Dameen Yuuniversiti Awwaaroo Mootummaa Shororkawaaa Wayyaaneetiin Galgala Kana Gubataa Jira‏

Aside

Amajii 17,2016
Yeroo ammaa kanatti kaampaasiin yuuniversitii damee Awwaarooo harka diinaatin gubataa akka jiru Qeerroon gabaasaa jira.
Mootummaan shororkaawan mootummaan Wayyanee yeroo amama kanatti badiisa irra waan gaheef dhaabbilee barnootaa fi dhaabbata tajaajila uummataa ibiddaan gubaa akka jiru kan ragaadhaan bira gahamaa hubatamaa dhufedha. Har’a Amajii 17/2016 Amboo, dameen Yuuniversitii Awwaaroo doormiin dhiiraa fi kaaffeen nyaata barattootaa ibiddi humna waraana Wayyaaneen itti qabatee gubataa akka jiru amma sa’a 1 dura Qeerroon gabaasee jira.
FXG shawaa lixaa aanaalee garagaraatti ittisa gandaa fi poolisoota Oromiyaatin kan deggerameen fincila uummataatti makachuun gabaasni nu
gahe addeessa.

Harargeetti Miidhaan Uummata Irra Gahaa Jiru Jabaate, Fincillis Hanga Sirna Wayyaane Godinicha Keessaa Barbadeessutti Itti Fufee Jira‏

Aside

Amajii 17,2016
Godina Harargeetti FXG jabeeffamee itti fufe. Mootummaan Wayyaanee duguuggaa sanyii uummata oromoo irratti labses humna waraana isaan
jabeeffachuun itti fufuun isaa FXG kana kan dhadhabsiise osoo hin taanee jabeessee uummata oromoo guutummaatti hirmaachisee jira.

Har’a FxG godina Harargee lixaatti gageeffameen
-Lubbuun hedduun wareegameera.
-Uummanni jumlaadhaan mana hidhaatti guuraamera.
-Rasaasni akka bokkaatti uummata irratti roobaa oola
Kun ammas taanan fincila kan jabeesse malee boodatti kan hambise osoo hin taane uummanni jiraattotni godina harargee keeysa jiraatan fincila kana jabeessuun baadiyaa fi magaalaadhan ka’ee jira. Itti fufa FXG!

Waldooleen Amantaa Garagaraa Mootummaa Wayyaaneetiin Cufamaa Jiran‏

Aside

Amajjii 17,2016/ Lafa Oromoon wal gahutti wayyaanen kufaatiikoo mariyatu jechaa jira, dhaabbilee amantaa garagaraas cufuu irratti argamaa jira.
Gabaasa godina wallagga bahaa aanaa Giddaa Kiiramuu irraa ibsuun, mootumman wayyaaneen manneen amantaa protestaantii nurrattu kadhattan jechuudhaan manneen manneen amantaa kana bakka sadii aanaa kana keesaa cufsiisuu Qeerroon gabaasee jira. Haaluma kanaan waldoolii amantaa protestaantii kanneen garagaraa keessatti basaastota bobbaasuu mootummaa Wayyaanee saaxilamee jira.

Uummanni oromoo kufaatii keenyaaf waaqa nutti waama jechuudhaan waldoolii amantaa cufsiisuu fi basaasuuf namoota ramadaa akka jiran bira gahamee jira. FXG hanga bilisummaa fi walabummaatti kallatti hundaanuu itti fufa