Diddaa ummanni Oromoo deemsisaa jiru maaliif akka dhokatu taha? Kan jedhuun OPDO keessaa mormiin Wayyanee irratti ka’e

Aside

Amajjii 31,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Warraaqsa ummata Oromoo Oromiyaa keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee miseensota ishee kanneen tikaa fi OPDO keessattuu ilmaan Oromoo walitti waamuun akka dhaabamuuf marii’achiistus bakkeewwan marii isheetti mormii malee milkoomina argachaa hin jiran .Miseensotni OPDO Oromiyaa keessaas walgahii ariifachasaa maqaa jedhuun cinqamaa jiru.Gaaffiin Qeerroo gaaffii ilmaan Oromoo garbummaa bara baraan rakkachaa jiruu fi dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkachaa jiruuti jechuun miseensotiin OPDO hedduun bakkoota tokko tokkotti ifaan Walgahii Wayyaaenee irrati mormuu jalqabanii jiru. Keessumaa barattootni OPDO ta’ani University  Amboo,Finfinnee fi Jimmaatti ta’an deeggarsa guddaa sochii qeerroof akka qaban ifatti dhaamaniifii jiru.Warraaqsa kana keessatti hirmaachuun dirqama Oromummaa ta’uus walii dhaamanii jiru.

Kana malees marii OPDO University Haramaayaa keessatti Sabboontotaan fashale dhaabuuf mootummaan Wayyaanee halakanii fi guyyaa fiigaa jiraachuu beekamaa dha. Marii isaanii kana milkoomina itti uumuuf  jecha karaa Peace and security yuunivarsiitii kanaa waldiddaan miseensota OPDO gidduutti uumamuu isaa iccitiin isaanuma keessaa Qeerroo gahe saaxilee jira.Rakkoo miseensotuma Wayyaanee irraa ishee mudate dhaamsuufis mariin hoggantoota irraa Magaala Finfinnee keessatti Guyyaa gaafa Amajjii 30,2012 gaggeeffamaa oole jira.

Mootummaan Wayyaanee sochii biyyattii keessaa dhoksuun nageenyaa fi misooma faarsuu duwwaa irratti xiyyeeffachuu akka hin qabne yaadni jedhu hooggantoota OPDO keessaa itti dhiyaachuun guddoo rifaatii uumuu iccitiin walgahii dhoksaa mootummaa kana keessaa ba’e saaxileera. Gara fuula duraa guyyaa eeggannee waraabbii sagalee walgahii Wayyaaneen OPDOf goote ummataaf akka dhiheessunu abdii qabna.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Magaala Shashammannee fi Shiraaroo Jidduutti Daandiin Silkii Cirame. Wallaggattis Ergamaan Diinaa Tokko Irreee Qeerroon Adabame

Aside

Amajjii 31,202 Finfinnee.

Godina Arsiitti Sarara shiboo bilbilaa daandii Magaala Shaashamannee irraa gara Shiraaroo fi Arbaminci geessuu irratti humna hin beekamiinin tarkaanfiin fudhatamee bilbilli addaan citee jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa. Kun kan ta’e Amajjii 28, 2012 yoo ta’u ummanni Oromoo naannoo kanaa yerooammaa kana itti hongeen itti hammaatee rakkoo jireenyaa hamaa ta’e keessa jiraataa jira,haalli rakkina jireenyaa akkasii itti hammaatee osoo jiruu mootummaan Wayyaanee gibira humnaa olii kafalchiisaa gara biraan ammoo “Hidha Abbaay”f boondii bitadhaa ykn immoo gumaacha godhaa jedhamanii gidirfamaa jiraachuun isaanii akka malee ummata miidhaa jiraachuun beekama. Dargaggoonni Oromoo haala jireenya akkasi irraa mufii isaanii muldhisuu gochaa mootummaan Wayyaanee godhu dura dhaabbachaa jiraachuun isaanii beekama.

Mootummaan Wayyaanee  shiboo sarara bilbilaa kana (fiber optics) manca’uu irraan dabballota ergamee bulaa ykn OPDO ummatatti bobbaasuun namoota akkas godhan of keessaa baasaa jechuun yeroo lama walga’ii waamtee watawattus ummanni “hin beeknu”jechuun yaada kennuu akka didaajiru  gabaafamee jira.

