SHIROTA GOLA WAYYAANEE (Iccitii Haaraa)

(Lubabaas Qeerrootiin)

 (Kutaa 1ffaa)

Kaardii Daldala Filannoo

MOOTUMMAAN WAYYAANEE FILANNOON UTUU HIN GEGGEESSIN KAN MAQAA FILANNOOTIIN DALDALUU DHA. Dhimma kana muuxannoon waggoota darbanii ifatti  mul’isu ta’u illee filannoo bara darbe keessa ta’e irraa waan argame wal yaadachiisuun maalummaa sirnichaa sirriitti ifa godha. Sirni kun bara duraa sanatti waan bosonaa dhufeef adeemsa keessa wayyaa’uu mala jedhanii kanneen garaa hiran akka jiran beekamaa ture.

Fincila malee Filannoon Wayyaanee Hin Buqqisu!

HAA TA’UUTII, KOLONEEL MALLAS ZEENAAWWII AMALA SIRNA DIMOKIRAASII TOKKO ILLEE HIN QABU. HAALA KAN DHAABBATI TOKKUMMAA AWUROOPPAA  FI DHAABBATI MIRGA DHALA NAMAA ADDUNYAA KAN GABAASA ISAANIITIIN MIRKANEESSANII DHA.  HUMNI CUNQURSAA BITTAA WAYYAANEE FI BITAMTOOTNI ISAANII AKKUMA ABBOOTII ISAANIITTI HUMNA QAWWEEN JIRAACHUU FEDHU.

Akkuma baroota duraa sanatti, Wayyaaneen ammas kanneen isa yaaddessan mara dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatee hojjacha ajira. Bara darbe keessa, yeroo filannoo sanatti, dhaabbatoota maqaa Paartii Siyaasaan ijaaramanii isaa wajjin dorgoman qarshiidhaa fi Waajjira garaagaraa kennuufiidhaan ijaaraa ture. Kana malees,  Kaadiroota isaa ganda hundumaatti erguun ummata sodaachisuun amala isaanii ifatti mul’atu ture. Kana malees, bakka magaalaa fi Iddoowwan dhokachuu hin dandeenyetti immoo Kaadiroonni Wayyaanee Hoogganaa Booordii Filannoo Biyyoolessaa fi Humna Waraanaa dabalatee hojjachaa ture. Yeroo sanatti, Kaardii Filannoo miliyoonaan lakkaa’aman bakka humna waraanaan marfametti geessanii Kanniisa qofatti maruun gara bakka harki lakkaa’amuutti deebisanii akka waan ummati isaan fileetti kijibaan abbaa aangoo of godhanii jiru.

Wayyaaneen akka filannoon hin jiraanne namuu kan beeku ta’us, shirooti keessa keessatti hojjataman amma illee ummatatti ibsamuu qaban. Yeroo filannoo sanatti, Wayyaaneen baadiyyaa fi bakka dhokataatti   qofaa isaa Paartii Siyaasa Mormitootaa  kan ta’e Waltajjii (Madirakii fi Deggartoota isaanii) tumanii ari’uun kaardii hunda isaa immoo kanniisa itti maruun gara bakka dhufeetti deebisaniiru. Kun akka fakkeenyaatti, Shawaa Lixaa naannoo Gindabaratitti kan uummati ijaan arganii fi yoomiyyuu ragaa bahanii dha.

Shirri Wayyaanee kana duwwaa miti. Qotee bulaa fi dubartoota immoo utuma saatiin laaqanaa hin gahin yeroo dabarsitanii dhuftan jedhanii hiriiruma irratti harkaa sassaabuun filachiiftotni (kaadiroonni) ofuma isaanitii kanniisatti maranii ol deebisaniiru. Kun akka fakkeenyaatti Oromiyaa, godina Shawaa Kaabaa, naannoo Dabira Libaanos, keessatti mul’atee dha.

Yeroo kaan immoo dorgomaa mormituu hidhuu fi hiraarsuun dhimma wayyaaneen dalagduu dha. Yeroo darbe, Wallaggaa Bahaa, naannoo Shaambuutti, dorgomaa Madirak (Waltajjii) gaafa jal-bultii Filannoo halkan guutuu harka isaa fi miilla isaa hidhanii xaxanii waraana itti ramadanii bishaan keessa kan bulchan yoomiyyuu kan hin dagatamnee dha.

