Gabaasi Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Dhiyeesse Adda Bilisummaa Oromoo Kan Hin Amansiisnee fi Fudhatama Kan Hin Qabneedha
Ibsa ABO, Hagayya 27/2021

Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa akka waan mirga dhala namaatiif falmuu fi sarbiinsa mirga dhala namaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru qorachaa jiruutti dubbata. Haatahu malee gabaasawwan komiishinichi dhiyeessu tokko tokko loogiidhaan kan guutamanii fi dantaa siyaasaa bu’uura kan godhatan ta’uu yeroo baay’ee irra deddeebinee taajjabnee jirra. Dhaabbati Mirga Dhala Namaa walaba ta’e tokko, ga’ee fi dirqamoota mirga dhala namaa ilaalchisee qabu, haala oogummaa bu’uura godhateen loogii tokko malee walaba ta’ee sirnaan raawwachuu qaba jennee amanna. Akkasumas dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu tokko, sarbiinsa mirga dhala namaa raawwatame qorachuudhaaf, qaamolee naannoo sarbiinsi mirga dhala namaa itti raawwatame keessatti argaman kanneen akka maatii, miidhamtootaa fi ragoolii ijaan argan, akkasumas jiraattota naannoo, qondaaltota mootummaa irraa ragaalee fi odeeffannowwan barbaachisoo ta’an walitti qabuudhaan bu’uura seera biyyaalessaa fi seerota idil-addunyaa dhimmichaan wal qabatuun mirkaneessuutu irraa eegama jennee amanna.
Haatahu malee hooggantoota olaanoo fi hojjettoota Komiishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa irraa mala qorannoo sirrii, walaba ta’ee fi oogummaa bu’uura godhate argachuu hin dandeenye. Dhaabbanni Komiishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa dhaabbata qaama mootummaa ta’ee fi dantaa siyaasaa murnaa tokkoo tarkaanfachiisuu fi faayidaa saba tokkoo tiksu waan ta’eef, walaba ta’ee ga’ee fi dirqama isaa sirnaan raawwachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Gabaasawwan komiishinichi yeroo darbe dhiyeessaa turre qalbiidhaan yoo xiinxalle, keessumaa gabaasawwan naannolee walitti bu’insa Amaaraa fi sabaaf sablammoota biroo kanneen akka Oromoo, Beneeshaangul Gumuzii fi Tigraayi ilaalchisee dhiyaatan loogii dhaan faalame ta’uu hubachuun ni danda’ama. Odeeffannowwan jiraattota naannoo irraa arganne (kanas kallattiidhaan jiraattota naannoo dubbisuun mirkaneessuun ni danda’ama), akka ibsanitti gabaasawwan Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa dhiyeesse kunniin odeeffannoowwanii fi ragaalee qondaaltota mootummaa sarbiinsa mirgaa raawwatan irraa walitti qabame bu’uura godhachuudhaan qophaa’e. Qorannoon komiishinichi dhiyeesse bakkoota tokko tokkotti, ragaalee namoota miidhamanii fi qaamolee sarbiinsa mirgaa raawwataniin wal qabatan hin ibsine. Gabaasawwan komiishinichi dhiyeessaa ture baay’een isaanii ragaa qabatamaa kan hin qabne, loogiidhaan kan guutamee fi oogumaa bu’uura godhachuun kan hin raawwatamne ta’uu qalbifachuun ni danda’ama. Gabaasawwan kunniin hedduun isaanii loogii kan guutaman yookaan dhugaa qabatamaa lafarra jiru dhoksuun, odeeffannoo sobaatiin uummata dogoggorsuuf dhiyaatan. Akkasumas, komiishinichi sarbiinsa mirga namaa gurguddoo fi hamoo ta’an, garuu ammoo fedhii fi dantaa komiishinichaa waliin wal hin simneef xiyyeeffannoo hin laanne. Dabalataanis komiishinichi adeemsa ragaa fi odeeffannoo funaanuu keessatti namoota odeeffannoo kennaniif iccitii eeguu dhabuun, namoonni odeeffannoo kennan qaamolee mootummaatiin dabalata akka miidhamaniif kan saaxile ta’uu taajjabnee jirra.
Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...