FXG Oromiyaa guututti itti fufee jira. Dhukaasni bakka garagaraatti dhaga’amaa jira. Barataan toko yuuniversitii Ambo irraa galgala kana wareegameera‏

Aside

Amajjii 12,2016 , FXG guutummaa Oromiyaatti wal gahee jira. Har’a akkuma beekamu yuuniversilee garagaraa keessatti haala diina sodaachisuu fi abdii kutachiisaadhaan itti oole.

1.       Yuuniversitii Haromayyaa dabalatee uummata naannootiin FXG Harargee fi naannoosheetti ka’ee jiru haalaan diina rommi’isiisee jira. Naannoo yuuniversitii Haromayyaatti qonnaan bulaan, jiraattotni adda addaa miiidhaa gurguddaadhaan saaxilaman humni wayyaanee jiraattoota naanichaa irratti miidhaa gaggeessee jira. Akkasuma barattootni mooraa yuunniversitii Haromayyaa hedduun balaa guddaan isaan irra gahee jira. Lubbuun kan darban hanga ammaa hin beekamne jedhu jiraattotni naannichaa akkasuma Qeerroon yoo gabaasu barattootni hedduun dhabamaniiru jedha. FXG naannichatti gaggeeffamaa jiru sodaa tokko malee itti fufee akka jiru gabaasaa jira.

2.       Itti fufee amma galgala kana yuuniversitii Amboo keessatti barataan tokko wareegamuu Qeerroon gabaasee jira. FXG mooraa yuuniversitii Ambotti har’a galgala kana dhowee jira. Humnoonni waraana wayyaanee magaalicha keessa buufatee jiru gara laafina tokkko malee barattoota harka qullaa irratti dhukaasa banee jira. Halkan kana magaalli Amboo weerara waraana jala jiraattus uummata fi waraana wayyaane gidduutti lolli gaggeeeffamaa jira. mooraa yuuniversitii Amboo keessa iyya guddaatu dhaga’a kana irratti dhukaasni dhuka’aa jira meeshaalee gurguddaadhaan naannichi dhuunfatamaa jirti kan jedhan Qeerroon magaala Amboo irraa gabaase.

Naannowaa Finfinnee Buraayyuutti har’a galgala kana dhukaasni darebee darbee naannoo Laga Gafarsaatii dhaga’amaa jira.

Wayyaaneen amma gara itti baatu dhabdeetti. FXG xumura wayyaanee taasisuuf oromiyaa guututti walgahee jira.

Godinaalee maratti FXG kan itti fufee jiru yoommuu tahu waraanni wayyaane gara itti goree fi ergamu dhabamee jira.

Goota Oromoo Wareegame Abdataa Olaanaa Simachuuf Ummanni Oromoo Magaalaa Amboo fi Barattooti Yuuniverstii Gootummaan Simatan.

Aside

Galagala kana simatnaa goota Oromoo wareegama kafalee yeroo taasisetti magaalli Amboo dirree injifannoo fakkaatte. Reeffi gooticha Oromoo kan rasaasa Wayyaaneen wareegamee Abdataa Olaanaa Finfinneerraa gara Amboo yoo galu uummanni qe’e isaatti hin hafne  haata’u malee barataan mooraatti hin hafne dabalataan yeroo kanatti ammoo  galgala kana mooraa Yuuniversitii keessatti barataan tokko akka du’e beekamee jira.

 

 

 

Baha Wallaggaa Gabaa Jimaataa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Girjjoo Fittee Keessatti Guyyaa Har’aa Amajjii 12,2016 FXG Ta’een Barattooti Hedduun Loltoota Wayyaaneen Butaman.

Aside

Amajji 12,2016 Gabaa Jimaataa
Humni waraanaa abbaa irree  Waayyaane Uummata gidirsuu itti fufe Baha Wallaggaa Gabaa Jimaataa Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffa Girjjoo Fitteetti Barttoota kaan mana barumsaarraa ariyaa kaan mana adabaatti hedduminaan loltoota Wayyaaneen  guuraa jiraachu beekame.Qeerroon Jimaatarra barataa kutaa 8ffaa kan ta’e Mohaammad Muusaa yakka tokko malee gaaffi mirgaa waan gaafateef manni barumsaa Garjjii adaba waggaa lama (2) kan laate yoo ta’u yakkisaani kan isa naasise erga murtoo kana argatee bakki buuteesaa dhabame.haatisaas namoota kanaan yakkasaan ala waan na dura dhabamsiiftanii lubbuusaa itti gaafatamaan isini sababa jedhaniif qofa mana hidhaa Guuteetti gidirfamaa akka jiranidha kan dubatamu.

Yuniverstiin Jimmaa Mooraa Qubsuma Waraana Wayyaanee Taatee Halkan Kana Konkolaataan 7 Loltooti Qubatan.FXG Gootummaa Barattotaan Itti Fufe.

Aside

Amajjii 12,2016 Jimmaa
Humni waraana Wayyaanee mooraa Yunibarsiitiwwani kan duraarra daran dhunfatee Yuniverstiin Jimmaa Mooraa waraanaa malee barataa akka hin taane muldhata yeroo ammaa Yunibarsiitii Jimma keessa yoo xiqqaate humni waraanaa Wayyaanee konkolaataa 7 olitti tilmaamama jedhu barattoonni mooraa guddaa Kanaan walqabate kan aarse barattoota main campus FXG akka kaasaan gochaa jiraachuu dubbatu. Galgala kanas bifa jabaatee fi qindaayeen FXG itti fufa.

Karaa biraa Amboo keessatti dargaggoo Saamu’el Kumaa rasaasa Wayyaaneen gara jabeenyaan dhahamee lubbuun isaa uummata Oromoof jecha gootummaan wareega kafalee jira.

Har’a Amajjii 12,2016 Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Qassoo Keessatti Hiriirri Yeroo Sadaffaa Adeemsifamaa Jira

Aside

Mana barumsaa sadarkaa duraa, fi mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Qassootti Barattoonni fi jiraattoti waliin ta’uun,ganama har’aa sa’atii sadii irraa hanga sa’a jahaatti hiriira geggeessaniin

  1. Ajjeestonni seeratti haa dhiyaatan
  2. Abbaa  biyyummaa keenya barbaanna
  3. Wayyaaneen nun bulchitu ABOtu abbaa biyyaa dha,
  4. Waamikaa ,Waamalee
  5. Dhiira hin waamankaa!

ABO yaamikaa WBO koo waamichaa
Jechaa akka oolan beekameera
Humni Waraanaas,magaalaa Naqamtee irraa gara sanatti heddumminaan ergamee akka jiru Qeerroon gabaasa

Magaalaa Naqamtee Keessatti Kanneen Waraqaa Eenyummaa Hin Qabne Magaala Keessa Sosso’uuf Rakkoo Ta’aa Jira.

Aside

Amajji 12,2016 Naqamte
Humni waraanaa mootummaa TPLF Uummata Nagaa doorsisuuf gidirsuu itti fufe Dhiha Oromiyaa Magaalaa Naqamtee keessatti humni waraanaa gabroonfattootaa hojii idilee godhachuun kan uummatatti bobbaafaman erga gaafa warraaqsi uummataa egaleeti ganama,guyyaa,galgala,oso hin jenne hidhata guutuun uummata doorsisaa jiru.achuma magalatti bakkeewwan tokko tokkotti imaltoota karaas ta’e jiraata achi eenyumessiti guyyaadhumaan gaafachuu itti fufan kan eenyumaa hin qabnes hidhudhaan gidirsuutti bobbaa’an