Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ta’e jedhamee duula Oromoo fi Oromummaa irratti godhamaa jiru dura nii dhaabbanna.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 15,2019

Sirna EPRDF yakka waggaa 28 dura Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayeera biyyattii irratti dalagaa ture hunda yakka ta’uusaa amanee ofitti fudhachuun gamagamee of sirreessuuf uummata biyyattiif waadaa galeen, rakkoowwan uummata Oromoo irra gahaa turaniifis gaafatama qaama fudhachuu qabu saaxilee seeraaf dhiyeessuuf waadaa galuun uummata biyyattii bulchuuf aangoo ODP tti laachuun sochiin godhama turuusaa eenyullee nii yaadata.

Uummatni Oromoos waan waggoota kana mara irratti raawwataa ture yakkoota suukanneessaa, hidhaaf dararaa tiki mootummaa biyyattii raawwataa tures yakka ta’uu miidiyaa biyyattiin bahee fuulduratti sirreessuu akka qabu waadaa galaa turuu sirna EPRDF eenyulleen kan hubatudha.

Keessattuu hidhamtoota siyyaasaa dararuudhaan rakkoo hamaa uummata Oromoof sab-lammoota biyyattii irratti raawwataa tures badii ta’uusaa amanuudhaan kanaan booda siyyaasaaf nama hidhuu akka hinqabne waadaa sirni EPRDF galeen; itti dabalataanis “yeroo fudhannee wal gamagamnee qaama badii uume seeraaf laanna yeroo nuu laadhaa” uummataan jechuun akka uummatni isaan dhaggeeffatu gochaa turuun nii yaadatama.

Jijjiirama afaaniin haasa’amaa jiru kana keessatti qooda olaanaa kan qabu Qeerroo Bilisummaa Oromoos daandiin Dimokiraasii fi mirgoota namoomaa biyyattii keessatti haalaan jabaatee lafa qabachuu akka qabuuf qabsoo isaa jabeessee itti cichee kan jiru haalotni jijjiiraman yoo jiraatan jechuun abdii guutuudhaan jijjiirama siyyaasaa qaama aangoo fudhate irraa eegaa ture. Abdiin sun dhugoomuu hanqatus.

Sun hafee sirnichi akkuma barateef amaleeffate Oromummaa mataa rukutee ajjeesuuf ajandeeffatee hojiitti seenuu yoo arginu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo hedduu gaddine. Sochiiwwan hidhaaf dararaan bifa addaan uummata keenya Oromoo Walloo irratti adeemaa jiru sochii Oromummaa balleessuuf taasifamaa jiru ta’uu nu hubachiise. Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti qaamootni hidhamaa jiran hedduun kanneen sadarkaa bulchiinsaatti mootummaa EPRDF’n ramadamanii hojjetaa jiranidha.

Aggaammiin Oromoo Kaaba Oromiyaa Walloo irratti taasifamaa jiruun; Oromoo waan ta’an qofaaf hidhamuu isaanii nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsinee hubanna. Haaluma kanaan namootni hanga ammaa Oromummaa qofaaf Kaaba Oromiyaa Walloo hidhamanii jiran. Aanaa Jiillee Dhummuugaa irraa 1. Abdusalaam Hasaan Ali Itti gaafatamaa Nageenyaa fi Itti Aanaa Bulchaa Jillee
2. Ali Yimeer Inspeekter poolisii
3. Mohammad Ammee
4. Abdusalaam Husseen Hajii
5. Umar Abduu Umar
6. Hasaan Mohaammad Darasoo
7. Umar Adame Aliyyii
8. Usumaan Hasaan Bayaan
9. Bushuraa Mammud Baaqalaa
10. Mohammad Abdusalaam Sawwali

Aanaa Caffaa
1. Abdusalaam Ibrahim Bulchaa Aanaa Caffaa
2. Maammee Aliyyii M/d I/G /Nageenyaa
3. Ibrahim Aliyyii I/I /Nageenyaa
4. Fayyera Oljiraa Hojjetaa Fayinaasi
5. Kifoo (Guddataa) Hojjetaa Galiiwaani
6. Husseen Ali Affaree Bulchaa Gandaa
7. Adam Abduu
8. Abdusalaam Mohammed Milishaa gandaa
9. Umar Kabiir ( Kaliil)
10. Adurroo Abduu
11. Muhee Adam
12. Yaayyoo Abdusalaam
13. Hasaan Jibriil Manaajera Gandaa
14. Adam Husseen Mohaammad
15. Husseen Mohaammad Inspeekter poolisii
16. Xilaahuun poolisii Mana Marii
17. Maammud Muhee (sarboo) milishaa gandaa
18. Mohaammad Usumaan
19. Mohaammad Husseen Mohaammad milishaa gandaa
20. Hasuu Abdusalaam Badruu
21. Aliyyii Ibree
22. Abdusalaam Yimaam Sayid
23. Mohaammad Sayid Muhee
24. Muhee Sayid Fulee
25. Hasaan Umar
26. Sayid Ibirahim
27. Goonfee Husseen Hasaan
28. Nuuruu Ahamii
29. Mohaammad Dawwee

