Magaazinni Kuufama Meeshaa Wayyaanotaa Goorootti Argamu Guutummatti Barbadaaye.

Aside

Caamsaa 31,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Ummanni onneen isaa gabrummaan madaaye mirga isaa falmachuu fi qabeenya ofiif qabsaawuun gonkumaa hin dhaabbatu.Haala kanaan guyyaa Wayyaanonni ayyaana Gimbot 20 jechuun magaalaa Finfinee keessatti qophiitti jiran irratti humni hin beekamiin tokko qabeenya Investera Tigray kan ta’e magaazina kuufama meeshaa Wayyaanootaa guddaa naannoo Finfinnee lafa Gooroo jedhamutti kan argamu irratti tarkaanfii fudhatameen magaazinichi guutummaatti barbadaayee jira.
Yeroo magaazinni kun gubatutti kaabinooti mootummaa Wayyaanee hoteelotaa fi bakkoota adda addaatti ummata walitti qabuun duskurii siyaasa kijibaa fi guyyaa injifatnoo jedhanii umata irratti geeraraa dhaa osoo jiranii tarkaanfiin akkasii fudhatamuun naannicha fi qondaalota Wayyaanee guddoo waan rifaasiseef jecha humna waraanaa heddumminaan gara Goorootti bobbaasuun ummata naannichaa jequu fi hidhuutti bobbaa guddaa godhee akka jiru beekama.
Gubachuun magaazina kuufama meeshaa kun tilmaama maallaqa miliyoona 10 kan ta’u akka dhabame gabaasi achi irraa argame addeessa.
Diddaan ummataa kun kanaan osoo hin dhaabbatiin kutaalee Oromiyaa gara garaa keessattii fi University akkasumas manneen barnootaa gadii keessatti ummanni Oromoo ayyaana Gimboti 20 kana dura dhaabatee diddaa isaa muldhisee jira.Tarkaanfiileen fakkaatoos bakkoota gara garaati qondaalotaa fi milishoota Wayyaanee irratti fudhatamun beekamaa dha.
Qabsoon itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Diddaan Ummataa gara qabsoo hidhannootti tarkaanfachuun isaa basaasota Wayyaanee galaafate

Aside

Caamsaa 31,2012 Naqamte

Godina wallaggaa Bahaatti Ummaanni Oromoo FDG jabeessee itti Fufee.
Camsaa 28/2012 angawaannii wayyaanee wajjiraa dhimmaa miliishaa Godina Bahaa waallaggaa keessaa hojeetan irratti tarkaanfiin Ummataan fudhatamen ergamtoonni Wayyaanee maqaa isaanii

1.Fiisaa’aa Yonaannis

2. Hamsaaluu Teessoo

jedhaman irraatti tarkaanfiin fudhatameen Madaa’ani hosphitalaa Neqemtee galanii akka jiran qeerroon gabaasa, Fisaa’aa yoohaanis garaa isaa irra rukkutamee yeroo madaa’uu,Haamsaaluu teessoo immoo harka mirgaa irraa rukkutamee kan maada’ee ta’uu odeessii keenyaa mirkaneefatera. Tarkaanfiin kun kan itti fufiinsaa qabuu fi wal irraa hin citnee ta’uu sabboontonnii dhaammaachuun, “ilmaan Oromoo Alagaa jalaa fiigaa jirtaan gochaa keessaan irraa kan of hin deebisnee yoo ta’ee tarkaanfii maayyii kan isiin eeggaatu ta’uu ni hubachiisna” barruun jedhu magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti faca’ee bakkoota waajiroota Wayyaanee ta’anitti ammoo maxxanfamee akka jiru gabaasi nu gahe mirkaneessa.

Qondaala Tikaa Wayyaanee beekamaa Sibaat Arayaa jedhamu irrati tarkaanfiin maayyii fudhatame

Aside

Caamsaa 31,2012 Gabaasa Qeerroo

Caamsaa 30,2012 Godina wallaaggaa bahaa Onaa Haaroo Limmuu   bakkaa Yaasoo fi Abbaa Mo’aa jedhamuu gidduutti sabboontotaa Oromootiin Qondaalaa Wayyaanee nama maqaan isaa Siibaat Abiraa kan ilmaan Oromoo basaasee hiisisuuf bobba’ee,kessaatuu miseensotaa Addaa Biliisummaa Oromoo adamsuu fi yeroo ammaa kana hojii tikaaf kan ramadamee socho’aa jiruu irraatti waaree dura sa’aa 10 am irratti tarkaanfiin mayyii fudhatame.Sabboontonni tarkaanfii maayyii ergamaa Wayyaanee kana irratti erga fudhatanii booda shugguxii irraa hiikkachuun qabeenyummaa qindeessitoota FDG itti gabaasanii akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Tarkaanfiin kun qindoomina Maadhee Dhugumaa Jaldeessoo fi sadan Egguu tiin qindaa’ee karoorfamee  hojiitti kan hiikame yeroo ta’u  injifatnnoo itti aanuufis bakkoota maadheeleen diinaa dahatanii jiranitti fuulleffatanii akka jiran gaabaasu.

