Abbootiin Irree Odoo Dhaadatanuu Hallayyaa Bu’u !

Aside

Baarentuu gadaa Irraa

Abbootin irree baayyeen osoo dhaadatanuu, osoo gaafii ummataa qixa sirriin deebisuurra humnaan ukkaamsuun bara bittaa dheereeffachuuf carraaqanu hallayyaa hin deebine bu’aa turan, bu’aas jiru.  Keessumaa abbootiin irree Afrikaa fedhii fi heyyama ummataa malee qawwee fayyadamanii aangoo humnaan qabatan hundi isaanii jechuutu danda’amaa odoo dhaadatanuu, odoo rorrisanuu irree ummataatin daaraa botoroo ta’aa tura. Ta’aas jiru.  Hundii isaanituu aangoo humnaan qabatan quufnee wallaaluun akka qawween Koran qawween harcahaniiru. Baayyeen isaaniis du’a saree abbaa hin qabnee du’anii hafaniiru. Wayyaaneen har’a qawween harkaa qaba jettee ummata Oromootti dhaadachaa fi roorrisaa jirtus kan ishii  eeggatu kanuma. Akka rorriftetti hin haftu. Continue reading

“Habashummaan” Ulaagaa Itoophiyummaan Ega Itti Fuftee … ????

Aside

Hundee Abrahaamii Musee tiin .

Warri Itoophiyaaf mudhii qabatee caraanaa jiru, diigamuu itoophiyaas walumaan labsaa jiru.Bara Dargii badii guddaan jecha “ummata tokko” jedhu ture. dargiin har’aa hin jiru, garuu warra Habashummaa leellisaniin har’allee habjuun jecha kanaa itti fufee jira. Har’allee sirna Fedaraalaa jala jiraachaa,  Ummatoota Itoophiyaa jechuu irra, Ummata Itoophiyaa jedhanii tokkummaa sirba giddii fakkaatu kanneen gaggeessan daran baayyachaa jiru. miidiyaa biyyatti gama hundaan tu’atanii jecha kana gabbifachaa jiru. Habashummaan kaleessa Itoophiyaa qofaaf lallabamaa ture, har’aa bifa isaa geeddaratee habjoottoota humnoota sadii walitti fidaa jira. Keessattu Biyya alaa kanatti , lammiilee Ertiraa “Amichee” jedhaman ykn Tiwulidda Itoophiyaawwii ofiin jedhan, warra amaaraa fi Tigiree nuuti Habashoota jedhanii , Habashummaan wal fo’achuu ega eegalanii bubbulaniiru. Continue reading

Godina Wallaggaa Magaalaa Mandii Keessattti Dargaggoonni Nagaan Lama Waraana TPLFn Butaman

Aside

Geetuu Alamaayyoo

Caamsaa 30,2017/ Godina Wallaggaa Liixaa magaalaa Mandii keessattii Qeerroon waraqaa waraqaasa guutumaa magaalaatii keessa rabsuu isa gabasnee ture haalumaa kanan warqaa facaa’ee sanattii baayee kan na’ee Wayyanneen erga gaafa sana uummataa nagaa gollaa jirtii dargagoota 2 as mana hiidhaa galchuun dararaa guddaa irraan ga’a jiru.

Isaniis:-

Iyyob Kumarra

  1.  Iyoob Kumaarraa
  2. Getuu Alamayyoo kana jedhamaan sababa sanan harkaa Koomandii Poostittii miidhaan irraa ga’aa jira.

Kanan duraas yeroo gara garaa mana hidha wayaanetti hiidhama fi reebama turan. Sababa waraaqallee dhaadanno qeerron raabsamanif magaalan Mandii shororka jabaa keessa jirtii. Kumaatamni kufee kumaatamonni hiidhamanis qabsoon keenya itti fufa. Qeerro Magaala Mandiira

Continue reading