Monthly Archives: December 2017
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Sochiin FXG daran jabaate.
Aside
Mudde 30/2017 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Sochiin FXG daran jabaachuun Daandiin Konkolaataa Shambuu Irraa Gara Hagamsaatti Geessuu Kaleessa erga waraanni agaazii Yakka waraanaa Magaalaa Shamboo Keessatti rawwatee Qeerroon dargaggootni Oromoo lama wareegamanii hedduun madeeffamani bakkoota hedduutti daandiin akka banamuu hin dandeenyetti irree Qeerroofi uummataan cufame. Guyyaa har’aas Aanaa Guduruu, Jimmaa Gannatiifi Abbaay Coommaan naannoo Fincaa’aafi bakkoota hedduutti bifuma walfakkaatuun cufamee waraana wayyaanee sochii dhorkuun muddama cimaan uumameera !! Continue reading
SBO Mudde 31,2017. Oduu fi Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2018 fi Amajjii 1 Guyyaa WBO ilaalchisuun darbe
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Mudde 29 2017
Aside
OPDO Irraa Jijjiirama Eeguun Lafa Loon Hinoollee Dikee Barbaaduudha
Aside
OPDO Irraa Jijjiirama Eeguun Lafa Loon Hinoollee Dikee Barbaaduudha
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 29, 2017
Finfinnee Oromiyaa
Qamadiif Garbuun ingirdaada, Daagujjaan Gargaaraa, Bisingaan Siphoo akka qabu namuu beeka. Akkasuma qabsoon Oromoo quucarsitoota qabsoof gantuu qabaachuu addaan baasee beekuun dirqama dhalootaati. Qabsoon uummata tokkoo dhaloota oladeemaa yoo qabaate egeree qaba. Keessattuu qabsoo ga’eessonni deggaran irra, qabsoo dhalattoonni haaraan deggaran egeree jabaa qabaata.
Hanga yeroon gahutti quucarsitoonni midhaanii olii kunneen midhaan faana aramamu. Gaafa aangi’an addaan dhiluun gaafa ga’u Maancidii(meeshaa qonnaa aramaaf itti gargaaraman) barbaadee qote bulaan ykn abbaan ardaa jara kanneen dhabama godha. Kana booda wantoonni midhaan sana xuuxan erga dhabamanii booda, midhaan gaariif midhaan guntuta ykn naqa tolu ta’u. Maancidiin qote bulaa Birraa aramaa midhaan fakkaatee guddate caraga.
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Mudde 28, 2017
Aside
Yunibarsiitii Adaamaa keessatti yakkoonni Gudeeddii Shamaraa akkasuma shororkaa barataa akka malee daangaa darbee adeemaa jira. Barataan Oromoo ukkaanfamaa jira.
Aside
[SQ, Mudde 28,2017] Mootummaan wayyaanee jumulaan mooraa barnootaa olaanaatti humna waraanaa naqee jira. Waraanni kunneen yakkoota hammaataaf jallataa akkasuma yakka suukaneessoo barataaf barsiisota moorichaa irratti fudhataa jiru. Akkuma amaleeffatan shamara Oromoo irraan yakka gudeeddii raawwataa jiru. Xiinsammuu barattoota Oromoo irratti dhiphina hamaa naquurratti argamu. Barattoota Oromoo dargaggoota egeree biyyaa barnootarraa qabee ukkaamsuus itti fufee jira. Haalli moorichaa akkanaan saatii hammaataa deemetti barataan Oromoo wabii jireenyaa dhabaa jiraachuun gabaafame. Continue reading
Hidhamtoota Siyyaasaa Galmee Oliyaad Baqqalaa Jalatti Himataman Irratti manni Murtii Xoophiyaa Beellama Dheeraa Fudhate.
Aside
[SQ, mudde 28,2017] Artistoota Oromoo Oromummaa qofaaf yakkamanii hidhaman, Mootummaan garboomsaa Wayyaanee mana hidhaa keessatti ji’oota dheeraaf dararaa turee, gara mana murtii himata kan irratti bane ta’uun nii yaadatama. Artistoonni Oromoo afaan isaanii guddisuuf aadaa isaanii guddisuuf akkasuma rakkoo uummata isaanii baasanii waan sirbaniif kaawwan immoo Oromoo waan ta’aniif qofa kan hidhaman ta’uun ifaadha. Continue reading
Raadiyoo Simbirtuu Mudde 28,2017
Aside
ONN TV