Ibsa-Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Duguuggaa sanyii fi weerara lafaa Oromiyaa irratti raawwatamaa jiru dura dhaabbannee falmachuun mirga uumamaati!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jaarraa 10’ffaa irraa eegalee babal’ifannaan lafaa kaabarraa gara kibbaatti taasifameen uummanni Oromoo qe’ee isaarraa buqqa’ee gara kibbaatti godaanuu seenaan nu yaadachiisa. Uummanni qe’ee isaarraa buqqa’e kun jaarraa 16’ffaa keessa Sirna Gadaan wal ijaaree duula lafa ofii deebifachuu Madda Walaabuurraa eegaleen lafa isaa irraa dhiibame deebifatee nagaan jiraataa ture. Weerartoonni kaabaa jaarraa 19’ffaa keessa duula lammataa Oromoo fi Oromiyaa irratti taasisaniin uummata sirna ofiin bulaa ture cabsanii sirna ofii itti fe’ani. Uummatichi gabrummaa kana tole jedhee fudhachuu baatullee haga har’aatti wareegama kaffalaa, qabsoo hadhooftuu geggeessee eenyummaa isaa itti duulame baraaree har’aan ga’ee jira. Ammallee sirna kana ofirraa kaasuuf bifa qindaa’een qabsoo abbaa biyyummaa isaa geggeeffataa jira.
Haata’u malee, yeroo ammaa kanas bifa irra deebii weerara jaarraa 19’ffaa fakkaatuun leellistoonni sirna mootii kan qabsoo barattoota Oromoofi fincila qote bulaa Oromootiin 1960’ta keessa cabe deebi’ee of haaressuudhaan kaabarraa qindaa’ee gara Oromiyaatti babal’ataa jiraachuu namuu argaa jira jennee amanna. Qindoominni kufaatii mootummaa Wayyaanee booda of ijaareefi babal’ate kun waggoota sadan arfan darban keessa qophii adda addaa gochaa akka turaniifi caasaa basaasaafi loojistikii waraanaa qindeeffatanii of qopheessaa akka turan odeeffannooleen adda addaa ba’an ibsaa turaniiru. Haaluma kanaan waggaa lama dura Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guutee, Luugoo, Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee, Amuru, Kaaba Shaggar Aanaa Darraa, Baha Shaggar Aanaa Boosat, Kaaba Oromiyaa Walloo (kan takkaa lolli irraa dhaabbatee hin beekne) fi Oromiyaa keessaa bakkoota sabni Amaaraa bal’inaan jiran akka dawootti dhimma itti ba’uudhaan qophii waraanaafi jeequmsa adda addaa gochaa turaniiru.

Isa ammaa kana kan jaaraa 19’ffaa irraa kan adda godhu yoo jiraate, gara jabinni weerartoota bara sanaa harkaafi harma ilmaan Oromoo irraa muraa kan turan yommuu ta’u, inni ammaa ammoo morma muruu, reeffa namaa abidda itti qabsiisanii gubuufi akka bineensaatti ciibsanii qaluudha.
Bifa takkaa addunyaa irratti mul’atee hin beekneen namni waggaa dheeraaf harka Oromootiin jiraate, lafa Oromoo irra jiraatee of bare garagalee saba isa nyaachisee, obaasee ofitti qabee jiraachise gara jabina daangaa darbaa irratti raawwachuun kan addunyaa guutuu ‘ajab’ jechisiisudha.
Lolli amma Oromoo irratti kallattii adda addaan geggeeffamaa jiru kan PPn qindeessu ta’uusaa waggaa lama dura kan hubatamedha. Itti aanaan muummicha ministeeraa Dammaqaa Mokonnon “sabni Amaaraa bakka jirutti hidhatee of ittisuu qaba” jedhee erga labsee booda, akkasumas muummichi ministeeraa “Humni Addaa Amaaraafi Faannoon daangaa naannolee biroo seenee nageenya akka kabachiisu kan dhorku hin jiru” jedhee paarlaamaa irratti erga dubbatee booda lolli Oromoo irratti geggeeffamu daran hammaatee itti fufe. Kana qofa utuu hin taane, humni Raayyaa Ittisa Biyyaafi poolisiin Federaalaa garee shororkeessaa ‘Faannoo’ jedhamu tumsuun lola irratti akka hirmaataa jiru haleellaan qilleensaa geggeeffamaa jiru ragaa guddaadha. Humni Addaa Oromiyaa kan gara uummataa goranii weerartoota kana dura dhaabbatan irratti haleellaan qilleensaa raawwachuun ragaa kan biraati.
Kana waan ta’eef, Qeerroon Bilisummaa Oromoo sochii weerartoota kanaa fi adeemsa PPn Oromiyaa lafa jeequmsaa gochuuf raawwattu dursee hubachuudhaan uummanni Oromoo akka of qopheessu, akka falmatu, barattoonni Oromoo of ijaaranii weerara Oromiyaa irratti deemuufi ajjeechaa raawwatu akka dura dhaabbataniif qopheessaa tureera. Qeerroon Bilisummaa Oromoo muuxannoo ganna 20’ta darbanii qabuun weerara kamuu, hacuuccaafi abbaa irree kamuu uummata isaarraa ittisuuf qophii gochaa tureera.
Barattoonni Oromoo Yuunversiitiifi manneen barnootaa adda addaa keessatti ajjeechaafi weerarri lafaa kun akka dhaabbatu sagalee isaanii dhageessifachuu irratti argamu. Qabsoon ykn mormiin nuti goonu kan barattoota qofa irratti hirkatee hafu ta’uu akka hin qabne hubachiisuudhaan: hojjettoinni mootummaa, miti mootummaa, dhaabbilee siivilii adda addaa, dhaabbileen amantii, qote bulaa fi qaamni hawaasaa hunduu qabsoo abbaa biyyummaaf godhamuufi weerara Oromiyaarratti deemu dhaabsisuuf taasifamu kana irratti qooda isaanii akka gumaachan Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha godha.
Bakkoota adda addaatti akkuma agarru caasaa nageenyaa mootummaa keessaa Humni Addaa Oromiyaa fi milishaan gandaa weerara Oromiyaa irratti deemaa jiru kana ittisuudhaaf dura dhaabbatanii wareegama baasaa jiru.
Isaan kana kan jajjabeessinu ta’uu ibsuudhaan, kanneen poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa jirtan sirna bututeefi Oromoo cabsuuf abbalu kana tumsuurraa of qusattanii gara uummata keessanii akka gortan irra deebinee waamicha isiniif goona.
Dhuma irratti, ajjeechaa, saamichaafi qe’eerraa buqqa’uu sirni PP nutti fide kana dura dhaabbachuufi weerara Oromiyaa irratti deemaa jiru dura dhaabbannee ofirraa qolachuun mirga heerri addunyaafi uumaan nuuf eyyamu waan ta’eef, bakka jirrurraa kaanee qabsoo abbaa biyyummaa keenya mirkaneessu akka geggeessinu dhaamsa dabarsina. Kana malees, fala siyaasaa kan bu’uurarraa rakkoo furu fala Addi Bilisummaa Oromoo kaa’e ofitti fudhachuudhaan mootummaa mataa ofii ijaarrachuuf akka hojjennu hubachiifna.
Injifannoo Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 6/2022
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a comment