በፍንፍኔ ከተማ መቀሌን ያያችሁ?

(ቄሮ ዘጋቢ፣ፍንፍኔ  ህዳር 28 ፣ 2012) ህወሃት ለሁለት በተከፈለበት ወቅት ከነ አቶ ተወልደ ቡድን ጋር በመወገኑ ከሥልጣን ተባሮ የነበረውና ቦኋላ ንሰሃ ገብቶ የመለስ ዜናዊን ቡድን በመቀላቀል ድህረ ምርጫ 97 የፍንፍኔ ከተማ ከንቲባ ሆኖ ለመሾም የበቃው ኩማ ደመቅሳ በፍንፍኔ ከተማ ውስጥ እየታየ ያለው የኑሮ ውድነት ከባድ ፈተና ሆኖብናል በማለት አስታወቀ።

እንደ ኩማ ደመቅሳ አነጋገር ከተማውን ለከባድ ችግር ዳርጎታል የተባለው የኑሮ ውድነት መንስኤው አገዛዙ የዘረጋው ዘረኛ ድርጅታዊ መዋቅር እና የተሳሳተ የኢኮኖሚ ፖሊሲ ሳይሆን በኢኮኖሚ የበለጸጉ አገሮች በገጠማቸው ቀውስ የተነሳ ነው። መለስ ዜናዊ ላለፉት 5 እና ከዚያም በላይ አመታት አገሪቷ በተከታታይ የሁለት አሃዝ እድገት አስመዝግባልች በማለት ባዶ ድስኩሮችን ለፕሮፖጋንዳ ፍጆታ በሚያሰማባቸው ወቅቶች አሁን የሚሳበብበት የአለም የኢኮኖሚ ቀውስ ምንም አንድምታ እንዳልነበረው ሲገለጽ የሰነበተ ቢሆንም ኩማ ደመቅሳና ሌሎች የበታች ባለሥልጣናት ግን የአለቃቸውን ቃል በመጻረር ችግሩን በሌሎች አገር ከተከሰተው የኢኮኖሚ ቀውስ ጋር ለማመሳሰል ሲባዝኑ ይስተዋላል።

በኩማ ንግግር ከተንጸባረቀው አንዱ “የአቅም ግንባታና የመልካም አስተዳደር እጦት ችግር እየተባባሰ መሄድ ሲሆን በአገር ሃብት ዘረፋና በሙስና የተዘፈቀው የወያኔ አገዛዝ በመንግሥታዊና አገልግሎት ሰጪ ተቋሞች ለፖለቲካ ሥር ዓቱ ታማኝነትንና ታዛዥነትን መስፈርት በማድረግ ምንም አቅምና ችሎታ የሌላቸውን ሰዎች ሲያሰማራ ቆይቶ አሁን ችግሩ የአገዛዙን የስልጣን ዕድመና ሂሊውና የሚፈታተንበት ወቅት ላይ ሲደርስ ማንን ለመወንጀል ወይም በማን ላይ ለማላከክ መወትወት እንደጀመረ የታወቀ ነገር የለም።

የፍንፍኔ ከተማ ከንቲባ ሆኖ የተሾመውን ኩማ ደመቅሳን ጨምሮ የዛሬ 20 አመት ባዶ እጃቸውን ፍንፍኔ የገቡት አብዛኛዎቹ የወያኔ ባለሥልጣኖች ዛሬ ላካበቱት ሃብት መሠረቱ የፍንፍኔን የከተማ መሬት በሚሪት እየወሰዱ አሳልፎ በመቸብቸብ የተገኘ እንደሆነ፤ የነርሱንም ዱካ ተከትለው ዛሬ በአቅም ማነስ እየተወነጀሉ ያሉት ካድሬዎች በሙሉ በዘረፋውና በሙስናው እንደተሰማሩ ህዝብ ጠንቅቆ ያውቃል።

ይሁንና የመቄሌ ከተማ ደግሞ በእድገት ላይ እድገት እያስመዘገበች መሆኑ ከሰሞኑ ዘገባዎች ለማወቅ ተችሏል። አገዛዙ የዘረጋው ዘረኛ ድርጅታዊ መዋቅር እና የኢኮኖሚ ፖሊሲ ዉጤት የሆነው የመቄሌ ከተማ እድገት ዉጤት  እጅግ አስደናቂ ነው። ዝርዝሩን ከ PDF ይመልከቱ Mekele_Town

Oromiyaa Gidduugalaa, Aanaa Ammayyaatti Barataan Oromoo Humnoota Wayyaaneen Ajjeefame

(Gabaasa Qeerroo,Sadaasa 28,2011 Finfinnee) Oromiyaa giddu galaa Aanaa Ammayyaa keessatti Barataan Oromoo Xurunaa Dhaabaa jedhamu humnoota Wayyeeneen ajjeefamuun gabaasame.

Oduun Qeerroo Aanaa Ammayyaa irraa nu dhaqqabe akka hubachiisetti, barataa Xurunaa Dhaabaa, Sabboonaa fi umurii ijoollummaa isaan kanaan qaroo quuqaan saba isaa ijoollummaan keessa bule ture.  Walumaa gala odeeffata ajjeefamuu barataa Xurunaa Dhaabaa gabaasa Qeerroo irraa akka armaa gadiiti.

