Ummatoota Beela Irraa Baraaruun Akeeka Mootummoota Itophiyaa Tahee Hin Beeku.

Aside

(Ijoo Dubbii ABO)

Hagayya 31,2015

OLF,ABO Gadaan Gadaa Bilisummaati!Hawaasni addunyaa Itophiyaa empaayera ummatootni beelaan keessatti dhuman tahuutti eerga hubatee dhaloota tokko ol lakkoobsisee jira. Hundaan olitti ammoo beelli Kaaba Itophiyaa bara 1974 mul’ate, hawaasa addunyaa mara rifaasise. Ummatoota Itophiyaa dheekkamsiisee sirna Nugusummaa irratti kakaase. Barattootaa fi hojjattootas fincilsiise.

Beela bara 1974 sanaanis namootni kuma kudhanootaan akka baala mukaatti harca’an. Daa’imman harma haadha duutee osoo hodhanii addunyaan daawwate.  Kumoota dhibbaan qe’ee dhiisanii baqatuun mudate. Kun hundi oggaa tahu kanneen “Ummata keenya nu jaallatuu fi jaallannu” jechuun empaayeritti walakkaa jaarraaf bitan, rakkoo ummatootaa furuuf tattaafatuu irra beelli ummatoota harcaasaa jiru addunyaa biratti akka hin dhaga’amnee fi hin mul’atneef ukkaamsuuf tattaafataa turan.

Mootummaan barcuma nugusummaa dhaalee empaayera Itophiyaa jijjiirraa kabeebsaan jireessuuf aangootti ol bahes, mootummaa isa dura ture dhumiinsa sababa hongeen dhaqqabeef abaaruu fi balaaleffatuun aangoo humnaan argate ittiin jabeeffatuuf itti gargaarame malee furmaatni argamsiise hin mul’atne.

Mootummaan Dargiis mirgi ummatootaa kabajamuu, mirgi lammiileen walabummaan hojjatanii jiraatuu tikfamuu irraa dantaa waan hin qabneef empaayerittii keessaa beela dhabamsiisuu hin dandeenye. Waan taheef bara Dargiis beela xiqqaatu marroo lama mudateen ummatootni miidhamuu jalaa  hin baraaramne. Sababa beelaan  biyya ollaatti baqaan godaanuun itti fufe. Ijoo Dubbii ABO Hagayya 31 2015

Maal Baasuuf Dhama Raasuu??

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!(Hariiroo Jorgootiin, Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)

OPDO’n DARRAA keessattan hundaaye jettee maaliif Uummata Sobaa turtee?

Boojuu waraana Darguu kan wayyaaneen walitti qabdee AADEET Tigraay keessatti hundeessite, Dhaabbanni OPDO kan hundeeffame KAABA SHAWWAA DARRAA keessattidha jechuun, Waggoota 24 oliif kan biyya sobaa turte itti fakkaattee OPDO’n of sobaa tute.

Haata’uutii isaan waan uummata sobne sehanii haa qabaxxaran malee isaanis namnis eessatti akka isaan hundaayaniifi maaliif akka hundaayan ni beeka. Waan gabaan odeessu gowwaan galee niitii dhoksa akkkuma jedhan waan hin jirre fakkeessuuf yaaluun mataa isaanii sobaa turaniiru.

Boojuun Tigirootaa kun tigirticha Taayyee Tekle Haymaanot kan Kumaa Dammaksaa ofiin jechuun of moggaase kanaan hogganamaa akkuma Oromiyaa seeneen qabsaayaa Oromoo of fakkeessuuf diraamaa gara garaa taasisaa turullee irraa hin milkoofne.

Keessaafuu, hammi beekaa Oromoo eenyummaa isaanii waan sirriitti beekuuf iyyaalota tokko tokko qarshiin mooksanii ufitti qabuun miseensota horachuuf yaalaniiru.