Taajjabdootni kutaa biyyaa hundumaa irra tamsa’anii taajjabaa turan kan Miseensa paartii kamii iyyuu miti jedhaman hundi isaanii iyyuu kaadiroota Wayyaaneeti. Kana baayyee waan ta’aniif hunda himuun waan cimuuf malee maqaa isaanii wajjin dhiyeessuun ni dandaa’ama.

Walumaa gala sababoota lakkaa’amanii dhumuu hin dandeenyeen filannoo utuu hingeggeessin maqaa filannootiin daldaluun Maqaa Paarlaamaatiin Kaadiroonni wayyaanee fi Bitamtootni isaanii paarlaamaatti dacha’uu isaanii sadarkaa addunyaatti beekamaadha.

Kaardii Shororkeessuummaa

Kaadirroonni Wayyaanee akkasitti Maqaa Bakka Bu’aata Uummataatiin walitti qabaman amma immoo seerota fedhii biyyaa fi sabootaa hin taane Wayyaanee gammachiisuuf jecha tumaa akka jiranis tibbana mul’ataa jira. Torban darbe dhaabbatoota shan (sadii kan biyya keessaa fi Lama immoo Kan biyya alaa jedhee gargar qooduun) ,Isaanis kan biyya keessaa sadan ABO fi  Caamsaa 7(Gindot 7) fi Kan Biyya alaa immoo Alqaa’idaa fi  Alshabaab ‘’Shororkeessitoota’’ jedhee moggaasuun isaas  paarlaamichi hagam sadarkaa fokkotaa keessa akka jiru namatti mul’isa. Yeroo kamuu sirni akkanaa diddaa ummataa fi fincilaan malee akka karaa nagaa filannoodhaan hin buune agarsiisaa jira.

Dhimma kana irratti hayyuun tokko yaada akka armaan gadii nuuf kennan. ”Namooti hedduun akka beekanitti, wayyaaneen waan hojjattu maratti amantaa hin qabdu. Sagantaan ishii kan yeroo gabaabaa ti. Amma kunoo, Wayyaaneen seera shorokeessummaa kana kan labsite akka waan ministirii dhimma alaa Ameerikaa, Hiilarii Kilintan waliin maryatte fakkeessuuf Hilariin dhuftee ganama isaa seera shororkeessummaa baste. Kun akka ishiin deebiteen labsamuun waan dhimma kana Ameerikaa waliin maryattee  fakkeessuu fi ittiin ummata gowwoomsuuf ture. Ummati garuu dhimma kana wayyaanee caala fageessee hubata.”

KUN AKKA UUMMATA BIRATTI FUDHATAMA ARGATUUF WANTOOTA INNI GODHE KEESSAA MURAASI:

Walga’ii dhaabbata tokkummaa Afiriikaa irratti ABO n Boombii dhoosee bakka bu’oota Afirikaa Fixuuf  utuu jedhuun to’annaa jala oolfadhe jedhee holola sobaa afuufuun,

Naannoo Markaatootii namicha  sooressa yeroo filannoo Waltajjiidhaaf uummata kakaasaa ture halkan humni waraana wayyaanee erga boombii manaa fi qabeenya isaa irratti qindeessanii duraa gubanii booda ABO tu bakka uummati baayyatutti boombii dhoose jedhee namoota kana irratti dhuguma ijaan argineerra jedhanii sobaan miidiyaa irra haasawa godhan qopheessuun maqaa balleessuuf piropogaandaa sobaa afuufuun

Akkasuma Naannoo Ministeera dhimma alaatti kan argamu Bishaan Ho’aan bakka uummati dhagna itti dhiqatu(Hot Water Shower)bakka jedhamutti utuu wanti tokko hinjiraatin ABO n bakka uummati of gatee dhagna dhiqatu kanatti boombii qindeessee dhoosuuf jennaan to’adhe jechuun asittis namoota kaadiroota qarshii fudhatanii yaada miidiyaaf kennan qopheessuun maqaa balleessuuf piropogaandaa sobaa afuufuun,

Kanaa fi kan kana fakkaatan ofuma isaatii Humni bittaa waayyaanee holola sobaa qopheessuun ABO fi Ginbot 7 n Shaabiyaa waliin wal at’uun Addis Ababa Baagidaadiin goona jedhan jedhee oduu sobaa uummata gidduutti odeessee maqaa dhaabbatoota kanaa balleessuu irratti argama.