Sadaasa 14/2011 barataa  Xurunaa Dhaabaa barataa kudhaa 7ff  Ajjeefte. Akkaataa barataan Kun itti galaafatame

Wayyaaneen Dhoksaan  Humna nama Ynaataa ta`e   leenjiftee akka Ummata Oromoo saamanii fi Barattoota Oromoo akka ajjeessan, dhoksaan ukkamsaan akka dhabamsiisaniif humna Addaa qaama Feederaalaan  leenjisee bobaasuu isaa ammaan  dura odeessa duraan wal hubachiisuu keenya  ni yaadatama.

Akkuma kanaan barataan kun  Aanaa Ammayyaa ganda Agmsoo jedhamutti   mana barumsaa  ba`ee  guyyaa Jimaataa  gara warra isaatti galuuf utuu deemaa jiru  duuka bu`uun  Hordofanii ukkamsuun qabanii akka malee dhaananii Qophee fi  Uffata irraa baasuun Qullaa isaa du`eera jedhanii Kumxaa/Mutaantaa  jalatti ufate du`aa irratti dhiisanii  Bosona keessatti gatanii deeman.

Ukkamfamee dhabamuu isaa fi humna mootummaan Dhaanamee  kan du`aa ta`u isaa argee ummatni aanaa Ammayyaa itti dirmatee Hospitaala geessee Barataa Xurunaa Dhaabaa Lubuun isaa du`aa  irraa dandamachuu hin dandeenye. Maatiin isaas Lubbuu ilmoo isaa Hospitaalatti baraarachuu hin dandeenye.Gaddaan  guutamanii, gaara gubatanii iyyaa fi wareerruun reeffa fudhatanii ofirra  deebiyan. Lubuun dabrite.

Waan kana  kan argee fi dhaga`e ummatni Oromoo aana Ammayyaa keessa Jiraatu waajjira Poolisaa Aanaa Ammayyaatti Hiriira ba`ee gaaffii gaafate Mucaa keenya barumsaaf ergine   ukkamstanii nu jalaa ajjeeftan.  Ilmaan keenya mana barumsaa nagaan ba`anii galuu fi baratanii  warra gargaaruun afee lubbuu isaaniif waabii dhabne. kaan  mana barumsaatii humna qawween nu jalaa ukkaamsitanii dhabamsiiftu. kaan baadiyaya keessati jala deemtanii  Karaatti eegadii ukkamsitanii ajjeeftu. Biyya  nagaa fi tsagabbiin  hin jirre keessa jiraanna. Biyya mootummaan  hin jirre keessa  jiraanna.
Hattamaan Qaamni Barataa  kana ajjeessee fi  sababni inni itti galaafatame  qoratamee akka ifa nuuf ta`uu fi deebiin  sirnaa fi heera qabeessa ta`e akka nuuf kennamu jedhanii gaafannaan.
Waan kana/ummata kana  ABO tuu nurratti kakaase. ABO tuu nutti isin erge  ABO tuu duubaan jia jechuun  waajjirri Poolisa Aanaa Ammayyaa gaaffii Ummataa qoosaa fi salphisaan ilaaluun  ummatatti qoosaniiru.

Ummatni haarii fi dala`nsuun guutame hanga ammaatti gaaffii isaa fi diddaa fincila isaa itti fufee jira.
Dhimmuma barataa du`e kanaan kan wal qabateen Hanga  guyyaa odeessi kun  nu dhaqqabeetti Barsiisotni 40 ol ta`an Kan mana barumsaa Ammayaa barsiisan hojii barsiisummaa dhaabaniiru.Nuus  ta`e barattootni keenyas  bor nagummaa isaanii fi lubbuu isaaniif waabii maalii qabu jechuun gaaffiiseeraa gaafachaa jiru. Barattootnis  hin barannu jedhanii barumsa isaanii dhaabaniiru.
Manni barumsaa cufamee jira.

Ummatni Oromoo Aanaa ammayyaa jiruYaa Saba keenya Oromoo! Biyya nagaa fi tasaggabbiin  hin jirre, biyya  mootummaan hin jirree kan  badii tokko malee nama ajjeesuu fi kan  qabeenya ummataa saamuu, samsiisu malee nagaa  biyyaa fi ummataa eegsisuu kan hin jirre keessa akkamiin jiraannaa?

Mirga sabummaa keenyaa sarbamnee, qee fi qabeenya keenya irraatti ajjeefaamaa, ilmaan keenya mana barumsaatii ukkamsaanii ajjeesaa fi gara dhabamsiisaa akkamii fi haga yoomiitti du`aa jiraannaa? Kan jedhuun ummanni aanaa sanii qabsoo hanga wareegamaatti kaffaltii gaafattu gaggeessuuf murteeffachuu qeerroon gabaasa.

