Daraggoonni Oromoo Sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi guddina hawaasa keessatti qooda guddaa qabaachuun isaanii wal nama hin gaafachiisu. Baroota dheeraaf handhuura ykn wiirtuu diddaa hawaasa Oromoo tahanii eenyummaa Oromoo fi mirga abbaa biyyummaa kabachiisuuf jecha wareega guddaa kafalaa asiin gahan. Seenaa saba keenyaa irraa akka hubannuttis, bara baraan qabsoo diddaa gabrummaa irratti qooda dargaggoonni keenya kennan kan biyyootaa fi saboota kamiinuu gaditti miti. Har’as taanaan dhalooti keenya sabboontoti kunneen wareega hedduu ulfaataa fi boonsaa itti kafalan jiran.
Yeroo ammaa kanas sochii Qeerroon Bilisummaa Oromoo finiinaa jiru keessatti hirmaatuun guutummaa Oromiyaa fi biyyoota alaa dabalatee dargaggooti Oromoo sochii boonsaa finiinsaa jiran.Sochii finiinsaa jiran keessattis hojiilee boonsaa galmeessuun akka qabsoon Oromoo daran guddatee akka qaanqee faca’uun qaamota hawaasa keenyaa mara bira gahu gochuutti jiran. Sochiin boonsaa dhaloota Qubeetiin finiinaa jiru kun yeroo irraa gara yerootti dagaagaa dhufuun isaa immoo sirna gata bittuu Wayyaanee guddoo rifaasisee akka sihiin tarkaanfii gara jabinaan guutame fudhattu ishii taasisaa jira. Kanas ta’ee, Qeerroon Oromiyaa qabeenya Oromiyaa tiksuu fi saamicha gara malee ummata keenya irra gahu dura dhaabatanii warraqsaa belbelchaa jiru.
Sochiilee Qeerroon godhan kana ukkaamsuuf jecha Wayyaanoti University fi manneen barnootaa keessa seenanii namoota 1000n kumaan lakkaawaman qabanii hidhan;kaan biyyaa arihan; kaan bakka buuteen isaanii hin beekkamiin jira. Dargaggooti Oromoo garuu roorroo fi hidhaa akkasumas hiraarsaa fi ajjeechaa diinaaf otuu hin jilbeeffanne sanaafis qabsoo diddaa garbummaa finiinsuutti jiru; qabsoo roga maraan finiinus maddisiisuun akka qabsoo Oromoo daran jabaatu gochaa jiru. Dhugaadha, haala biyya san keessa jiruu fi adeemsa qabsoo guyyuuu godhamaa jiru kana bifa si’anaaheen addunyaaf qaqqabsiisuun rakkisaa ta’ee jira. Ammoo, dhiibaa diinaa fi boodatti hafiinsa biyyattii keessa jiru bira taruunis akka sagaleen qabsoo dhagayamu gochuu keessatti adeemsi jiru yeroo irraa gara yerootti wayyaa’aa jira. Kana keessattis, sochiin dargaggooti Oromoo taasisaa jiran guddaa dha.
Yeroo ammaa kanattis sochiin Qeerroo biyya keessaa finiinaa kan jiru yoo ta’u, ayyaana Irreechaa Oromiyaa, Harsadiitti, Onkoloolessa 2, bara 2011 kabajame irratti diddaa fi fincilli Qeerroon godhan kan akka fakkeenyaatti ka’uu maluu dha. Yeroo sanatti gabaasa barruun dhiyaate irraa akka hubatamutti bara kana kanneen hirmaatan keessaa harki 80 dargaggoota ta’uun ifaa dha. Dargaggooti kunneen, egaa, ayyaana kana kabajachuu cinatti, akka aadaa, sirnaa fi naamusa diddaa garbummaatti gaaffii fi fedhii isaanii sirbaan, dhaadannoon, akkasumas geerrarsaa fi weedduudhaan ibsachaa oolanii jiru.
Darggaggooti margaa fi keelloo qabatanii Malkaa bu’an kunneen akka sabaatti garbummaan kan isaaniif hin malle ta’uu ibsachuun cinattis, garbummaa keessaa bahuuf immoo gaheen isaanii olaanaa ta’uu yeroo ibsatanis, “nuti dargaggoon Oromoo otuu jirruu biyyi keenya garbummaan hin dhaalamtu; garbummaan akka nu dhaalettis hin hafu!” jechaa oolan. Diinni meeshaa haga funyaaniitti hidhatee isaan marsee jira. Isaan garuu, “meeshaa waraanaa sodaannee garbummaatti harka hin laannu!” jedhan. Diddaa fi fincila kanaanis dhibdee saba isaanii hudhee qabe ifaan ibsachuun diinummaa Wayyaanee illee ummataaf saaxilan. Sirbaa fi weedduunis akka sagaleen diddaa isaanii baadiyyaa fi magaalaalee Oromiyaa keessatti faca’u godhanii jiru.