Kana malee karaa biroo Caamsaa 29/2012 Onaa Heebantuutti waraannii wayyaanee uummatatti bobbaafamee jiruu uummatatta dhukaasa bane, barataa Oromoo barataa Bayyanee Alamuu baraataa kutaa 12ffaa,  rasasa wayyaaneen rukutamee madaa’ee yeroo ammaa kana waldhansaaf hospitaala Neqemtee galee waan jiruuf haalli kun uummataa daran arsee waan jiruuf uummanni FDG tti jabaatee seene

Wallagga, Qeellam Keessatti Ayyaanni Wayyaanee Gimbot 20 Diddaa Ummataan Fashale

Aside

Caamsaa 30,2012 Dambi Dolloo

Ayyaana Wayyaanee Ginbot 20 ilaalchisee dhimma guyyaa kanaatti fayyadamee ummata afaan faajjessuuf jedha walgahiin Wayyaanoti Aaanaa Anfilloo Qeellamitti yaaman guutuutti diddaa ummataan fashalee jiraachuu gabaafame.

Sabboontonni Oromoo fi walumaa galatti ummanni Oromoo  Qellem wallaggaa,aanaa Anfilloo irra jiran kan ganda Ashi fi Gargeedaa bakka jedhamutti guyyaa ayyaana kanatWayyaanotaa kana mormii fi diddaan waan bahuu didaniif jecha,humnoota milishaa ganda irra bobbaaftee ummata humnaan waamuu yoo yaalan iyyuu ummanni meeshaa lolaa fi sibiila manaa qabu qabatee milishoota ganda keessa yaa’an of irraa ari’uun akka deebise Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Kana malees magaalaa Dambi Dolloo keessa ayyaana wayyaanee ilalchisee bakka torbatti(7) waraqaan dhaadannoo

“QABSOON OROMOO ITTI FUFA,

GARBOONFATAAN AMMA KUFA,

INJIFACHUUN KEENYA AMMA DHUFA”

Kanneen jedhan barreefamuun maxxanfamee akka oolee fi magaala keessattis waraqaan hedduminaan warraaqsa Qeerroon gaggeessu kan ibsu facafamuun ummata hedduu akka gammachiisee jiruu fi diinna ammoo rifaasisee haala kanatti dargaggoota magaalaa fi da’immaan kophee haxaawuun bulmaata isaanii gaggeessan karaa irraa qabanii isintu waraqaa facaase jechuun reebaa akka jiran qeerroon magaalaa Dambi Dolloo irraa gabaasa.

Midaaqenyii fi Gindabaratitti Gimbot 20n tarkaanfii transformer irratti fudhatameen dukkanaan simatame

Aside

Caamsaa 31,2012

Godina Shawaa lixaa Midaaqenyii fi Gindabarat keessatti diddaa deemsifamaa jiruun transformeriin gubachuun gimbot 2on dukkanaan akka simatamu taasifamee jira.Oromiyaa keessatti diddaan deemsifamu mootummaa wayyaanee yeroo ammaa dura dhaabbii kan dhorkee fi gara injifannootti deemaa kan jiru dha.Qeerroon Oromoo yuunivarsiitii Walloos guyyaa ayyaana Garboomfataa gimbot 20 uffata gaddaa fi galagalchanii uffachuun guyyaa kana gaddaan dabarsanii jiru.

Gibot 20 Ayyaanni Wayyaanee University Hawaasaa Keesaatti Dhagaa Roobsuun Jeeqame.Walliftoonni Abashaa Beekamoonis Qeerroon Arihaman.

