Wallagga Naqamte fi Shaggar Lixaa Gincii Keessatti Qabeenya TPLF Selam Bus Ummanni Akka Caccabse Dhagahame.

Aside

Amajji 13,2016 Gabaasa Qeerroo
Magaalaa Naqamteetti Qabeenyaan Waayyaannee barbadeeffame Qeerroon magaalaa Naqamtee qabeenya mootummaa TPLF kan ta’e SALAM BUS
tokko naannoo New Genaration fulduratti akka barbadeefame oduun achi nu dhaqabe ifomsa Akkasuma achuma Baha Wallaggaa Waamaa Hagalootti konkolaataa Ambulaansi kan humna waraanaa bakka bakkatti sochosturatti tarkaanfiin fudhatameera.

Aside

Lalisaa Urgeessaa

Barataa Lalisaa Urgeessaa

Leellisaa Urgeessaa barata kutaa 11ffaa Mana barnoota Buusaa sadarkaa lammaaffaa irraa torban tokko dura waraana Wayyaaneen achuma Waajjira Police Buusaa Aanaa Daawoo ,Godina kibba lixaa ti daraarfamaa jira.Manni barnoota Buusaa illee ergaa cufamee ji’a lamaaf deema.namoonni hedduus hidhaa akka jiran dhaga’ame.

Mooraa Yuniverstii Wallaggaa Keessa Waraanni Guutee Jiru Barattoota Sakkatta’aan Rakkisaa Jira.

Aside

Amajji 13,2016
Mooraa Yunibarsiitii Wallaggaatti barataa Marmaraanii fi kanneen dhabbattummaan baratan ol galuu fi gadi bahuu isaaniitti sakatta’a daran hammaatee jira. Mootummaan Wayyaanee akkuma amalaasaani ofiyyuu yeroo shakkanitti barattoota mooraa hanga rifeensa isaaniyyuu sakatta’uun ga’a jiru.ol galuun daran nutti ulfaate,kaaffe,mana kitaabaa,launch dhaquun qawwee yeroo ta’etti mooraa keessa deemuun nutti ulfaateera. Akkasumas humni waraanaa qubsuma godhatee magaalatti keessa jirus mooratti marsani dirree waraana fakkeessaniiru

Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O /OPDOn Labsame,Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Labsiin Haqamuu Maaster Pilaanii Dh.D.U.O /OPDOn Labsame Gaaffii Abbaa Biyyummaa Duubatti Hin Deebisu Itti Fufsiisa Malee

Kaayyoon Master Pilaanii godina addaa naannowaa Finfinnee tooftaa ittiin duguuggaa sanyii Oromoo raawwatan tahuun hubachuun nama hin rakkisu. Karoorri kunis akkuma beekamu badii uummata oromoo irraan gahuu akka danda’u beekuu kan dandeenyu danqaa hin qabnu. Waggaa lama dura baatii Ebla bara 2014 keessa uummanni Oromoo ifatti bahee karoora kana dura dhaabbatee mormaa bahe lubbuu hedduun itti wareegamuu uummanni bal’aan Uummanni Oromoo sirnaan hubatee beekee jira. Gaaffii uummanni karaa nagaatiin bahee falmi dhageesisaa ture wayita sanas mootummaan Wayyaanee gaaffi dhiphoonni qabatanii ka’an, kan shororkeessitootaan hoogganamee deemu, jechuun uummata lubbuu isaa gaaffidhuma karaa nagayaatiin gaafate itti dhabaa jirun uummata Oromoo arrabsuu kan dhokate miti.

Kan hubachuu qabu waggaa lama dura yeroo mormiin dhimmi Maaster Pilaanii kun ka’es akka waan hafeetti dudubbachuudhaan afaanii fi harka mootummaa abbaa irree kan taate dhaabni OPDO mormii sana tasgabbeessuuf sobanii bira darbuun yeroo lammaffaa karoora kana galmaan gahachuuf bara 2015 gara dhumaatti mormii uummata Oromoo dammaqseen as bahee jira. Egaan mormiin Maaster Pilaanii ji’oota lama darban keessatti gaaffii seeraa fi haqa qabeessa tahe uummanni karaa nagaatiin gaafataa jiru kana irratti mootummaan Wayyaanee ­ Ummata Oromoo irratti:- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 13 2016

Previous messageNext messageBack to messages Sirni Gaggeessaa(Awwaalchaa) Sabboonaa Oromoo Dargaggoo Abdataa Olaansaa Humna waraanaa wayyaanee loltoota Agaaziin goolamaa jira,‏

