Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 16,2019
Finfinnee Oromiyaa
Qabsoo haqa qabeessa, fi qabsoo fakkeenya guddaa addunyaaf ta’u karaa nagaa gaggeesseen humna waraana isaa addunyaan sodaatu EPRDF’n roqomaasee raafama irratti gaggeesseen abidda qabatee dhaamuu hindandeenye diinoota dimokiraasii fi nageenya uummata Oromoof fi saboota cunqurfamoo impaayeera biyyattii sirna EPRDF tti qabsiise.
Abiddi warraaqsaa dargaggoota Oromoon EPRDF qabate kunis fakkeenya abidda guutuu mana citaa qabatee ta’uutiin, hanga barbadeessutti suuta suuta gubee balleessuutti adeemeen, qaamuma isaa paartilee EPRDF tti abidda qabsiiseen gubee mukukkula taasiisuun wal akka nyaatullee taasise. Kunis sababa bu’uura isaaniirraa abbaa irrummaa irratti ijaaramaniif amala dimokiraasii wal’aaluu isaanii irraa maddee, gartuun abbaa irreetti amanuuf dimokiraasitti amanu sirnicha keessatti walii galuu dadhabuun wal dhabbii uumaniiru jennee amanna.
Sochii biyyattii keessatti har’a taasifamaa jiru, jijjiiramaa fi abdii eegamuuf hawwamu dabalatee qabsichi bu’uura qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’uuf aarsaa uummatni Oromoo akka sabaatti kaffaleen ta’uu eenyu duraa dhokataa miti.
Sirnichi humna dargaggoota Oromoo kana waggoota 28 guutuuf dararaa turee, sochii ABO dhaan hogganamee Qeerroon taasiseen irratti yaaddoo guddaa keessaa bahuuf hindandeenyeef siyyaasa walxaxaaf ulfaataa keessa gale. Humna qabsoo Oromoo dhaamsuu dadhabuutiin waggoottan arfan darban mukaa jirmatti of buusaa tureera. Sirni EPRDF rakkoo isaa akka ta’e amanee, qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO dhaan hogganamu morma isaa hudhuutiin akka gadi taa’ee of gamagamu dirqama taasise.
Dirqama sanaanis jijjiirama barcumaa keessoo isaatti taasiseen, kaan ammoo waadaa hinqabamne uummataa galuutiin akkasuma jijjiirama hundee hinqabne fakkeessaa, jijjiirama kanneen akka qaamota siyyaasaa adamsuu dhiisuu waadaa galeen sochiin akka yeroof nyaru/tasgabbaa’u taasise.
Tasgabbaa’uu sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo kana keessatti gantootaa fi ayyaan ilaallattoota ofitti hammatee humna jabaa ijaarrachuu itti fakkaachuudhaan EPRDF haaloo bahannaa nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti gaggeessuu eegaleen shira dabaa nutti xaxaa waggaa tokkoo guutuuf deema.
Haaluma kanaan maatii dargaggoota jijjiirama baanamu/lallabamu kanaaf bu’uura ta’anii dararuu, manneen uummata Oromoo gubuu, ilmaan Oromoo ajjeesuutti fuulleffatee hojjetaa jira. Erga addi Bilisummaa Oromoo ABO’n biyya galee hojii suukanneessaa seenaan hindagannee nu Oromoo irratti hojjetaa jira.
Hojiin isaa kunis akka hinsaaxilamne miidiyaalee qabsoo dabalatee miidiyaalee biyyattii fi namoota beekamoo (Public Figure) ta’an ofitti hammachuun rakkoon saba keenya Oromoo irra biyya abbaa isaa Oromiyaa keessatti raawwataa jiru akka hinsaaxilamne hojjete.
Gocha suukanneessaa haalo baafannaa nu Oromoo irratti raawwateen Godinaalee Oromiyaa tokko keessaa manneen 200 ol waraana isaa raayyaa ittisa biyyaa bobbaase gubaa jira. Manneen 200 ol Godina tokko qofa keessatti miseensota ABO jalaa akkasuma uummata Oromoo jalaa gaafa gubatu reeshoon guutuu Oromiyaa keessaa meeqa akka ta’u tilmaamuun nii danda’aama ejjennoo jedhu qabna.