- Dargaggoo Girmaa Nagaasaa, polisoota Wayyaaneen reebamee
Qeerroon Oromiyaa akka aadaa fi sirna diddaa garbummaatti sagalee isaanii ibsachuun kun, sirna wayyaanee dimokiraatawaa of fakkeessaa jiru irraa golgaa banee abbaa irrummaa ishii ifatti saaxile. Wayyaaneenis ammala aguuggatte jalaa baatee Qeerroo karaa nagaa gaaffii isaanii ibsachaa oolan qabdee hidhuu fi hiraarsuun amala abbaa irrummaa ishii mul’ifte.
Dargaggooti Oromoo garuu, hamma mirgi saba Oromoo mirkanaawee gaaffiin hiree ofii ofiin murteeffachuu deebi’ee bilisummaa goonfannutti qabsoon itti fufa jedhanii Irreecha bara 2011 irratti waadaa guddaa walii seenuun warraqsaa guddaa deemsisan.
Wayyaaneen humna Qeerroo Bilisummaa Irreecha 2011 irratti sodaachuun daandiilee irra keellaa tolchitee sakata’a gochuun alaabaa ABO irraa guuraa turte,haalluu diimaa magariisa diimaa qabu mara irraa funaante,T.Shertii Ka’I Qeerroo jedhu mara warra maxxanfatee deemaa ture irraa baafatte.
Kanas tahu, Qeerroon Universitilee fi kutaalee biyya Oromiyaa adda addaa irraa dhufan osoo hin jilbeefatiin walleelee warraaqsaa waliisuun ABO fi WBO akkasumas gootota Oromoo faarfachaa guyyaa san dabarsan. Akka sagantaan ayyaanichaa xumurameen garuu, Wayyaanee fi ergamtooti Wayyaanee kanneen wallee warraaqsaa wallisan heddumminaan qabdee hiite; manneen hidhaa keessattis reebichaa fi hiraarsaa olaanaa irraan gahuun akka isaan qabsoo irraa jiilanii lagatan gochuuf yaalii olaanaa goote.
Dargaggooti Oromoo, garuu “Callisuu keenyaan kan fayyadamu warra nu garboonfatee dha. Otuu falamnnuu du’uu malee teenyee du’uun hiree keenya hin ta’u!” jechuun hidhaa fi hiraarsaan duuba BILISUMMAAN akka jiru mirkaneessuutti jiru. Kanneen kaan poolisoota Wayyaanee waliin walitti bu’uun mana hidhaatti geeffaman,guyyaa gaafa irreecha 2011 hanga nama 500 kan tahan qabamanii hidhaa geeffaman,san keessaa hamma tokko gadi lakkifamanii kaan amma illee bakka bu’an hin beekamu.
Dargaggoota keessaa Qeerroo Girmaa Nagaasaa fi ibbaantama reebicha suukkanneessaa irraan gahan, yeroo kanatti humni Qeerroo bakkoota adda addaa irraa walitti qabame harka wal qabatee wal hin gurgurruu, kaayyoottii haa jabaannuu, tokkuummaa haa cimsinuu,mirga keenyaa haa falmanuu jechuun waadaa waliin haaromsatani jiru. Dhiichisaa fi raaruulee warraaqasaa fuula dura isiniif dhiheessinus illee dhiichiisa qeerroon quuqqaa isaa ittin ibsatedha fi dhiichiisa sochii qabsoof godhamedha..

- Wal hin gurgurru,Kaayyotti haajabaannu! tokkummaa haachimsinu(Waadaa Dargaggootaa)
Walumaa gala Qeerroon wal gurmeessuun harka wal qabatanii tokkummaa faarsaa, ABOs faarsaa yeroo jiranitti Wayyaanonni Kaameeraa ittiin suuraa kaasan gartuu Qeerroo irraa ifatti saamanii jiru. Haata’uutii, Qeerroon suuraalee fi viidiyoo guyyaa sanii keessaa garii isaa malaa fi tooftaa dursee baafateen of harka galfatee jira. Suuraan kun, fakkeenyaaf, waadaa dargaggooti tukkummaa isaanii eeggachaa fi tifkachaa diddaa isaanii itti fufuuf murteeffatan kan mul’isuu dha. Video dargaggooti waraabbatan illee wayyaaneen humnaa irraa fudhatanis, malaa fi tooftaa adda addaan kan wal gurmeessan Qeerroon Oromiyaa Viidiyoo waraabamee saamame keessaa haga tokko gola wayyaanee keessaa baasanii gara addunyaatti mul’isuuf akka jiran dhaamsi barruu kana waliin kutaa Qunnamtii Qeerroo dhaqqabe ni addeessa.

- Waadaa tokkummaa fi kaayyoo
Yeroo ammaa kanattis, Wayyaaneen sochii Qeerroo dhaamsuuf jecha duula olaanaa gaggeessaa jirti. Haata’uutii, Qeerroon Bilisummaa kutannoo fi murannoodhaan diddaa isaanii finiinsuutti jiru. KAnneen sochii isaanii karaa nagaa finiinsuu dadhabn immoo qabsoon silas, fulaa hedduun finiinti waan ta’eef karaa malchiisuun of ijaaranii diina ofiraa kaasuutti jiran.Suuraalee guyyaa san kaafaman keessaas kan humnooti tikaa Wayyaaneen yeroo Qeerroo qabuuf ari’aa turan mul’isus Qunnamtii Qeerroo harka galee jira.
Kanas tahu, Qeerroon guyyaa gaafasii ykn Irreecha Bishooftuu bara 2011 itti sochii godhe jala jalaan video isaa ummataaf ni dhiheessa. Kan Saamamee nurraa fuudhames guyyaa tokko injifannoon harka keenyatti waan deebi’uuf abdiin qabsoo keenya finniinsaa eegganna.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoon Ummata Oromoof!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...