QEERROO: Jarmaya Sirnaan Caaseffame moo Sochii akka Tasaa Dhohe?

Hagayya 21, 2020, MOOSISAA AAGAA tiin

Qeerroon jarmaya gurmaawaadha, garuu Jawaar Mohaammad jalatti miti.

*Barreeffama jalqaba Ingliffaan “Ethiopia Insight” irratti Hagayya 21, 2020 maxxanfamee tureerra gara Afaan Oromootti kan hiikame.

**Lakkoofsi barru kana keessatti tuqaman hundi akka lakkoofsa adduunyaatti (ALA) dha.

Jechi Qeerroo jedhu kan dirree siyaasaa Oromootti as bahe jarmayaan dargaggoota/dardarran Oromoo maqaa “Qeerroo Bilisummaa Oromoo (QBO)”, gabaabaatti “Qeerroo” jedhuun Ebla 2011-tti gurmaawuun sirnaan erga hundeeffamee asi dha.  Akkuma uumameen, Qeerroon marsarariitii (website) isaa kan jalqaba banachuun labsii hundeeffamaa (manifesto) isaas erga ifa taasisee booda finciloota walirraa hin cinne dhaabbilee barnootaa ol-aanoo keessatti qindeesse. Achirraa jalqabee fincilli barattoota Oromoo QBOtiin geggeeffamu utuu walirraa hin citiin takka ho’aa, takka qabbanaa’aa erga itti fufee booda finciloonni jajjaboo fi guutuu Oromiyaa waliin gahanii walitti fufiinsaan bara 2014 fi 2015 geggeeffaman ol-aantummaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) buqqisuu danda’eera. 

Kaayyoon barruu kanaa haala hundeeffamaa fi sochii Qeerroo ibsuu fi dhimma Qeerroo irratti hubannoolee dogoggoroo bal’inaan faca’aa turan tokko-tokko sirreessuu dha. Keessattuu ta’u-malaa dogoggoraa bal’inaan faca’ee jiru kan “Qeerroon sochii akka-tasaa (spontaneous), kan caasaa hin qabne dha” jdhu sirreessuu dha. Kana malees, rogeessa (activist) duraanii fi yeroo ammaa hidhamaa siyaasaa kan ta’e Jawar Mahaammad sochii Qeerroo keessatti qoodaa inni qabu ibsuu dha.

 Ani barreessaan barruu kanaa, bara 2009 irraa eegalee Sochii Barattoota Oromoo (SBO) fi finciloota Qeerroo marsariitii  hedduurratti, keessattuu marsariitii Gadaa.com irratti yoo xiqqaate barruu saddeet maqaa masootiin (alias name) maxxansaa tureera.  Sadaasa 12, 2009 waa’ee mormii bal’aa bara 2005;  Sadaasa 11, 2010 waa’ee finciloota bara 2006 fi 2010 gidduutti geggeeffamanii; Sadaasa 19, 2011 cuunfaa tartiiba taateewwan fincila barattoota Oromoo kan Sadaasa 2010 hanga Sadaasa 2011 qindeessee gabaaseera. Akkasumas Sadaasa 7, 2014 cuunfaa babal’na Sochii Qeerroo kan Sadaasa 2013 hanga Sadaasa 2014 maxxanseera. Barruulee koo kanneen hafan ceesistuu (link) kanaan argachuu dandeessu.

Kana malees konfaransii lama irratti waa’ee Qeerroo qorannoo dhiheesseera: Konfaransii OSA kan wagga-waggaa (annual) kan bara 2019 irratti Lammii Beenyaa bakka koo bu’ee dhiheessee fi Sympooziyeemii Imaammata ABO magaalaa Finfinneetti Fulbaana 17, 2018 geggeeffame irratti dhiheesseera.

Qorannoowwan dhiyeessuu bira dabree Sochii Qeerroo tumsuu keessattillee dhuunfaadhaan hirmaataan ture. Qophii hundeeffamaa Qeerroof bara 2011 taasifamaa ture, moggaasa maqaa “Qeerroo” jedhu dabalatee itti dhiheenyaan quban qaba. Hundeeffama boodas sochii Qeerroon taasisaa ture walitti fufiinsaan quba qabaachifamaan ture. Dabalataanis ibsoota maqaa dhaaba kanaatiin bahan jala bu’ee hanga har’aatti afaan Ingiliffaatti hiikaan ture.

 Armaan olitti tumsan Qeerroof gochaa ture kanan eereef, of dhaadhessuuf utuu hin tahiin, waa’ee Qeerroo gadi fageenyaan akkan beekuu fi maddaa fi ragaalee qabatamoo qabadhee akkan barreessaa jiru dubbiftoonni akka amantaa horataniif jedheeni. Kanarratti ergan kana jedhee booda, seenaa hundeeffama Qeerroo hanga hubannoo kootii akka armaan gadiittan dhiheessa. Xiyyeeffannoon koo dhimmootan armaan olitti tuttuqe duwwaarratti akka ta’uuf jecha, barruu kana keessatti qabxiilee uumamaa fi sochii Qeerroo irratti rarra’an suduudaan walqabatan duwwaan xiinxala.

Barruu kana keessatti, keessaa-baafamee yoo ibsameen alatti, jechi “Qeerroo” jedhu jaarmaya “Qeerroo Bilisummaa Oromoo (QBO)” jechuudha. Jecha “qeerroo” jedhutti yammuu dhimmi bahamu (qubeen “q” yoo xiqqaa tahe) nama dhuunfaa Oromoo dardara tahe jechuu dha. Kan Jechi QBO jedhu kunis jaarmaalee fakkeessuudhaaf maqaa Qeerroo jedhu fannifatanii nama burjaajessuuf bibixxilaman adda baasuuf gargaara.

Madda Hundeeffama Qeerroo

Bu’uura jaarmaa Qeerroo ibsuuf jalqaba akka ta’utti, barreeffama kiyya bara 2011 keessatti Sochiin Barattoota Oromoo fooyya’uun jijjiirama amalaa (qualitative change) argamsiisuudhaan, jaarmaa diddaa hawaasaa qindeessu maqaan isaa “Qeerroo” jedhamutti tarkaanfachuu ibseen ture. Dhimma kanarratti kanan barreesse keessaa kan qunxuramee fudhatame akka armaan gadiiti.   

“Ebla 2011, Sochiin Barattoota Oromiyaa jijjiirama guddaa fide. Kun ammoo sochii dargaggoota Arabaa (Arab Spring) akka ka’umsaatti fakkeenya godhachuun, dargaggoonni Oromiyaa biyyoolessaa walitti dhufuun ijaarsa diddaa hawaasaa ”Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa, Bilisummaa fi Dimookraasiif”, gabaabaatti yammuu himamu Qeerroo jedhamu qindeessan. Jechi “Qeerroo” jedhu hiikkaan isaa dargaggeessa hin fuudhiin jechuudha.”

Barruun kun kan maxxanfame Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ebla 2011 sirnaan hundeeffamee baatii ja’aa booda. Maqaa Qeerrootiin yeroo san duratti jarmayni biraa hin turre. Maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromootiin san duras tahe achiin boodas jaarmayni mooggaafame hin jiru. Qeerroon Bilisummaa Oromoo jaarmaya sochii hawaasaa kan qabsoo diddaa farra roorroo abbaa irree TPLF’n hoogganamu kan barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo barootaaf, addatti ammoo bara 1990’oota asitti taasisaa turan irraa kan dhalate dha.

Qorattoonni, dhaabbileen mirga namoomaa kanneen akka: ‘Amnesty International (AI)’ , ‘Human Right Watch (HRW)’, ‘Oromia Support Group (OSG)’ fi ‘Human Right League of the Horn of Africa (HRLHA)’ fi kanneen biroo dhimma Sochii Barattoota Oromoo dhiibbaa mootummaan geessisuun wal qabsiisanii gabaasaa turaniiru. Hiriirota mormii walitti fufiinsaan geggeeffamaa turan keessaa kanneen baayyee yaadataman hangi tokko: gubachuu bosona Baalee fi Boorana keessaa, teessoon mootummaa Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamaatti godaansifamuu fi cufamuu Waldaa Maccaa fi Tuulamaa (WMT)  mormuun kan bara 2002 – 2005 geggeeffamaa turani dha.