Kamisee irraa

1. Alii Mootummaa Kantiibaa Magaalaa Kamisee
2. Sayid Hasaan ( Mandelaa)
3. Mohammad Kaliil
4. Abbaas
5. Ibrahim Alii
6. Meles
7. Husseen Sayid
8. Umar Hasaan
9. Adam Amiinu
10. Abduu Ahamed kan jedhaman hidhamanii jiru.

Sochiin hidhaa uummata Oromoo Walloo irratti adeemaa jiru kan Uummata Oromoo bakkichaa balleessuuf qiyyaafate ta’uutti amanna. Gocha fokkisaa Oromummaa balleessuuf taasifamaa jiru akeeka mootummaan itti jiru kun Oromiyaa bakka maratti adeemuuf aggaammii akka qabus kanarraa ka’uun hubanna.

Waan ta’eef nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ta’e jedhamee duula Oromoo fi Oromummaa irratti godhamaa jiru dura nii dhaabbanna. Qabsoon keenya ciminaan qabsoo Bilisummaa Oromoo, uummata keenya Oromoo jiraachisuuf, Oromiyaa jiraachisuuf xiyyeeffannoo kan kennu ta’uus uummata keenya Oromoo fi diina uummatichaa maraaf ibsina!

Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 15,2019
Finfinnee Oromiyaa

 

Waci Raachaa Hangam Baay’atullee Galaana Yaa’u Goksuus Dhaabuus hindanda’u!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 12,2019
Finfinnee Oromiyaa

Daandii karaa nagaa qabatnee qabsoon gochaa turre nageenya amansiisaa akka fiduuf malee balaaleffatamni nurratti godhamuun maqa balleessiin nurratti deddeemuun akkuma waggaa 28 duraa sirni EPRDF amala fokkisaa nagaa uummataa jeeqsisu sana itti fufsiisee nageenya keenya akka molquuf hinturre. Hawwiif akeekni qabannee kaane gufachuudhaan; akeekni aanjaa’aan nuti dhugoomsuuf qabsoo gochaa jirru nagaaf dimokiraasiin haqaa hidda jabeeffatee lafa qabachuun hafee mirgi namoomaa keenya molqamuun har’as akkuma kaleessaa itti fufe. Mootummaan daandii fokkisaa kaleessa irra ture irraa deebi’ee mirgoota namoomaa fi dimokiraasii qabnu nuuf kabaja jennee abdannus abdiin keenya fiixa bahiinsa hanqatuun hireen Qeerroo Bilisummaa Oromoo mana hidhaatti dararamuu, ajjeefamuu, reebamuu, fi manneen barnootaa keessattis ari’atamni ittuu caalee sochii itti fufe. Nuti akka ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo tti namuu paartii siyyaasaa barbaade hordofee nagaan qabsoo gochuu akka qabutti amanna. Kun hafee mootummaan EPRDF yoo sirna kiyya amiin jettee hinfudhattu ta’e jechuurraa har’as nama miseensa paartii isaaf jaarmiyaalee isaa hintaane adamsuun yakka dhala namaaf hinmalle raawwachuu itti fufe.

Trying to build Ethiopian Unity by dividing Oromo people and dismantling the Oromo nation is desperate effort of the Ethiopian Regime!

Comprehensive Statement of Oromo National Youth Movement for Freedom and Democracy  (Qeerroo)
on the current situation in Oromia.

June 9, 2019,  Finfinnee, Oromia

To the attention of the respected and beloved:

  1. Oromo Political Organisations, who are struggling for freedom and democracy;
  2. Oromo Youth ( Qeerroo), who are undertaking bitter struggle paying heavy sacrifices;
  3. The Abba Gadas, who hold the promises of peace and security for the Oromo people;
  4. Religious leaders, who stand for truth, justice and moral values of mankind;
  5. Students of Universities and various institutions, who are at the forefront the revolution;
  6. Oromo scholars and professionals, who shape and guide the future of Oromo nation and people;
  7. Oromo people at large, who deserve freedom, democracy and peace in your land.

