Gooti Oromoo Qabsaawaa Falmataa Urgeessaa Wareegame.

Aside

Image may contain: 1 person, outdoor and nature[SQ,sadaasa,29,2017] Sirni awwaalcha qabsaa’aa Oromoo qeerroo Falmataa Urgeessaa har’a saa’atii 7:00 irratti magaalaa Shaambuu bakka hiriyoonnii fi firoottan isaa akkasumas qabsaa’onni hedduun jiranitti raawwatamera. Falmataan Qaroo sabaa nama qabsoo Oromoo har’aa gahee keessatti qooda fudhataa turedha

Yakka hamaa uummatarratti raawwachuun ittuu jabaatee. Summiin uummata Oromoo daguun Waraana Wayyaanee Ajjeechaa Kaaraa Jijjiirrateen Socho’aa Jiru

Aside

[SQ,sadaasa,29,2017] Lixa Oromiyaa Begii keessatti uummanni balaaleffannaa Sirna wayyaaneerra turuu ganamaa kaasnee gabaasaa turre. Haalli Begiin ittiin uummata Oromoo daangaarraa buqqaa’aa jiruuf dirmannaa taasise hedduu hawwataa ture. Karaa nagaa ba’ee qabeenya kam utuu hinbarnadeessin harka qullaa sagalee dhageessisaa tureera. Kanaan ammoo Waraanni Wayyaanee hedduu aarii keessa galuun bishaan boonbaatti summii naqaa akka jiru dhagaa’ame. Balaa kanaan akka gabaasa argachaa jirruutti taanan lubbuun ilmaan Oromoof Oromoo gaaga’ama hamaa keessa galaa jira. Summiin ajjeefamuu oromoo 2 illee nuuf himanii jiru. Continue reading

Olola Wayyaanee Gurri Kan Duude Hojii Qabsoon Gurra Isaa Ni Banna Jedha Qeerroon.

Aside

Sadaasa,29,2017 /Waggoota dheeraaf qabsoo uummanni keenya sirna garboonfattootaa waliin gochaa jiru halagaa biratti akka qoosaatti ilaalamaa tureera. Sunis sababa harkiftuu uummataa bitatanii qabaniif ture. Harkiftuun uummataa kun waan itti hidhamte harkisuun ala waan harkiftullee addaan baastee akka beektu hingodhamu. Harkiftuun uummataa hedduun ilmaan haadha garaa ilmaan fidi infixnaati. Isaan kun waanuma gooftaasaanii ajaje hojiirra oolchu. Waanuma ajajaman raawwatu.

Continue reading

Magaalaa Jimmaa keessatti barattoonni Yuunibarsiitii Akka Malee Dararamaa Jiraachuun Himame.

Aside

Uni Jimmaa

[SQ,Sadaasa 28,2017]
Gaaffii karaa nagaa gaafataniin mooraan yuunibarsiitii Jimmaa barattootatti baacuun isaa akka malee aarsuun diddaan guyyaa guyyaan barataan agarsiisu dabalaa bule. Haalli mooraa Yunibarsiitichaas nagaa hongaa’ee buluu jalqabe.
Deebiin barattoonni argatan karaa humna Waraanaa dararamuu, reebamuu, hidhamuu fi doorsifamuu ta’e. Barataa dhoksaatti qabanii bakka barataan hinarginetti qabuun naannoo Faranji Araadaa jedhamtu kan humni waraanaa kireeffatee mandheeffatee keessatti waggoota dheeraaf dudduuba manichaatti barataa reebuuf kan oolutti geessuun barataa reebuutu itti fufe. Continue reading

Meeshaa Gurguddaan Oromiyaa Bakkeewwaan Hedduu Seenaa Jira. Oromiyaan Buufata Waraanaa Fakkaatteetti.

Aside

[SQ,sadaasa,28,2017]
Wayyaaneen uummata Oromootti Waraana bantee jirti. Haalli Oromiyaa ka duriirra ulfaate. Biyya Oromiyaa humnaan weeraranii saamaa jiru.
Saamichi lafaa kallattiin adeemaa jira. Buuqqaatinsi uummataas dabaleera. Uummatni baha Oromiyaa irraa lafaaf qabeenyaasaa dhabe,
bakkee buufatee jireenya karaarraaf kaadhimame. Jireenya uummataa balaaf dararaa hamaaf kaadhimuu keessatti qoodni waraana Wayyaanee ol
aanaadha.
Gochaawwaan daguggaa sanyii adeemaa jiru. Ajjeechaan babal’ataa jiru. Oromiyaa waraana alaa deggaramuun saamuuf qophiin eegaleera. Continue reading