Sochiin barattootaa kun jabaatee itti fufuun, Sadaasa 9, 2005 Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) walitti-fufaa (series) tahee dhohuun hanga jalqaba bara 2006tti osoo walirraa hin citiin itti fufe. Fincilli kunis barattoota gola Oromiyaa kanneen maqaa gurmuu garagaraa ‘Gamataa Barattoota Oromoo’ takkaahu ‘Waldaa Barattoota Oromoo’  fi kkf moggaafataniin qindaawaa ture. Hundarra garuu maqaa Sochii Barttota Oromoo (SBO) jedhu tu beekamaa ture.  Addi Bilisummaa Oromoo ABOn sababa mootummaa abbaa irree Itoophiyaatiin ‘shororkeessaa’ jedhamee farajameef, barattoota kana gurmeessuu irratti karaa ifa taheen harka keessaa qabaachaa hin turre. Tahullee namni qorannoo xiqqaa yoo taasise waan tahaa ture ilaaluun akka ABOn harka keessaa qabaachaa ture shallagachuu danda’a. Irra guddeessi dhiittaa mirga dhala namaa kan raawwachaa ture namuu “miseensa ABO ti” jedhamee yakkamuudhaan ture. Akka kana tahes gareelee mirga namoomaaf falman hundaan raggaasifamaa ture. Fakkeenyaaf, HRW gabaasa waggaa Itoophiyaarratti bara 2003tti dhiheesseen akkas jedhee ture:

“Mootummaan naannoo [Oromiyaa] akka jedhutti ABOn dhoksaadhaan manneen barnootaa keessatti qunnamtii uumee, barattootaa fi barsiisota gurmeessuun gochaalee jeequmsaa fi seer-dhablummaa bobbal’isuu raawwachaa ture. Gaazexessaan yeroo sanatti bakka sana ture tokko akka HRW-tti himetti ganda magaalaa Shaambuutiin ala jirtu tokko keessatti ummanni meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatan aaranii poolisoota gandicha keessaa hoogganaa baratttootaa baqatee ganda sanatti dheessee ture hordofanii barabaaduutti turanitti dhukaasan.”

Gabaasni kunii fi kanneen biroo hedduun ABOn akka fincilaaf barattoota gurmeessuu keessatti hirmaataa ture ifoomsan.

Qeerroon sirnaan bara 2011 erga hundeeffamee booda karaan jireenyii fi sochiin Qeerroo calaqqisaa fi qabamatamaan of-mul’isaa ture hedduu dha.                                                                                                                                           Isaan keessaas:

  1. Marsariitii Qeerroo (website)
  2. Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ)
  3. Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo
  4.  Tumsa Qeerroo Idil-addunyaa (International Qeerroo Support Group)

hanga tokko dha.

Armaan gaditti afran isaanii tokko tokkoonan gabaabsee ibsa.

Marsariitii Qeerroo (Qeerroo Website)

Qeerroon 2011tti battaluma hundeeffameen marsariitii Qeerroo banate. Marsariitiin kunis sochiilee Qeerroon taasisaa turee fi ibsoota Qeerroon baasaa ture ummata bal’aan qaqqabsiisuuf meeshaa bu’a-qabeessa tahe. Akka marsariitiiwwan kanneen biroo tokko-tokkoo marsariitiin Qeerroo kun rincicaa fi kan torbanitti ykn baatiitti irratti maxxanfamu hin turre; sochiiwwan Qeerroo fi gaaga’ama mootummaan abbaa irree ummatarraan ga’u gola Oromiyaa bal’oo hunda keessaa walitti qabuun guyyuu irratti gabaafamaa ture. Fakkeenyaaf, baatii jalqabaa (Ebla 211) marsariitiin Qeerroo baname keessatti gabaasaalee 48 tu irratti maxxanfame.  Ebla 2014 keessa maxxansaalee 109,  Caamsaa 2014 keessa maxxansaalee 178 fa’itu irratti maxxanfame.  (Maxxansaaleen guutuun Ebla 2011 irraa hanga har’aa ceesistuu kanairratti argamu.) Gabaasaaleen sochiiwwanii dilli kun, kan waggoota dheeraa kanaaf guutuu Oromiyaarraa walitti qabamee yeroo yerootti maxxanfamaa ture kunniin kan mul’isan, jaarmaan Qeerroo, waan akkasumaan waraqaa irratti tottolfame osoo hin taane, ijaarsa bu’uura ijaarsa, jaarmaya jabaa, humna cimaa qabu, kan naamusaan masakamu, dhaaba dhoksaan ijaaramee lafarratti sochii geggeessuu fi qaama warraaqsaa hooggansa mataa ofii qabu ta’uu isaaf agarsiiftuu guddaa dha.

Sagalee QBO-Raadiyoo Qeerroo

Amajji 2014 raadiyoon dambalii gabaabaa Sagalee QBO hundeeffamuun odeeffannoo dhaggeeffattoota isaa Gaanfa Afrikaa keessatti tamsaasuu eegale. Raadiyoon kunis Qeerroowwanii fi ummata bal’aa carraa interneeta fayyadamuun odeeffannoo fi haala sochii Qeerroon lafarratti taasisu argachuu hin dandeenyeef bu’a-qabeessa tahee argame. Tamsaasni raadiyoo kun bara 2014 irraa jalqabee hanga yeroo dhiyootti torbanitti guyyoota sadii, walakkaa sa’aatiif itti fufiinsaan tamsaasaat ture. Tamsaasni sagalee kun YuuTiyuubii (YouTube) Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi feesbuuka irrattis bal’inaan fe’amaa ture. (Qophiilee SQ dhaggeeffachuuf YuuTiyuubii kana bananii “Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo” jedhanii barreessuudhaan tamsaasa achirratti fe’amaa ture argachuun ni danda’ama.)

Hawwisoo QBO (Qeerroo Artists Group)

Bu’aan guddaa raawwii QBO inni biraan Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan jedhamu  garee artistoota Oromoo hundeessuu dha. Gareen artistoota warraaqsaa kun raadiyoo Sagalee QBO waliin yeruma wal fakkaataatti hudaaye. Sirboonni warraaqsaa garee Hawwisoo Kanaan ba’an YuuTuubii, marsariitii, raadiyoo fi feesbuuka QBO irratti faca’uun Qeerroo Oromoo biyyoota addunyaa mara irraa onnachiisee qabsoof kakaasuu keessatti gumaacha guddaa taasiseera.  Barreeffamoota koo marsariitiilee irratti maxxanfamaa turan keessaa tokkorratti Mudde 4, 2014 sirboota warraaqsaa miseensonni Hawwisoo QBO sirban baayyinni isaanii 19 ta’an ergan tarrisee booda: “QBO jaarmaya of sirnaan qindaawaa, kan gochaadhaan lafarra jiru tahuu hojii gartuun hawwisoo kun hojjetaa jiru ragaa qabatamaa fi jiraataa dha” jedheen barreesseen ture.  Sirboota kanneen keessaa:

  1. ‘Qeerroon Diina Mancaase’ – Hagayya 31, 2014 kan ba’e. 

  • ‘Gootni Baroode’ – Fulbaana 4, 2014 kan ba’e.      

Tumsa Qeerroo Idil Addunyaa (International Qeerroo Support Group)

Qeerroon dhoksaadhaan (underground) ijaaramuun isaa ummanni Oromoo biyyoota hambaa jiraatan akka maallaqaan hin tumsineef rakkoo uume. Akkuma sochiin Qeerroo Oromiyaa maratti babal’ateen waantota hedduudhaaf maallaqni akka malee barbaachisee ture: fakkeenyaaf meeshaalee barreeffamaa, wallee warraaqsaa baasuuf meeshaalee muuziqaa, tamsaasa raadiyootiif saatelaayitii, bilbiloota harkaa, kompiyuuteroota, sochiiwwan raawwatamaniif kaameraawwan waraabbii, kanneen warraaqsarratti miidhamaniif baasiiwwan yaala fayyaa, baasiiwwan geejjibaa, kanneen mootummaa abbaa irreetiin ajjeefamaniif baasiiwwan sirna awwaalchaa fi kanneen fakkaataniif maallaqni hedduu barbaachisa ture.

 Rakkoo maallaqaa kana furuuf miseensonni Qeerroo biyya Ameerikaa (USA) fi biyyoota addunyaa guutuu keessaa walitti dhufuun dhaabbata bu’aa-maleessa (non-profit) tahe ‘International Qeerroo Support Group’ jedhu sirnaan dhaaban.  Dhaabbanni kun fakkeenyaaf bara 2016 qofatti doolaara $188,814 Oromoota biyyoota hambaa jiraatanirraa walitti qabuun baasiiwwan armaan olitti eeramaniif tumsi akka godhamu taasiseera. Hoogganni Qeerroo ifatti beekamuu baatullee, hoogganni Garee Tumsa Qeerroo Idil Addunyaa kun qabatamaatti beekamoo kan ta’an yammuu ta’u, hoogganoota Qeerroo lafarra jiran waliin wal qunnamaa turan. Gareen tumsaa kun sochii Qeerroo milkeessuurratti bu’aa guddaa gumaacheera.

