Hariiroo Jorgootiin
Wayyaaneen gaafa barbaadde ABO’n hin jiru jetti. As gara galteemmoo mootummaakoof kan yaaddessaa ta’an; kan nashororkeessan keessaa inni hangafti ABO dha jettee akka namni sodaatee jala hin hiriirre gochuuf namni miseensa isaa ta’e shororkeessummaan himatama jettee seera tumti. Fincila Diddaa Gabrumaafi Xumura gabrummaa uummatni guutuun biyyattii itti garagalee ka’e kanallee ABO tu duuba jira jetti. Lolli wayyaanee haqa dhugaafi ifa wajjiniinidha. Wayyaaneen kan isheen jibbitu nama haqa falmatu. Nama dhugaa dubbatu! Nama kijiba saaxilee ifa godhu dha. Sababa kanaan Diinni wayyaanee inni guddaan media dha yoo jedhame soba miti. Wayyaaneen media nuukleer bombii caalaa sodaatti. Kun waan ta’eefiis akkuma waraabessaa dukkana adeemuu waan jaalattuufidha. Wayyanee biratti iftoominni hin jiru. Wanti hundumtuu icciitiidha. Saamichi ishiin gaggeessitu kun akka seera qabeessa hin taane isheenuu beekti. Mootummaan isheen qabdu kun akka seera qabeessa hin taanes tolchitee beekti. Wayyaaneen bakka amma taa’aa jirtu kana taa’uuf Seenaas heeras itti hin qabdu.
Kanaaf waan hundumaa dukkana haguuggateetti raawwachuu feeti. Kanaaf diinni ishee inni guddaan nama waan kana ishee saaxiludha. Haqni jiru ifa baanaan wayyaaneen akka lama hin bulle of beekti. Bajata guddaa isheen ramaddee qabdus kan hundaa caalu humna waraanaa isheefillee daran haqa kana haguuguuf kan ooludha. Gabaabaatti meeshaan waraanaa guddaan wayyaaneen sodattu media dha. Kunis median tirika ykn biiftuu eenyummaa wayyaanee saaxilu waan ta’eefidha. Waraabessaafi Wayyaaneen Dukkana Jaallatu
ITTI HAA FUFU EESSAAYYUU GUMAA QEERROO QEERROOTU BAASA!