Itti fufa

Barattooti Uni Hawaasaa Qormaata Qawwee Morman

(Oduu Qeerroo, Hawaasaa, Waxabajjii 2011)Barattooti Uni Hawaasaa Qormaata qawwee mootummaan Wayyaaneen ittiin siyaasa ishii fudhachiisuuf akeekkatte diduun  gaafa 28/06/2011 fincila kaasan; mooraa hawaasaa universiitii keessatti barattotni technoolojii waggaa sadaffaa haga ammaatti mormii kaasanii akka jiran beekamee jira.

Odeessi Qeerroo akka hubachiisutti, biyyatti keessatti diddaan babal’ataa wayita jirutti ergamtooti abbaa irree Wayyaanee immoo sagalee ummataa ukkaamsuuf bakka adda addaatti shira xaxaa jiru.

Akka kanaan mooraan hawaasaa kun ga’umsaa fi ulaagaalee barnootaaf barbaachisa tokkoo illee osoo hin guutiin, imaammata Wayyaanee fudhachuuf jecha qormaata “holistic exam” waan qopheesseef  barattoota (2000)ol ta’an mirga isaanii gaafataa jiru.

Mormii kanasa barattootni mooraa marti kan deeggaranii jiru.  Yeroo ammaa kanatti sirni wayyaaneen waraana isaa manneen barnootaa keessa qubachiisuun barattoota ukkaamsaa  jiraachuun akka dhaabbatus gaafataa jira.

“Sirni kun dargii irraa adda miti,” kan jedhe barataaan tokko, “kunoo mooraa keessaa gaaffii malee barattoootni ukkaamsamanii mana hidhaattii guuramaatii jiru. Kana malees mirga walii wajjiin haasa’uu illee dhabnee jirra,” jechuun hundeen gaaffii isaanii  sirna akkasii bifa kamiinuu ofirraa kaasuu ta’uu hubachiisee jira.

Kana malees, itti gaafatamtootni siyaasaa wayyaanee mooraatti affeerramuudhaan “waan isiin jenne hin fudhattan taanaan rakkooo biroo keessa galuuf jirtu. Kanaafuu osoo rakkoon isin irra hin ga’iin dura ilaalcha ammaa kana keessaa ba’aa,”  jechuun barattoota sodaachisuuf yaalan illee diddaab barattootaa ammas itti fufee jira.

Kana irra dabrees, “ijoolleen kun mootummaa mormaa jiru,” jechuun waraana mooraatti naquudhaan gaafa 29/06/2011 irraa eegalee humnaan qormaatichi akka fudhatamuuf “namni har’a hin qoramne rakkoo siyaasaa waan qabuuf seeraan to’atama,” jechuun waraanni wayyaanee meeshaa waraanaan barattoota kutaa qormaataatti galchuuf yaalii gochaa jira.

Barattootnis kunneenis, “kun abbaa irrummaa keessan mirkaneessaa jirtu waan ta’eef isin hingalchu dhimmiichi dhimma mooraati isin hin laallatu ba’aa nurraa,” jechaa akka oolan beekamee jira.

Amma illee barattootni diddaa isaanii itti fufuun, “qormanni homaa miti; garuu abbaa irrummaa akkasiin hin qoramnu,” jechuun ejjennoo isaanii itti fufanii akka jiran beekamee jira. jiru.

Diddaa kana dhaamsuufis, Waxabajjii 30/2011 irraa eegalee barattooti hatattamaan akka mooraa gadhiisanii bahan ajajni kennamuu isaa Qeerroon gabaasee jira.

Dargaggoo Girmaa Nagaasaa Godina Shawaa Lixaa Irraa Badii Tokkoon Malee TPLFn Ukkaamfame.