Ta’u-malaa “akka Tasaa” (Spontaneous) Jedhu

Ta’u-malaa dogoggora bal’inaan facaafamaa turanii fi beektotni qorannoo sirnaa geggeessan utuu hin hafiin akka dugaatti fudhatan keessaa tokko ta’u-malaa (claim) sochiin Qeerroo kan sirnaan caaseffame utuu hin tahini sochii “akka tasaa” (spontaneous) uumame jedhu dha. Fakkeenyaaf, Dr Terje Ostebo xiinxala qorannoo isaa kan Gahee Qeerroon Egeree Siyaasa Oromoo Keessatti Qabu (The Role of the Qeerroo in the Future Oromo Politics) jedhuun b arruulee ‘Addis Standard’ jedhamu irratti Caamsaa 26, 2020 dhiyeesse keessatti: ‘’Qeerroon qaama sochii hawaasaa kan caasaa sirnawaa hin qabne, kan akkuma tasaa ka’e dha’’ jechuun ta’u-malaa dheedhii (wild claim) ragaa hin qabne lafa kaayee ture. Dr. Terje Ostebo ta’u-malaa kanaaf jette-jettee namootni muraasni “natti himan” jedhurra darbee ragaa dhiheesse tokkollee hin qabu. Ragaalee qabatamoo tokko tokko erga lafa kaayee booda “qulqulleeffachuun rakkisaa dha” sababa jedhuun gatii dhabsiise. Barreessaan kun bara 2014 Qeerroon akkamitti gara mormii maastar pilaanii Finfinneetiin akka beekamtii argatee eeruudhaan “meeshaa jijjiiramaa tahuun Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahimadiin gara aangoo fide” jedhee ibsuutiin eegala. Itti fufuunis “waa’een qeerroo kanneen hin beekamiin waan baayyee tu jira” jedha. Dhugaatti waa’ee keessoo jaarmaa dhoksaan ijaaramee fi galmeerra seeraan hin jirree tokko beekuun ulfaataa dha. Haa ta’u malee, utuu ta’u-malaa dogoggorsaa akkasii akka ummanni dubbisu hin taasisiin dura, hoogganoota Qeerroo dabalatee Oromoota dhibbootaan lakkaa’aman gaafatanii qulqulleeffachuun salphaa ture. Dhuguma, sababa sodaa nageenyaa hubatamaa ta’een, caasaaleen Qeerroo keessattuu nama alagaatiif ammayyu “kan hin beekamne” dha. Yammuu kun isa mudatus qorataan tokko bakka ragaalee gahaa fi amansiisoo hin argatiinitti ta’u-malaa akkanatti dogoggoraa ta’an, kanneen dugaa jiru jallisan gabaasuu irraa of qusachuu tu mala ture.

Ta’u-malaa (claim) ‘’Qeerroon akkuma tasaa ka’e” jedhu fudhatama dhabsiisuuf, fincila dhuma Eblaa fi jalqaba Caamsaa 2014 keessa geeggeeffame laaluun barabaachisaa taha.  Finciloonni Qeerroo gurgoddoon dhiigni itti lolaafame kan Ebla 30 fi Caamsaa 1, 2020 magaalota Oromiyaa hedduu: (Amboo, Naqamtee, Haromaayaa, Jimmaa, Ciroo fi kanneen biroo)  keessatti geggeeffaman turan. Finciloota kunniin fi sochii Qeerroo gidduu walitti dhufeenyi jabaan jiraachuu agarsiisuuf, guyyootaa fi torbanoota Ebla 30 dura waan Qeerroon marsariitii isaarratti gabaasa baase xiinxaluun gahaadha. Gabaasni sun Afaan Oromootiin marsariitii Qeerroo sanirratti hardhallee ni argama. Kanaafuu waan dubbistoota kiyyatti gaaffii tahu qulqulleessuuf ceesistuu (link) barbaachisoo hunda as keessa galcheen jira.

Bitootessa 13 fi Bitootessa 20, 2014, barattoonni Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Shaakkisoo (Gujii Bahaa) marsaa lamaan hiriira mormii geggeessuu marsariitii Qeerroo irratti gabaasni maxxanfameera.  Guyyuma kana, Bitootessa 20 barattoonni Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa keessatti hiriira nagayaa geggeessuu isaanii marsariitii Qeerroorratti gabaasni ba’eera. Bitootessa 22, 2014, barattoonni Oromoo godina Shawaa Kibba Lixaa, Mana Barumsa Haruu Cululleetti hiriira mormii geggeessuus marsariitiin Qeerroo kun gabaaseera. Fakkeenyonni xiqqoon kunneen walitti dhufeenya sochii fincilaa fi jarmiya Qeerroo agarsiisani dha. Asi irratti kan hubatamuu qabu, yeroo kana keessatti marsariitii fi raadiyoo Qeerroo kan torbanitti guyyaa sadiif dambalii gabaabaan biyyatti tamsaasamaa tureen alatti jaarmaanis ta’e dhuunfaan qaamni gabaasa qindaa’aa waa’ee sochii Qeerroo gabaasu tokkollee hin turre.

Gabaasotni armaan olitti dhiyaatan ragaa hanga-xiqqaa (circumstantial evidence) fincilli 2014  waan akka-tasaa hin tahiin kan ifoomsani dha. Ragaan armaan gaditti dhiheessuuf deemu, kan ammallee marsariitii Qeerroo irratti argamuu fi gabaasonni walitti fufiinsaan marsariitii Qeerroo irratti maxxanfama turan (ceesistuun (link) isaa asii gaditti dhiyaate) walitti dabalamanii, fincilli Ebla/Caamsaa 2014 geggeeffame sagantaadhaan karoorfamee qindaawee jaarmaya Qeerroo Bilisummaa Oromootiin geggeeffamuu isaa shakkii malee raggaasisu.

Ebla 2, 2014, finciloonni gurguddoon dhiigni baay’een itti lola’e sunniin torbee sadii dursee, Koreen Gidduu QBO ibsa baase. Ibsa kana keessatti “dargaggoonni fi ummanni Oromoo fincila diddaa gabrummaa, addatti ammoo maaster pilaanii Finfinnee akka mormaniif” waamicha fincilaa dabarsuun marsariitii QBO irratti labse. Waamichi KG Qeerroo kun finciloota boodarra babbal’achuun guutummaa Oromiyaa walgahaniif ittiin ka’umsa tahe. Egaa asirratti waanti  hubatamuu qabu yeroo sanitti jaarmayni ykn qaamni waamicha akkanaa godhe kan biraan tokkollee hin turre. Ibsa Qeerroo sana keessaa hangi tokko qunxuramee fudhatame kunoo ti:

’Mootummaan gabroomfataa abbaa irree wayyaanee (TPLF) magaalaa Finfinnee gara lafa baadiyyaa fi magaalota Oromiyaa naannawa isheetti argamanitti babal’isuudhaan qotebultoota lafa isaaniirraa buqqisee, magaalota Oromiyaa kanneen akka: Buraayyuu, Sabbataa, Laga Xaafoo, Hoolotaa, Aqaaqii, Dukam, Bushooftuu, Laga Daadhii, Qaallittii, Galaan fi magaalota Oromoo hedduu  bulchiinsa federaalaa jala galchee qabeenya uumamaa saamuuf miidiyaadhaan labsatee waan jiruuf, karoora maastar pilaanii ummata keenya lafarraa duguuguuf ba’e kana fincillee fashalsuu qabna. Karoora piroojektii kana hambisuun, ummanni keenya qabeenya uumamaa isaa sirnaan eeggatee, qoteboltoonni keenya naannawa Finfinnees lafa akaakilee isaaniirraa akka hin buqqaane, ummanni Oromoo haalduree tokko malee Oromummaa isaa qofaan akka lafa isaarra jiraatu gochuuf, Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) dhoosuun haa falmannu.”

(Guutuu ibsa kanaa ceesistuu (link) kana tuqii ilaali.)