Tolaan dhabnaan, kaanee qawween mirkanfanna

(Qeerroo, Arbaa Miinci, 27 Sadaasa 2011) Shororkeessummaa ni balaaleffannaa; mirga haqaa fi dimokiraasii immoo dhugoomsuuf ni falmanna,” jechuun Qeerroon Un Arbaa Minci ibsan.

“Hojiin wayyaaneen mooraa Arbaa Minci keessatti hojjechaa jirtu kan nama gaddisiisu yoo ta’ellee nuti akkuma sabboontota Oromoo kan biroo FDG taasisnu irraa yoomillee boodatti  hin deebine,” kan jedhe ibsi barattoota Arbaa Minci kun, dhaabbiin hundee qabsoo keenyaa karaa nagaa mirga keenya kabachiifachuu dha,” jedhee jira.

“Haata’uutii, gartuun Wayyaaneen mirga keenya sarbaa waan jirtuuf akkuma barattoota Oromoo kaaniittti   harka wal qabannee qabsoo keenya ni finiinsina,; akkuma faaruun jedham san tolaan dhabnaan, kaanee qawween mirkanfanna'” jedhanii jiru.

Bilisummaa uummata Oromoo maraaf! Jaalleewwan qabsoo university Arbaa Minci

Gaaffiin Bilisummaa Deebii Qajeelaan Malee Sossobbii fi Ololaan Hin Dhaabbatu

(Qeerroo, Finfinnee, 27 Sadaasa 2011)Mootummaan wayyaanee yaaddoo warraasqa uummataan qabamee jiru bakkoota garagaraatti keesaa’uu dhaabbilee barnoota ol’aanoo keessatti dhimma Federaalizimii fi nageenyaa jedhuun barattootaa fi hojjattoota wal-gahii waamus itti milkaa’uu akka hin dandeenye gabaasame.

Gabaastoti Qeerroo akka dhaamanitti, bakka walgahiin itti deemsisame maratti gaaffiin sardaa fi durguddaa kan dhimma Wayyaaneen waamteen faallaa ta’e dhiyaachaa jira.

Keessaayyuu, gidduu kana walgahiin barattoota Uni.Finfinnee kan maqaa barattoota haaraa waliin wal-barsiisuu jedhuun galma aadaa fi turiizimii Itiyyoophiyaatti waamame mata duree kennameen ala olola wayyaanoti baniisa wal-gahii irratti mata duree Federaaliziimii fi nageenyaa jedhuun dhiyeessan barattooti mormanii jiru.

Akka gabaasa nu dhaqqabeetti, qondaalonni wayyaanee haasaa dhimma federaalizimii fi nageenyaa irratti dhiyeessan gaaffii barattootaa mata dureen waamicha keessanii kana miti,maliif mata dureen waamicha keessanii qabxii kana ta’uun dursa nuuf hin ibsine? Yaaddoon nageenyaa maali? Federaalizimiin Oromiyaaf maali?kanneen jedhaniin akka yaadametti otuu hin milkaa’iin hafee jira.

Haaluma walfakkaatuun, manneen barnootaa biyyattii keessatti ololli walfakkaataa kennama akan jiru yoo ta’u, bakka iyyuutti dabballooti Wayyaaneen qaana’anii akka deebi’aa jiran hubatamaa jira.

Hidhaa fi biyya irraa aryatamuu gaazexeessitoota biyyattiin walqabatee dhiibbaa wayyaanee irratti godhamaa jiru kabeebsuufis, wayyaanonni dabballoota isaanii walitti qabanii ololaa akka jiranis beekamee jira.

Mirga lammii dhiituu fi sarbuun akn beekamtu Wayyaaneen amma immoo karaa miidiyaa to’attee jirtuu, “mirga lammii fi heera biyyaa” waan jedhu irratti shubbisaa jirti.

Haala kana irratti hayyuun siyaasaa tokko yaada nuuf qoodaniin, “kan lammii hidhaa jiruu fi sagalee lammii biyyaa ukkaamsaa jiru Wayyaanee ta’ee otuu jiru, kanneen ukkaamsamanii mana hidhaatti dararamaa jiran akka waan mirga lammii fi heera biyyaa dhiitaniitti dhiyaachuun ummata tuffachuu dha,” jechuun hubachiisanii jiru.

Ummati har’a tuffatame kun garuu sagalee guddaa ittiin mootummaa kamuu gargalchu akka qabu kan yaadachiisan hayyuun, kun “gaafa diddaa fi fincilli ummataa dhowe garuu akka har’aa barooduun akka hin jiraanne waan biyyoota ollaatti ta’aa jiruu fi seenaa keessaa beekuun nama hin dhubu; gaaffii bilisummaa deebii qajeelaan malee sossobbii fi ololaan hin dhaabbatu” jedhanii jiru..

Walgahiin Wayyaanee Maqaa ABO jedhamu lagachuuf fi abaaruuf jecha Yaamame,ABO Farsuu fi Ittiin Dhadachuun Xumurame.

