Falmaan Bilisummaa Oromoof taasifamu jabaatee itti fufa!

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hagayya 27 bara 2017

(Qeerroo Bilisummaa Oromoo, 27 Hagayya 2017, Oromiyaa) Koreen Aduulaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27 bara 2017 teessoo ariifachiisaa guyyaa tokkoof gaggeessee jira.

Teessoo kana irrattis haala yeroo ammaa Oromiyaan keessatti argamtuu walhubachiisee jira. Kanuma waliins, duula itti fufiinsaan gaggeeffamuu qabu irratti kallattii kaayeera.

Akka kanaanis, mirga abbaa biyyummaa kabachiifachuuf wareegama olaanaa ummati Oromoo baasaa jirutti firii gochuun waan hunda dura kan irratti xiyyeeffatmau ta’uu irra deebi’ee irboomseera.

Keessayyuu, dhalooti qubee aadaa fi gootummaa ummata keenyaa dhaaluun akka bilisummaan ummata Oromoo kabajamu, mirgi abbaa biyyummaa keenya mirkanaa’u  taasisuuf qabsoon maraalessaa kan filmaata hin qabne ta’uu raggaasiseera.

Dhimmoota kunneenis dhugoomsuuf waan barbaachisu of qusannaa tokko malee akka gumaachinu waadaa keenya haaromfanneerra.

Kanuma waliinis, haala yeroo irratti ibsa ejjannoo qabxiilee shan of keessaa qaban baafanneerra.

  1. Siidaan maqaa ummata Oromoo ayyaana Irreechaa irratti bara darbe dhumaniin Bishooftuutti dhaabbate kan kaayyoo fi haqa wareegamtootaa bakka hin buunee dha. Kana waan ta’eef gochaa kana jabeessinee mormina; siidaan sunis hatattamaan akka kaafamu jabeessinee hubachiifna!
  2. Mormii gabaa lagannaa guyyoota sadiif gaggeeffameen booda hidhaa fi hiraarsaan ummata keenya irratti fudhatamaa jira. Haalli kun akka dhaabbatuuf dhaamsa keenay ni dabarsina. Kun hin ta’u taanaan yeroo gabaabaa keessatti fincila maraalessaa akka waamnu jabeessinee hubachiifna.
  3. Moseensoti Qeerroo Bilisummaa Oromoo, deegagrtooti qabsoo Oromoo fi ummati Oromoo marti wal’aansoo jabaa itti fufiinsa qabuu fi Wayyaanee hundeen buqqisu gaggeessuuf akka of qopheessan waamicha keenya dhiyeessina.
  4. Hidhamtooti Oromoo sababa siyaasaatiin hidhaman hatattamaan akka gadhiifaman ammas irra deebinee gaaffii keenya dhiyeessina; kun ta’uu baannaan, Qeerroon Bilisummaa Oromoo dallaa hidhamtooti keessatti hiraarfaman kamiyyuu diiguuf akka ofqopheessan ni hubachiifna.
  5. Daangaan Oromiyaa haga ammaatti cicciramaa dhufes akka iddootti deebi’u jabeessinee gaafanna. Qeerroon Bilisummaa Oromoo daangaan Oromoo taakkuun tokko illee akka dabarfamee alagaaf kennamu hin hayyamnu; falmaan bilisummaa Oromoo kabachiisuuf taasifamu jabaatee itti fufa.  Nutis, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, daangaa Oromiyaa dhiigaa fi lafee keenyaan iddootti deebisuu fi kabachiisuuf  qophaa’oo ta’u keenya ammas irra deebinee ni mirkaneessina!!

Bilisummaan ni dhufa; gabroonfataan ni kufa!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qeerroon Bilisummaa ummata Hin sodaachisu!

Aside

(Ibsa-Qeerroo Bilisummaa Oromoo 22 Hagayya 2017) Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti belbelaa jiru irratti Hagayya 21 bara 2017 walgahii hatattamaa taasise.

Walgahii kana irratti rakkoon Oromoo mudate bilisummaa  Oromoo deebisuun kan hiikamu ta’uu sagalee tokkoon irra deebi’ee haaromseera. Dhumaatii gama addaddaan ummata Oromoo mudachaa jirutti xumura gochuuf Fincila Xumura Gabrumama jabeessuun furmaata qajeelaa ta’uus iticheera.