Aside

12540529_1510388605923143_5360242150813297572_nAmajjii 13,2016 Guyyaa Har’aa Sirna Gaggeessaa Sabboonaa Goota Oromoo Dargaggoo Abdataa Araarsaa Irratti waraannii Wayyaanee Agaaziin
Konkolaataa 14 Ol kan Ramadamee Yoo ta’uu, Sodaa Warraaqsaa Cimaa Uummatnii fi Dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo kaleessa Galgala yeroo Reeffii Gooticha kana Magaalaa Amboo Seenuu Simannaa fi Dhaadannoo warraaqsaa guddaan kan simatame sodaachuun, Guyyaa har’aa sirni Awwaalcha Sabboonaa Oromoo Abdataa Araarsaa Yeroo amma Kanatti Waraanaa Agaaziin goolamaa jira, Uummatnis warraaqsaa jabeessuun Wayyaaneen Ilmaan keenya fixaa jiruu seeraatti dhiyaachuu qaba jechuun tokkummaan kaleessa galgala irraa eegaluun Warraaqaaa jabeessan Magaalaan Amboo Waraanaan Marfamtee halli gara amboo jiruu yeroo amma kanatti haalaan ulfaataa ta’uun hubatame jira, hordofaa waan jirruuf gabaasaan keenya itti fufa……… 12439055_164049750629314_4058065676644288464_n (1)
Gootichi Dargaggoon Abdataa Olaansaa Amajjii 10/2016 Mana hidhaa Wayyaanee qilinxootti Wareegame, Sababaa Sochii warraaqsaa FDG Bara 2014 gaggeeffameen yakka Sharorkeessummaan himatamee dararamaa kan ture, mormii Master Pilaanii Finfinee fi gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa gaggeeffamaa jiruu keessatti qooda guddaa qabda jedhamuun ukkanfamee Mana Hidhaa Wayyaanee Qilinxoo keessatti Dararaa ulfaataa diinni irraan ga’aa jiruun Amajjii 10/2016 Wareegame. Reeffi isaaf akka Biyya hingalleef ittifamaa kan turee Kaleessa Galgala Wayita Naannoo dhaloota isaa Magaalaa Ambootti geeffamuu Uummatni Magaalaa Amboo fi Dargaggootni Qerroon magaalaa Amboo fi Barattootni fi Hojjettootni Tokkummaan Daandii konkolaataa Cufuun hiriiraanii dhaadannoo Oromiyaan dhiiga ijoollee Isheetiin ni bilisoomti jedhu dhageesisuun Simannaa guddaa Sabboonaa Oromoo jaalatamaa fi Kabajamaa saba isaaf falmu Abdataa Olaansaaf gochuun Warraaqsii Daran jabaachuun itti fufe, humni waraanaa guddaan gara Magaalaa Ambootti guuramaa kan bulee Yeroo ammaa kana Magaalaa amboo goolaa jiraachuun insame jira.

Amboo Keessatti Guyyaa Har’aa Ummata Booyichaaf Bahe Irratti Dhukaasi Banamee Madoon Hedduu dha.

 

Ibsa Kijibaa fi Fakkeessaan Ummatni Oromoo Ammaan Booda hin Sobamu

Aside

Ibsa Kijibaa fi Fakkeessaan Ummatni Oromoo Ammaan Booda hin Sobamu

Amajjii 13,2016  Ibsa ABO Irraa Kenname

ABOMotumman Wayyaanee waggoottan 24 darban kana dhaaba OPDO jedhee ofii akka fedhee ajajuu fi ergatu ijaarrate of fuuldura qabatuun labsiilee, ibsoota, murtiilee siyaasaa fi lolaa akkasumas biyya isaa Oromiyaa irratti murtii jajjaboo kan jireenya, qabeenyaa fi hiree Oromoo guddaa miidhan garuu ummatni Oromoo dhugaan kan bakka isa bu’u keessa hin qabne labsaa fi murtii dabarsaa bahe. Murtiileen kunii fi labsiin kun maqaa mishoomaa jedhuun samicha, biyya tiksuu jedhuun lola Oormoo hin ilaalle irratti ilaamaan Oromoo ficisiisuu, shororkeessitoota irratti duula jechuun Oromoo mataa isaa irratti loal labsuun hidhuu, ajjeesuu fi ukkaamsuu raawwataa bahe. Ammas dabni kun nu irratti hin dammaqamne jechuun ibsa kijibaa fi fakkeessaa waan Master Plan Finfinnee ilaaluu OPDOn akka labsu godhuun akkuma kana duraa daba dhaaba Kanaan qabatee Oromoo irratti hojjatu itti fufuuf kan of booda hin deebine tahuu agarsiisuu illee ummatni Ormoo ammaan booda lammata ibsaa fi labsii kijibaa fi fakeessaa akkasii akka hin sobamne diinaafi firaafis mirkaneessa. Labsii fi ibsi dhaabni OPDO kaleessa TV Oromiyaa irratti bahuun Master Plan magaalaa Finfinnee fi godinaan addaa Oromiyaa nannoo Finfinnee guutummatti akka haqamu; Oromiyaan faayidaa adda Finfinnee irraa argattuu kan jedhu seera keessaa jiru akka hojii irraa ooluuf OPDOn irratti hojjatuu; ; labsii bulchinsa magaalota Oromiyaa haaraa bahe keessaa keyyata ummatni hin feene irra deebihamee akka foyyaawuu kkf jedhee gara qabxii 8 baase OPDOn ofiifuu tohannaan diinaan fi hidhaa keessa kan jiru waan tahee fi dhimmoota kana irratti murtii dabarsuu aangu waan hin qabnee fi bakka ummata Oromoo bu’ee dubbahcuu waan hin dandeenyeef ummatni Oromoo fi ABOn ibsa kana tasa kan hin fudhatamne tahuu beeksisa. Ummatni Oromoo waggoota dheeraaf qabsoo kan adeemsise mirga seeraa fi uumaan qabu kabajsiifatee hiree isaa murteeffachuu, sirna dimokraatawaa fi bilisummaan keessatti mirkanaawe argamsiisuu dhaan nagaa waaraa fi amansiisaan jiraatuufi. Kun guutummaatti fedhii fi hawwii ummata Oromoo tahullee akeekni eebbifamaa kun kanneen ummatoota hacuucaa fi saamaa jiraachuu murteeffataniin hin guutamiin jiran.

Guutummaa ibsa kanaa afaan Oromoo fi Amaaraan:-

Ibsa ABO Labsii EPRDF-OPDO Dhimma Master Plan Irratti የኦነግ መግለጫ = የኦሮሞ ሃዝብ በሃሰትና በማስመሰያ መግለጫ ኣይታለልም.docx