Gabaasa Qeerroo,Wallagam naannoo Qeello.Sadaasa 25,2011

Walgahii lukkeeleen Wayyaanee OPDOn torban tokkoof nammeen barumsaa sadarkaa ol-anaan Qeelloo cufuun barattootii fi ummanni naannoo san jiran akka ABO abaaraniif barnoota kennaan turan diddaa ummataa fi Qeerroo Bilisummaa naannoo san jiraataniin xumurri isaa ABO faarsuu fi ittiin dhadachuun akka xumurame gabaasi Qeerroo Wallagga naannoo Qeelloo irraa nu gahe addeessa.

Walagahiin kun kan gaggeeffame,ergamtoota Wayyaaneen kanneen tahanii aangawummaa OPDO qabaniin yeroo tahu,jarreen kunis:-

  1.  Barsiisaa Assabaa Taaddasaa Dabballee OPDO /Itti gaafatamaa Mana barnootaa aanaa    Eebantuu  Supervisor/
  2. Barsiisaa Bayyanaa Roorroo Dabballee OPDO  Itti aanaa dura ta`aa (I/D )Mana barumsaa Qeelloo
  3. Bariisaa Algaa Nagaashi Dura ta`aa Mana  barumsaa Qeelloo
  4. Bariisiisaa Asaffaa Warqinaa

    Yeroo tahan akeeki walgahii kanaa fi waan walgahii kana irratti ummataaf dhiheessan keessaa:-

Fiilmii dharaa Wayyaanee bara 1995/6  Qopheessitee ABO ittiin maqaa  yakkuuf  faxuulaa turte sana Amma akka haaraatti  barreeffamaan afarsuu fi labsuun barattoota ittiin doorsisuuf yaalan.

ABO  namni  maqaa dha`e ni ajjeefama. Murtii kana Mootummaa Federaalaatuu labse. ajaja kana dabarseera. ABO  kan  deggeeree fi waayee ABO  kan  lafaa kaasuu, ni ajjeefaamtu.  jechuun sodaa ajjeechaa fi doorsisaa Maqaa du`aan kan   Barattoota kana iraarsaa ture   Barsiisaa Bayyanaa Roorroo dha. Barattoota Sodaachisuuf itti bookisaa furii itti dabranii oomaa yaadaa fi qalbii barattootaa  jijjiiruu hin dandeenye.

Barattootni ABO-n Qaama keenya! ABO-n qaamaa fi qalbii keenya Keessa jira! ABO waraqaa irraatti barreessinee, afaaniin odeessinee califna  utuu hin ta`iin ABO Qaama/Qoma keenyaa fi Adda keenya irratti /Qaama keenya Keessatti TUMANNEE/MALLATTOO ABO jedhu bafrreeffanne isintti hojiin mul`ifna jedhanii Itti dubbataniiru.Akeekaa fi kaayyoon ABO bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaaf kan dhaabbattee fi qabsaa`u dha. Nuus  isa deggeerra. Fiilmii sobaa fi oduu dharaa tamsaasuun maalummaa ABO  yakkuu hin dandeessan. jedhanii dura dhaabbannaa isaanii itti mul`isaniiru jechuun soda tokko malee gamtoominaan ejjennoo isaanii ibsatanii jiru.

Kana malees goototni barattoota mana barumsaa Qeelloo keessa jiran roorrisaa fi ololaa ergamtoota diidaan utuu hin jilbeeffatiin Akkuma  dhaadatanii fi jedhanitti guyyaa wal ga`iin  lammattaa itti fufe ABO/WBO jechuun qaama isaaniirratti mallattoo/TUMATANII/TAATTOO/ Godhatanii  walga`iirraatti argamuun Sodaa tokko malee  diddaa isaanii ergamtoota/dabballoota OPDO tti mul`isaniiru.

Wal ga`iin OPDO guyyaa 7f barattoota mana barumsaa irraa  ugguree ABO jibbaa , ABO balaalleffaa dhaa kan jedhuu saganteeffatamee dhufe ABO faarsuu f i ABO  dhaaba haqaa fi dhugaan Saba Oromoof dhaabbatee fi Oromoo fi Oromiyaa Bilisa baasu!  Gantuu fi ayyaan laallattoota Ergamtoota diinaaf  hin abboomanu jechuun diddaa fi fincilaan Walgii sana  fudhatama dhabasiisanii ergamee bultoota Wayyaanee qaanessuun of irraa deebisanii akka jiran Qeerroon gabaasa.ergamtoota sanas  qaanessanii salphisanii isIni dabbaloota Ergamtoota Diinaati malee Barsiisota keenya miti  jechuun qaanessaniiru.

Akka walgahiin kun xumurameen barattoota mallattoo tumaa ABO qaama keessan irraa qabdu ummata nurratti kakaaftan sababa jedhuun kanneen reebichaan mana hidhaa jiran keessaa barattooti maqaan isaanii

1.Assabaa Dassuu barataa Kutaa 10
2.Gaaddisaa Dassuu Barataa Kutaa 8
3.Taarikuu Abdiisaa Barataa Kutaa  8

Jedhaman akka keessatti araman gabaasaan Qeerroo dabalee ibsa.