Haala yeroo irratti ibsa bal’aa Qeerroo Bilisummaa Oromoorraa kenname

Waxabajji 9,2019, Finfinnee Oromiyaa

Kabajamaa ummata Oromoo kanneen golee addunyaa maratti argamtan;
Kabajamtoota jaarmiyaalee siyaasaa kanneen mirga ummata keenyaaf dhaabbattan;
Kabajamtoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo kanneen wareegama keessaniin qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jirtan;
Kabajamtoota Abbootii Gadaa Oromoo kanneen imaanaan ummataa isin harka jiru;
Kabajamtoota Abbootii Amantaa kanneen haqa ummata keenyaa eeguuf dhaabbattan;
Kabajamtoota barattoota Oromoo Yunivarsiitii garaagaraa jirtan;
Kabajamtoota hayyoota Oromoo kanneen dhaloonni isin abdatu maraaf

Qabsoon farra gabrummaa ummanni keenya walakkaa jaarraaf gaggeessaa ture dhaaba uummata Oromoo ABO dhaan taliigamee hooggansa Qeerroo Bilisummaa Oromoon sadarkaa itti aanutti cehee diina waggoota 27 darban dhiiga ummata keenyaa xuuxaa ture ofirraa gaggeessuuf sadarkaa abdaachiisaarra gahee turuun yaadannoo yeroo dhihooti. Faana wayyaaneerra bu’uun qaamni maqaa Oromoo dhahatu OPDOn yookaan ODPn har’aa aangoo muummicha ministeerummaa erga qabatee gaaffilee Oromoon waggoota dheeraaf gaafataa ture deebisaa itti kennuuf waggaa tokkoof gama tokkoon yeroo gaafachaa, gama kaaniin ammoo gaaffii hundee Oromoo deebisuurra humnoota farra qabsoo Oromoo ta’anitti hidhachuun caalaattuu qabsoo Oromoo ukkaamsuun sirna durii caalaa hammaataa deemuu ifatti argaa yoona geenye.

Yeroo ammaa kanattis, humni kun:
Sabboonummaa Oromummaa cabsuun ilaalcha Itoophiyummaa jalatti qabsoo keenya sakaaluuf ifatti hojjetaa akka jiru turtii waggaa tokkoon hubanneerra. ‘Sabboonummaan Oromoo saba guddaa xiqqeessee’ jechuun guyyaa kora halagaarratti labsan irraa kaasee karooraa fi raawwiin isaanii sabboonummaa Oromoo cabsuurratti kan akeekkate ta’uu ifatti mul’ata.

Abidda Bor Dhohee Oromoo Balleessuuf Deemu Kan Mootummaan Har’a Awwaalaa Jiru Nii Balaaleffanna!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 2,2019

Addunyaa kanarratti haleellaan summii dhaabbatee jiraachuun beekamaadha. Kunis balaa dhalaa dhalootatti fidu hanbisuu irraa kan ka’e biyyi kamuu balaa summiin wal rukutuu, wal waraanuu daangaa itti gootee akka jirtu nii hubatama. Kun akka addunyaatti balaaleffatamuudhaan uummatas ta’e waraana kamuu summiin haleelanii qilleensa biyyattii fi bishaan biyyattii faaluun dhaloota duubaan dhufan qaama hir’uu waan taasisuuf yakka olaanaa daguuggaa sanyii ta’uu qoratamuu irraa haleellaan summii fi balaan aggaammii summiin waraana gaggeessuu akka addunyaatti dhaabbatee jira.

Akka addunyaatti yakki balaaleffatamaan kun garuu; Oromiyaa keessatti irra deddeebiin gaafa raawwatamu argaa jirra kun ammoo hedduu nu mufachiisee egeree uummata keenyaaf abdii qabnu kutee jira. Mootummaan EPRDF maqaa sakattaa WBO jedhuun gargaarsa biyyoota alaa irraa argateen Bitootesssa 14, bara 2019 dhukaasa summii Lixa Oromiyaa Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti raawwatee gaaga’ama lubbuu fi faalama qilleensaaf bishaan dhugaatii uummata mudateen ilmaan Oromoo irraa namni 2 summii kanaan ajjeefameera.

ከኦሮሞ ነፃነት ሠራዊት ከፍተኛ ወታደራዊ አመራር የተሰጠ መግለጫ

(ኦሮሞ ነፃነት ሠራዊት ከፍተኛ ወታደራዊ አመራር,ግንቦት 24 , 2011 ዓም) ካለፈዉ ጥር 2011 ዓም አጋማሽ ጀምሮ ለስሙ “የሀገር መከላከያ ሠራዊት” በሚል ስያሜ የሚታወቀዉ የኢሕአዴግ ጦር በኦሮሞ ሕዝብና በኦሮሞ ነፃነት ሠራዊት ላይ የሚያካሄደዉን ጦርነት ወደ አየር ድብደባ ማሳደጉ የሚታወስ ነው። በዚህም መሠረት ጥር 4 እና 5 2011 ዓም በምዕራብ ኦሮምያ በቄለም ወለጋ ዞን በጊዳሚ ወረዳ ዉስጥ ጃል መሮ (ኩምሣ ዲሪባ)ን ለመግደል ታቅዶ የተሰነዘረዉን የአየር ድብደባ በማካሄድ በሰላማዊ (ትጥቅ-ኣልባ) ዜጎች ህይወትና ንብረት ላይ ከፍተኛ ጉዳት ማድረሱ በወቅቱ ተዘግቦ ነበር። በዚያ ጥቃት ዒላማዉን እንደሳተ ስረዳዉ ግን “የአየር ድብደባዉን ኣላካሄድኩም” ስል ኣይኑን በጨዉ ኣጥቦ ለመካድ ሞከረ።