Adeemsa haga yoonaatti injifannooleen argamanis akka eegamanii fi caalatti akak guddatan irratti waliigalameera.

Yeroo ammaa kanattis karaa caasaalee Qeerroo, karaa jaarmiyaa, karaa namtokkee fi karaa aktivistoota addaddaa duulli mootummaa abbaa irree Wayyaanee dadhabsiisuuf gaggeeffamaa jiru akka aanja’etti jabaatee akk itti fufu Qeerroon hubachiiseera.

Gama kaaniin, basaastoti Qeerroo fakkaatanii dhaamsota bifa ergaa, hubachiisa, yaadachiisa, ajajaa fi akeekkachiisaan karaa Facebook dabarsan mul’achaa waan jiraniif caasaaleen Qeerroo kamiyyuu akkuma kanaan duraatti of-eeggannoon akka raawwatan dhaamera.

Kanuma waliin Duulli Wayyaanee dadhabsiisuuf karaa nagaa gaggeeffamu kamiyyuu sirna, amalaa naamusaa fi sansakkaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordofee akka raawwatuuf YAADACHIISA armaan gadii hubachiiseera.

  1. Qabsoon kara nagaa gaggeessinu kaayyoon isaa humna diinaa dadhabsiisuu dha; galiin isaa bilisummaa ummata Oromoo ti.
  2. Qabsoon keenya kan fedhii fi jaalalaan keessatti qooda fudhatanii dha.
  3. Qabsoon keenya amala Wayyaanee kan doorsisaa fi sodaachisaan gaggeeffamuu hin dhaalu.
  4. Qabsoon keenya sirna, amala, naamusaa fi sansakkaa Oromummaatiin taliigama.
  5. Qabsoon keenya qabsoo nagaa waan ta’eef lubbuu namaa fi qabeenya ummata keenyaaf of eeggannoo olaanaa godha.

Injifannoo ummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hagayya 22 bara 2017

AMALAAF DALAGAAN GARBOONFATTOOTA HABASHAA AKKUMA HUURUU HARREE WAL FAKKAATA

Aside

MUUMMEE SEENAA   Oromoon Jaarraa 16ffaa dura gadaa jabaaf tokkumaa jabaa qabaataa akka ture, ragaaleen barreeffamaa danuun nii eeru.isumaa Asitti habashoonni jaarraa 17 keessa humna waraanaa Portugal of duuba hiriirsuun Oromoo lafasaa saamuuf kachachaltullee, jaarraa sana keessattuu Oromoon hoggantoota jabaa of keessaa filatee deggarsaaf meeshaa waraanaa gahaa tokko malee, ilmaan diqaalaa sanyii warra SEM kana of keessaa darbataa tureera. Oromoon gootummaaf sodaatamaa akka tures barreeffamoonni hedduun katabamanii jiran. Jaarraa 18ffaa fii 19ffaa keessa mootummoonni Oromoo hedduu sodaatamaa turan lama akka turan illee seenaan nii dubbata. Mootummoonni kanneen akka WARRA HIMANUUFI YEJJUU mootota Oromoo warra humna qabeessaaf diinaaf hinjilbeenfanne turan. Mootummoonni kunneen gootummaan isaanii akkaan akka dinqiisiifamu kan godhe, gamtaan diina isaan saamuu dhufetti bobbaa’anii loluu isaaniiti. Har’as gootummaan uummata keenya kaleessaa akka danbalee jiraatu shakkii hinqabnu. Continue reading

Har’a Hagayya 11 Godinni Lixa Shaggar Gootummaan Diiddaa Isaanii Itti Fufanii Jiru.

Aside

Hagayya 11/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayeefi Magaalaa Gudarritti Sochiin Warraaqsaa FXG, duulli gabaa lagaachuuf qabeenyaa ofii gabaa laguu, diddaan gibiraafi gidiraa , uggara sochii geejjibaa dhaabuufi hojii dhaabuun daran jabaatee waan itti fufeef Mootummaan abbaa irree wayyaanee waraana Agaazii uummatarratti babbaasee uummata shororkeessa jira. Addeemsii kun immoo diddaa uummataa ittumaa daran jabeessa jiraachuu Qeerroon Gudar gabaase. Continue reading