ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም:ንቱ: ዜና:: (SQ ) January 25, 2016
Aside
Amajjii 25,2015 Waraanni Wayyaanee ammallee uummata irratti dhukaasa banuu hin dhaabne jedha Qeerroon. Shaggar lixaa magaalaa Shanan keessatti har’a ganama irraa kaasuun uummanni bahee dhaadannoo dhageesisaa ture, ofiin of dandeenya ofiin of bulchina sirna wayyaanee hin feenu, mootummaa Wayyaane hin barbaannu, Wayyaaneen ajjeesaadha jechuun tarkaanfii waajjiraalee mootummaa Wayyaanee garagaraa irratti uummanni fudhate.
Humni waraana wayyyaanee uummata nagaa irratti dhukaasa baneen namnootni hedduun akka madeeffaman gabaafame. Barataan yeroof maqaan isaa nu qaqqabin rasaasa wayyaaneen wareegames jira. Sa’a kana magaalli shanan dirree waraanaa taatee jirti. Uummanni gaaffii isaa karaa nagaatiin itti fufee jira. waraanni magaalicha keessaa akka bahu sagalee uummataatu dhageessifamaa jira kun tahuu baannaan tarkaanfii fudhatamu itti seenna jechuunis qonnaan bulaan baadiyaa keessas bahaa jira.
Amajji 25,2016
Miseensonni KFO hedduun dararaa hamaa keessa kan jiran yoo ta’u,badii tokko malee hidhuuf reebutti fuulleffate jira TPLF haaluma kanaan magaalaaf baadiyyaa Siree keessa deemuun ilmaan Oromoo hedduu ABOf hojjettu miseensota ABOti sababaa jedhuun ukkaamsaa jira Namoota kanneen keessa hammi tokko:-
Guyyaa har’aa 25/01/2016 Godina Wallaggaa Lixaa baratonnii mana barumsaa sadarkaa lamaaffaa Naajoo humni waranaaf humnii agazii akkasumaas makalakayaa humnii jedhamaan osoo magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa akkasumas Najjoo weeraranii jiranii qormaata hin fudhatnu jechuun mormii FXG dhageessisaa oolanii jiru.
Amajjii Gaafa 25 Bara 2016
Bulchiinsa Yuniversitii Jimmaaf
Haalli yeroo ammaa Oromiyaan keessa jirtuu daran ulfaataa fi hedduu lubbuu ilma namaaf yaaddessaa ta’uun ifaadha, Erga Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDON Oromiyaa fi Uummata Oromoo irratti Waraana labsee guutummaan Oromiyaa gara dirree waraanatti jijjiramera. Mootummaan abbaa irrees loltoota isaa daangaa irraa qabuu walakkaa ol gara Oromiyaatti deebisuun gandoota baadiyaa keessa illee lotoota Agaazii jedhamanii fi Makalaakiyaa qubsiisuun guyyaa guyyaan uummata nagaan gaaffii mirgaa gaafate irratti dhukaasuun ajjeesaa jiru, Dhaabbilee barnootaa keessatti barattoota Oromoo rasaasaan adamsuun ajjeesaa erga turani booda dhiyeenya kana immoo tarkaanfii jumlaa fudhachuun Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Saayinsii fi teekinoolojii Kittoo Furdisaa irratti dhuka’aa barattoota irratti darbachuun Barattoota 35 olitti Lakka’aman Madeessuun gaggaga’amni ulfaataan barattoota Orromoo irraa ga’ee jiraachuun ifaadha.
Kun utuu kanaan jiruu yeroo ammaa kanatti Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa WAL DORGOMMII ISPOORTII DHAABBILEE BARNOOTA OLAANOO YUUNIBARSIITOOTAN GAGGEESSA jechuun qophii gochuun lubbuu ilmaan namootaaf uummata yaaddoo keessa galchee jira, Biyyaa Mootummaan Waraana uummatarratti Labsee jiruu fi guyyuu rasaasaan barattoota galaafachaa jiru keessatti sagantaa Isportii kana qopheessuun yakka ulfaata ta’uu ni hubachiifna.