Waamicha QBOtti aansuun fincilli Qeerroo Oromiyaa mara keessatti geggeeffame. Finciloota tahanis marsariitiin Qeerroos sagalee fi viidiyoodhaan deeggaree kan gabaase ceesistuun (link) isaa faana armaan gaditti dhiyaateera. Akka kanaan Ebla 11, 2014 Yuunivarsiitii Jimmaatti [viidiyoo], Ebla 16 Yuunivarsiitii Saayinsii fi Tekinooloojii Adaamaatti, Ebla 20 Yuunivarsiitii Mattuutti, Ebla 25 Yuunivarsiitii Ambootti [waraabbii Sagalee] fi Yuunivarsiitii Haromaayaa keessatti [waraabbii sagalee], Ebla 26 fi 27 Yuunivarsiitii Wallaggaatti [waraabbii sagalee]  finciloonni geggeeffaman keessatti argamu. Ebla 28 fincilli kun gara Yuunivarsiitotaa, koollejjiiwwan fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaatti: Yuunivarsiitii Adaamaa, Yuunivarsiitii Mattuu [waraabbii sagalee],Yuunivarsiitii Bulee Horaa, Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Geedoo (Shawaa Lixaa), fi bakkoota birootti  babal’achuus marsariitiin Qeerroo gabaaseera. Guyyaa itti aanu Ebla 29, guutuu Oromiyaa: Yuunivarsiitii Amboo, Yuunivarsiitii Adaamaa [viidiyoo], Yuunivarsiitii Mattuu, magaalaalee akka Naqamtee, Shaambuu, Dambi Doolloo, Gudar fi bakkoota biroo hedduutti babal’ate. Ebla 30 fincilli lafa sochoosee fi dhiiga ilmaan Oromoo lolaasise Oromiyaa maratti babal’ate. Keessattuu magaalaa Ambootti qeerroon kurnoota hedduun humna agaaziitiin ajjeefaman [waraabbii sagalaee].  Caamsaa 1 fi Caamsaa 2 mormiin guutuu Oromiyaa waliin ga’ee itti fufee oole [Mandii [viidiyoo] fi Ayiraa (sagalee), lamaanuu Wallagga Lixaa]. Finciloonni asi irratti gabaafaman kunneen fakkeenya muraasa dha. Ragaaleen viidiyoo fi sagalee itti fufiinsaan gabaafamaa turan kunneenii fi kannneen biroon hedduun ammallee marsariitii Qeerroo irra ni jiru.

Erga sochiin bara 2014 taasifamaa ture qabbanaa’ee booda, Adoolessa 7, 2014, Qeerroon galmee namoota fincila irratti ajjeefamanii 61 fi kanneen hidhaman 903 funaanee marsariitii isaa irratti gabaaseera. As irratti waanti nama ajaayibsiisu, galmeewwan kunneen guutuu Oromiyaa irraa kan walitti qabaman tahuu fi galmeen kun tokkoo tokkoo namoota kanaaf ibsoota kanneen akka saala, umrii, teessoo, sadarkaa barnootaa isaanii hunda kan qabu ta’uu dha. Kanarratti kan gaaffii namatti ta’u, gareen Qeerroo kun “akkamitti daataa kunneen hunda guutuu Oromiyaa irraa, sanuu haala tohannoon sirna abbaa irree sochii kamuu nama dhowwu keessatti walitti qabuu dandahan?” kan jedhu dha. Kana qofaa miti. Maaliif daataa funaaname kun baay’een isaa sirrii ta’ee argame? Maaliif daataaleen kunneen ammoo marsariitii/raadiyoo Qeerroo fi kanneen isaan faana hidhata qabanii fi ABO faana hidhata qaban kanneen akka SBO, RSO, fi Simbirtuu duwwaa irratti argame? Deebiin gaaffii kanaa ifaa dha. Qeerroon daataalee kunneen sassaabuu kan danda’eef fincilichayyu kan qindeesse QBO waan ta’ee fi caasaa isaas Oromiyaa guutuu keessatti diriirfatee lafarraa waan qabuufi dha.

Ragaaleenii fi xiinxalli armaan olitti kaayaman, ta’u-malaa Qeerroon sochii akka-tasaa ti (spontaneous) jedhu sana kan gatii dhabsiisan duwwaa utuu hin taane, sochiin bara 2014 keessa ta’e sana kan qindeessee fi sirnaan geggeesse Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’uu mamii tokko malee kan mirkaneessani dha. Asi irratti dhugaan tuqamuu malu tokko, Jawaar Mohaammad, waltajjii af-gaaffii (interview) miidiyaalee adda addaa irratti geggeessaa tureen ‘’qeerroolee bifa adda addaatiin ijaaramanii jiran tu sochii kana geggeessaa jira’’ jechuudhaan mirkaneessee ofii isaaf hooggansa keessaa akka qooda tokkollee hin qabne ifoomsee ture (qabxii kanatti gara boodaan itti deebi’a).

KA’I QEERROO! (wallee Hawwisoo Waraana Bilisummaa Oromoo, Eeritiiriyaatti sirbame), Yuutiyuubii irraa.

Tartiiba finciloota ciccimoo dhiigni guddaan itti jigge kan Ebla 30 fi Caamsaa 1, 2014 bira dabdree, finciloonni tahan sirnaan qindaa’oo ta’uu taatewwan argisiisan hedduun ni jiru. Fakeenyaaf finciloonni kunniin guyyaa tokkotti, yeroo wal fakkaataatti Oromiyaa bakka hedduutti dhohuun isaa bakka tokkoo fi qaama giddu-galaa tokkooon karooraan kan taasifame ta’uu raggaasisa. Kana malees dhaadannoowwaan bakka garaagaraattti taasifaman wal fakkaatoo ta’uunis qaamni tokkichi akka bifa waalta’aa ta’een qindeesse ta’uuf ragaa kan biraa dha. Akkas taanaan, qaamni sochii kana bifa waalta’aa ta’een qindeesse jira jennee yoo amanne, “qaamni gurmaa’e” kun eenyu ta’uu danda’a ree? Ragaaleen jiranii fi asii olittis argisiifne hundinuu garuma QBOtti quba qabu. Qaamni biraan kan walitti fufiinsaan ji’ootaa fi waggoota hedduuf waa’ee finciloota kunneenii gabaasa ture tokkollee hin turre. Kanaafuu, fincila barattoota Oromoo walitti fufinsaan Eblaa fi Caamsaa 2014 keessa geggeeffamaa ture kan qindeessee fi hoogganaa ture Qeerroo Bilisummaa Oromooti.

Osoon qabiyyee kutaa barruu kana keessaa hin bahiin, fincilli bara 2015tti geggeeffames QBO tiin qindaawuu fi hoogganamuu kan mul’isu ragaa qabatamaa tokko dhihhessuun barbaada. Akkuma hundi keenyayyuu beeknu, fincilli sun Sadaasa 12, 2015 Giinci, magaalaa xiqqoo Shawaa Lixaa, kan Finfinneerraa gara km 40 fagaattu, keessatti dhohuun qaanqeen isaa Oromiyaa mara akka ibidda saafaa waliin gahe.  Gaafa Sadaasa 4, 2014, utuu fincilli Gincii sun hin dhohiin guyyaa saddeet dursee, Koreen Giddu Galeessaa QBO, marsariitii isaarratti “ibiddi warraaqsaa qabatee Oromiyaa guutuu waliin ga’uuf jira” jechuun ibsa baase. Mata-dureen ibsichaa akka armaan gadii kana.

‘’Waggaa 10ffaa FDG Sababeeffachuun Abidda Warraaqsaa Guutuu Oromiyaatti Qabatuuf Deemu Ilaalchisee Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname’’

(Ibsa QBO san guutummaa isaa Afaan Oromootiin bakka kana xuqaa dubbisaa)

Akkamitti “ibiddi warraaqsaa’’ guutuu Oromiyaatti akka qabatuuf deemu dursanii beekuu danda’an? Deebiin isaa tokkoof tokko. Innis, dursanii waan itti qophaawaa turaniifi dha. Dhugaan jiru, akkan odeeffannoo yeroo sana qabaachaa turetti, baatii sadii oliif dursanii itti qophaawaa fi qindeessaa turan. Ibsa kana keessatti waan nama amansiisan lama tu gadi-jabeeffamee labsame.

  1. Qaanqeen warraaqsaa qabsiifamuuf akka deemuu fi
  2. Ibiddi warraaqsaa sun guutuu Oromiyaa akka wal gahuuf deemu dha.

Torbee tokko booda, Sadaasa 12, qabxiileen kaayaman kunneen lameenuu ta’anii argaman.

Qorannoo yakkaa keessatti, shakkamaan tokko, yakka itti himatame sana akka raawwachuuf deemu afaan isaatiin dursee himuu isaa ragaan ibsu yoo argame, ragaan kun yakka dalagameef ragaa fudhatama qabu ta’ee mana murtiif dhihaata. Ragaan amma of harkaa qabnus waa’ee ragaa shakkamaa kana wajjiin wal fakkaata. Qeerroon ‘ibiddi warraaqsaa’ akka Oromiyaa wal gahu dursee labse. Torban tokko booda ta’ee argame. Ragaan qabatamaan kunis fincilli bara 2015 QBO tiin kan qindaawee fi hoogganamaa ture tahuu mamii tokko malee muldhisa.

Hooggansa Qeerroo

Dhimmi hooggansa Qeerroo seenaa Oromoo as dhiyoo keessatti ifatti osoo ibsamiin hafee jette-jettee fi hameedhaan jiru ta’ee mul’ata. Kunis waan hibboo namatti ta’e dha. Sochiin Qeerroo kan ka’ee jabaatee mootummaa abbaa irree hudhee qabe reefuu waggaa kurna tokkoyyuu hin guutiin jira. Hoogganoonni Qeerroo hedduunis achuma biyya keessa jiru; yoo barbaadaman bilbilaanillee argamuu danda’u. Asi irratti kaayyoon kiyya, akka nama duraa-duuba waa’ee Qeerroo itti dhihenyaan beekuu tokkootti seenaa beekamaa Qeerroo kana ifa taasisuu fi dogoggora jiru sirreessuu dha. 