Aside

Caamsaa 30,2012 Hawaasaa
Gimbot 20 jechuun ayaanni Wayyaanotaa kabajamuutti kan beekamu bara kana keessa Caamsaa 28,2012 Mooraa University Hawaasaa keessatti kabajamuuf qophiin guddaa ta’aa ture,qophii guyyaa kanaafis walliftoota Habashaa bebbeekamoo kan ta’an moorichatti fiduu irratti dabalee qophii dorgommii bareedinaa qopheefachaa turan,Walliftooti bebbeekamoon akka dabballee Wayyaanotaatti moorichatti argaman keessa Siyaat Dammisee fi Kaaleeb kan jedhaman yeroo ta’u qophiin isaanii silaa dirree bal’aa irratti ta’uuf kan qindaayee ture soda sochii qeerroo irraan kan ka’e galgala galma guddaa keessatti akka ta’u murteessan,bakka murtaaye sanitti yeroo qophicha eegalan bakkaa fi karaa eegalame kan hin beekamne dhagaan galma sanatti roobsuun jalqabame,galmichi foddaan caccabuu fi baaxiin dhagaan tumamuu irraan kan ka’e guutummaan namaa wareeree yeroo baqatu alatti konkolaataan walliftootaa fi angawootaa gubatee kaan caccabee mooraan jeequmsaan guutamee argame.Haala kanaan qophiin moorichaatti ta’uuf jedhe injifannoo warraaqtotaan fashale.
Guyyaa har’aa barattoota dhalootaan Oromoo ta’an isintu waan kana godhe sababaa jedhuun mana hidhaatti geessuu fi waajjira tikaa keessatti reebanii guraaruu irratti akka argaman gabaasi qeeroo mooricha irraa nu gahe addeessee jira.
Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!

Ayyaanni Wayyaanotaa Gimbot 20, Qeerroo Oromoo biratti Fashale. Tarkaanfiin Diina Irratti Fudhatamus Itti Fufe.

Aside

Caamsaa 30,2012 Finfinnee
Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo,Hawaasaa,Finfinnee,Adaamaa,Arbaminc,Haramaayaa,Wallaggaa fi Finfinnee guyyaa kana uffata gaddaa fi uffata galagalchanii uffachuun kan oolan yoommuu tahu Qeerroon Godina Iluu abbaa Booraa Magaala Mattuu Ibsaa naannoo kanaa balleessuun guyyaan kun dukkana tahuu qaba jechuun ibsaa naannoo Yuunivarsiitii,Koollejjii,Tulluubbee Burruusaa fi Gandoota hedduu keessaa ibsaa balleessuun guyyaan kun dukkanaan simatamuu qaba jechuun ibsaa elektrikii naannoo kanaa balleessanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Godina wallagga bahaa Aanaa Giddaa Bakka Geendoo jedhamu magaala Naqqamtee irraa Km 115 irratti argamtu irratti uummatni Oromoo dhimma nageenyaa mootummaa Wayyaanee kan tahan
1. Hamsaaluu Teessoo konkolaataa isaa waliin
2. Ibsaa Yohaannis dhimma nageenyaa naannoo kanaa
3. Tasfaayee Caanee Itti aanaa Bulchinsa aanaa Limmuu jedhamu irratti Motor cycle isaa waliin tarkaanfiin irratti fudhatamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun Qeerroon naannoo Finfinnees Guyyaa ayyaana garboomfataa kana T-shirt Akeeka Gootawwan Keenyaa galmaan ni Geenya Ka’i Qeerroo jedhu uffachuun ayyaanni kun uummata Oromoo biratti hiika faallaa akka qabu ibsanii jiran.
Mootummaan Wayyaanees guyyaan kun ilmaan oromoo biratti fudhatama akka hin qabne beekuun waraana hedduu bobbaasuun Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa kanneen akka Jalduu,Amboo,Shaambuutti sakatta’a gaggeessaa kan turte yoommuu tahu Waraanni mootummaa kanaas meeshaa gurguddaan uummata ija shakkiin ilaalaa oolee tiksuuf dirqamee jira.

Qondaala Tikaa olaanaa Wayyaanee Kan ta’e Irratti Tarkaanfiin Ummataan Fudhatame,Konkolaataan isaas gubate

Aside

Caamsaa 29,212 Naqamte
Camsaa 28,2012 qondaalota ol aanoo OPDO godina bahaa Wallaaggaa Onaa Giddaa Ayyaanaatti hiriiraa mormii ummaatni gaggeessaa jiruu dura dhaabbaachuuf bobbaafaman irraatti uummaanni tarkaanfii haleellaa fudhaate.
Haala kanaan nama Maqaan Hamsaaluu Teessoo jedhamuu itti aanaa Wajjira nageenyaa Godinaa Wallaagga bahaa kan ta’ee, irratti tarkanfii fudhatameen harka mirgaa madaa’ee hospitaala Neqemtee galee jira, konkolataan nama kanaa tarkaanfii fudhatameen hojiin alaa ta’ee jira. Gartuun biroo namaa kanaa waliin tarkaanfiin irratti fudhatame ammaaf maqaan isaani nu hin geenyee lamaa rukutamanii madaa’uun mirkaanaa’e.
Manneen nyaataa fi hoteelonni Giddaa Ayyaanaa fi Kiraamuu keessaatti argamaan waraanaa Wayyaanee nyaataa dhorkatan, uummannis nyaataa fi dhugaatii akka waaranaa waayyaaneetti hin gurgurree waan wal dhorkeef jecha Wayyaaneen dirquu barbaadnaan ummanni didee manneen nyaata isaa guutuutti cufee jira.

