ONN: “Bekkomsi guddaan of beekuudha” – by Dr. Dibaabaa
Aside
Ebila 21/8/2009 ALHtti Godina Addaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Duukamitti Wayyaaneen Gaaffii Ummataa deebifna jettee wal gahii gaggeessaa oolte.
Itti Aanaa Gaafatamaan Misooma Magaalaa Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Ummata Oromoo lafuma isaa isaa kennuuf Barsiiftota,Qotee Bultoota fi Hojjattoota Mootummaa walitti qabee lafa isiniif qopheessinee jirra.Gaafii ummanni Oromoo gaafataa jiruuf deebii kan kennuu danda’u dhaabni tokkichi Dh D U O qofa kanaafuu karaa hundaan dhaaba keenya cinaa hiriirtanii misooma qofarratti akka bobbaatan jechaa ooluu Qeerron Naannawa Duukam gabaasee jira.
Gama biraan Continue reading
Godina Arsii goleedhan hundatti wal gayiin Wayyaaneen gaggeessitu akkuma itti fufetti jira.Ebila 20/8/2009 ALH irraa eegalee Magalaa Dodolaa Keessat ti konkolaachiftootaa fi A
bbootii Qabeenyaa Mootummaan Abbaa Irree wal gahii diqamaan teessisaa jira.Magaalatti keessatti imaltoonni rakkina guddaa keessa jiru.sababaa wal gahii wayyaaneen gaggeessaa jirtuu irraa kan ka’e Dararaa adda addaa dhandhamaa jiru.baasii hin taaneef saaxilamaa jiru.Imaltoonni.guyyaa kaleessaa irraa eegalee hanga ganama kanaatti wal gahichi ittuma jira
Ebla 28,2017/ Mootummaan wayyaanee jiraattoota uummata gidduu gala naannoo laga xaafoo fi magaalaa suluultaa bakka Mana jireenyaa fi bakka itti gamtaan hojii hojjeettan sini kennina jechuun uummata afanfaajeessa jirti. Continue reading