Ta’u-malaa dhugaarraa fagaatanii, gadi-bu’oo ta’aniif fi seenaa irratti gaafachiisan ani dubbise keessaa tokko kan Dr. Osteboon ragaa malee akkas jedhee barreesse dha.

“Waan ifa-galeessa fakkaatu, caasaan dagalee (horizontal structure) Qeerroo guutuu Oromiyaa keessa ture murtaawaa dha. Caasaan ijoon garuu, caasaa gadee (vertical structure) kan Jawaar Mohaammadiin giddu-galeessa godhatee fi ammallee itti jiru dha.”

Nama tokkicharraa odeeffannoon fudhatamee, gaheen hooggansa waliigalaa caasaa jabaa tokko nama tokkichaaf kenname. Itti fufeellee akkas jedhe: “waan hundi karaa Jawaar qofa tahe, kan ajaja kennaa ture isa.”  Akka kanatti odeeffannoo nama tokko qofaarraa fudhatanii qorannoo geggeessuun dogoggora guddaa dha.

Akkuma asii olitti ibsame, Jawaar afaan isaatiin “anatu Qeerroo hundeesse” ykn “ani hoogganaa Qeerroo ti” jedhee hin beeku. Garuu hoogganaa Qeerroo akka isa fakkeessutti tapha-siyaasaa taphataa ture. Dr. Ostebon yaada qorannoodhaan irra ga’e jedhee barreesse sana sirriitti qulqulleeffachuuf Jawar waliin gadi-taa’ee af-gaaffii (interview) gochuu dandaha ture.

Kanatti aansee, waa’ee Qeerroo irratti namoonni hedduun daandii dogoggoraa qabatanii akka turan ibsuuf akkasumas dhimmi hooggansa Qeerroo kun qorannoo gadi-fagoo kan barbaadu waan ta’eef, toora taatewwan uumamaa fi sochilee Qeerroo muli’san tartiibaanan dhiheessa.

Jawaar Mohaammad, beekamaa ta’ee kan waltajjii siyaasaatti ol yaabbate bara 2009 barruu qorannoo isaa kan falamsiisaa tahe ‘’The Failed Journey of OLF’’ (Imala ABO Kufe) jedhu yommuu dhiheesse irraa eegalee ti. Jawar qorannoo isaa kana keessatti “ABOn akka suphamuu hin dandeenyetti hunkutaa’eera” (damaged beyond repair) jedhee labse. Barruun Jawar kun firootaa fi deggertoota ABO yammuu mufachiisu, diinota ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo gammachiisee burraaqsise. Gammachuu isaanii kanaanis ji’oota itti aananii dhufaniif Jawar miidiyaalee Habashaa kanneen akka sagantaalee oduu (talk shows), raadiyoolee fi yeroo sanatti akka malee ho’aa kan turan manneen Paltalk keessatti afeeramee keessoo ABO saaxiluu babal’isee itti fufe. Akka kanaanis Habashoota “tokkummaa Itoophiyaa” leellisan biratti akka malee jaalatamee fi jajamee goota jedhamee faarfame. Akkuma kanas waggoota itti aanan muraasaaf Oromoota biratti akka yakkamaa saba isaa ganeetti ilaalamaa ture.

 Akka kanaan waggaa afur erga turee booda bara 2013 miidiyaa Al Jaziira sagantaa ”The Stream” jedhurraatti dhihaatee akka tasaa ‘’ati jalqaba Itoophiyaa moo Oromoo dha?’’ jedhamee yammuu gaafatamu, tarii utuu hin yaadiin ta’uu ni mala, “ani jalqaba Oromoo dha” jedhee deebise. Maal jechuusaa akka ta’e akka caalaatti ibsuuf yommuu gaafatamus “Itoophiyaan humnaan narratti fe’ame” jedhee deebise. Deebiin Jawar kun ganda Habashootaatti akka kirkira-lafaa (volcano) lafa sochoose. Akka malee rifatanii iyyanii lafa sochoosan. Sana booda waggoota afran darban “goota” jedhanii faarsaa waan turaniif taappeellaa “gantuu” darbeeyyu “shororkeessaa” jedhu itti maxxansan. Taappeelaan kunis qaamota diina-siyaasaa isa godhatan biratti hanga har’aatti akka itti maxxanetti itti fufeera.

Ajjeechaa jumlaa Liyyuu poolisii Somaaleetiin Harargeetti geggeeffameen wal qabatee ajjeechaa suukanneessaa Mudde 9, 2017 Harargee Bahaa, Calanqootti raawwatameef Qeerroon Bilisummaa Oromoo magaalaa  Naqamteetti  akka ummanni bal’inaan ba’ee gadda isaa ibsatuuf sochii qindeesse. (Qalbeessaa Dhangi’aa tiin, Mudde 15, 2017).

 Haa tahu malee, Jawaariif hundi jalaa hin dhangalaane. Oromoonni waggootaaf dabran itti mufatanii turan abaarsa Habashootaa kanarraa isa baraaruuf irra-goranii baabsan. Falammiin af-gaaffii kanaan walqabatee ka’e baatilee hedduuf itti fufe. Ammas akkuma duraanii iji namoota hundaa Jawarirra bu’ee ajandaan walfalmisiisaan kun ji’oota hedduuf itti fufe. Habashoonni duratti faarsaa turan garagalanii waan maqaasaa xureessu hunda yammu itti darbatan Oromoonni ammoo “goota” jedhanii faarsan. Oromoota hedduu biratti, Jawaar akka ilma achi buuteen dhabamee turee, akka tasaa ammoo manatti galee argameetti fudhatame. Beekamtii fi dhageettiin isaas Oromoo fi warra alagaa birattis bifa wal faallaa ta’een baayyee ol ka’e. ABO xiqqeessuurratti miidhaan inni geessisee ture marti Oromoota hedduu biratti ni irraanfatame, ni dhiifameef.

Jawar, dhageettii fi beekamtii cimaa horate kana akka carraatti fayyadamuun, maqaa “maree Oromummaa dursuu” ykn “Oromo First Community Engagement” jedhuun magaalota biyyoota addunyaa kan Oromoon baayyinaan keessa jiraatu maratti Oromoo walitti qabee mariisisuu eegale.  Duulli marii hawaasa Oromoo ‘Oromo First’ kun jabaatee saffisaan fuulduratti deemuun, tamsaasa saatelaayitii TV ‘Oromia Media Network’ (OMN) dhaabuuf bu’uura tahe. Hundeeffamni TV OMN kunis yeroo sanatti Oromoota hedduu gammachiise. Beekamtiin ol aanaan Jawar horate kunis ummata heddumminaan walitti qabuu fi maallaqa miidiyaa kanaaf ta’u sassaabuu irratti gargaare. Miidiyaan kun banamee baatii muraasa booda Jawar daarektaraa fi nama murteessaa ta’ee asi ba’e.  Jawaar fi OMN akka fuula lameen saantima tokkoo tahan.

                              #FincilaOromoo (#OromoProtest)

Hundeeffamni OMN kunii fi jalqabni finciloota baatilee Eblaa fi Caamsaa bara 2014 Oromiyaa waliin gahan walirra bu’e. Yeroo sanatti oduuleen ammee tokko tokko bifa ciccitaa taheen OMN irratti kan darbaa turan yammuu ta’u babal’inni oduulee finiciloota kunneenii jechuun maqaaleen namoota miidhamanii fi hidhamanii, suuraalee fi viidiyooleen fincilootaa marsariitii Qeerroo (www.qeerroo.org) irratti duwwaa argama ture. Jawarii fi miidiyaan OMN isa jalatti hoogganamu hoogganoota Qeerroo lafarratti finciloota sana geggeessan faana wal quunnamuu hin dandeenye ture. Qeerroof suduudaan qajeelfama kan kennu ABO ture. Jawaar ammo hariiroon inni miseensotaa fi hoogganoota ABO waliin qabaachaa ture boora’aa ture.

Hoogganni Qeerroo duraanii kan maqaa isaa akka hin beekamne barbaade tokko akka jedhutti, Jawaar jaarmaa Qeerroo hooggansa ofii jala galfachuuf yaalii godhee ture. Hoogganoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo tokko tokko dhuunfaatti qunnamuun “ABO jalaa bahaatii na waliin hojjedhaa” jedhee “maallaqaa fi gargaarsa adda addaa caalaatti akka kennuuf” waadaa galaafii ture. Hoogganni QBO gaaffii Jawar fudhatama dhabsiisanii odeeffannoo fi qunnamtii miseensota Qeerroo jajjaboo kanneen lafarratti hojiitti jiranii kennuufii dhaaban. Jawaaris kanatti mufachuudhaan yeroo haalaan murteessituu turte sanitti, miidiyaa OMN irratti Qeerroof tajaajila kennuu dide. Maqaa Qeerroo dhawus nil agate. Waggoota afran itti aananiif, hanga dhuma bara 2017tti, afaan Jawaar keessaa jechi “Qeerroo” jedhu tasa bahee hin beeku ture. OMN irratti maqaan Qeerroo hin dhawamu ture (dhimma kanarratti gara boodaa dabalatan qaba).