Caamsaa 28,2012 Godina wallaaggaa Bahaatti Ummannii Oromoo Sirna Abbaa irree wayyaanee balaaleffaachuun hiriira Mormii gaggeessaan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 29,2012 Giddaa
Gabaasi Qeerroo akka addeessutti guyyaa kaleessaa Caamsaa 28,2012 Wallaga Onotaa akka Heebantuu, Haaroo Limmuu,Hammuruu, bakkoota jedhamaniti ummanni Oromoo sirna Wayyaanee balaaleffachuun hirriirrii mormii guddaa bahan. Guyyaa kana hriirri kun jabaatee itti fufee Olee, mormii hiiriraa kanaa bitteneessuuf jedhcha waraannii Wayyaanee humnaa ol godina kanaatti bobbaafamee jiruu dhukaasa rasaasaa fi meeshaa gurguddaa dhukaasuun ummaata haqaaf falmachaa jiru jeeqaa akka oolee fi ummata waliinis walitti bu’iinsa irra akka ture qeerroon gabaasa.
Kana malees Onotaa akkaa Giddaa Saasiggaa،Kiiraamuu,Arjoo fa’itti ummaanni uffataa Gaddaa Uffaachuunii fi mataa Haaddachuun Camsaa 28,2012 guyyaa gadaa taasisee yaadatee oleera. Guyyaa har’aas sochiin kun itti fufee akka jiru qeerroon naannicha irraa gabaasa.

University Adaamaa Keessatti Ayyaanni Ginbot 20 Wayyaaneen Qopheessite Fashale. Tika TPLF tokko irratis tarkaanfiin fudhatame.

Aside

Caamsaa 29,2012 Adaamaa
Ginbot 20 ayyaana wayyaanee irratti guyyaa har’aa mooraa Yuuniversitii Adaamaa keessatti kabajuuf kan turte sababaa barattoonni Oromoo diddaa kaasaniin sirni ayyaanichaa guutuutti fashalee jira.
Sababaan guddaan barattooti Oromoo qophii kana fashalsiisaniif walgahii Qeerroon Oromoo mooraa University Adaamaa keessatti godhachaa jiran basaasuuf jecha Wayyaanee irraa argamee kan maree qeerroo hordofaa ture namni maqaan isaa Geetahun Asmaaree jedhamu barattoota Oromoon reebamee haalaan miidhamuu fi humni tikaa Wayyaanee nama kanaaf babsaa dhaqee barattoota Oromoo waliin walitti bu’uu irraan kan ka’e qophiin Gimbot 20 osoo hin kabajamiin akka fashale gabaasi mooricha irraa nu gahe addeessa.
Namichi Geetahun jedhamu kun barattoota fakkaatee moorichatti ramadamuun barnoota sooshoolojii waggaa 3ffaa barata.Sochii kana keessatti sabboontotaa fi Jaallan miseensota Qeerroo tarkaanfii kana fudhatan mootummaan Wayyaanee hanga ammaa jala bu’ee akka hordofaa jiru beekamee jira.
Haaluma kana keessa walgahiin Qeerroo Caamsaa 28,2012 galgala itti fufee murtiilee armaa gadiin xumuratanii akka jiran beekamee jira.
1. Irra deebi’uudhaan waadaa ykn kakuu waadaa keenyaaf qabnu haarofanne
2. Jela deemtota wayyaanee Oromoo fakkaatanii Oromummaa isaanii gurguramee jiru hordofuun hojii keenya isa jalqabaa akka ta’e wal hubachiisne;
3. Barattoota shakkaman tarkaanfii irratti fudhachuu qofa osoo hin taanee amansiisuudhaan of duukkaa hiriirsuu qabna.
4. Dhaaba keenya ABO waliin yoomuu hiriiruu fi kaayyoo isaa deggeruun nuti Qeerroon jabaannee hojjenna.
5. Gantoota qabsoo mooraa ABO gananii Wayyaaneetti galan Wayyaanee irraa addatti hin laallu.
6. Kan jedhuun walgahii akka xumuratan gabaasi Qeerroo Mooraa Adaamaa irraa nu dhaqabe addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!