Fincilli diddaa gabrummaa naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti deemu mara rakkoolee networkiin gahaa hin jirreef guutuutti gabaasuu hanqannu illee dargaggoonni Oromoo diinaaf guyyaa tokko gadi jedhanii akka hin ooliin beekamaa dha.

Qabsoon itti fufa! Gabarummaan ni kufa!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Irreechaa fi Diddaa Qeerroo Bilisummaa

(Qeerroo, Finfinnee, 23 Sadaasa 2011) Maddi Oduu Qeerroo Onkoloolessa 2, 2011 akka gabaasee turetti, humnooti tikaa fi poolisooti wayyaanee namoota hedduu ayyaana Irreechaa irratti argaman irraa vedio fi kaameera fudhachuun, akka sabboontonnii kun aadaa isaanii kabajachuuf itti boonuu hin qabnee gochuuf yaalan illee diddaa fi heddummina ummataa ukkaamsuu dhaabuun hin danda’amne.

Mootummaan TPLF Ayyaanaa Irreechaa irraatti ummata  doorsisuu fi sodaachisuuf humna waraanaa kumaatamaan lakkaayamu bobbaastu illee sagalee ummataa ukkaamsuu akka hin dandeenye gabaasaan Qeerroo bakka addaddaatti bobbaafaman dhaamanii turan iyyuu yeroon gabaasa Viidiyoo fi sagalee nu gahuu waan dadhabeef haga ammaatti ummataaf otuu hin dabarsiin turree jirra.

Amma garuu dhaamsi viidiyoo dargaggoota Oromoo kun nu gahee jira; Qeerroon dhaamsa kana ijaa fi gurra dhala Oromoofi hawaasa addunyaan gahuu keessatti tattaaffii olaanaa godhee jira.

Akka aadaa fi sirna diddaa karaa nagaa finiinuutti, fincilli kamuu mallattoon, sagaleen, suuraan, weedduun, sirbaan, yookaan dubbiin ibsamuu danda’a. Haala kanaan yoo xiinxalame, diddaan Qeerroo kun diddaa mudaa hin qabne, kana guutumatti karaa nagaan taasifamee dha; diddaa mootummaa haga funyaaniitti hidhate kutannoon dura dhaabbachuu dha.

Keessaayyuu, Qeerroon sirbaan dhaamsa diddaa dabarsaa oolaniin sagalee isaanii dhageessisanii jiru. Akka fakkeenyaatti, lafa Oromoo maqaa investment tiin saamamaa jiru kanaaf akkas jechuun dhaamaa oolanii jiru. “ Yaa Oromoo Oromoo qulqulluu; Qonnee nyaanna qe’ee hin gurgurruu!”  kan jedhu cinattis, dhaamsi Oromiyaan Qeerrootti dhaammatte sagalee Qeerrootiin jamaaf ibsamaa oole.

Kan biraa immoo, kan guyyaa Irreechaa  irra deddebi’amee jedhamaa oole; haala bilchina ta’een haala sirba aadaa fakkaatun akkasi jedhanii  kallacha qabsoo ummata Oromoo kan ta’e ABO faarsaa oolanii jiru.

      “Yaa iyyoolee yaa iyyoolee

      Ya abaaboo daraari;

      Yaa iyyoolee yaa iyyoolee

    Yaa WBO koo taraari!

    Yaa ABO koo daddaraari!”

Diddaan Qeerroo kun waan mootummaan Wayyaanee balaaleffatuu fi dhagayuu hin feene ifatti itti himuu dabalata.Yeroo ammaa kanatti Wayyaaneen maqaa ABO waamuu dhiisii itti aggaamuunuu yakka ta’uu isaa halkanii guyyaa ololaa jirti. Kun garuu Qeerroo Bilisummaaf hin liqinfamu. Bilisummaan waan fedhan filachuuf bilisummaa qabaachuu dha. Qeerroon Bilisummaas kanaaf of kennuu isaa waltajjiitti himaa fi ibsaa jira.

Akka gabaasota addaddaa irraa hubachuun danda’amettti, ayyaana Irreechaa baranaa irratti baayyinni uummataa kan bara darbeerra dabaleera;  80% ol dargaggoota ta’uu hubatamee jira.

Hayyuun seenaa fi aadaa Oromoo tokko dhimma kana irratti yaada kennaniin, haalli amma adeemaa jiru seexessaa dha. “Amma akka agarrutti, Qeerroon human guddaan ka’aa jirti. Barana Irreeffattooti harki caalan  Qeerroo dha.”

Dargaggooti heddummachuun hiikaa akkamii akka qabu illee yeroo ibsan, “kun dhaamsa guddaa dabarsa. Sababni isaa dargaggoonni eenyummaa ofiitti deebi’uu jechuu egereen biyyaa fi sabaa utubaa lalisu argachuu isaa ibsa.

Kana malees, Qeerroon  waltajjii bal’aan tokkummaadhaan fedhii isaanii kana itti guuttatan Arsadii akka ta’e waliig galaa jiru. kana waan ta’eef godinaalee Oromiyaa mara irraa saganteeffatanii dhufan. Kun immoo, dhaloonni ammaa rakkoo har’a Oromoon keessa jiru kana dhabamsiisuuf abdachiisaa ta’uu agarsiisa,” jedhanii jiru.