Sochiin bara 2014 sun baatilee lamaaf erga itti fufee booda, hanga ficilli irra-caalaa guddaan bali’naan #FincilaOromoo (#OromoProtest) jedhamu guutuu Oromiyaa waliin ga’ee ture sun Sadaasa 12, 2015 eegalutti qabbanaa’e ture.  Yeroo fincilli guddaan kun Qeerroodhaan dho’utti “miidiyaa tokkitti Oromoon qabdu kanatti, utuu nageenyi miseensota Qeerroo biyya keessaa hin gaaga’amiin attamitti fayyadamuu dandeenya” falammiin jedhu hoogganootaa ijoo ABO fi QBO gidduutti dhalate. Maqaa fi bilbila qeerroolee dhoksaan socho’anii fuudhanii nama hin amanamnetti kennuun mootummaa durumaanuu isaan adamsutti saaxiluu ta’uu mala.

Rakkoon jiru kan Jawaar qofa hin turre. Hoogganootiin ABO fi QBO gaazexeessitoota OMN kanneen Jawaariin filatamanii achi seenan tokko tokko hin amanan ture. Filannoo rakkisaa keessa seenan. Ykn odeeffannoowwan barbaachisoo tahan OMN fi Jawaariin dhorkachuudhaan oduun fincilootaa kana ilaalan akka bal’inaan hin tamsaane godchuu ykn ammoo rakkoo xixiqqoo fi garaagarummaa Jawarii fi OMN waliin qabaachaa turan maddiitti dhiisanii odeeffannoo jiru kennanii fincila sanaaf haala mijaawaa uumuu kan jedhu keessaa tokko filachuu tu irra ture. Filannoo sirrii ta’uu qabu waan tureef isa lammataa filatan. Yeroo sanaa qabee caasaalee fi miseensonni Qeerroo guutuu Oromiyaa keessa jiran hundinuu odeeffannoowwan wayitawoo, suuraalee, viidiyoolee warraaqsaa fi kkf kallattiin Jawaariif akka dabarsan qajeelfamni hooggansa irraa kenname. Jawaaris guyyaatti sa’a 24 torbanitti guyyaa 7 Feesbuuka irra taa’ee, hedduun oduulee kunneenii utuu OMN irrattillee hin labsamiin, daqiiqaa daqiiqaatti maxxansuutti gadi-taa’e. Odeeffannoowwan sochii Qeerroo ilaallatan hundi karaa Jawaar qofa ba’u turan. Kana malees, Jawaaris OMN irratti ba’uun sochii warraaqsaa kana irratti xiinxala gochuu jabeessee itti fufe. Yammuu xiinxala kennus yeroo baay’ee akka ajajaa olaanaa warraaqsa kana geggeessuu tokkootti of dhiheessaa ture. Hooggana Qeerroo caasaadhaan ijaaramee lafarra jiru tokkollee osoo hin beekiin akka akka nama hundaaf ajaja kennuutti of dhiheessee dubbataa ture. Daangaa tokko malee OMN irratti dhihaatee waan fedhe jechuu waan danda’uuf, carraa kanatti fayyadamuun waan Qeerroon sochii itti aanutti gochuuf deemu kan miseensonni tokko tokko icciitiidhaan erganiif, akkasuma miira waloo ummataatti dhimma ba’uun tarkaanfii warraaqsaa itti aaanu himaa ture. Yerroo baay’ee “qajeelfama/gorsa tarsiimoo” maqaa jedhuun akkuma fedhetti waanuma fedhe dubbachaa ture. Booda keessa, hangam beekamtiin isaa ol ka’ee dhageettii guddaa akka horate yammuu baru waan Qeerroon lafarratti fincila geggeessan irra tarkaanfatee suduudaan qajeelfama kan mataasaa Feesbooka fi Twittera isaarratti dabarsuutti ka’e. OMN irrattis yeroo barbaadetti ol ba’ee qajeelfamoota dabarsuudhaan sochii Qeerroo kana kan hoogganu of fakkeessee of muli’isaa ture. Yeroo tokko tokkos qajeelfamni hooggansa Qeerroo lafarra jiraniin kennamu kan Jawaariin kennamu waliin wal-adda ture. Haa ta’u malee Qeerroon miidiyaa hangana waan hin qabneef ummata biyya keessaa fi biyyoota alaa biratti kan caalaatti dhagahamu qajeelfama Jawaar ture.

Feesbuukni isaa hordoftoota miiliyoonaa olitti guddate. Hordoftoonni kunneen hedduun Jawaariin akka “gootaa”tti dhaadhessan. Yeroo gabaabaa keessattis Jawaar fuula (calaqqee) warraaqsaa #FincilaOromoo (#OromoProtest) tahee mul’ate. Ija namoota keessummaa ta’anii fi ala dhaabbatanii laalan hedduu birattis Jawaar nama qophaa warraaqsicha hoogganu fakkaatee argam. Egaa haala kanarraa ka’anii ta’uu mala kan namoonni odeeffannoo kennan jedhaman sunniin “Jawaar wiirtuu hooggansa warraaqsichaa ti; ajaja hunda kan kennu isa”, akkasumas, “waanti hundinuu karaa isaatiin dhufa” kan jechuu dandahan.  Dhuguma innis yeroo hedduu “ajaja kennaa” ture.  Haa ta’u malee ajajni inni kennaa ture miidiyaa irrattii fi namoota tokko tokkee bakka bakkaa beekuufaatti malee sirna caasaa jaarmaa hordofee hin turre. Haqni jirus, miidiyaarratti deddeebi’ee dhihaachuudhaan akka waanti hundi karaa isaatiin raawwatamuutti waan of agarsiiseef dargaggeeyyiin Oromoo hedduun Jawar hooggansa Qeerroo isa dhugaa tahuu akka amanan taasiseera. Kanarraa ka’uun hubannoon dogoggoraa Jawaar hoogganaa duwwaa utuu hin tahini hundeessaa Qeerroollee akka tahetti fakkeessu babal’atee akka waan madda qabatamaa tokkootti hanga ‘Wikipedia’ irratti barreeffamutti gahe.

‘’Hoogganaa” Qeerroo?

Taateewwan fi gochaaleen duraa-duubaan armaan olitti dhiyaatan, Jawaar akkamitti namoota keessa hinbeeknee fi ummata bal’aa biratti akka kophaasaa ‘hoogganaa Qeerroo’ tahee ol ba’ee muldhate addeessa. Haa tahu malee inni garee hooggansa Qeerroo keessa hin jiru ture. Jiraachuu hin danda’u ture – sababa ifaa ta’eef. Hunda dura garuu kan hubatamuu qabu, jaarmaan Qeerroo tokkuma. Innis jaarmaa sirnaan bara 2011 hundeeffame Qeerroo Bilisummaa Oromoo ti. Egaa akkuma armaan olitti ibsamee darbe, Jawaar hanga dhuma bara 2017tti takkaa maqaa Qeerroo jedhu afaan isaa keessaa ba’ee hin beeku. Jecha “Qeerroo” jedhu lagachaa ture. Yeroo jalqabaaf maqaa Qeerroo jedhu kan inni miidiyaarratti dubbate af-gaaffii (interview) OMN irratti Hagayya 23, 2017 taasiserratti ture. Egaa akkamitti jaarmaa “hoogganu” tokko darbeeyyu jaarmaa ofii “hundeesse” tokko waggaa sadii fi walakkaaf maqaa lagata jedhamee yaadama ree? Dhugaan jirtu, Jawar hundeessuun haa hafuuti, hoogganaa Qeerroollee hin turre. Beekamtii ummata biratti horatee fi midiyaa ofii tohatutti akka fedhe ol ba’ee hoogganaa of fakkeessee guyyuu lallabuu isaa ummanni bal’aan akka hooggana Qeerrootti akka isa fudhatu taasise.

