Barattooti Oromoo 33 Badii Tokkoon Malee Yuuniversitii Finfinnee Irraa Arihaman

Gabaasa Qeerroo Finifnnee Gurraandhala 28,2013

scan0004

Gabaasa Qeerroo

Gaaffii mirga sabaa karaa nagaa gaafachuun yakka taee biyya jiru Itiyoophiyaa keessatti barattooti Oromoo kumaatamaan hidhamanii kumaatamaan biyyaa ariamanii kumaatamaan ammo manneen barnootaa fi hojii irraa arihamaa jiraachuun isaanii baroota 21 kana keessa beekamaa dha.

Bara kana keessa gaaffii mirga sabaa gaafattan ijaarsa siyaasaa mirga Oromoo gaafatu isin boodaan jira sababa jedhuun barattoota Oromoo Yuuniversitii Kiiloo 4 jiru keessaa barattooti 10 waggaa lamaaf 23 ammoo wagga 1f arihamuun 3 ammoo guutummaatti akka Yuuniversitii itti deebiuu hin daneenyetti mootummaa Wayyaaneen arihamanii jiru.

Kanneen guutuutti barnoota isaanii irraa arihaman

1. Barataa Araarsoo Waaktolaa

2. Barataa Malkamu Mulugeta

3. Barataa Baqalu Siyum

Kanneen jedhaman yeroo tau kanneen kaan 33 taan ammo guutummaa list isaanii caasaa Qeerroon qabuun kan argame kanatti maxxansinee jirra.

Oromoon haqa ummata isaa fi rakkoo barattooti Oromoo argaa jiran kanaaf tokkummaan bakka maratti iyyachuu akka dandayutti qeerroon dhaamsa dabarsa.

scan0003

Gabaasa Qeerroo

scan0005

Gabaasa Qeerroo

Godina Harargee Aanaa Haromayaa Keessatti Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo Itti Fufe.

Aside

Gurraandhala 26,2013 Haroomayaa 

Oromian resistanceMootummaan wayyaanee dabballoota bobbaasuun qotee bultoota dirqamaan hojii isaanii irraa buqqisuun olola siyaasaaf duula Sulula qotaa deemsisaa jiraachuun isaa beekamaa dha.Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa ganda Xinniqqee araddaa gargaaraa keessatti ololli siyaasaa Wayyaanee nu biratti hin hojjetu jechuun qotee bulaan dabballoota Wayyaanee dura dhaabbatan.

Haala kanaan Wayyaaneen namootni baatanii Viidiyoo fi raadiyoon waraabamtanii mootummaan keenyi gaariidha hin jenne qarshii 100n adabamtu jechuun duula qotee bultoota irratti banus qotee bultootni walii galuun mormii dhiyeessanii jiran.Mootummaan Wayyaanee
dabballoota
1. Obbo Zaakkoo Saalii
2. Obbo Abdii Musaqeeroo
3. Angisoo fi
4. Jeeylaan waardiyaa yuunivarsiitii kan tahe
Bobbaasuun uummata afaan qawween doorsisuuf dirqama itti kennitus uummatni basaastotaa fi jala deemtota wayyaanee dura dhaabbatee jira.Yeroo ammaa kanas namootni walgahiitti akka bahan akeekkachiisnii fi waamichi halkanii guyyaa taasifamus uummatni guutummaan wayyaanee didee jira.

Kana malees Dabballootni Wayyaanee uummata doorsisuu,hidhuu fi saamuu kan amaleeffatan magaala Dirree Dawaa saabbiyaan ganda 02 keessatti basaasti wayyaanee federaala tahe Amaanu’eel Taammiruu jedhamu namoota nagaa osoo saamuu uummataan reebamuun saaxilame.Basaasaan Wayyaanee kun dirqama wayyaanee irraa fudhate keesumaa qabeenya sabboontotaa afaan qawween saamuu irratti kan bobbaafame mana Obbo Jundii Shariif saaminsaaf wayita seenutti dargaggootaa Oromoon qabamuun harka sabboontotaan salphatee jira.Mootummaan Wayyaanee magaala Dirree Dawaauummata nagaan waliin jiraachaa jiru keessatti saamtota akkanaan tolchuu ishees odeeffatni qeerroo maagaala kanaa addeessee jira.

Yuunivarsiitii Asoosaa Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Bifa Qindaayaan Itti Fufe

Aside

Gurraandhala 26,2013 Asoossaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattoota Oromoo Yuunivarsiitiilee,Koollejjii fi manneen barnootaa gad aanaa keessatti hidhaa fi ajjeechaa mootummaa wayyaaneen kan hin jilbeeffachiifamne itti fufuun barattootni Oromoo fi barattootni hiree wal fakkaataan Imaapera biyyattii keessatti isaan mudate Yuunivarsiitii Asoosaa keessatti nyaata lagatan.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti gaaffiiwwan mirgaa kan bilisummaa barattootaan gaafatamuuf bakka kennuu dhabuun gaaffii dabalataa uumuun barattootni mooraa Yuunivarsiitii Asoosaa kun gaaffiin nuyi gaafannu hanga guutummaan nuuf deebiutti jechuun lagannaa nyaataa taasisanii jiran.

