Daily Archives: January 8, 2016
Mootummaan Ithiophiyaa Baajetteta Maqaa Mishoomaa fi Daballii Mindaa Hojjettootaaf Qabamee Ture Gara Tajaajila Waraana Agaaziif Akka Darbu Ajajaje.
Aside
Amajjii 8,2016, Hojjettoonni MMD (Madda maallaqaafi diinagdee)akka jedhanitti, miindaan hojjettoota biyyatti gara fuula duraatti hojjettoottaaf kennamu gara geejjibaa,nyaataafi uffata walumaqabaatti, tajaajila humna Agaazii Oromiyaa keessatti mootummaa tajaajiluuf waan naannessameef fuuldura kanatti miindaan hojjettottaa waanti kaffalamu waan dhibeef caasaan daballii miindaa hojjetootaa hojjetamu akka dhaabbatuuf akeekkachiisi dhorkaa isaan ga’e beekameera
Kanuma waliin odeessuma diinagdee Wayyaanee keessaa utuu hin ba’in Waajjirri MMD Wallaggaa Bahaa Bu’uraalee misoomaa maqaa jedhuun bajati qabame. gara humna waraanaatti naannessamee bajati
- Fayyaa
- Qonnaa
- Barnootaa
Ajaja maqaa rakkoo nageenyaa Dhaaba keenya mudateen amma Dhaaba keenya cina itti dhaabbanna jechuun bajaticha gara waraanaattii deebisamuu odeessi Qeerroo Leeqaa hubachiiseera
Wallee Warraaqsaa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Amajjii 6,2016 Gadhiifame
Aside
Godina Harargee Lixaa Ona Xulluu Asab Tafarii, Bordooda fi Hirnaa Keessatti FXG Itti Fufuun Alaabaan ABO Fannifame.
Aside
Har’a Amajjii 8,2016 FXG godina Harargee lixaa ona Xulluu Asab Tafarii, Bordooda fi Hirna har’a adeemsifameen Alaabaan ABO fannifamuudhaan, kaanis qabatee hiriira bahuudhaan dirree injifannoo fakkeessee jira uummanni Harargee lixaa wayita kana. Kana dhaamsuuf humnootni wattaanee ramadamaa jiran guddaa tahanis uummanni humni kamuu haa dhufu FXG hamma Bilisummaa fi Walabummaa keenya ijaan arginutti hin dhaabnu jechuun ejjennoo isaa jabeeffatee FXG itti fufee jira. Harargee godina lamaanuu keessaa yeroo kana sodaan caasaa mootummaa wayyaanee keeessa jiru gadhiisaa akka jiru Qeeyroon gabaasee jira.
Kana malees humnoota tikaa fi poolisoota naannichaa uummata rakkisaa jiran irratti tarkaanfiin sirreessaa humnoota hin beekamneen akka irratti fudhatamee jiru gabaafame.
”Mukkii Diillaa Botoroodhaa Abbaan Biyaa ABO Dha” Jechuun Dhadachaa Qeerroon Magaalaa Jaarsoo Wallagga Keessatti Har’a Amajjii 8,2016 Diddaa Gaggeessan.
Aside
Wallagga,Aanaa Sibuu Siree Ganda Carii Keessatti Har’a Amajjii 8,2016 FXG Itti Fufee Oole.
Aside
Godinoota Shaggar Hunda Keessatti Har’a Amajjii 8/2016 FXG Itti Fufee Jira.
Aside
Oromiyaa guututti FXG Amajii 1,2016 irraa kaasee baadiyaa fi magaalaa, dhaabbata barnootaa fi amantaallee dabalachuun itti fufeera.
Haaluma kanaan har’a Amajii 8,2016 FXG Shaggar godina 4nuutti itti fufee jira.
1. Shaggar kabaatti aanaa Jaarsoo Tulluutti ganama obboroo uummanni bahee daandii cufee jira. poolisootni fi waraanni FXG kana ugguruuf ergaman irratti uummanni d agaadhan bahee magaala keessaa baasee jira. Sulultaa, Salaalee, Gabra Gurraachaa, Kuyyuu fi kkf keessatti FXG
adeemaa jiru hojjetaa mootummaa hirmaachisee, shamarran addatti qabsoo kana keessatti qooda olaanaa fudhachuudhaan gaggeessaa jiru, qonnaan bulaan waan qabuun ka’ee jira. barataan mana barumsaatti wal gahuudhaan FXG qabsiifame hamma galiisaatti kunoo hin dhaabbanne itti fufee akka jiru caasaan godina shawaa kaabaa gabaasani jiru
2. Shaggar lixaatti-kaleessa ayyaana tapha Qilleen wal qabatee uummanni Amboo fi barattootni yuuniversitii irraas bahanii dirreetti bahaniin
FXG gaggeeffame. Kanumaan korri bittinneessaa fincila kana dura dhaabbachuuf kaleessa Amajii 7/2016 guyyaa keessaa uummata bittimsuuf
yoo deemu uummanni fi dargaggoooni dhagaadhaan humnoota waraanaa achi deeman reebuun yeroo ammaa kana poolisiin fi korri bittinneessaan
reebicha uumataan miidhamee babbaqaqee hospitaala seenee akka jiru Qeeroon gabaasee jira. Osoo wal irraa hin cinneen har’as FXG shawaa
lixaa aanaalee maratti gaggeeffamaa jira.