Sochii Qeerroo fi Irreecha Oromiyaa Keessaa Kan Bara 2011

Daraggoonni Oromoo Sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi guddina hawaasa keessatti qooda guddaa qabaachuun isaanii wal nama hin gaafachiisu. Baroota dheeraaf handhuura ykn wiirtuu diddaa hawaasa Oromoo tahanii eenyummaa Oromoo fi mirga abbaa biyyummaa kabachiisuuf jecha wareega guddaa kafalaa asiin gahan. Seenaa saba keenyaa irraa akka hubannuttis, bara baraan qabsoo diddaa gabrummaa irratti qooda dargaggoonni keenya kennan kan biyyootaa fi saboota kamiinuu gaditti miti. Har’as taanaan dhalooti keenya sabboontoti kunneen wareega hedduu ulfaataa fi boonsaa itti kafalan jiran.

Yeroo ammaa kanas  sochii Qeerroon Bilisummaa Oromoo finiinaa jiru keessatti hirmaatuun  guutummaa Oromiyaa fi biyyoota alaa dabalatee dargaggooti Oromoo sochii boonsaa finiinsaa jiran.Sochii finiinsaa jiran keessattis hojiilee boonsaa galmeessuun akka qabsoon Oromoo daran guddatee  akka qaanqee faca’uun qaamota hawaasa keenyaa mara bira gahu gochuutti jiran.  Sochiin boonsaa dhaloota Qubeetiin finiinaa jiru kun yeroo irraa gara yerootti dagaagaa dhufuun isaa immoo sirna gata bittuu Wayyaanee guddoo rifaasisee akka sihiin tarkaanfii gara jabinaan guutame fudhattu ishii taasisaa jira. Kanas ta’ee, Qeerroon Oromiyaa qabeenya Oromiyaa tiksuu fi saamicha gara malee ummata keenya irra gahu dura dhaabatanii warraqsaa belbelchaa jiru.

Sochiilee Qeerroon godhan kana ukkaamsuuf jecha Wayyaanoti University fi manneen barnootaa keessa seenanii namoota 1000n  kumaan lakkaawaman qabanii hidhan;kaan biyyaa arihan; kaan bakka buuteen isaanii hin beekkamiin jira. Dargaggooti Oromoo garuu roorroo fi hidhaa akkasumas hiraarsaa fi ajjeechaa diinaaf otuu hin jilbeeffanne sanaafis qabsoo diddaa garbummaa finiinsuutti jiru; qabsoo roga maraan finiinus maddisiisuun akka qabsoo Oromoo daran jabaatu gochaa jiru. Dhugaadha, haala biyya san keessa jiruu fi adeemsa qabsoo guyyuuu godhamaa jiru kana bifa si’anaaheen addunyaaf qaqqabsiisuun rakkisaa ta’ee jira. Ammoo, dhiibaa diinaa fi boodatti hafiinsa biyyattii keessa jiru bira taruunis akka sagaleen qabsoo dhagayamu gochuu keessatti adeemsi jiru yeroo irraa gara yerootti  wayyaa’aa jira. Kana keessattis, sochiin dargaggooti Oromoo taasisaa jiran guddaa dha.

Yeroo ammaa kanattis sochiin Qeerroo biyya keessaa finiinaa kan jiru yoo ta’u, ayyaana Irreechaa Oromiyaa, Harsadiitti, Onkoloolessa 2, bara 2011 kabajame irratti diddaa fi fincilli Qeerroon godhan kan akka fakkeenyaatti ka’uu maluu dha. Yeroo sanatti gabaasa barruun dhiyaate irraa akka hubatamutti bara kana kanneen hirmaatan keessaa harki 80 dargaggoota ta’uun ifaa dha.  Dargaggooti kunneen, egaa, ayyaana kana kabajachuu cinatti, akka aadaa, sirnaa fi naamusa diddaa garbummaatti gaaffii fi fedhii isaanii sirbaan, dhaadannoon, akkasumas geerrarsaa fi weedduudhaan ibsachaa oolanii jiru.

Darggaggooti margaa fi keelloo qabatanii Malkaa bu’an kunneen akka sabaatti garbummaan kan isaaniif hin malle ta’uu ibsachuun cinattis, garbummaa keessaa bahuuf immoo gaheen isaanii olaanaa ta’uu yeroo ibsatanis, “nuti dargaggoon Oromoo otuu jirruu biyyi keenya garbummaan hin dhaalamtu; garbummaan akka nu dhaalettis hin hafu!” jechaa oolan. Diinni meeshaa haga funyaaniitti hidhatee isaan marsee jira. Isaan garuu, “meeshaa waraanaa sodaannee garbummaatti harka hin laannu!” jedhan. Diddaa fi fincila kanaanis dhibdee saba isaanii hudhee qabe ifaan ibsachuun diinummaa Wayyaanee illee ummataaf saaxilan. Sirbaa fi weedduunis akka sagaleen diddaa isaanii  baadiyyaa fi magaalaalee Oromiyaa keessatti faca’u godhanii jiru.

