oromia. The main tributaries to the Great Ethiopian Grand Renaissance Nile dam come from Oromia.  Yet the Oromo are an invisible nation in the eyes of the world and political minority in the Ethiopian empire.Read More:- The Blacklisting of the Oromo Liberation Struggle for Freedom and Democracy final-4