Odeessa Qeerroo Shawaa Lixaa, Waxabajjii 29,2011/ Barataa  Sabboonaa Oromoo Girmaa Nagaasaa guyyaa kaleessaa Waxabajjii 28,2011 galgala humnootiin Poolisii Feederaalaa namoota 25 kan tahan mana jireenya isaa dhaquun sababa tokkoon malee dargaggoo kana fuudhaanii deemuu fi hanga ammaa bakka isaan geessan kan hin beekamne tahuu qeerroon naannoo sanii ifa godhu. Barataa  Girmaa Nagaasaa barattooti Oromoo kaan bakka jiru walaluu irraan gaaffii isaanii mootummaa TPLF biyya Oromootaa bulchaa jiranitti dhiheeffataa akka jiran gabaafama.

Qabsoon itti fufa!Gabrummaan ni kufa!

Karoora TPLF fi Gowwummaa Isaa

Qeerroo Adaamaa, Guyyaa Waxabajjii  28,2011/ Mootummaan Wayyaanee TPLF sochii mirgaa fi abbaa biyyummaa dargaggootii fi ummanni Oromoo  Oromiyaa keessatti taasisaa jiran irraa soda guddaa qabaatee akka goolamaa jiru biyya lafaa irraa dhokataa miti,sochii kana sodaachuu irraan kan ka’e gaaffii ummanni Oromoo gaafatu karaa nagaa fi sirna dimokraatawaan deebii deebisuu hanqatee hidhuu,doorsisuu,qabeenya saamuu,biyyaa ari’uu fi hiyyoomsuu ajjeessuun furmaata jedhee jedhee itti jira.Ummanni Oromoos tahe human warraaqsaa kanneen tahan Qeerroon Oromootaa gochaa TPLF kanaaf osoo hin jilbeefatiin qabsoo wal irraa hin citiin gaggeessaa jiru.

Haaluma kanaan jidduu kana schii barattoota Oromoo ittiin tohachuuf jecha karoora TPLF baafate keessaa tokko,barattooti Oromoo mooraalee University jiran naannoo sosso’anittis tahe barataa tahuu isaanii kan beeksisu,kana irra darbees hojii kan ittiin argachuu dandayan yoo waraqaa eenyummaa ykn ID cardii WALDAA MISHOOMA OROMO jedhu kan OPDO qabate duwwaa dha jechuun karaa ergamtoota isaanii moraalee keessatti labsaa jiru,barattoota garii dirqiin akka fudhatan taasisaa dhaa jiru. Imaamati kun kan lafa kaayame barattoota kanneen sochii dargaggoota keessa jiranii fi hin jirre ittiin adda baafna jedhanii ture,garuu karoorri isaanii kun hunda barataa biratti tooftaa tahuun isaa waan beekamuuf harkatti fashale.

Gowwoomi mootummaa TPLF inni guddaan,barattoota Oromoos tahe ummati Oromoo kanneen sirna mootummaa san jala jiran hund qaama sochii warraaqsa bilisummaa Oromoo tahuu hanga har’aatti hubachuu dhabuu isaati,sochiin Qeerroo bilisummaa biyya biraa irraa dhufee osoo  hin taane moorummaa Wayyaanee keessatti wal ijaaruu fi sirna san akka rirmaatti nyaatee kuffisuu keessaa akeeka guddaa  qeerroo tahuu beekuu dhabuu isaati.Schiin warraaqsa bilisummaa Oromoo qaamota ijaarsa mootummaan sun qabnu keessatti gadi jabaatee yoo ijaarame malee kan laafee waraqaa eenyummaa ykn ID  TPLF kennun gowwomfamu akka hin taane beekuutu itti jira.

Sochiin Qeerroo akkuma warraaqsaa biyya kamiinuu keessatti dargaggooti qooda isaanii kennanii ummata isaanii bilisa baasaniitti kan qabate waan taheef akeeka isaa hamma bakkaan gahutti gochaalee TPLFn kan duubatti deebi’u miti.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe.