Dargaggoo Girmaa Nagaasaa, polisoota Wayyaaneen reebamee
Dargaggoo Girmaa Nagaasaa, polisoota Wayyaaneen reebamee

Qeerroon Oromiyaa akka aadaa fi sirna diddaa garbummaatti sagalee isaanii ibsachuun kun, sirna wayyaanee dimokiraatawaa of fakkeessaa jiru irraa golgaa banee abbaa irrummaa ishii ifatti saaxile. Wayyaaneenis ammala aguuggatte jalaa baatee Qeerroo karaa nagaa gaaffii isaanii ibsachaa oolan qabdee hidhuu fi hiraarsuun amala abbaa irrummaa ishii mul’ifte.

Dargaggooti Oromoo garuu, hamma mirgi saba Oromoo mirkanaawee gaaffiin hiree ofii ofiin murteeffachuu deebi’ee bilisummaa goonfannutti qabsoon itti fufa jedhanii Irreecha bara 2011 irratti waadaa guddaa walii seenuun warraqsaa guddaa deemsisan.

Wayyaaneen humna Qeerroo Bilisummaa Irreecha 2011 irratti sodaachuun daandiilee irra keellaa tolchitee sakata’a gochuun alaabaa ABO irraa guuraa turte,haalluu diimaa magariisa diimaa qabu mara irraa funaante,T.Shertii Ka’I Qeerroo jedhu mara warra maxxanfatee deemaa ture irraa baafatte.

Kanas tahu, Qeerroon Universitilee fi kutaalee biyya Oromiyaa adda addaa irraa dhufan osoo hin jilbeefatiin walleelee warraaqsaa waliisuun ABO fi WBO akkasumas gootota Oromoo faarfachaa guyyaa san dabarsan. Akka sagantaan ayyaanichaa xumurameen garuu, Wayyaanee fi ergamtooti Wayyaanee kanneen wallee warraaqsaa wallisan heddumminaan qabdee hiite; manneen hidhaa keessattis reebichaa fi hiraarsaa olaanaa irraan gahuun akka isaan qabsoo irraa jiilanii lagatan gochuuf yaalii olaanaa goote.

Dargaggooti Oromoo, garuu “Callisuu keenyaan kan fayyadamu warra nu garboonfatee dha. Otuu falamnnuu du’uu malee teenyee du’uun hiree keenya hin ta’u!” jechuun hidhaa fi hiraarsaan duuba BILISUMMAAN akka jiru mirkaneessuutti jiru. Kanneen kaan poolisoota Wayyaanee waliin walitti bu’uun mana hidhaatti  geeffaman,guyyaa gaafa irreecha 2011 hanga nama 500 kan tahan qabamanii hidhaa geeffaman,san keessaa hamma tokko gadi lakkifamanii kaan amma illee bakka bu’an hin beekamu.

Dargaggoota keessaa Qeerroo Girmaa Nagaasaa fi ibbaantama reebicha suukkanneessaa irraan gahan, yeroo kanatti humni Qeerroo bakkoota adda addaa irraa walitti qabame harka wal qabatee wal hin gurgurruu, kaayyoottii haa jabaannuu, tokkuummaa haa cimsinuu,mirga keenyaa haa falmanuu jechuun waadaa waliin haaromsatani jiru. Dhiichisaa fi raaruulee warraaqasaa fuula dura isiniif dhiheessinus illee dhiichiisa qeerroon  quuqqaa isaa ittin ibsatedha fi dhiichiisa sochii qabsoof godhamedha..

Wal hin gurgurru,Kaayyotti haajabaannu! tokkummaa haachimsinu(Waadaa Dargaggootaa)
Wal hin gurgurru,Kaayyotti haajabaannu! tokkummaa haachimsinu(Waadaa Dargaggootaa)

 Walumaa gala Qeerroon wal gurmeessuun harka wal qabatanii tokkummaa faarsaa, ABOs faarsaa yeroo jiranitti Wayyaanonni Kaameeraa ittiin suuraa kaasan gartuu Qeerroo irraa ifatti saamanii jiru. Haata’uutii, Qeerroon suuraalee fi viidiyoo guyyaa sanii keessaa garii isaa malaa fi tooftaa dursee baafateen of harka galfatee jira. Suuraan kun, fakkeenyaaf,   waadaa dargaggooti tukkummaa isaanii eeggachaa fi tifkachaa diddaa isaanii itti fufuuf murteeffatan kan mul’isuu dha. Video dargaggooti waraabbatan illee wayyaaneen  humnaa irraa fudhatanis, malaa fi tooftaa adda addaan kan wal gurmeessan Qeerroon Oromiyaa  Viidiyoo waraabamee saamame  keessaa haga tokko gola wayyaanee keessaa baasanii gara addunyaatti mul’isuuf akka jiran dhaamsi barruu kana waliin kutaa Qunnamtii Qeerroo dhaqqabe ni addeessa.

