Caamsaa 2,2014 Oromoonni Ardii Australia Kutaalee Gara garaa Keessa Jiraatan Bakka Tokkotti Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Bahuufi.

Aside

Australia’s Oromo people rally in Canberra, Australia

PRESS RELEASE

Rally starts at Parliament Drive in Canberra on Monday 2nd June at 10am

australiaMore than 400 Oromo across Victoria, NSW, QLD, TAS, SA and WA will be gathering at Canberra’s Parliament house in a bid to expose the Ethiopian government’s recent human rights violations dubbed “Oromo Protests”. Since April 25, leaked photographs and videos show Ethiopian security forces shooting live ammunition at unarmed students in universities across Oromia. Reports of 85 students are confirmed as dead, 500 protestors wounded and over 5000 people detained in unknown camp locations as the Ethiopian government restriction of public media is in full force.

In response, more than 30 international cities including Washington, Oslo, Tel Aviv and London have staged mass peace protests, picking up interest globally and trending heavily on social media. US Congress members have also released legislature on May 9 to publicly condemn the violence perpetrated by the Ethiopian government against its people as well as publicly acknowledge and urge the Ethiopian government to respect human rights and democratic processes.

The government violence in Ethiopia continues to escalate in a bid to silence dissent for the proposed land grabbing in the capital city Finfinne (Addis Ababa). The “Master Plan expansion” seeks to dispossess Oromo farmers and displace 1.1 million hectares of land.

Ethiopia’s human rights abuses are well documented by human rights watch and US state departments and the current Oromo protests has renewed support to launch an international investigation to bring the responsible perpetrators to justice.

Federal Melbourne MP, Adam Bandt called for support of the Oromo people during Oromo protests held at Victoria’s State Parliament House.

On Monday, Australian Oromo communities will call on the Australian government to set an example by using its influence in the United Nations to put political, economic and diplomatic pressures upon the Ethiopian government to stop its continued attack on Oromo lives, their political organisations, educational establishments and the right to self-determination.

400 people from Australian Oromo communities Victoria, NSW, QLD, TAS, SA and WA will be gathering at Parliament Drive in Canberra on Monday 2ND June at 10am.

For information, please call Aliye (0422602204) Dereje (0432 639 074) or Yadata (0412 795 909)

Mootummaan Wayyaanee Humna Dabalataa Maqaa Jedhuun Gaafatamoota Tikaa 18 Magaalaa Amboof,Humna Tikaa fi Bulchiisa Naannoo Jechuun Ammoo 3 Xuqur Incinnitti Ramade.

Aside

Caamsaa 30,2014 Gabaasa Qeerroo Amboo

P2Magaalaa Amboo fi Nannoo isheetti poolisootni dhalootaan Oromoo hin ta’iin barattoota Oromoo dararaa jiraachuun saaxilamera. Haala kanaan ilmaan Oromoo illee nyaatni maatii irraa yoo dhufeef irraa fuudhanii lafatti darbachuun millaa kan dhidhitan ta’uun gabaafamera.Haaluma kanaan kenneen Magaalaa Ambootti ramadamanii Oromoota bifa isaan barbaachise maraan dararaa jiran keessaa:-