Odeessi Qeerroo, Dambi Dolloo irraa akka ibsutti Dargaggooti Oromoo fi ummanni Oromoo  naannoo Qeellam Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti walitti Waxabajjii 25,2011 irraa kaasanii hanga har’aatti FDG gaggeessaa jiraachuun gabaasi Qeerroo naannoo sanii ni ibsa. FDG kun baroota dheeraaf ummanni aanaa Gidaamii qabeenyaan duurettii taatee bunni,Warqeen,Midhaan,Beeladi,fi kkf aanaa kana irraa mootummaa gabromfataa dhufaa darbaan sadarkaa guddaatti sooraa ture,garuu ummanni naannoo kanaa hanga har’aatti jireenyi isaa gadadoo fi rakkina guddaa keessa jira,manni barnoota,tajaajilli fayyaa,ibsaan,bishaan kan qonnaaf kan gargaaru xaawoon kkf naannoo kanaaf takka iyyuu mootummaa gabroomfataa irraa kennamee hin beeku. Kana hundaan walitti qabatee ummati aanaa kanaa FDG gaggeessuun yeroo gabaabaa keessatti ergamtooti Wayyaanee OPDOn akka aanaa san gadhiisanii bahan gaafatan.

Ummanni aanaa kanaa bulchiinsa OPDO jala jiraachuu irra bulchiinsa naannoo Gumuzi beeneshaangul jala galanii jiraachuutu akka irra filatamu gaaffii isaanii fi Akeeka isaanii akka tahe fincila kana irratti ibsataa jiru.

Dabalata gabaasaa kanaa yeroo dhihootti irra deebinee dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Gaddakoo

Faaroo-faaya,abdii fi boonsituu sabaa….
Faaroo anaan ibsuun daran natti ulfaata; seenaan ishee haa ibsu.
Garuu waa haajedhumee…
Faaroon goota,beektuu,murattuu,jaalallii fi kabajni isheen sabasheef qabdu ka daangaa hin qabne…
Ifii daartee lammiitti kan uwwisti, ifii beeloftee lammiif kan laattu-isheen lammiif ‘dungoo’ dha.
Namummaatti haa ammaatu: kun isheen hin malle; galanni isheellee kana ta’uun irra hin turre.
Hiree ishee ganamaa ta’innaa laata? Hiibboo deebii hin qabne! Uumaaf safuu!
Maraafuu, wantan dubbadhu hedduu otuun qabuun akka dhabe! Keessi koos na laalata.
Yeroo fi seenaan haadubbatu!

Denan: Then and Now

(Qeerroo News, Finfinnee, 27 June 2011) According to CNN TV reporter, the Ogaden genocide is starting to accelerate. When the story was reported earlier this year it was a low level genocide.

Now it’s accelerating with the development where they’re starting to put together these starvation camps where milllions of people are losing lives beacuse everything is being block the the govenment.

Denan is a refugee camp in the Ogaden area, in Ethiopia, an area mainly inhabited by people of Somali origin. Once a colony of Italy and later given,by the English to Somalia. Ogaden became the battlefield the many wars in the area between Somalia and Ethiopia. The people of Ogaden were not welcome in both countries. They are trapped between  two nations. Officially the area belongs  to Ethiopia but they have completely closed down the area and refuse  aid workers and their organisations in the area with  terrible consequences for the refugees.

The situation in Denan refugee camps is distressing. There is drought, no food and water and no medical care. The medications available for the 7000 refugees are on a small table. Each day new families arrive in the camp. Strongly dehydrated and skinny to the bone. Families leave their home area with five children but arrive at the camp with three children.De walking journey can take up to 20 days over a wide flat and  dusty area where the heat is extreme. In every village they pass by  they beg for food and water.
A journalist from CNN managed to arrive in the camp and filmed to horrible scene.  He gave his food and water to a woman who could not sit independently anymore of hunger and thirst. Nearby is a food depot with a few bags of grain, but the large water reservoirs are empty. The remaining grain is for new arrivals who had nothing to eat for days. Once settled in the camp there is nothing anymore, parents watch how their children die. One by one.

Every day at the end of the afternoon the men dig a new grave just outside the camp for the new victims who did not survive the day. And they know their turn will come soon as well and who is going to give them a decent burial? NO NGO, NO Red cross, no media is allow in the region of Ogaden no human right watch.