Gama biraan Godina Baalee magaala Dodolaa irrattis tarkaanfiin wal fakkaatu Amajjii 27. 2012 fudhatamuu dhagahameera. Haalli kun deddeebi’ee ta’uun baayyee kan ishii yaaddese Wayyaaneen  kaleessa irraa eegaltee waraana kumaatama hedduutti lakkaa’amu iddoowwan kunniinitti qubsiistee naannocha dirree waraanaa fakkeessaa jirti jedhama.

Kana malees FDG Wallagga ona Hebantuu itti fufee jiraachuu gabaafama, Amajjii 30,2012 mootummaan wayyaanee humna waraanaa dabaltee naannoo sanitti bobbaaftu iyyuu ergamtooa diinaa tahanii dargaggoota naannoo sanii gidirsuuf kan ergame qondaala Polisa Wayyaanee kessaa nama maqaan isaa Kumsaa jedhamu irratti dargaggoonni halleellaa laallessaa deemsisaniin haalaan miidhamee gara hosptala  ergamuun isaa gabaafama.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Oromiyaa Godina Wallagga Keessatti Diddaan Gabrummaa Jabaatee Itti Fufe

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, Amajjii 30,2012) Amajjii 29,2012 Godina Wallaaggaa Baaha Onotaa garagaraatti uummannii FDG gegeessaa jiru itti fufuun,  har’aas  Onaa Haaroo Limmuu nannoo Bariisoo fi Sugee jedhamutti dargaggeessii Qeerroo Oromoo FDG garbummaa gaggeessan, milishotaa nannootiin hammaa yoomiitti ergamtuu taatee meesha diinaaf baata jechuun dura dhabbachuun gabaasame.

Qeerroon naannoo san keessaa akka gabaasetti, diddaa ummataa deemaa jiru kana dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee mana bartumsaa onoota san keessa jiran irra guddaa isaanii cufee jira.

Onotaa warraa kaan keessaatti ummaanni mana sagadaa Olee, waayyaaneen maqaa simisteraa 1ffaa xumurtanittuu kanaaf boqqonnaa torbee lama qabduu jechuun sochii jiruu sodaatte manneen barnoota cuftee jirti.

Kana malees, Amajjii 28,2012 irraa eegalee Godinuma  Wallaaggaa Bahaa Onotaa hedduu keessaatti FDG itti fufee jira; hanga gabaasaan qindaayee nu gahe keessaa Onoota akka Heebantuu, Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Kiraamuu, Hammuuruu, JAARDAGAA JAARTEE, Hagamsaa bakkoota jedhamanitti diddaan dargaggootaa fi ummata Oromoon jalqabe jabinaan hammaatee itti fufee jira.

Finciloonni kunis bifaa Hojii dhaabuun, Gabaa lagachuun, waraqaa FDG facaasuun, dargaggeessi immoo sirboota qabsoo leellisan manneen barnootaa fi bakkoota yaa’ii ummataatti wallisuu,Wayyaanee balaalleffaachuun, fi kkf diddaan itti fufee jira.

Akka Qeerroon gqbqqsetti FDG bara kana kan addaa godhuu keessaa

1ffaa Uummaanni waranaa Wayyaanee sodaa tokko malee gaaffii gaafachuu isaa,

2ffaa waranaa meeshaa gurguddaa fe’aatee ummatatti dhukaasaa jiruu dhagaa itti darbachuu dhiisuun gaaffiin keenyaa maaliif karaa nagaa nu harkaa fuudhamee nuf hin debi’uu jechuun harka duwwaa dhugaa qabatee abbaa irree raasa jiraachuu,

3ffaa basastoota dhokatanii ummaata keessaa seenaanii basaasuu barbaadan qeerroon tarkanfii sirreessaa irraatti fudhachu, egereen FDG kanaa uummataaf abdii guddaa kenne jira.

Kana malees gabaasaaleen Mooraa Universitotaa fi koolleejjotaa Lixaa Oromiyaa Garagaraa Irraa nu gahaan akkaa ibsanitti Mooraan University Amboo,Mooraa University Wallaaggaa,Mooraan University Jimmaa, akkasuas koolleejjii barsisotaa Neqamtee fi Jimmaa dabalaatee humnotaa Waraanaa Wayyaaneen marfamanii eegamaa jiru.

Kanuma waliin yeroo ammaa kanatti konkolaatonni gaasii ijaa namaa gubuu faacaasanii fi meeshaan waraanaa gurguddaan galchaa akka jiranii fi ummataan dura dhabbannaan akka jiru gabaafameera.

