Ammajjii 27/2014 Warraaqsii FXG Godina Dhihaa Oromiyaa Magaalaa Guddoo Naqamtee Keessatti Haalaan Jabachuun Itti Guyyaa Har’aa
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Rifti Valley damee Naqamtee fi M/B Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa Comprehensive Naqamtee Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa kan xummura gabrummaa gaggeessa jiru.
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo magaalaa Naqamtee waraanaan dursifamaa, ajjeefamaa fi hidhamaa sirna abbaa irree gabromsaa jalatti hin bulluu jechuun ji’a sadii guutuu utuu wal irraa hin citiin Magaalaa Naqamtee keessatti Warraaqsii Jabaachuun mootummaa abbaa irree boqonnaa dhorkaa jiraachuu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Naqamtee irraa gabaasaa jiruu, yeroo ammaa kanatti Magaalaan Naqamtee sochii warraaqsaa fi humna waraanaan raafama ulfaata keessa jiraachuun ibsame jiru, Goototni Barattootni Oromoo M/b Biiftuu Naqamtees gara Sochii Warraaqsaa kanaatti makamuuf akka jiran odeessi nu ga’ee ibsee jira
Daily Archives: January 27, 2016
Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Hawwannaa fi Dirmannaa Saboota Cunqurfamoo Biyyatti Argachaa Jiraachuun Sabootni Cunqurfamoon Abbaa Irree Wayyaanee Irratti Warraaqsaa Gaaggeessa Jiraachuun Deeggarsa Isaanii Ifa Godhan.
Aside
Amajjii 27,2016
- NaannooUummata Gambeellaa Godina Anyuuwaki tti Barattootni Yuunibarsiitii Gambeellaa dabee saayinsii Fayyaa kan dhalootaan Anyuuwaki fi nuwwer ta’a Walitti dhufuun sirna EPRDF/TPLF balaaleffachuun Warraaqsaatti makamuu sagalee Mormii dhagesisuun ibsatan. Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee akkuma amala isaa saboota walitti buusuun Umrii bittaa isaa asiin ga’atee jiruu Saboota Anyuuwakii fi Nuwwer Walitti buusuuf, Wal diddaa namoota dhuunfaa saboota lameen gidduu jiruu babaldhisuun barattootni kun deebi’anii akka walitti bu’aniif shira guddaa xaxaa jiraachuun ibsamee jira. Qeerroon Bilisummaa Oromoo sabootni Cunqurfamoon biyyaatti abbaa irree wayyaaneen mirga namummaa fi Dimookiraasii mulqamtanii jirtan, Shira mootummaa wayyaaneen xaxamu kamuu irratti dammaquun Waldhibdee gosaa fi namoota dhuunfaa karaa nagaa fi jaarsolii naannoon akka furattan, Yeroon yeroo gamtaan wal tumsinee abbaa irree aangoo irraa maqsuun hiree saba keenyaa murteessinudha jechuun kachachala mootummaa wayyaanee irratti dammaquun saboota Anyuuwaakii fi Nuwweeriif damsaa dabarsee jira.
2. Naannoo Uummattoota Kibbaatti Barruuleen Warraaqsaa kanneen mirga Saboota Cunqurfamoof falmituu fi kabajamuu Mirga ilma namaa fi Dimookiraasii of irraa qabduu Saboota Cunqurfamoo uummattootaa Kibbaa: Sidaamaa, Kafaa, Shakkoo Magenger, Walayittaa, Hadiyyaa Ka’aa Mirga keenyaafi Bilisummaa keenyaaf Falmannaa jechuun Barreelee warraaqsaan Uummataaf Waamichaa FDG gochaa jiraachuun Walqabatee Mootummaan Wayyaanee Gara Godinootaa Naannoo kibbaa kanneen akka Miizaan Teeppii fi Yuunibarsiitii Miizaan Teeppii Dabalatee waamicha gochaa jiraachuun Mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuuf qophii irra kan jiran ta’uu ibsachuun Walqabatee mootummaan wayyaanee waan qabee gadhiisu dhabuun gara kanattis Humna poolisii Federaalaa fi agaazii bobbaasaa jiraachuun ibsame jira.