Haaluma wal fakkaatuun ajjeechaan ilmaan Oromoo maanguddaa, daraggeessa, dargaggeettii, Misirroo fi obbolaa lamaan wal faana ajjeesuu dabalatee baatii tokko keessatti yoo xiqqaate namoota 150 oltu ajjeefamaa jira. Erga hogganni dhaaba keenya ABO biyya galee as, baatii kudha tokko keessatti namootni ajjeefaman reeshoon gabaabsinee 150 X 11 = 1650 ol ajjeefamaniiru. Kun qorannaa mataa isaa dandaa’ate qaama walaba ta’een, namootni nagaan waraana irraa walaba ta’an ajjeefamu kan qoratu daddaffiin dhaabbatee akka rakkoo nu Oromoo irra gahaa jirutti daangaa taasisu gaafanna.
Itti dabaluudhaan hidhaan ilmaan Oromoo irraa nii dhaabbata, Oromoo boqonnaa nii argata jennee yeroo eegnetti ilmaan Oromoo qabsoo waggoottan arfan darban kana keessatti gahee olaanaa aarsaa gurguddaa kaffaluun qabsaa’aa turan har’as dararaan irraa dhaabbachuu hafee torban tokko keessatti guutuu Oromiyaa irraa tilmaamaan namoota 300 oltu hidhamaa jira. Haala kana keessatti reeshoon baatii tokko keessatti 300 X 4 = 1200 namoota kuma tokkoof dhibba lamaa oltu hidhamaa jira. Kana jechuun baatii 11 keessatti yoo xiqqaate 1200 X 11 = 13,200 namni kuma kudha sadiif dhibbi Lama hidhamaniiru jennee fudhanna.
Humni haala kanaan jumulaan hidhamaa jiru kun seeraaf heera biyyattiin eegeen gaafatamaa kan hinjirre, kanneen waraanni Mootummaa EPRDF olaantummaa seeraa cabsuudhaan badii tokkoon alatti waan miseensa ABO ta’an qofaaf, akkasuma waan miseensa KFO ta’an qofaaf hidhaa kan jiru yoo ta’u, miidiyaaleedhaaf ibsa laataa jiraniin qaamoleen mootummaa akka waan olaantummaa seeraa kabachiisaa jiraniitti utuu haasa’aa jiranii waan qaanii dhagaa’aa argaa jirra.
Akka ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromootti mormitootaa ofii ajjeesuun, hidhuun mana isaanii gubuudhaan nagaan nii argama, ykn Olaantummaan seeraa nii mirkanaa’a ejjennoo jedhu hinqabnu. Biyya keenya keessatti kan ta’aa jiru faallaa kanaa, mormitootaa ofii hiraarsuuf dararuun olaantummaa seeraa kabachiifna ilaalcha jedhu ilaalcha dogoggoraaf fokkuu gufuu dimokiraasii ta’an qabatanii socho’uutu jira. Gochaawwan dabaa fi ilaalcha mormitootaa ofii daguugaanii ajjeesuu jedhuun hojiin hojjetamu diigaminsaa fi barbadaa’insa dimokiraasii, dimokiraasiin baduun ammoo biyyattii jeequmsa hinfeesifneef saaxiluu fida waan ta’eef gocha badaa akkanaa cimsinee balaaleffanna.
Mirgoota namoomaa fi dimokiraasii mormitootaa irraa molqanii qaamota mootummaa olaantummaa seeraa cabsuudhaan manneen uummata keenya gubanii, imaan Oromoo ajjeesaa jiran seeraaf akka dhiyaatan kabajaan gaafanna! Akka sabaatti jaarraa hedduuf cunqurfamaa kan ture uummatni Oromoo mirgi lubbuun jiraachuu isaa fi mirgooleen dimokiraasii heeraaf seera biyyattiin mirkanaa’anii laatamaniif akka kabajamuuf qabsoo gochaa turre ka duraa olitti hanga hundeen nageenya biyyattii gadi dhaabnutti, olaantummaan seeraa mirkanaa’ee qaamota waraana mootummaa fi basaastota waraanaa kanneen nama ajjeesaa, mana uummataa gubaa jiran seeratti akka dhiyaatan gaafataa Oromoon jabaatee ammallee hamiilee isaa utuu hincabin qabsoo isaa akka itti fufu gaafanna!
Walumaa galatti Gochaan Oromoo irratti EPRDF’n bara kana raawwataa jiru haaloo bahannaa qabsoo sabichaa baroottan darbeeti! Kana waan ta’eef Oromoon jabaatee nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo cina dhaabbatee akka of kabachiisuuf, rakkoo saba keenya Oromoo irra gahaa jiru kun daddaffiin qaama walabaan qoratamee yakkamootni akka seeratti dhiyaatanif qabsoo jabeessinee akka itti fufnu uummata keenyaafis diina uummata keenyaaf ibsina!
Injifannoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 16,2019