Source:http://ireport.cnn.com/docs/DOC-596395

Oduu Gaddaa: Seenaa Jaal Faarsee Taaddalaa

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Wxabajjii 26, 2011) Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi sochii Qeerroo keessatti hirmaannaa boonsaa gumaachaa kan turte Jaal Faarsee Taaddalaa Dagafuu balaa akka tasaa irra gaheen addunyaa kana irraa boqotte.

J/ Faarsee Taaddalaa

Jaal Faarseen abbaashee obbo Taaddalaa Dagafuu fi harmeeshee aadde Asteer irraa bara saddettamootaa keessa Oromiyaa godina  Shawaa Lixaa ona Baakkoo magaalaa Shobokaatti dhalatte.

Jaal Faarseen umriin ishee barnootaaf akka gaheen Bakkoo fi Finfinneetti itti fufuun kolleejjii irraa barnoota narsiin  eebbifamteetti.

Jaal Faarseen sabboontuu qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee olaanaa gumaachaa turte yoo taatu, amalaanis  jaallatamtuu fi dhaloota sabaaf of kennanii gahee olaanaa gumaachaa jiran keessatti kan ramadamtu, biqiltuu sabaa turte.

Akka galmee seenaa ishii irraa hubatamutti, miidhaa saba Oromoorra gahu hubachuuf jaal Faarseetti yeroo hin fudhanne ture.

Akka kanaan  umriishee ijoollummaarraa kaastee sabboonummaan kan keessasheetti biqilee fi qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ijaaramtee dirqamashee bahuu eegalte.

Keessumaa sochii waldaan Maccaa fi Tuulamaa adeemsisaa ture keessatti akka dargaggummaa isheetti dirqama jajjabaa raawwachaa akka turte namootni qaamaan ishee beekan ragaa bahu.

Yeroo hamaa keessattis, fakkeenyaaf, jijjiiramuu magaalaan guddittii Oromiyaa Finfinneerraa gara Adaamaatti godhame irratti hiriira mormii Waldaan Maccaa fi Tuulamaa addabaaba’ii masqalaa Finfinneetti qopheessee, humna poolisa federaalaa wayyaaneen akka faca’u ta’e keessatti kutannoon poolisa wayyaanee meeshaa haga funyaaniitti hidhate waliin falmaa guddaa warra gaggeessaa oolan keessaa nama jalqabaa akka turte gaafa sana warri qaamaan bira turan afaan guutanii dubbatu.

Jaal Faarseen sabboontota Oromoo oromummaa Isaaniin yakkamanii manneen hidhaa wayyaaneetti guuraman deddeebitee gaafachuun, haga humnasheetti waan qabduun gargaaruun, haamileesaanii ijaaruun, ergamuunii fi k.k.f gochuun amalashee akka ture hidhamtooti marti ragaan bahan.

Jaal Faarseen sababa sabboonummaasheen  Finfinneerraa kaasee godinaalee Oromiyaa guutuu keessatti marartuu sabaa ta’uun Oromoota hedduu biratti kan beekamtu yoo taatu, amala sabboonummaa kanaanis jaalala guddaa akka qabdu kanneen ishii beekan ragaa banan.

Sabboonummaa Jaal Faarsee kanatti kan aaran humnooti tikaa wayyaane bara 2007keessa qabanii mana hidhaa maa’ikalaawwii keessatti akka dararaa turan kan beekamu yoo ta’u, yeroo sanatti reebbichi humnaan olii humnoota tikaa wayyaaneen irra gahullee icciitii ishii eeggachuun ragaan tokko otoo irratti hin argamiin manneen hidhaa maa’ikelaawwii fi Qaallittii keessatti erga waggaa tokkoo oliif hidhamtee booda mana murtii ol aanaa biyyattiin bilisaan akka lakkifamte seenaa galmee ishii irraa hubachuun danda’amee jira.

Akka mana hidhaa wayyaaneerraa lakkifamteenis jiile, nuffe otoo hin jedhiin ammas dirqama lammummaa dachaan guddisuun dargaggoota akka ishii waliin taatee qabsoo Oromoo keessaqtti gahee ishii bahuu itti fufte. Keessumattuu, sochii QEERROO Oromoon adeemaa jiru keessatti haga gaafa lubbuunshee dabruutti dirqama laatamuuf kamuu fudhattee socho’aa akka turte qunnamtiin Qeerroo  mirkaneesseera.