“Baroode Kunoo Qeerroon Baroode” Wallee Warraaqsaa Haaraa
Aside
Oromiyaa Godinaalee Hedduu Keessatti Manni Barumsaa Dhaabbatee Jira
Aside
Amajii 27/2016
Arsii Bahaa magaala Asallaatti mootummaan wayyaanee Qeerroo dargaggoota lama ilmaan isaa ajajuun barattoota lama kana irratti gocha suukkanneessaa raawwatee kan jiru Qeerroon kan gabaaseedha.
Akka Qeerroon gabaasetti barattootni Yuunivarsitii Asallaa Amajji 21,2016 halkan 5:00tti barattoota lama: Isaanis
1.Kamaal Abubaker barataa saayinsii fayyaa waggaa3ffaa fi dhalataa harargee bahaa naannoo Dadarii kan tahee fi
2Tasfaayee Tashoomee barataa saayinsii fayyaa waggaa 1ffaa fi dhalataa Arsii Bahaa naannoo Boqojjii kan ta’an namoonni 4 ol tahan hucuu civil uffachuudhaan eeggatanii yeroo ijoolleen kun lamaan mana fincaanii seenan achi keessatti cuubeen waraananiinii gatanii erga deemanii booda barattoonni kun hospitaala seenuun yaalamaa jiru.
Wallaggaa lixaatti manneen barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga qophaayinaatti cufamee jiraachuun Qeerroon gabaasee jira.
Maddeen oduu Qeerroo irraa akka hubannutti wallagga lixaa Aanaa Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Biilaatti barattoonni Amajji 22,2016 sa’a3 irratti Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) kaasuun ni yaadatama. Yerooma sana irraa kaasuun wayyaaneen humna ishee gara barattootaatti ergiteen barattootni barumsa dhaabuun gabaafamee ture. Guyyaa kanaa kaasuun barattootni mana barumsaa akka hin deebine yoo tahu akka walii galaatti godinicha keessatti barattootni barumsa dhaabuu irratti argamu..
Magaalaa Najjootti barattoonni man barumsaa sad.2ffaa Amajji 25,2016 FXG haaressuuf gara mana barumsaatti wal gahanii turan, barattootni hunduu hirmaanna barumsaa dhaabuudhaan yaadaa fi ejjennoo tokkoon FXG itti fufna malee barumsa hin barannu jechunis barumsi hanga har’aa hin gaggeeffamin jira.
Wallaggaa bahaatti Aanaa Diggaa Magaalaa Arjoo Guddattuutti Amajji 24, Qeerroon, qonnaan bulaa fi dargaggoonni waltahuun daandii gara Asoosaa geessu dhagaaf wantoota garaagaraan cufanii dhiichisa qabsoo dhaadannoo akkasuma tarkaanfii qabeenyaa fi ilmaan tigree irratti fudhatanii jiru. Haaluma kanaan naannowwan kunneen hanga guyyaa har’aatti eegumsa guddaa jala akka jirtu Qeerroon ganama kana gabaasee
jira.
Naannowwan Oromiyaa magaalota keessatti FXG kan itti fufe tahullee daandiwwan cufamaa jiru.
Aside
International Qeerroo Support Group
Qeerroo (youth), Oromo students and community are on March against the brutality of the Ethiopian Regime who has been killing, Torturing, kidnapping and arbitrary disappearance of the Oromo nation. The Qeerroo are on peaceful struggle to stop the injustice happening on our nation. To continue these multi-dimessional March they need support. Hence , we hambly request the Oromo community in general, diaspora in particular and others who believe in justice to stand with us and support Qeerroo in their peaceful struggle for justice and genuine democracy for the oppressed people.
Do you feel that the challenges facing us are too big for one person? One advantage of supporting the (IQSG) that each of our individual contributions is magnified when we all join together our gals be come successful.
Waldorgommii Ispoortii Yuniversitootaa Bulchiini Yuniversitiin Jimmaa Qopheessuuf Deemu Akka Haqamu Qeerroon Bilisummaa Xalayaan Kan Gaafate Deebii Argachuun Yuniversitichi Guutummaatti Haqamuu Beeksise.