Waadaa tokkummaa
Waadaa tokkummaa fi kaayyoo

Yeroo ammaa kanattis, Wayyaaneen sochii Qeerroo dhaamsuuf jecha duula olaanaa gaggeessaa jirti. Haata’uutii, Qeerroon Bilisummaa kutannoo fi murannoodhaan diddaa isaanii finiinsuutti jiru. KAnneen sochii isaanii karaa nagaa finiinsuu dadhabn immoo qabsoon silas, fulaa hedduun finiinti waan ta’eef karaa malchiisuun of ijaaranii diina ofiraa kaasuutti jiran.Suuraalee guyyaa san kaafaman keessaas kan humnooti tikaa Wayyaaneen yeroo Qeerroo qabuuf ari’aa turan mul’isus Qunnamtii Qeerroo harka galee jira.

Kanas tahu, Qeerroon guyyaa gaafasii  ykn Irreecha Bishooftuu bara 2011 itti sochii godhe jala jalaan video isaa ummataaf ni dhiheessa. Kan Saamamee nurraa fuudhames guyyaa tokko injifannoon harka keenyatti waan deebi’uuf abdiin qabsoo keenya finniinsaa eegganna.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoon Ummata Oromoof!

Magaalaan Finfinnee Dhukaasaan Jeeqamte.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Sadaasa 21,2011

Magaala Finfinnee naannoo Faransaay jedhamutti  edana galgala keessaa sa’aa 12 hanga sa’aa 2 itti dhukaasi utuu wal irraa hin citiin girrisaa ture. Kutaan magaalaa sanii hammi tokko hamma jeeqamee baqachuuf dirqamutti dhukaasi kun deemsifamaa ture. Namoonni naannoo san irraa akka gabaasanitti dhukaasi galgalaan akkanatti baname kun waan magaalaan Finfinnee weeraramte fakkeesse. Oduun naannoo san irraa gabaafame akka addeessutti Wayyaanee irraa hangi nama 60 du’uutu gabaafama. Weerrarri akkanaa kun eenyuun akka tahee fi eenyu akka bane yoo hin beekamiin illee dhukaasi kun loltoota Wayyaanee irratti tahuu hubatamee jira. Odeessa guutuu fuula dura gabaasa qeerroo irraa hubanna.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Barattooti Oromoo University Dirree Dawaa Guyyaa FDG Haala Qindaawaan Kabajatan.

Gabaasa Qeerroo Dirree Daawaa,Sadaasa 21,2011

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Akka qeerroon Dirree Dawaa gabaasetti,barattooti Oromoo Universitichaa sirna qindaayaa taheen maadhee Qeerroo qaanqee bilisummaa Oromoo jedhu jalatti gurmaahanii kabajatanii jiru. Maadheen kun haala sochii qabsoo bilisummaa Oromoo fi waraaqasa dargaggootiin Oromoo( Qeerroon) gaggeessaa jiru irratti bal’inaan erga marihataniin booda waadaa qabsoo Oromoof qaban maqaa Qeerroon guyyaa yaadannoo Sadaasa 9,2011 kana irratti galanii jiru.

Maadheen kun haala kamiinuu tahe finciloota Oromiyaa guutuu keessatti dargaggoonni Oromoo deemsisaa jiran irratti gahee isaanii akka bahanii fi gaaffii mirgaaf jecha wareegama barbaachisu akka kafaluuf qophii tahan beeksisaniiru.

Kana malees qeerroon University Dirree Daawwaa ibsoota ejjennoo qabxii shan qabu baafatanii jiru

  1. Sabboontota fi barattoota Oromoo manneen barnootaa fi bakka adda addaa irraa hidhuu,ari’uun hamma dhaabbatu qabsoo fincila diddaa gabrummaa itti fufna.
  2. Ayyaana OPDOn kabajju kanneen akka ayyaana walqixxummaa sabaafisablammootaa waan nu hin illalleef ammaan booda ayyaanota akkasii irratti gadda keenya ni agarsiifna, fincila keenyas itti fufna.
  3. Lukkeelee diinaa sabboontota Oromoo basaasan irratti karaa dandeenyeen tarkaanfii fudhanna.
  4. Waamicha tokkummaan dargaggoota Oromoo ykn Qeerroon nuuf godhu hundaa battala ofitti fudhannee dirqama keenya ni baana.
  5. Ibsa Dhaaba keenya (ABO) ni deeggarra,humnaafidandeettii qabnuun cina hiriirra.

Kun kana tahee osoo jiruu yeroo ammaa kana keessatti Sadaasa 18,2011 irraa kaasee mootummaan Wayyaanee dargaggoota University Dirree Daawwaa keessaa barataa jiran isin Qeerroo waliin jirtu qeerroo gurmeessaa jirtu sababa jedhuun waan qabatamaa tokkoon malee yaamee doorsisaa akka jiru qeerroon gabaasa. Dhimma kana irratti gabaasa dabalataa duubaan akka gabaafamu ni beeksifna.

Qabsoon itti  fufa! Gabrummaan ni kufa!