Akka odeessi keessa wayyaanee Qeerroo dhaqqabe ibsutti, yeroo ammaa kana ergamtooti Wayyaaneen diddaa ummataa kanaan hedduu wajeeqaa kan jiran yoo ta’u,  haala kanas sodaachiisuuf jechaa Wayyaaneen gara uumata shororkeessuutti akka ce’aa jirtu hubatamee jira.

Qabsoon itti fufa!Gabrummaan ni kufa!

Barruuleen Warraaqsaa Bal’inaan Raabsamuun Itti Fufe.

Aside

Barruuleen Warraaqsaa magaalota akka Amboo, Yun. Haramayaa fi  Jimmaa, fi Finfinnee keessatti baldhinaan faca’uun itti fufe. Ummanni Oromoo waamichaa fi barruu kana argate tumsa godhaa jiru haalaan dabalaa deemaa jira,kana dura dhaabbachuuf Wayyaanonni guddoo dhama’an illee duubatti deebisuu hin dandeenye.

Civil Disobedience Continued in Several Parts of Oromia

Aside

Qeerroo Report from Finfinne, January 28, 2012

The Arab Spring style uprising which was formally launched in Oromia on January 22, 2012 has continued this week in the entire Oromian different places taking various forms and styles. Below is a summary of some of the activities in the form of civil disobedience in various parts of Oromia.

Finfinne (Addis Ababa), Jan. 23 – 28

FinfinneeLeaflets and Qeerros declaration and call for civil disobedience have been distributed and posted in the entire city at public places. Among them are different campuses of Finfinne (Addis Ababa) University, African Union Campus, and different Hotels. Pictures of some of these leaflets are shown below.

  Ambo, Jan. 23.

Leaflets of Qeerroo calling the Oromo public was widely distributed in the Ambo town, Western Shoa zone. Panicked by the call and fearing that an uprising may suddenly occur, the TPLF regime ordered the university administration to close the university and asked all the students to leave the campus and go to their families.

Gudar, Jan. 24

On January 23 and 24, 2012 Oromo students of Gudar High school, Western Shoa zone protested holding pictures of Oromo heroes  Tadesse Birru, Lagesse Wagi and martyr students such as Jaagamaa Badhaanee,  who were killed by the regime forces during the 2005 protest of Oromian students. The school was reportedly closed later in the week. Panicked by the protest and fearing that more protest may follow, the forces of the regime were seen flying over Ambo and Gudar towns with their military airplanes and helicopters in an attempt of intimidating the people of the zone. The following days a large number of the so called Agazi force of the Federal government is dispatched and was seen circling schools in Ambo, Gudar and other close by towns of the zone.

Bakko, Jan. 24, 25

Students of Bakko Agricultural College, Western Shoa zone, protested in their compound for two days, Jan 24 and 25, and the school was finally closed.

Ebantu, Jan. 24 – 27

Students of Qaqaro elementary and junior secondary school (1 – 8) of Ebantu County [Woreda] protested asking for the so called OPDO organization to be liquidated for it has no ability moral ground to govern the Oromo people. The administrative cabinet of the county could not stop the protest and they asked for additional force to quash the disobedience. A large number of Woyyane troops have been dispatched to the area from the central government through the Gojjam route and the people of the area are reportedly confronting the dispatched force.

The struggle will continue!

Barruuleen Warraaqsaa Magaalota Oromiyaa Hedduu Keessatti Tamsa’e. Diddaan Barattootaas Itti Fufe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Amajjii ,2012

Bakka African UnionBakka African Union

Barruuleen waamicha Waarraaqsaa Oromiyaa bakkoota hedduutti faca’uu gabaasi qeerroo nu gahe addeessa. Keessattuu naannoon baldhinaan faca’aa jiru keessaa Oromiyaa Gidduu galeessa,Wallaggaa lixaa,Godina Horroo Guduruu Wallagga,Gibii, Dambi Dolloo,Shaashimannee,Jimmaa,Adaamaa  fi Amboo,Gudarii fi Xiqur Incinnii,Bishooftuu,Wancii, Harge Dirree Daawaa,Galamsoo fi bakkoota adda addaatti guyyaa gaafa Amajjii 25,2012 baldhinaan faca’uu gabaafame.