Burjaajii kana hunda keessa garuu yeroo tokko waan addaa tu uumame. Jawar akka hoogganaa Qeerroo hin ta’iin ummata biratti saaxilame. Dubbichis akkasi. Guyyaa tokko Qeerroon lafarratti hoogganaa turan Jawariin dhoksanii fincila qindeessanii gaafa Roobii, Onkoloolessa 10, 2017tti fincila guutuu Oromiyaatti waaman. Waamichi fincilaa kun sab-quunnamtii hawaasaa irratti naannu’tti yammuu ka’u, warri yeroo hunda Jawar qofa dhaggeeffatan “fincilli maqaa Qeerrootiin waamamaa jiru kun sirrii dha?” jedhanii gaafatan. Jawaris waan quba hin qabneef yoo inni hin beekne kan fiixa hin bane itti fakkaate “guyyaa jedhame kanatti fincilli Qeerroon waame hin jiru” jedhee gadi-jabeessee dubbate. Itti fufees “Qeerroon guutuu Oromiyaatti hiriirri yoom akka geggeeffamu sichi karoorsaa jirra” jedhe. Yammuu kun ta’us “isinin beeksisa” jedhee waadaa seene. Warri isa jala yaa’anis fincilli maqaa Qeerrootiin waamame sun “garee hin beekamneen” waan waamameef hin dogoggoriinaa jedhanii wal harkaa fuudhanii sab-quunnamtii hawaasummaa irratti waraabbii suduudaa (live video) faa tiin gadi yaa’anii labsan.

Waan nama ajaayibu, akkuma labsametti Roobii, Onkoloolessa 10, 2017 Qeerroon akka galaanaatti karaatti ba’ee alaabaa ABO qabachuun sirna abbaa irree Itoophiyaa mormuu jalaqabe. Hiriirri mormii sun gara turban tokkoof Qeerroo fi ummata bal’aatiin itti fufe. Haalli kunis Jawaaritti miira haaraya wayii uumee, warraaqsa akka galaanaatti ummanni guutuu Oromiyaatti ba’ee gara guyyoota torbaaf geggeesse san maxxansuurraa of qusate. Miidiyaan OMN’nis warraaqsa saniif uwwisa kennuu dide. Inumaahu, hiriira mormii san kan qindeesse TPLF akka tahee fi alaabaa ABO heddumminaan ummanni qabatee hiriira ba’ellee kan raabse humnoota tikaa mootummaa akka tahan Jawaar OMN tti ba’ee dubbate.

Hoogganoonni  Qeerroo fi asxaan Qeerroo  Bilisummaa Oromoo shurraaba (t-shirt) irratti manxanfamuun Oromiyaa Ambootti, Eebla 15, 2018 uffatameera.

Qorannoo qoor-qalbii (psychology) keessatti bal’inaan kan beekamu “dhiibbaan dhara-haqa-fakkaassaa” (“the illusinary truth effect”) kan jedhamu tu jira. Bu’aan qorannoo kanaa akka jedhutti, waanti dhara ta’e tokko, yoo yeroo hedduu irra deddeebiidhaan namatti himame namni dhaggeeffatu sun suuta suuta akkuma dhugaatti amanee fudhachaa deema. Hawaasa akka keenyaa kana keessatti dhiibbaan miidiyaan qaqqabsiisuu danda’u akkuma salphaatti laalama. Namni beekamaan dhageettii guddaa qabuu fi miidiyaa jabaa of harkaa qabu tokko seenessa (narrative) sirrii hin taanellee yoo tahe akka barbaadetti tohachuu fi gara barbaadetti aqaaquu danda’a. Pirezidaantiin USA yeroo ammaa, Donald Trump, Pirezidaantiin duraanii Barack Obaman “Keeniyaa keessatti dhalate” jedhee miidiyaarratti irratti ba’ee dubbate. Dubbiin kun soba akka tahe ifa ta’ee utuu jiruu, midiyaalee addunyaarra jiran garaagaraa irratti mata-duree ol aanaa ta’ee baatilee sadiif ajandaa guddaa ta’ee afarfamaa ture. Ummanni Ameerikaa hedduunis akka waan dhugaa ta’eetti fudhate. Fallammiin dhimma kanarratti ka’e qabbanaa’uu didee waan itti fufeef dhimma kana ajandaasaa cufuuf jecha Obaman waraqaa ragaa dhaloota isaa agarsiisu Kutaa biyya Hawaii, hospitaala itti dhalate keessaa baasee miidiyaadhaaf argisiisuuf dirqame. Bulchaan Hawaii yeroo sanaas ragaa kana gadi ba’ee dhugoomse. Trump ammammoo ragaan sun kan “sobaa” ti jechuun waan falmeef ammas falammiin sun ittuma fufe. Hanga as dhihoo kanaatti, jechuun baatii Fulbaanaa, bara 2016 gara duraatti, erguma Trump Obaman USA’tti dhalachuu ifatti  amanee asittillee, namoota Ameerikaa filannoof seeraan galmahan keessaa persenta 62 qofaa tu Obaman akka Ameerikaatti dhalate amanaa ture. Tarii milkaa’ina argate kanaan ija jabaatee ta’uu mala, Trump guyyuu waan kijibaa ykn dogoggorsaa tahe himaa oola: erguma prezidantii ta’ee asi 18,000 ol himeera, akka gabaasa ‘Washington Post’tti.

Kan nama gaddisiisu, Jawaar fi miidiyaan to’annoo isaa jala jiru OMN, dhimma maddaa fi bu’ura Qeerroo irratti seenessa (narrative) dhugaarraa fagaate afarsaa turan. Beektonni silaa qorannoo caalaatti walxaxaa ta’ellee qulqulleessu dandahanis kiyyoo Jawar faa qopheessaniif kana keessa seenan. Jawar yeroo hunda gaafa miidiyaatti ol ba’u waan Qeerroo hoogganu fakkeessee of dhiheessaa ture. Haa ta’u malee akka hoogganaa Qeerroo ta’ee hin beekiinii fi kanneen dhugaatti Qeerroo hoogganan lfarra akka jiran, garuu akka isaa kan miidiyaa hin qabne ta’uu barreechee beeka. Kun sirri miti. Haqa hoogganoota Qeerroo warra dhugaa kan dabse dha. Maqaa fi faan-duubbee (legacy) Jawariifis miidhaa qaba.

Oromoonni hedduun haqa jiru kana gadi ba’anii himuuf mamii agarsiisaa turaniiru. Jawar hedduu beekamaa waan ta’eef hedduun yeroo baay’ee namni tokko yoo isa qeeqe kumaatamni isa jala yaa’an itti duulu. Namoonni hedduun “abaarsa deggertoota Jawar” kana sodaaf cal’isuu filatan. Hedduun keenya ammoo, anallee dabalatee, kan cal’isuu filanneef ta’u-malaan dhugaarraa fagaate kun hanga galmee seenaa bira qaqqabee seenaa keenya hin dabsiinitti miidhaa qaqqabsiisu hin qabu jennee abdannee ti. Kana malees dubbii kana afarsuun ummata keenya afaan wal-garagalchee tokkummaa Oromoo fi qabsoo Oromoo irratti miidhaa fiduu danda’a yaaddoo jedhu qabaannee ti. Cal’isuun keenya kun garuu, ta’u malaan kijibaa fi jette-jetteen kun akka malee faca’uun ittuma fufee barruulee fi gaazexoota addunyaarratti beekamoo ta’anirrattillee maxxanfamee, ijuma keenya duratti seenaa saba keenya akka dabsu taasisuutti ka’e. Amma egaa yeroo seenaa dabe kana qajeelchinu tu ga’e. Seenaa qajeelaa yammuu himnus, shoora Jawar qabsoo Qeerroodhaan hoogganamu kana tarkaanfachiisuuf gumaacheefis gatii (bakka) isaaf malu kennuudhaan taha.   

Cuunfaa

Kaayyoon barreeffama gabaabaa kanaa ta’u-malaa dogoggoraa kan Qeerroon “sochii akka-tasaa ti” (spontaneous) jedhu sirreessuu fi dudduubee hundeeffama Qeerroo irratti dhugaa ture ibsuu dha. Dabalataanis, qoodni Jawaar warraaqsa Qeerroo keessatti qabus karaa sirrii fi madaala haqaatiin himamuu qaba. Sochii Qeerroo karaa sirnaan caaseffameen kan hoogganaa ture jaarmaa QBO haa ta’uyyuu malee sochiileen taasifamaa turan kunneen utuu Jawarii fi OMN hin jirree akka kanatti ummata Oromoo fi hawaasa addunyaa biratti beekamuu hin danda’an ture. Jawar nama qabsoo karaa nagaatiif guddisee lallabee fi haala qabsoon nagaan itti deemu gaariitti qoratee beeke dha. Bara 2011, baruma jaarmaan QBO hundeeffame sana, kitaaba beekamaa Gene Sharp kan “Abbaa irrummaa irraa gara Demokiraasii”  (“From Dictaatorship to Democracy’’ jedhu namoota biroo waliin  gara Afaan Oromootti hiikeera. Miidiyaa ofiin hoogganuu fi miidiyaalee biro irratti “qajeelfama/gorsa tarsiimoo” jechuun nuffii tokko malee gahumsaan dubbatee dargaggoota Oromoo kakaasuun hamilee itti godhaa tureera.