Addatt iyyuu yeroo amma kana Oromiyaan Mootummaa mataa ishee dhabuu irraan raafama ulfaataa fi lubbuun ilmaan Oromoo kumootaan lakkaa’amu guyyaa guyyaan galaafatamaa jira., ilmaan Oromoo Kumoota dhibbaan lakka’aman qaama hir’achaa fi Ilmaan Oromoo Walakkaa Miliyoonaatti Lakka’aman jumlaan hidhaatti guuramaa jiraachuun Yakki ulfaataan duguuginsii sanyii(Genocide) kun Oromoo fi Oromiyaa irraa qaari’ee dubbiin dhugaan kun gurraa Addunyaa biyya lafaa hunda wal ga’uun Biyyootni Addunyaa fi biyyootni Gamtoomaan kanneen akka Gamtaa Awurooppaa(European Union), Dhaabbatni mootummoota Gamtoomanii UN, Dhaabbileen Mirgoota Namummaa Afrikaa fi Addunyaa ibsoota garaagaraa mootummaa abbaa irree Wayyaanee irratti baasaa kan jiranii fi Sabaa himaaleen akka BBC, Al-Jeziraa. CNN, FI Sabaa himaaleen Oromoo SBO, TV Gaaddisaa, OMN, VOA,OVR fI Social medialeen addunyaa hedduun akka guutummaa Addunyaatti rakkoo mootummaan Abbaa irree Uummataa Orromoo mirga isaaf karaa nagaa falmatuu irraan ga’aa jiruu gabaasaa jiraachuu fi Addunyaan gurraa ishee gara Oromiyaatti qabdee jiraachuun dhugaa yeroo kanati.
Kanaafuu yeroo Ammaa kanatti Uummatni Oromoo Mootummaa mataa isaa hundeeffachuuf ykn ammoo Mootummaan Ce’umsaa akka hundeeffamee mirgi hiree murteeffatnaa akka dhogoomuuf gaafachuun Sochii isaa sadarkaa Idil Addunyaatti dhageessifatee jiru guutummaatti kabajamuu mirga namummaa, mirgoota dimookiraasiin qabuu fi Mirga Abbaa biyyummaa isaa eegsifachuuf Qabsoo wal irraa hin citnee gochaa waan jiruuf, Mootummaan Abbaa Irree yakka duguuginsa sanyii rawwachaa jiruu irraa duubatti deebi’ee kan hin jirree ta’uun yeroo irraa gara yerootti sagalee dhukaasaa meeshaalee gurguddaa dhagesisuun Oromiyaa keessattim yakki waraanaa rawwatamaa waan jiruuf bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa Waldorgommii Ispoortii Dhaabbilee Barnoota olaanoo Yuunibarsiitotaa gaggeessuuf jiruu keessa deebi’ee akka ilaaluu fi akka dhaabu gaafatana.
Bulchiisi Yuuniverstii Jimmaa haala kana didee itti fufee loltooti Wayyaanee fi Mootummaan EPRDF gaa’ama barattoota irraan gahuuf deemaniif adda durummaan kan itti gaafatamu bulchiisa moorichaa fi ta’uu gadi jabeessinee beeksifna.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan gadaa Bilisummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!
Amajjii 24, 2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Amboo Ganda waddeessaa keessattii FXG Uummatan qabsiifame daran jabaachuun Uummatni Waraana Wayyaanee Uummata Baadiyaa gooluuf bobbaafame daandii itti cufuun karaa darbaa dhorkachuun daandii konkolaataa Baadiyaa amboo irraa gara Waddeessaatti geessuu kutuun Konkolaataan Wayyaanee uummata dararuudhaaf fiigaa jirtuu daandii cite keessaa buutee garagaluun loltootni Wayyaanee hedduun kan madaa’anii fi loltootni muraasni lubbuun galafaatamuun ibsame jira, Loltootni Wayyaanee hedduun madaa’aan yeroof Hopsitaalaa Amboo kan galan yoo ta’uu, kanneen lubbuun galaafataman atattamaan Wayyaaneen gara Finfinneetti fe’achuun gabaafamee jira. Yeroo amma kanatti mootummaan Wayyaanee nannicha irraa humna ibsaa fi network balleessee jiraachuun ifa ta’ee jira.