University FinfinneeGama kaaniin barattootni mana Barumsaa Gudar hanga Bilisummaa barnootatti hin deebinu,Qabsoon haa dursu jechuun waraqaa dhaadannoo bakkeewwan garaa  garaatti maxxansuun  waamicha qabsoo ilmaan oromoof dhaamaa jiru.Waraqaan dhaadannoo fi aasxaan Qeerroo Godina Horroo Guduruutti maxxanfame Wayyaanee hedduu waan rifaasiseef waraana naannoo sanatti bobbaastee jirti.Mootummaan wayyaanee kutannoo barattootaa kan argite maatii barattootaatti deemanii barattooti Oromoo haala kana irraa akka dhaabbatan jechuun  kadhaa jalqabaniiru.Uni F

Kana malees goototi barattootni Koollejjii Qonnaa Baakkoos Diddaa itti fufuun barnoota dhaabanii jiru. Yuunivarsiitii Finfinnee keessattis diddaan jabaachuun bakkeewwan hedduutti dhaadannoon maxxanfamaa jiru mootummaa Wayyaanee hirriba dhorkee jira.Uummatni ganda gandaan akka qoratamu murteessuu irra darbee Barattoota qalamaa fi dabtara malee hin qabne sakatta’aa jirti. Kun kana tahees barattooti Oromoo diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe, Ummanni Oromoos Daandii Cufuun Waraana Wayyaanee Dhaabe.

Aside

Amajjii 27,2012 Naqamte.

Amajjii 27,2012 Gutuummaa guyyaa har’aa Godinaa Wallaaggaa Bahaa keessaatti Uummaannii fi warannii wayyaanee wal gaarreenfaachaa olaani.

Bakkeewwaaan akka Onaa Hammuruu faa’itts FDG itti fufee Olee jira, Magaalaa Hammuruu keessaatti Gootonnii baratoota Oromoo mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi manneen barnotaa sadarkaa 1ffaa Saddet(8) keessaatti FDG osoo wal irraa hin citiin itti fufee jira. Haala kana irraa mootummaan Wayyaanees akka malee dhiphisaan,warraanni TPLFs sochii baratoota Oromoo kanatti rifachuun guyyaa har’aa sa’aa boodaa manneen barotaa kana hundaa torbaan lamaaf Cufaameera,jechuun beeksisaa maxxansitee. Gotonnii baratoota Oromoo Hammuuruu Qabsoon itti fufaa diinni maaliif mana barnootaa nurraatti cufaa, jechuun dhaadatan.

Kana malees magaalaa Hebantuu fi Gidda keessatti waraqaan waamicha Warraaqsa Qeerroo baldhinaan faca’aa fi raabsamaa jira.Haala kana tohachuu kan dadhaban waraanni Wayyaanee ofii isaaniituu waraqaa waamichaa kana dubbisaa akka jiranii fi ummata Oromoos isin cinaa jirra jedhanii warri Oromoo tahan yaada hiraafii akka jiran beekame.

Galgala kanaa qeerroowwaan barreeffama “ilmaan Oromoo waraanaa Wayyaanee keessaa jiruu meeshaa of harka qabnuu gara wayyaneetti nanneessuun uummata keenyaa cinaa haa dhabbannuu” jedhuu bakkotaa adda addaatti maxxanfamee jira.

Kun kanaan osoo jiruu har’uma Amajjii 27/2012 amma galgalaa keesssaa sa’aa 3:00 irraatti Dargaggoonnii Oromoo waraanaa Wayyaanee dura dhaabbatanii dhagaan haleelan har’aa guyyaa Gutuu muddaama hamaa keessaa wan turameef,ummaannii hojii isaa dhiisee,daldaltonnii irraa jireessi suuqii cufaatti olchan. Amma galgala kana ammoo warannii Wayyaanee daandii irraatti dargaggotaa qabuuf yaalii gonaan, gootonnii dargagotataa Oromoo dhagaan haleeluun of irraa deebisaan. Amma magaalaan Heebantuu jeequmsaa guddaa keessaa jirti.

Ummanni Oromoo karaa konkolaataan Wayyaanee irra deemu cufee hanga ammaatti waraanni TPLF karaa darbu dhabuun bakka jiru qubatee jira.Sochiin ummataa kun Oromiyaa golee hunda keessatti itti fufee qubattuu Wayyaanee karaa bahaa fi galmaa akka dhorkachuuf deemu Qeerroon abdii guutuun gabaasu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!