Jaal Faarseen egaa dadhabe, nuffe , jiile otoo hin jedhiin umriishee ijoollummaarraa kaasee kunoo haga umriishee dargaggummaatti otoo qabsoo Oromoo waliin buutee baatuu  waxabajjii 17, 2011 balaa konkolaataa ishii mudateen hiriyyoottan ishii konkolaataa san keessa turan torba waliin lubbuunshee darbe.

Sana booda reeffi jaal Faarsee fi namoota kaaniis bakka dhalootashee kan taate Shobokaatti bakka Sabboontotni Oromoo, hiriyyootnii fi firoottanshee hedduun argamanitti gaafa waxabajjii 18,2011 sirnaan raawwatameera.

Dameen Qunnamtii Qeerroos firroottan ishiif jajjabina, jaallan hafaniif  immoo kutannoo akka ta’u dhaamsa dabarsaa, haallen akkasii kunis rifachiisaa ta’an illee, yeroo akkanaatti hundeen jabina irbuu keenya eeggannee qabsoo bilisummaa eegalame galmaan gahuutti cichuu  ta’uu  hubachiisa.

Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa!

Barattooti Kamiinuu Moraa University Gadhiisanii Akka Bahan Ajaji TPLF irraa Kenname(Adaamaa)

(Gabaasa Qeerroo Adaama,Waxabajjii 25,2011) Mootummaa TPLFn Sochiin barattoota Oromoo yaaddoo itti tahee akka cinqaa jiru beekamaadha.Sochiilee barattoota maqaan Qeerroon qindaayee jiru kana fashalchiisuuf jecha,barattota Oromoo yeroo adda addaatti dararaa akka turan eenyu irraa iyyuu dhokataa miti. Warraaqsa yeroo ammaa Qeerroon eegale tasgabbeessuu sababa jedhuun ergamee bulaa Wayyaanee kan ta’e Junediin Saddoo yeroo gara gara mooraa University Adaamaatti argamuun nu doorsisaa ture. Kanas tahee qabsoon miga saba ofii fi abbaa biyyummaa falmachuun takkaa adda cite hin dhaabbanne.

Yeroon amma baatii Waxabajjii 2011 kana keessa qormaati xumuramuuf yeroo jennutti ergamee bultootaa fi qondaaloti TPLF mooraa University Adamaa seenuun barattooti yeroo gannaa keessa akka naannoo warra isaaniittii hin galleef jecha hundi barattootaa seminaarri baatii tokkoof waan isinii kennamuuf jecha guyyaatti qarshii isinii kaffallee,nyaataa fi bultii isin dandeenyee naannoo ZUWAAYII fi MAQALEETTI seminaara isinii kennina,suursaa keessan afur afur mootummaatti kennaa, jechuun barattota walitti qabanii dirqisiisaa turan,barattooti abshaalummaa Wayyaanee waan irratti baraniif diddaa guddaan dura dhaabbatan.

Haala kanatti milkaawuu kan dadhabde Wayyaaneen guyyaa kaleessaa barattoota hunda fi mooraa san humna waraanaan callisiisuun filmaata president Uni filla jechuun filmaata irra erga ooltee booda “Barattooti kamiinuu yeroo gannaa keessa mooraa University keessatti hafuu akka hin dandeenye,sababaan isaa ammoo University-n baajeta waan hin qabneefi” kan jedhu ajaja maxxansan.

Sochii dargagooti biyyoolessaa kan dimokraasii fi bilisummaa( Qeerroon) taasisaa jiru barattoota naannoo university lee irraa arihuun hin dhaabbatu,barataan hund hawaasa isaa fi ummata isaa keessa waan jiruuf qabsoon itti fufa gabroomsaanis ni kufa kan jedhu murtoo waan ofitti fudhatee jiruuf bakka jirru hundatti diina keenya hirriba dhorkuun Oromiyaa irratti akka bargagnee bilisummaa magarsinu abdii keenya kan jedhuun Qeerroon University Adaamaa beeksisanii jiru.

Qabsoon itti fufa!Gabroomsaan ni kufa!