Aside
Wal Dorgommii Ispoortii dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunivarsiitoota Yuunivarsiitiin Jimmaa qopheesstee simachuuf jirtuu ilaalchisuun Xalaayaa ariifachiisaa bulchiinsaa Yuunivarsiitii Jimmaatiif ”jettuu kallattiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Yuunibarsiitii Jimmaaf barreessuun Social Media fi Medialee Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraan tamsaasameen akkasumas xalayaa waajjira bulchiinsaatti kallattiin kennameen raafamaa fi sodaa guddaatu akka walii galatti uumamee jira,
Wallagga Bahaa Magaalaan Naqamtee FXG Daran Fininsaa Jiru. Magaalaa Arjoo Guddattuu Keessatti Ammoo Loltooti Wayyaanee Dararaa Akkaanii Ilmaan Oromoo Irraan Gahaa Jiru
Aside

Addisuu Taarikuu
Amajji 26,2016
Magaalaan Naqamtee sochi warraaqsaa daran finiinsutti jiru Haaluma kanaan kaleessa “osoo hin baratin waan qoramnu” jechuun warraqsi barattootaa kan eegale humna waraanan bittimfamus har’a magaalatti rog-arfaniin har’a sochiirra turan.mannee barnootaa kanneen akka _Maskaram Uletti,Q/Naqamtee,Daalloo Naqamtee,Biftuu Naqamtee FXG daran finiinsaa turan.akkasuma hoteelota dahoo diinaa ta’anirratti tarkaanfilee barsiiso fudhachuuf yaadamee kora bittinnessaan hoteela Faanaaf kkf eegichaan oole.humni waraana magalatti marsaa turus warraaqsa ittisuu hin dandeenye.FXG hanga bilisummatti itti fufa.
Kana Malees Magaalaa Arjoo Guddattuu keessatti FXG ka’een wal qabatee sabboontoti Oromoo 3 yeroo rasaasa Wayyaanee ajjeefaman sabboonaan suuraa isaa argitan kun dargaggoo Addisuu Taarikuu jedhamu hidhamee lafatti tumamaa harkifamee dararaan jiraa isaan irra gahe haalaan suukkanneessaa dha.
Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Kaabinooti Ragaa Sobaan Dargaggoota Oromoo Yakkaa Jiru.
Aside
Amajjii 26,2016 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagalootti fincila xumura garbummaa adeemsifamaa jiruun ilmaan Oromoo irratti kaabinooti OPDO wal ijaaruun mana murtii aanichaatti ragaalee sobaa funaanuun yakkaa jiru,kanneen keessaa:-
1 Siwayyaa Rabbumaa
2 Fayyeeraa Waaqumaa
3 Guutamaa Dheeressaa
4 Barsiisaa Olumaa
5 Moosisaa Tarfaa
6 Mulaatuu Addunyaa
7 Taajuu Daawud
Yeroo ta’an,ragaa kanas
Baala tuufoo ABO nuuf wayya nuufoo
Lafee keenya malee lafa keenya hin laannu
Buraayyuun laga xaafoon keenya finfinneenis keenya faayidaa irra argachuu qabna jechaa dhaadachaa fi sirbaa turan jechuun namoota armaan gadii kana irratti ragaa ba’aniiru
1 Geetuu Baqqalaa
2 Dirribaa Waaqumaa
4 Ibraahim Aagaa
5 Gannatii Sanbatoo
6 Kaalid Abduu yeroo ta’an, namooti mootummaa kufte kana jalatti taa’umsa eeguuf ragaa sobaa bahuuf jedhan kana irrattis tarkaanfiin uummataa Barsiisaa ta’e akka fudhatamus beekameera.
Mootummaan kufe biyya maqaletti yeroo galu isaan diinaaf suphaa ta’an immo bor waan isaan dhibuuf gocha akkasiirra akka of qusatan jechaa himatamtoonni kun beellama itti aanutti ragaa faccisaa akka dhiyeeffatan ajajmaniiru