Duguuggaa sanyii fi weerara lafaa Oromiyaa irratti raawwatamaa jiru dura dhaabbannee falmachuun mirga uumamaati!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haata’u malee, yeroo ammaa kanas bifa irra deebii weerara jaarraa 19’ffaa fakkaatuun leellistoonni sirna mootii kan qabsoo barattoota Oromoofi fincila qote bulaa Oromootiin 1960’ta keessa cabe deebi’ee of haaressuudhaan kaabarraa qindaa’ee gara Oromiyaatti babal’ataa jiraachuu namuu argaa jira jennee amanna. Qindoominni kufaatii mootummaa Wayyaanee booda of ijaareefi babal’ate kun waggoota sadan arfan darban keessa qophii adda addaa gochaa akka turaniifi caasaa basaasaafi loojistikii waraanaa qindeeffatanii of qopheessaa akka turan odeeffannooleen adda addaa ba’an ibsaa turaniiru. Haaluma kanaan waggaa lama dura Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guutee, Luugoo, Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee, Amuru, Kaaba Shaggar Aanaa Darraa, Baha Shaggar Aanaa Boosat, Kaaba Oromiyaa Walloo (kan takkaa lolli irraa dhaabbatee hin beekne) fi Oromiyaa keessaa bakkoota sabni Amaaraa bal’inaan jiran akka dawootti dhimma itti ba’uudhaan qophii waraanaafi jeequmsa adda addaa gochaa turaniiru.