Daily Archives: January 3, 2016
FXG Harage Hirnaa Keessatti Ciminaan Itti Fufuun Faaruuleen Warraaqaa” Dhufte Ijoolleen ABO dhaa,Haragee dha” Jechuun Diddaa Muldhisaa Oolan.
Aside
Ficila Xumura Gabrummaa “Qabsoo Malee Hin Argamtu Bilisummaan” Gootota Dargaggoota Oromoo Baha Oromiyaa Hirnaa
Aside
Fundraising for international Qeerroo Support Group(ISQG) in Washington DC metropolitan area to support Qeerroo Bilisummaa in Oromia!
Aside
Aside
Amajjii Tokko Guyyaa WBO Bara Haraawaa 2016 Ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa Gababaa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarsee Jira.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Oromiyaa
Waan hundumaa dursaa Uummatni Oromoo fi Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Wanjoo garbummaa Uummata keenyarratti afaan qawween dirqamaan fe’amee jiruu hin fudhannuu jechuun ‘’Qabsoo hadhaawaa’’ kan Wareegama qaalii itti kanfalaa jirruu keessatti hirmaannaa guddaa gochuun Lubbuu keessaan bakka bu’aa hin qabnee utuu hin mararsiifatiin kennuun falmachaa jirtanii fi Warannii bilisummaa Oromoo (WBO’n) jiruu fi jireenya isaa saba isaa bilisoomsuuf of Wareegee Lubbuu isaa iddoo buusaa hin qabne saba isaaf kennuun bakka jireechaa daggala godhatee diinaan falmaa hadhaawaa gaggeessa jiruu fi hoogantootni qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Jaarmiyaaleen Hawaasaa fi siyaasaa wal utubuun uummata keessan waliin falfachaa jirtan hundaan Baga guyyaa Uummata Oromoo fi Waraana bilisummaa Oromoo biratti guyyaa seenaa qabeessa kana geessaan.
Barrii kun Kan Bara Xummura abbaa irree, kan injifannoo , bilisummaa fi Bara Walabummaa Oromiyaa itti mirkaneeffannuu Oromiyaan diinaan bara dheeraa diigamaa fi samaama turte itti ijaaramtu, bara nagaa fi gammachuun uummata keenyaaf deebii’u kan milkii fi jaalaalaa nuuf akka ta’uu hawwii keenya ibsina. Ammas irra deebi’uun baga ittin nu ga’ee jechuun haala akkan ulfaataa qabsoo hadhooftuu kan goototni keenyaa irratti wareegamaan galiin ga’uuf diina hanga afaaniitti hidhatee fi waraana kallattiin uummata keenyaarratti labsee fuldura dhaabbatne falmachaa utuu jirruu guyyaa Seenaa qabeessa guyyaa WBO Amajjii Tokkoo kan bara haaraa 2016 Sochii Warraaqsaa biyyooleessaa Oromiyaa kan Warraaqsaa Xummura Garbummaa (FXG) irraa geenyee jirruu golee Oromiyaa cufa keessatti finiinsaa ibsa kana uummataa Oromoo hundaaf dabarsuuf dirqamnee jirra.