Mootummaa Itiyophiyaan Hangamuu Waraanni Irratti Labsame Gootonni Dargaggoonni Oromoo Warraaqsa Fincila Xummura Gabrummaa Daran Jabeessaa Jirtu.

Aside

Amajjii 5,2016 Warraaqsii Fincila Xummuura Gabrummaa daran jabaachuun itti fufe, goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Godinaalee
Lixa Shaggar Barnootni Bilisummaa Booda(BBB)jechuun guutummatti Bara 2016 Gara Mooraa Mana barnootatti hin deebinu Qabsoon Keenya Hanga Bilisummatti itti fufu jechuun Warraaqsaa finiinsuun Jabeessan.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Goototni Qeerroon barattootni Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B
Midaa Qanyii Goodaa Galaan sadarkaa 2ffaa fi M/B Qanyii Bahaa Biiftuu Sadarkaa 2ffaa Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa hanga 10ffaatti jiruu lamaa fi manni barumsaa qophaa’inaa tokko dabalatee Warraaqsaa daran jabeessuun mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf
kabajamee mirga barachuu fi mirga nagaan baanee galuu argannee gaaffiin mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebiin sirnaa nuuf
kennamee Mootummaan Yakka Duguuginsa Sanyii (Genocide) nurratti gaggeessa jiruSeeraa Idil-Addunyaa ICCtti dhiyaatee gaafatamuutti Barnoota hin barannuu, Guutummaa bara 2016 kana Gara Mooraa Barnootatti hin deebinuu jechuun Walga’uun Sagalee tokkoon Guutummaa
bara kana gara mana barnootatti hin deebinuu jechuun cufuun gara maatii isaanitti socho’ani jiru.
Haaluma walfakkaatuun Godina Lixa shaggar Aanota akka Dandii Gincii, Ejeree, Olonkomii, Mettaa Roobii, Mogor, Aadaa’aa Bargaa, Gindabaratitti manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Erga warraaqsii fincila diddaa gabrummaa egaalee cufamanii hanga ammatti itti fufinsaan cufamanii jiraachuufi uummatnis mooraan barnootaa waraanaan qabamee jiruu fi mootummaa waraana nurratti labsee ilmaankeenya manneen barnootaa keessatti ajjeesaa waan jiruuf banamuu hin qabuu jechuun murtii fudhatan. Humni guddaan biyya kana keessa galeera jechuun ammas itti fufuun humna waraana isaa Godina lIxa Shaggar keessa qubsiisuun uummata Oromoo nagaa manguddoo hanga dargaggoota ganna 12tti jiran daandii irraa qabee hidhaatti guuraa jiraachuunis ibsame jira.

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachoo Keesatti Hojjettoonni Mootummaa Hidhamanii Dararamaa Jiru.

Aside

Barsiisaa Girmaa Caalaa Lataa

Barsiisaa Girmaa Caalaa Lataa

Amajjii 5,2016, Oromoonni hedduun Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachoo keessatti hidhamanii daraaraa argaa jiran FDG ka’ee tureen wal qabatee namoonni hidhaman keessaa gariin hojjettoota mootummaa dha,isaan keessaa tokko

  1. Obbo Zrihuun mi’eessa aanaa bachootti hojjetaa buufata fayyaa jaatoo(cilinical nurse)dhalootan aanaa tolee ganda bilii
  2. Obbo Maallimaa,Shaambuu daadhii innis hojjetuma buufata sanaafi dhalataa ganda Sanaa
  3. Obbo Asaffaa hojjetaa buufata fayyaa tulluboolloo,dhalootan aanaa Bachoo ganda dhakaa guddaa,falmataa Lataa
  4. Kana malees Girmaa Caalaa lataa barsiisa secondary Tuluboolloo fi kadhimama paarlaamaa OFC waliin kan ture gaafa 8/12/2015 hiriiraa mormii magaala Tuluboolloo ti ta’een akka malee reebamee kan hidhame ammas maatiin illee wal kan hin argisiifnee fi walisoti hidhanii daraaraa akka jiran .

Dargaggoon Fixqaaduu Shuumataa Waaqtolaa Adamoo Wayyaanee Jaalaa Nagaan Miliqe.

Aside

Dargaggoon Fiqaaduu Shuumataa Waaqtolaa baatii Sadaasa 2015 keessa FDG Wallagga magaalaa Madiitti gaggeeffame keessatti hirmaachuun dhadatnoo mirga namoomaa fi mirgoota saba Oromoo kaasu dhageessisuun barattootatti onnee horee nama turedha, dhadatnoo isaan booda suuraaleen inni gaafas ka’e marsaalee hedduu keessatti faca’uun Oromoota biyya alaa fi keessa jiran qalbii hortee akka ture beekama.

Mootummaan Wayyaanee dargaggoo kan barbaacha olii fi gadi kaataa yoo turte iyyuu dargaggoon kun gargaarsaa fi tumsa qabsaawota Qeerroon deggeramuun biyya ollaatti akka bahu taasifamee jira. Kanneen keessattis qoodi qabsaawota ala jiran qabanis guddaa dha.