Humni hundi ulfina saba guddaa kanaaf akka jilbeenfatu, yerootu ga’e!

Jiituu Lammii

Dur dur, kurupheetu keessummummaa mana Waaq dhaqxe jedhama. Akkuma gaarii simatamtee nyaattee dhugdee gaafa galaaf kaatu dabaree ittaanu Waaqayyoo mana isheetti waamtee guuyyaa beellamaa qabatanii gargar bahani.

Gaaf kaanitti guyyaan beellamaa dhiyaachaa dhufnaan garaatti hammeenya yaaddee gaafa guyyaan beellamaa gahu keessummaa ishee simachuurra fiigdee jalaa baduu murteeffatte. Guyyaan gahee otoo ofirra eegduu keessummaa dhufaa jiru alaalatti agartee fiigichaan keessaa fuute. Fiigdee… fiigdee dachaa lafaa qaxxaamurtee “…jalaa baye!” jettee yoo ofirra miil’attu ammas hanguma durii itti dhiyaatee argite. “… eebade…!” jettee rifaasuun gaara baatee bowwaa buutee kanuma afuurri keessaa qixxoofte dawoo wayiitti gortee yoo ofirra miil’attu ammallee Waaqayyo hanguma duri itti dhiyoo jira. Kana booda tasuma akka jalaa hin baane abdii kutteetu – “Edaa si jalaa hin bahanii!?” jette jedhama. Gaafa gamte harka kennu malee dhugaa dheessanii jalaa hin bahani!

Oromoon seenaa isaa darbe keessattis ta’ee jireenya har’aa keessatti aadaa sanyiitiin dhala namaa balfachuu ykn miidhuu akka hin qabne ragaa mul’isan hedduu qaba. Isa rakkate gariin moggaasuun, gariin guddisuun, gariin Oromeessuun ofitti qabee jiraachisa. Faallaa kanaa warri ollaa isaa gola isaa dhuunfatanii hammeenya hanga hin qabne yoo irraan gahan baroota dheeraaf mul’ataa jira. Har’a humnoonni Habashootaa kallattii jajjabaa lamaan saba kanarratti duula haarawaa harkaa qabu. Duulli isaanii gargar haa fakkaatu malee akeekni duula kana duuba jiru garaa garummaa hin qabu. Humnoonni lamaanuu saba Oromoo to’annaa ofii jala tursanii akkuma baran itti roorrisuu fedhu. Warreen kun saba kanarratti roorrisuun akka waan uumamaan kennameefitti lakkaawu.

Sochiin sabni kun roorroo kana of irraa dhoowwuuf godhu jara kana biraatti yakka. Abaaraa oolaanii abaaraa bulu. Sodaatanii otuu baqatanii qileetti nam’u. Wal waamanii waan qaban hundaan itti duuluuf waraana fe’atu. Tumsa barbaacha balbala ollaa hundatti marmaaru. Matta’aa kennanii of waliin bobbaasuu yaalu. Kana hundaa dhama’anii ammas of hin amanan. Abjuutiin dukkan-duroo ka’anii fiigu. Carraaqanii hin milkaa’ani. Nuu gamte jedhaniis hin taa’ani. Hamattuu bobbaasanii Oromoo wal irraa kutuuf carraaqu. Waawuu egereen isaanii sanuma. Akkuma fiiganitti, akkuma waakkatanitti jiru. Oromoon haqa isaaf deemaa jira. Akeeka jabaa of fuulduraa qaba. Yeroo jette jettee warraa funaanu hin qabu. Ta’us garuu gaafa isaan balbala namaa dura taa’anii galgalaa ganama munaaga guddisan harka qabee karaa ganda isaaniitti nama geessu itti argisiisuun hammeenya hin qabaatu.