Garuu erga uumamte irraa kaatee namni beekaan tokko illee keessa seenuu dhabuu irraan kan ka’e kan qaaniin itti dhagahame OPDO’n iyyaalotuma walitti qabde kunneeniif Digiriifi Maastireetii badhaasaa koolleejjii ‘Civil service’ kaayyooma kanaaf hundeeffame irraa rabsaa kennuufiin gaawonii uffachiiftee suuraa kaasaa turte.Maal Baasuuf Dhama Raasuu

Ethiopia: The endless suffering of Oromo Nationals continued even after the landmark victory claim of the EPRDF in the election of May 2015

Aside

HRLHAHRLHA Urgent Action

For Immediate Release

August 29, 2015

Even though the government of Ethiopia claimed 100% of the victory during the parliamentary election of May 2015, harassment and intimidation through arbitrary arrests, kidnappings and disappearances of civilians have continued unabated in all corners of the Oromia Regional State under the pretext they voted for opposition parties and did not give their voice for the EPRDF wing Oromo organization, the Oromo People Democratic Organization (OPDO) According to HRLHA correspondents in Oromia, the major target areas of these most recent government-sponsored human rights abuse include Bule Hora (Guji zone, Southern Oromia), Dambi Dolo (Western Oromia zone), Western and North Showa Zones (Central Oromia Regional State). According to the report obtained from Oromia, more than two thousand Oromo nationals have been arrested and many have been abducted since the May 2015 election. In another incident, the Ethiopian federal police arrested over 400 farmers, men and women in the North Showa Zone Warra Jarso district from different communities on the pretext that they harbored rebels who fought against the government. The victims were picked up from their homes and confined in Warra Jarso district administrative offices and different local schools. Although it has been difficult to identify everyone by their names, HRLHA correspondents have confirmed that the following were among those arrested August 29, 2015 HRLHA UA

“Walii Haa Birmatnu” Waamicha Jaarmiyaa Qeeerroo Amboo Irraa

Aside

Qeerroo Hagayyaa 28,2015 Qeerroon Oromoo fi Uummatni Oromoo  magaalaa Amboo mootummaa Wayyaanee Uummata Oromoo mana jireenyaa irratti diigaa,ajjeesaa balaa beelaaf saaxilaa jiru irratti gaaffii mirgaa kaasuuf jecha barruu warraqsaa ‘’Waliif Haa Birmmannu’’ jedhu bittinnessuun Uummata Oromoo hundaaf waamicha  dabarsee jira.           

Waliif Haa Birmannu!!

  • ‘’Biyya mootummaan hin jirre heerrii fi nageenyi hin jiru’’
  • Oromoon ijaaruu malee diiguu hin beeku!!
  • Har’a hoo??
  • Hamma Yoomitti diinni Oromoo qe’eetti ajjeesaa, mana galmaa isaa irratti diiguun,biyyaa arii’achaa, qe’eefi qabeenya isaa irraa buqqisaa , balaa beelaaf saaxilaa jiraataa ??
  • Kunoo Akkuma godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti ta’aa jiru tibbana immoo Magaalaa Ambootti tilmaamaan gara mana 10,000fi isaa ol kan ta’ee diiguuf diinni qophii xummuree waan jiruuf salphina guddoo kana hambisuuf  haa kaanu!!
  • Akkuma beekamu mootummaan abbaa irree cunqursaa fi gidiraa baroota dheeraaf ilmaan Oromoo irraan ga’aa ture har’as ittuma fufuun jibbinsaa fi tuffii uummata keenyaaf qabu ifatti muldhisuuf itti fufinsaan uummatan nagaa dhukaasee ajjeesuu, hidhuun gidirsuu,mirga namoommaa fi dimookiraasii guutummaatti uummata keenyaa irra kaasuun uummatni keenya to’annaa human waraanaa jala galfamee jira. Oromiyaan keenyaas Waraanaan eegamaa jirti.  Yeroo amma kanas Oromiyaa godinaalee cufaafi magaalotaa nannaawaa finfinneetti argaman keessa manneen galmaa ilmaan Oromoo qofa irratti qiyyaafachuun humnaan itti ba’ee diiguun Oromoo dahoo illee dhorkatee rakkoo ulfaataa keessatti uummaticha kuffisuun jibbinsa,tuffii fi abbaa irrummaa isaa maa isaa ifatti uummata keenya irratti muldhisaa jiraachuun uummata Oromoo daran dheekkamsiisaa waan jiruuf gamtaan kaanee rorroo diinaa of irraa kaasuuf furmaatni jiru FDG kaachiisuun mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbannuu murtii irra geenyee waan jirruuf uummatni keenya waliif dirmachuun bakka hundatti wayyaanee dura ni dhaabbanna!!Waliif Haa Birmannu!!