  1. Ajajaa Poolisii Laggasee Mannayee dhalootan Amhaara, kan hidhamtoota Oromoo reebichaan darara jiru fi nama nyaatni illee hidhamtoota ilmaan Oromoof yoo maatii irraa ergameef harkaa fudhee millaan awwaara keessatti dhidhiita jirudha.
  2. Poolisii Dhugaasaa kan jedhamu,kan barattoota Oromoo reebuun ilmaan Oromoo qaama hir’isaa jiru.
  3. Leejjisaa Jootee Baasaasaa olaanaa yeroo garaagaraatti ilmaan Oromoo dararaa tureeammas itti jiru.
  4. Gizaachoow Kumsaa Itti gaafatamaa dhimma nageenya Godina lixa Shawaa, nama qajeelfama Wayyaanee uummata karaa nagaa gaaffii dhiyeeffacha jiru irratti dabarsite fudhatee uummata Oromoo magaalaa Amboo rukuchiise keessaa isa tokkodha.
  5. Yibalxaal Warquu itti gaafatamaa basaasaa Wayyaanee ta’ee m/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irratti kan ramadamee gochaa diinummaa dalagaa kan jiru.
  6. Dajanee Kabbadaa, qondaala tikaa Wayyaanee barattootaa fi Yuuniversitii fi barsiisota irratti kan ramadame.
  7. Dandanaa Eejjetaa basaasaa Wayyaanee, hojiin idlee barsiisa.
  8. Baashawu Mangashaa basaastuu Wayyaanee hojiin idilee konkolaachisaa fakkaatee uumata konkolaataa fe’u irratti akka basaasu kan ramadame.
  9. Kalifaa Sheek Musaa barataa Yuunibarsiitii Amboo Farmasiistii waggaa 5ffaa barachaa kan jiru.
  10. Begaashawu Dabalaa ajajaa pooliisii mooraa Yuunibarsiitii Amboo fi basaasa ta’ee kan ramadame.
  11. Xilaahuun Hoomaa Itti aanaa ajaja poolisii mooraa Yuunibarsiitii Amboo ta’ee kan ramadame.
  12. Tammanaa Wachimoo Poolisii Basaastuu Wayyaanee ta’ee magaalaa keessaa fi manneen daldalaa irratti kan ramadame.
  13. Makuriyaa Abarraa barataa seeraa waggaa 4ffaa Yuunibarsiitii Amboo, sanyii amhaara basastuu wayyaanee
  14. Fayisaa kan jedhamu bakkaa bu’aa OPDO mooraa Yuunibarsiitii Amboo.
  15. Yuhaannis Kaasayee dhalootan Tigiree barataa mechanichal engineering waggaa 2ffaa Yuunibarsiiti Amboo keessatti diinii barattootaa irratti kan ramadame.
  16. Yaared Tashoomee dhalootaan Tigree bulchiinsa Magaalaa Amboo keessa ramadame.
  17. Kumalaa Abdiisaa dura taa’aa ganda 03 kan ta’eef barattoota Oromoo hordofsisee qabsiisuun diinatti dabarsee kennaa kan jiru.
  18. Sintaayyoo bulchiinsa magaalaa Amboo keessa kan hojjetu, yeroo dheeraaf ilmaan Oromoo basaasuun hisisaa kan ture.

Xiqur Incinnii: Yeroo ammaa kanatti ergamtootni Wayyaanee aanaa Xuuqur Incinnii irratti ramadamanii uumata dararaa jiran keessaa gariin:

1ffaa Dhaabaa Badhaadhaa bulchiinsaa fi nageenya Aanaa Xiquur Inciinnii
2ffaa Alamuu Abdiisaa dura taa’aa waajjira OPDO aanaa Xiiquur Incinnii
3ffaa Immaanaa Hundeessaa Abbaa adeemsa hojii aanaa Xuuqur Incinnii keessattu barattootni Oromoo akka rukutamanii fi hidhamaniif kanneen yakka dalagaa jiran ta’uun beekamee jira.

Uummaanni Oromoo fi dargaggoonni Oromoo ergamtoota Wayyaanee kanneen hubatee osoo isaanii hin jilbeffatiin FDG itti fufaa jiraachuunis beekamee jira.

 

Godina Lixa Shawaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti FDG Barattoota Oromoon Itti Fufe. Humni Waraana Wayyaanees Ummata irratti Duula Bane.

Aside

Caamsaa 30.2014 Amboo

Barattoota OromooCaamsaa 30,2014 Godina Lixa Shawaatti goototni barattootni Oromoo kutaa 10ffaa qormaata Biyyoolessaa kutaa 10ffaa qoramaa turan har’a xummuruun FDG kaachisan.

Goototni barattootni Oromoo manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa kutaa 10ffaa Lixa Shawaa Amboo, Gudar, Xuuqur Incinnii, Geedoo, Midaa Qanyii qormaata biyyoolessa Kutaa 10ffaa humna poolisaa guddaan eegamaa fi doorsifamaa qorumsa guyyaa 3f qoraamaa turan irratti humnoota waraanaa fi tikoota mootummaa fashistii Wayyaanee EPRDF’n dorsifamaa turan.Akka kanaan guyyaa har’aa qorumsa biyyooleessa qoramaa turan xummuruun FDG itti fufuun gaaffii mirga uumata Oromoof falmaa itti fufan.