3. Shaggar bahaa-aana Fantalleetti sa’a kana FXG uummataan gaggeeffamaa jira. tajaajiltootni geejibaa hojii dhaabuun gara FXGtti makamanii
jiru. Hojjetaan mootummas hojii dhaabuun har’a uummata waliin hiriiree jira. Daandiin konkolaataa amma akka cufamee jiru Qeerron gabaasee
jira. kaabinoonni wayyaanee fi poolisoonni uummata dura dhaabbatuun uummata irratti dhukaasa banaa jiru.
– Wayyaanen shororkeessaadha
– Oromiyaan ni bilisoomti
– Ni walaboofna
– Ni bilisoomna
– Abbaay Tshay bineensa nama nyaatuudha
– Oromiyaan kan oromooti
– Gibra hin kaffallu, wayyaanee hin gabbarru
– Ofiin of bulchina
– Sirna mootummaa abbaa irree wayyaanee ni diigna Dhadannoo har’a Fantalleetti jedhamaa oole tahuu Qeerroon gabaasee jira. Itti fufa
4. Shaggar kibbaa lixaatti manneen barnootaa guutummaan guututti cufameera. Daandiin konkolataas yeroo ammaa kanatti cufamanii
argaman. Aanaalee garagaraa godina shawaa kibba lixaa keessatti sirni Wayyaanee dhabamsiifamee ofiin of bulchuun yeroo itti gaggeeffamaa
jiruudha. FXG oromiyaa wal gahuudhaan kan iti fufuudha.
6. Ammajjii 8,2015 warraaqsii Fincila xummura Gabrummaa Godina Kaaba Shaggar(Godina Salaalee) Aanaa Warraa Jaarsootti jabaachuun Itti fufe, Ganama irraa Eegaluun daandiin Konkolaataa bakkoota hidduutti cufamaa jira, Waraanni Wayyaanee uummataa gooluuf fiigaa jiruu daandii cufamee banuuf hedduu rakkachaa jiraachuu Maddeen Qeerrooo Bilisummaa Oromoo Tulluu Milkii gabaasan.
FXG Matahaaratti Amma Gaggeeffamaa Jira, Uummanni Kaabinoota, Ergamtoota Diinaa Irratti Tarkaanfii Fudhataa Jira
Aside
FXG godinaalee Oromiyaa fi naannolee biroottis akkuma itti fufetti jira. Matahaaraatti FXG Har’a Amajii 8,2016 Bulchiinsa magaala Matahaaraa sa’a kanatti reebamee miidhaan irra gaheera.
Bulchitootni aanichaa marti uummataan reebamee jira. Manneen bulchitootaa fi waajjiraaleen mootummaa hunduu gubataa jiru.
Akka odeessi amma nu gahe ibsutti uummanni keenya ijoollee isaa waliin bahee amma mootummaan wayyaaneen nun bulchuu, barri gabrummaa
nurraa haa gahu, barataan keenya mana hidhaa keessa jiru haa gadhiifamu, dararamnee hin jiraannu mootummaan abbaa irree wayyaanee
gabroonfataadha, waraanaaf hin jilbeenfannu, jechuudhan amma dhaadannoo dhageesisaa jiru. Uummanni qe’eetti hin hafne kaabinoonni
wayyaanee uummataan reebamaa jiru kaan ammoo lubbuu isaanii baafatanii baqataa jiru. Poolisiin dhukaasa bane baqate. FXG itti fufa!
Amajjii 7/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Warraaqsaa FXG jabeessuun Guyyaa Har’aa NYaata Lagachuun Itti Fufa
Aside
Amajjii 7/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Warraaqsaa FXG jabeessuun Guyyaa Har’aa NYaata Lagachuun IttiFufan. Diinaan Ajjechaan Jumlaa, Ukkamsaan Hidhaa fi Hiraarsii fi Waraannii Uummata keenyaa Mirga keenyaaf falmachaa jirruu irratti labsamee utuu nurratti rawwatamaa jiruu Ayyaaneffachuu, Nyaachuu fi Dhuguuf Sammuun keenyaa Nuuf Hin Eenyaamne, Bilisa Taanee Dhalannee Bilisummatti jirrachuu haqatnee guyyaa ajjeefamaa, hidhamaa fi gaaffii keenyaa deebiin dhibee ukkamsaan nurratti raawwatamaa waan jiruuf Guutummaatti nyaata dhaabnee mirga keenyaaf falmannee Wareegamuuf murtii gonee jechuun diddaa isaanii itti fufan.