Wayyaaneen gaaffiiwwan mirgaa gaafatamu kallattiin furmaata godhchuu haqachuu irraan hidhaa fi ajjeechaan barnoota irraa ariiuun akka dhaabbatu gaafatan siyaasa gaggeessitu,deeggartoota ABOti jechuun Yuunivarsiitii Finfinnee fi Amboo keessatti barnoota irraa ariiamuu tuquun ni dandayama. Yeroo ammaa kanatti Yuuniversitii Asoosaa keessatti gaaffiin ka’ee jiru,mirgi sabootaa eegamuu hanqachuu fi barattoonni wayita mana barumsaa jiranitti qabeenyii fi lafti maatii isaanii ammoo bakka dhaloota isaanii irraa waan saamamaa jiruuf yeroo boqonnaa isaanii bakkatti galan dhabuu irraan diddaa jabaa mootummaa Wayyaanee irratti kaasuu isaati. Gaaffiilee mirgaa gaafatame kanaan wal qabsiisee mootummaan kun waan isin gaafataa jirtan gaaffii ABO iti deeggartoota ABOti wayita jedhamanitti diddaa itti fufuun lagannaa nyaataa taasisanii jiran.

Wayyaaneen barattootni nyaata lagachuun kan kae baajata nyaataa baes gurguruun basaasaa fi federaalota dhibbaan naqee barattoota doorsisuu irratti argama.Mootummaan Wayyaanee doorsisaan gaaffii mirgaa akka dhaabuu hin dandeenyes qeerroon Yuunivarsiitii Asoosaa addeessee jira.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Bulchiinsa Sidaamaa Aanaa Beensaa Keessatti Diddaa Dargaggoonni Sidaamaa fi Qeerroon Kaasaniin Wal Qabatee Namoonni Hedduun Hidhaman.

Aside

Gurraandhala 25,2013 Finfinnee

diddaaMootummaan EPRDF Wayyaanee gaaffii bilisummaa ukkaamsuun uummata biyyattii garbummaan dhuunfatee itti fufuuf shaakalus hidhaa fi ajjeechaan daran qabsoo uummtaa jabeesse malee jilbeeffachiisees hin beeku.Sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa uummatni Sidaamaa qeerroo waliin tahuun mormii sirna bulchinsa Wayyaanee irratti dhiyeessuun sirni bittaa Wayyaanee amma dhumachuu qaba,ummanni kana irra haacuucaa hifatee waan jiruuf mootummaan kun karaa nagaa aangoo gadhiisuu qaba,Sirni bulchinsa wayyaanee abbaa irrummaadha,Bilisummaa barbaadna jechuun gaaffii mirgaa kaase wayyaaneen dura dhaabbachuuf ilmaan Sidaamaa keessumaa dargaggoota Jumlaan mana hidhaatti guuraa jira.

Haala kanaan diddaa mootummaa irratti kakaafataniittu sababaa jedhuun Gurraandhala 24,2013 Bulchiinsa Sidaamaa aanaa Beensaa keessaa uummata nagaa hedduumminaan kan hidhe yoommuu tahu isaan keessaa
1. Obbo Tashoomaa Dabbabaa
2. Obbo Tasfaayee Hasamoo
3. Dargaggoo Amaaree Dastaa
4. Diikkaa Diirraa
5. Sukkaaree Amadoo
6. Burqaa Buunkisoo
7. Kaanuu Kaayessoo
8. Lankaamoo Kaaloo
9. Lammaa Laalegoo
10. Burqitoo Gaasee
11. Sombolaa Shiifoo
12. Dimbaaroo Chiicholaa
13. Asaffaa Musee
14. Didaamoo Fagoo
15. Narramoo Sombolaa
Jedhaman loltoota Wayyaaneen ukkaamsamuun kanneen mana hidhaatti fudhataman keessatti argamu.Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti gaaffii mirgaa sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa hidhaa,ajjeechaa,qeee irraa ariiuu,saaminsa,barnootaa fi hojii irraa ariiuu fi kanneen kana fakkaataniin dura dhaabbachuuf yaalus dargaggootni Sidaamaa yoomuu qeerroo waliin tahuun bittaa garbummaa jalaa bahuuf akka hojjetu diinaa fi firaaf dhaamuun sabawwan cunqurfamoo marti harka wal qabachuun gaaffii bilisummaa akka gaafatan dhaamanii jiran.