Kanarraa kan ka’es, mootummaa olaantummaan TPLF keessatti dagaagee turee fi mootummaa  amma Abiy Ahmad fi paartii PP dabalatee, namootaa fi qaamota faallaa Qabsoo Oromoo tahan hunda biratti akka diina innikkaatti adda durummaan xiyyeeffannoo keessa gale. Miidiyaaleen mootummaa fi miidiyaalee tamsaasaa shariika mootummaa tahan kanneen garee finxaaleyyii Amaaraatiin hoogganaman hundi, Jawaariin “finxaalessaa” fi “shororkeessaa” jechuun duula holola hadhaawaa irratti geggeessuutti jiru. Baatii Guraandhalaa, bara 2017, bakka inni hin jirretti mootummaan shororkeessummaatiin isa himatee kan ture yammuu ta’u, himatni sun garuu Caamsaa 2018, biyyatti deebi’uu Jawaar baatii muraasa dura, haqame ykn irraa kaafame.

Erga biyyatti deebi’ee Jawaar deeggarsa guutuu sirna bulchiinsa Abiyyiif taasisaa ture. Irra deddeebiidhaanis “Oromoon bilisoomee jira” jechaa ture.  Qabsoo hidhannoos ifatti lallabee mormaa ture. Af-gaaffii (interview) yeroo tokko OMN irratti taasiseenis “Obboleessa kiyyallee yoo tahe, namni mootummaa kana humnaan kuffiisuuf yaalu nama Oromiyaa fi Itoophiyaa diiguuf yaaludha….namni Abiyyiin humnaan aangoorraa buusuuf yaalu nama Oromoo kuffiisuuf yaaludha. Waan kana taheef, namni akkanaa lolli isaa mootummaa waliin osoo hin taane ana waliini” jedhee ture.

Jawaar, garee hayyootaa kanneen akka WBOn hidhannoo hiikkatu gochuuf hoogganoota ABO irratti dhiibbaa cimaa uuman adda-durummaan hoogganuudhaan, miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhibbootaan lakkaawaman hidhannoo hiikkachiiseera. Egaa Abiy Ahmad, deggersa qusannoo tokkollee hin qabne Jawar kennaafii ture kunneen ganee, harka ciniinee, hidhaatti darbe. Jawar har’a, hoogganoota paartilee mormitootaa kanneen akka Dr. Shugux Galataa, Mikaa’eel Booran, Baqqalaa Garbaa, Kennasaa Ayyaanaa, Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fi kanneen biroo hedduu waliin mana hidhaa keessatti daramaa jira. Sabboontonni Oromoo fi Qeerroon hundi, hanga gootonni hidhamtoonni siyaasaa Oromoo kunneen haqa argatanii fi guutummaan Oromiyaa bilisoomtutti qabsoo jabeessanii itti fufuun dirqama dha.

Osoon barruu kana hin goolabiin dura haala yerroo ammaa Oromiyaan keessa jirtuu fi haala amma Qeerroon irra jiru waan xiqqoo jechuun barbaachisaa dha. Ajjeechaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa (Waxabajji 29, 2020)tiin  wal qabatee manca’iinsa qabeenyaa fi ajjeechaa gaddisiisaa raawwatameef, gareelee fi miidiyaaleen nafxanyootaa hedduun yammuu isaan Qeerrooo ittiin yakkan dhageenya. Abiy Ahmad ergaa aangoo qabatee asi hoogganoota Qeerroo hidhuudhaan akkasumas jaarmaa fakkeessituu “Qeerroo Haaromsaa” jedhamtu uumee deggersa barbaachisu itti rrobsuudhaan kan jaarmaa QBO dhabamsiise itti fakkaatee ture. Haa ta’u malee ajjeechaa Haacaaluu booda fincilli QBO dhoose interneetaa, bilbilaa fi geejiba dabalatee sochii biyyatti keessatti godhamu hunda dhaamsuun isaa, jaarmaan QBO deebisee of ijaaree akkuma duraaniitti qindaawee qophii ta’uu agarsiiseera. Battaluma ajjeechaan Haacaaluu dhagahametti Qeerroon dhaamsa waliif dabarsee halkanuma san guutuu Oromiyaatti fincila akka eegalu ajajni darbee fincillis guutuu biyyattiitti qabsiifame.

Haa tahu malee, yeroo sanitti magaalota Kibba, Kibba Bahaa fi Baha Oromiyaa keessatti barbadaa’iinsaa fi saaminsa qabeenyaa, akkasumas ajjeechaa raawwatameef kan mootummaa fi gareewwan jibbiinsa Oromoo qaban akka waan Qeerroon gocha akkasii dalageetti maqa-balleessii fi himata dharaa irratti banan waan dhugaarraa fagaatedha. Qeerroon gochoota akkanaa keessatti hin hirmaatu. Qabsoo waggoota hedduuf taasisaa ture keessattis waan akkanaa takkaa hin raawwanne. Qeerroon hundeeffama isaa bara 2011 irraa jalqabees naamusaa fi qajeelfama qabsoo gochoota akkanaarraa isa daangessu hubatee ittiinis masakamaa ture. Naamusnii fi qajeelfamni kunis akka kanaa gadiitti marsariitii Qeerroo irra ammallee jira.

‘’Ilaalchi keenya, kanneen nu waliin wal quunnamaniif sochii goonu keessatti iftoominaa fi kabaja qabaachuudha.

  • Qeerroon yaadaanis tahe qaamaan namoota kamiyyuu irratti sarbamiinsa hin geggeessu.
  • Qeerroon qabeenya ummataas hin mancaasu.
  • Qabsoo hidhanno-maleessa waan geggeessuuf, Qeerroon meeshaa waraanaa hin qabatu. Dawaalee/qorichoota nama miidhanii fi alkooliiwwanis hin fayyadamu. 
  • Qeerroon sochii hookkara irraa bilisa tahe, sochii diddaa hawaasaa karaa nagaa geggeessa; sochii farra abbaa irrummaa taasisnu keessatti gocha yakkaan nama gaafachiisu akka hin hojjetiin waan beeknuuf waan dalageef itti gaafatamummaa ni fudhata; daandii haqaarra waan jirruuf hidhamuu irraas hin dheessu. 

Naamusa jabaa sirna jaarmaa hodofee kanaan taliigamuu dha kan Qeerroo milkaa’inaan qaqqabsiise. Ajeechaa namoota meesha maleeyyii (civil) akkasumas barbadaa’uu qabeenyaa gabaafamaa ture sun kan qaqqabe hooggansa jaarmaa Qeerroo jalatti utuu hin ta’iin garee namoota dhuunfaa ajjeechaa Artist Haacaaluu fi hidhamuu hoogganoota paartilee siyaasaa, keessattu kan Jawar Mahammaditti kanneen rifatan haala hin gurmoofneen raawwatan akka ta’e mamiin tokkollee hin jiru. Kanaafuu miidiyaalee fi gareewwan alagaatiin himannaalee kijibaa fi maqa-balleessii Qeerroo irratti adeemsisaa jiran tarii waa’ee jaarmaa kanaa sirnaan beekuu dhabuurra kan maddu dha.

Yaada gulaalaa: Barreeffamni gabaabaa kun, ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa fi hidhamuu Jawaar faa dura kan qophaawee dha; (ajjeechaan Artsisti Haacaaluu fi taateen achiin booda turan qophaatti barreeffamuun kan itti ida’ame dha).

Suuraa Jalqabarra jiru:  Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa yommuu nyaata lagatan, Mudde 11, 2015 kan Qeerroo Bilisummaa Oromootiin qindaawedha. Kunis barattootni hundi yeroo wal fakkaataatti nyaata fudhatan minjaalarra kaayanii harka qixa kallacha isaaniirratti wal qaxxaamursuun mallattoo diddaa sirna abbaa irree agarsiisanii mana-nyaataa sanas gad dhiisanii yommuu ba’an agarsiisa. Gochi akkanaa haala wal fakkaataa taheen Yuunivarsiitiilee hedduu keessatti raawwatamaa ture.

Maddi suuraa:  Geessee Bilisummaa ti.

Gulaalaan: barreeffama duraa (kan Afaan Ingilizii tiin barreeffame)- William Davison, Ethiopia Insight.

_______________________________________________________________________

Afaan Oromootti kan hiike: Odaa B. (SQ)

Hubachiisa Barreessicharraa: Hangan barruu kana mana maxxansaa geessutti waa’ee suuraa jalqabaa sana odeeffannoon qabaachaa ture “Yuunivarsiitii Jimmaa ti” kan jedhu ture. Boodarra garuu, lakkii “Yuunivarsiitii Haromayaa ti” kan jedhus dhaga’eera. Waan hundaafuu, Jimmas ta’u, Haromayaas ta’u, qabxiin guddaan taatewwan akkanaa bakka hunda kan ture ta’uu dha.