Sochii warraqsaa FDG barattootni kaachiisuuf qophaa’an duraa waraannii fi humni bittinneessa Wayyaanee Liyuuhayil jedhamuu barattoota irratti baay’inaan bobbaafamuun manneen barnootaa Amboo sadarkaa 2ffaa M/b Liibaan Maccaa Amboo, M/b Amboo sadarkaa 2ffaa lakkoofsa 2 fi m/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa, M/b Gudar Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina, M/b Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina, M/b barumsaa Baallammii sadarka 2ffaa fi Qophaa’ina, barattootni humna waraanaa Waayyaanee humnaa ol itti bobbaafameen bittinneeffamaniru.

Addaatti Sabboontootni Gootootni Barattootni Oromoo Aanaa Xiiquur Inicinnii M/b Dirree Badhaas Sadarkaa 2ffaa gaaffii mirgaa kaasaniin waraanaa Wayyaanee irratti fincilan, waraannii Wayyaanee Barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachuuf jiran afaan qawwee fi humnaan dura dhaabbate. Waraanni wayyaanees barattoota Oromoo dararuu itti fufe jira. Baraataa Oromoo Diinaaol (Mokonnoon) Taaddasaa Barataa Mana barumsaa Dirree Badhaas kutaa 11ffaa humna Waraanaa Wayyaaneen qabamee eessa buteen isaa dhabamuun gabaafamera.

Manneen Uumataa fi Nagadaa Magaalaa Gudar Sirnaan Ala Waraana Wayyaaneen Sakata’amaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Gabaasa Caamsaa 30,2014 Gudar

Qeerroo bilisummaaCaamsaa 27,2014 irraa eegalee mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee  humna poolisaa fi waraanaa heddumina qabu magaalaa Gudartitti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeessaa jira.  Mannenne dhuunfaa fi galmi adda addaa magaalaa Gudar tokko illee utuu hin hafiin sakkatta’insii guddaan irratti gaggeeffamera.

Adeemsi yeroo ammaa Mootummaan Wayyaanee Uummaata Oromoo irratti karaa loltoota isaa gaggeessa jiru, daran suukkaneessaa kana ta’ee fi yakka gara jabinaa uummata Oromoo irraatti Wayyaaneen garboomsaan guyyaa irraa gara guyyaatti jabeessa jira. Yeroo ammaa kanatti mootummaan Wayyaanee loltootaa fi poolisota isaa uummatatti bobbaasuun  magaalaa Gudaar, Amboo fi  Naannoo isheetti guyyaa guyyaa sakkatta’insa halkaan halkan immoo sammichaan uummaanni dararamaa jira. Hallii kun magaalaa Gudarii fi gandoota baadiyyaa aanaa Tokkee Kuttaayyee keessatti haalan jabaatee uummaanni dararaa guddaa keessa seenaa jira. Loltootni Wayyaanee qabeenyaa uummataa saamaa, yakkaa dirqisiisanii gudeeduu uummatarratti rawwachaa, uummata reebaa jiru.

Gama biraan Caamsaa 25/2014 uumni magaalichaa walitti dhufanii maanguddoota filachuun gaaffii bilchiisa naannoof dhiheeffatan keessaa akka waraanni Wayyaanee irraa ka’uu fi sodaan qawween doorsifaman akka dhaabbatu ture,un ta’uu hanqatnaan uumanni wal gahee waraanaa maal nurraa fuudhaa nurraa kaasaa nuti hidhannee hin jirruu jechuun gaaffii bulchiinsa godinaa Lixa Shawaaf dhiyyeessuullee hanga ammaa deebiin kenname kan hin jirree ta’uun gabaafamera.

Waan baay’ee nama gaddisiisuu loltootni fi poolisootni Sirna abbaa irree Wayyaanee ijoollee umriin iraasii waggaa 14 gadii qabee, maatii ijoolleetiin immoo hanga qarshii nuuf fiddanitti hin gadhiifnu jechuun qabeenyaa uummataa fi mirga uuummataa sarbaa jiru. Namoota rakkoon akkasii irra ga’ee keessa tokko Obboo Goobanaa Amansiisaa daldalaa jiraataa magaalaa Gudaar kan ta’ee humnootni waraanaa Wayyaanee liyuu hayilii jedhaman muchaa isaa umrii waggaa 13 qabuun, mana hidhaa galchuun qarshii nuuf kennitu malee hin gadhiifnu jechuun qarshii 4000 kennee mucaa isaa gadhiisifachuu danda’ee jira.