Dubbistoota koo kabajamoo, tuttuqaa harcaatuun ilmaan nafxanyaa dhiyeenya kana itti jiran seenaa hedduu of duuba deebi’ee akkan yaadadhu na taasise. Duulli isaanii kun bifa lama qaba. Gar-tokkeen duula kanaa kan ilmaan Tigree ti. Tigroonni deemanii deemanii fiixee badiirra waan gahaniif humna qabaniin waan fuula isaanii jiru balleessanii baduutti jiru. Kanaaf ammoo qalbii ummata fincilaan of irraa isaan darbachuuf sochiitti jiruu hatuuf jecha halluu sobaa dibatanii dawoo dhokannaa barbaadu. Seena waggoota dhibba duraa diinni ilmaan Oromoorraatti raawwate kaasuun imimmaan sobaa haxaawwachaa booyanii boochisuu kajeelu. “ yaa jalduu udduu madaa…!” jennaan, “ ….kan kee sanammoo akkam gootee..!?” jedhe jedhama.

Har’a harki isaanii dhiiga ilmaan Oromoo keessa cuuphamee otoo jiruu isa kaleessaatiif soba boowuun eenyuunuu garaa hin laaffisu. Jarri kun Anoolee ykn Calanqootti siidaa dhaabne yoo jedhan, ija Oromootti garuu dhiiga ho’aa harka jaraarraa hin qoorretu itti mul’ata. Kanaaf waa hunda dura “Isin eenyu taatanii ti eenyuuf siidaa dhaabdu?” jedhee gaafata. Yakkoota jajjaboo deebii barbaadan qalbii keessaa qaba. Ilmaan isaa kumootaan lakkaawaman harka jara kanaatti dhumaniiru. Daa’imman isaa akka qalama baattee manaa baatetti rasaasaan dhangalaateetti. Kanniin kuma hedduutti lakkaawaman manneen hidhaa keessatti hiraarfamaa jiru. Gariin achumatti ajjeefamaniiru. Gariin ukkaamfamanii bakki jiranuu hin beekamu.

Gariin jumlaan ajjeefamanii awwaala firaallee otoo hin arganne bineensi nyaateera. Gariin ija hidhanii halkan allayyaa qileetti darbaniiru. Gariin akka saawwaa ciibsanii qalanii fiilmii sobaa ittiin hojjataniiru. Gariin ajjeesanii akka nama bineensa hamaa ajjeessee gabaa dhaabanii ittiin sirbaniiru. Gariin yakka kana hunda baqaaf jecha gammoojjii biyya ormaa keessatti dhumaniiru. Galaanatti nam’anii bineensi nyaateera. Biyyaa bahanii ormi itti roorriseera. Kuni hunduu Oromoof ilmaan isaa ti. Akka waakkoo lafaa biqilan otoo hin taane, sabuma sossobuuf yaalan kana keessaa dhalatani. Kanaaf Oromoon yaadannoo hadhaawaa qalbiidhaa qaba. “Isin eenyu taatanii ti…..” deebii barbaada.

Ammaa yeroon yakkaamaan tokko yakkamaa dhibii jala of dhoksee yakkuma walfakkaatu hojjatu darbeera. Kaleessa Akaakileen isaanii Oromoo kan fixan hawwii Biyya Oromoo dhuunfachuuf qabanirraa ture. Ilmaan isaaniis har’a hawwiidhuma kana qabu; gochuma wal fakkaatu harkaa qabu. Kanaaf Oromoof jarri tokkuma. Deebiin isaaniif qabus sanuma. Waldhaansoon biyya ofii deeffachuu dha. Kanammoo harkaa qaba. Duulli biraa kan deemaa jiru humnoota ilmaan nafxanyootaa Oromoon qabsoon of irraa kuffiserraa ti. Humnoonni kun erga biyyi Oromoo bittaa alagaa jalatti kufee eegalee Oromoorraatti duula sanyii balleessuu hanga hin qabne geggeessaniiru. Seenaan kun dhala Oromoo biratti yoom iyyuu gaddaan yaadatama. Ammas akeekuma akkasii harkaa qabu. Kanaaf diinummaan isaanii akkaan jabaa dha. Diina jabaa jabaatanii of irraa ittisu. Kana Oromoon itti beeka