ካለፉት ሁለት ወራት ወዲህ ደግሞ እጅግ ዘግናኝና ኣሳዛኝ በሆነ መልኩ ከፍተኛ የጦር ወንጀሎችን በኦሮሞ ሕዝብ ላይ እያካሄደ ይገኛል። ይህንንም እያደረገ ያለዉ የኦሮሞ ነፃነት ሠራዊት ይግኝባቸዋል ተብሎ በሚታሰቡና ሰላማዊ ሕዝብም በሚኖርባቸዉ የምዕራብ ኦሮምያ ደኖች ላይ የጦር ሄሊኮፕቴሮችን ተጠቅሞ በዓለም-ኣቀፍ ህግ የተከለከለዉን መርዛማ ጋዝ በመርጨት ጭምር ነው። በነዚህ ዘግናኝና ኣሳፋሪ ጥቃቶች እስካሁን የበርካታ የዱርና የቤት እንስሳት ህይወት የጠፋ ስሆን በኣንዳንድ ቦታዎች ደግሞ የተወሰኑ ሰዎች ላይ ያልተለመዱ ዓይነት የጤና እክሎች ታይቷል።

Nuti Miseensonni ABO qaama Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan taanee falmaa qabsoo hidhatnoof jecha kaayyoo ummata Oromoof qabannee jirru, Hooganoota ABO Finfinnee jiran wajjin shira diinni xaxeen qunnamtiin keenya cituu irraa kan ka’e hojii guyya guyyaa irratti wal taliguu fi waliif taligamuun waan hanqateef of dandeenyee sochohuuf akka tahutti qaama hoogganaa “AJAJA OL’AANAA WARAANAA ABO” utubannee sanaan geggeeffamuu jalqabuu keenya ibsinee turuun ni yaadatama. Haatahu malee, nuti qabsoo karaa nagaa hin laganne. Hooggana keenyas hin waakkanne. Karaa fi sirni milkeessaan haa hordofamu jechuun qabsoo haqaatti fi yaada Injifataa qabannee jirra.
Miseensotni hoogganaa walakkaan Finfinneetti argaman kanneen nuti hin haalinii fi daandii nageenyaa hordofuu isaanii osoo hin balaaleffatin har’a akkuma barametti dirqamuun ykn fedhiin jireenya WARAANA BILISUMMAA OROMOO haaluu midiyaa irraa dhageenye. Kuniis, sababaa gara garaan tahuu akka danda’u nuuf gala. Qaamni hidhaa jiraatu waanuma fedhe jechisiifamuu danda’a.Ergaan ibsichaa (kan dhimmichi ilaaluu fi hin ilaalle illee nu irratti jedhame) kan bakka walii hin buune tahuu eeruu yoo tahe malee jireenya WBO fi hoogganoota waliin dhaabbatanii hawwumaan haquu kan

Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamicha Ajaaja olaanaa WBO Irraa dhihaate hordoofun bahee

(Qeerroo, Waxaabajjii 1/2019) Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo siyaasaa gaggeessaa turee dhaaba isaa ABO jalaatti hiriiruun hanga har’aatti qabsoo godheen jijjiiraama biyya tana keessaatti mul’aata jiruuf madda bu’uuraa tahee jira. yeroo kanaattis jijjiiraama siyaasaa idiil addunyaa, afriikaa, gaanfa afriikaa, akkasumaas impaayera Itoophiyaa fi Biyya teenya Oromiyaa keessaatti tahaa jiruu obsaan ilaalaa jirraa. akeekni Qeerroon qabsoo taasiseef sarbaama mirga namoomaa qe’ee Abbaa oromoo kabaaja fi ulfiina dhabdeetti kabaaja horee mirga abbaa biyyummaa akka sabaatti qabnu mirkaneeffannee kabaajchiifatuufi. Haa tahuutii taateewwaan irraa deeddebiin tahaa jiraan hundiyyuu kan faallaa wareegaama oromoon akka sabaatti kaffaalaa turee waan tahaaniif kana immoo callisnee ilaaluuf obsa fixaannee jirraa. waanti amma mul’aataa jiruu kun namootaaf ifa tahuu baatuus nuti Qeerroon