Yaaddoon jara kanaa waa’ee Oromiyaa ti. Sodaan isaaniis Oromoo dha. Kanaaf biyya keessaa fi alatti, dhoksaa fi fuulleetti wal ijaaru. Akkaataa saba kana ittiin balleessan ykn. Dadhabsiisan irratti mari’atu. Waggoota darban keessa caasaa bal’aa Oromoo balleessuuf Oromiyaa keessatti isaan diriirfatan saaxilamee ture. Caasaan kun har’as deebi’ee of haaromsuun isaa hin hafu. Eegee hordofee of keessaa buqqisuun dirqama Oromoo ti. Buqqisuu qofa otoo hin taane, akka inni lamuu hin latne sanyii hamaa bifa kamiiyyuu sacca’ee of keessaa qulleessuuf mirga qaba. Kanaaf ammoo tuttuqaanii fi arrabsoon isaan dhiyeenya kana itti jiran gahaa dha.

Oromoon saba nagaa jaalatu ta’uu jireenya isaatu mirkaneessa. Kana jechuun garuu addaggee dhugaa kana hin hubanne hunda dugdatti baatee deema jechuu miti. Akkuma barbaachisummaa isaatti ishee morma dhedheeressuu feetuuf deebii kenna malee. Hanga harcaatuun Nafxanyaa sodaadhaaf waccu Oromoon hirriba hin dhabu. Warra miira abdii kutannaatiin raasaa faganis ta’e olola jibbaa facaasan hundaaf gatii kennee dhaggeeffachaa hin oolu. Furmaata walii galaa barbaada malee. Kanaaf ammo qabsoon walii gala Oromoon biyya isaa deeffachuuf harkaa qabu deebii quubsaa ta’a. Yaaddoon nyaaphota Oromoos isa kana. Sabni kun kan ofii gatee kan ormaa baachuuf hin uumamne. Akkuma ummata addunyaa kamuu mirga harkaa qabu tikfachuu, isa dhabe falmiin gonfachuun dirqama isaa ti. Warri kun isaan rifaasisu rifachaa hafu, yookaan ammoo rifatanii gaafa gamtuuf akkuma kuruphittii harka kennanii itti dhiisu. Qabsoon haqaa hanga humnoonni kun jilbeeffatanitti itti fufa.

Dhumarratti, karaa fedheenuu haa ta’uu warri “….saba kana doorsifnee gara ofii jennetti dabsanna.” jedhanii miira tuffiin herreega dogoggoraa harkaa qaban duraa duuba isaanii dhaabatanii ilaaluu qabu. Oromoon sadarkaa sana bira darbeera. Har’a karaan akkasii sarara diimaadhaan daangeffameera. Humni daangaa kana tiksus hanga funyaaniitti jira. Daangaa kana qaxxaamuruu yaaluun hanga abiddaan taphachuu ti. Herrega dogoggoraa kanarraa bu’aan argamu eenyuufuu waan tolu natti hin fakkaatu. Warri ijji isaanii karuma kana malee ilaaluu diddu waan boodarra dhufuu malus tilmaammatanii itti seenuu qabu.

Humnoonni lamaanuu qalbiitti ka deebi’an yootaate, karaan dhugaa jira. Innis, dhugaa fudhatanii nagaan jiraachuu dha. Amma furmaanni jiru isa kana qofa. Waa hedduu yaalaniiru. Baqa dhugaa afuurri wal hankaakeera. Dhugaan ulfina. Sabni kun immoo dhugaa qaba. Kanaaf, ulfina saba guddaa kanaaf akka jilbeenfattan yerootu gahe. Xumureera!

Leave a comment